๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
11.7K subscribers
562 photos
22 videos
24 files
2K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Rasuulaa_fi_Azaana

โž›Jireenya isaa guutuu keessatti yeroo takkaafis taatu ergamaan keenya(SAW) akkamitti azaanuu dhabanโ“

โžพHayyoonni Islaamaa sababa Rasuulli Azaanuu dhabaniif bifa armaan gadiitiin nuif diddiriirsanii jiran;

1ffaa;Osoo Ergamaan Aalamaa(SAW) Azaananii namni kan salaata irraa hafu taatee silaa namni sun adabbii Rabbiin Qurโ€™aana isaa keessatti beellame santu is dhaqqaba;
"ูู„ูŠุญุฐุฑ ุงู„ู„ุฐูŠู† ูŠุฎุงู„ููˆู† ุนู† ุฃู…ุฑู‡"

โžพErgamaan Rabbii(SAW)"#Hayya_Alassalaah"Siin jedhaa ati yoo mana deemtu silaa akkam sitti fakkaata.

2ffaa;Inni Da'awaa godhuudhaaf ergame malee Ani nabiyyiidhaa ragaa naaf bahaa jechuu miti.

3ffaa;Osoo Rasuulli Azaanee"#Ashhadu_Anna_muhammadan_Rasuulullaah"jedhee silaa namni,muhammadii kana malee Ergamaa biraattu jiraa laataโ“ jedhee shakkii keessa seena ture.

4ffaa;Azaana Manaamaan kan arge nama biraati,garuu Rasuula keenyatu chaaphesseefi.

โžพRasuulli keenya(SAW) dhimmi hawaasaa kan kanaa olii akka malee isaan yaachisu hedduu waan jiruuf azaana nama birootiif laatan.

5ffaa;Yeroon akka malee itti dhiphachuu fi dalagaan humnaa ol itti baay'achuudha.

6ffaa;Rasuulli keenya(SAW) osoo guyyaa tokko kan Azaanu taatee silaa itti fufiinsatu isarrraa barbaadama.
Kanaafuu guyyaatti yeroo shan Azaanuun isaanitti ulfaatuun waan maluuf Azaanuu dhaban.

Rabbitu beeka...
Share godhaa ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or