๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
9.9K subscribers
551 photos
20 videos
21 files
1.83K links
๐šƒ๐™ฐ๐™ต๐™ฐ๐™บ๐™บ๐š„๐š/๐ŸŒ
ู‚ูŽู†ุงุฉูŒ ุชูุนู†ู‰ ุจุฎุฏู…ุฉ ุงู„ุณู†ู‘ุฉ ุงู„ู…ุญู…ู‘ุฏูŠู‘ุฉุŒ ุนู„ู‰ ุตุงุญุจู‡ุง ุฃูุถู„ู ุงู„ุตู‘ู„ุงุฉ ูˆุฃุชู…ู‘ู ุงู„ุณู‘ู„ุงู….
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf๐Ÿ‘‡
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
ุงู„ุญู…ุฏู„ู„ู‡ุŒูˆุงู„ุตู„ุงุฉ ูˆุงู„ุณู„ุงู… ุนู„ู‰ ู†ุจูŠู†ุง ู…ุญู…ุฏ ูˆุนู„ู‰ ุขู„ู‡ ูˆุตุญุจู‡ ุฃุฌู…ุนูŠู† ุฃู…ุง ุจุนุฏ:
#Jaalala(ุนุดู‚);

Obboleewwan Islaamaa Jaalalli karaa Halaakaati,Daandii mucucaan guuttame,galaana qilee keessaa bahuun isaa akkaan namatti ulfaatuudha.

โž›Warreen jaalalaan qabaman,balaa isaatiin dhibamanii jiru,Hadhaa isaatiin qabamanii jiru,maaliif yoo jettan?

Jaalalli Dhukkuba Dawaan isaa ulfaatu,onneen isaan qabamte yoomuu boqonnaa hin argattu.
โž›Namni Doonii jaalalaa yaabbatee,Danbaliin jaalalaa isaan taphatte,Namoota nagahaan bahan irra namoota galaana kanaan dhidhinfamantu irra caala.

โž›keessattuu Gadaa keenya kana Dhibeen jaalalaa kun akka malee hammaachaa dhufee jira,wantoonni jaalalatti nama yaamaa fi wantoonni miira namaa keessatti sochii godhaa akka malee waan heddummaateef,Namoonni isaan wareegamanii fi namoonni jaalalaan qabaman humnaa ol heddummaachuun nama hin dinqisiisu.

โž›Namoota dhibee kanaan qabamaniif humnaa ol yaaduufii qabna,isaan Obboleewwan keessanii mitiiโ“Garaa isin hin nyaataniiโ“
Yoo xiqqaate,waan biroo yoo dadhabne #Jaalala_Dhugaa isaan barsiisuu qabna,akkasuma karaa isaan dhibee isaanii kana ittiin badadanii fi irraa ittiin uf eeguu danda'an kaayuufii qabna.
โž›Waa'ee jaalalaa walitti haasawaa,Seenaa jaalalaa waliif dubbisaa,Ibidda barbadaa onnee keessatti naquun waliif yaaduudhaaโ“
โž›Dhibeen tokko Ogeessi isaa nama kana isa rifachiisuu irra akkanumatti isa dhiisuu wayya jedhee yoo kan caldhisee laalu taate namni sun humnaa ol dhibee sana miidhamaa deema.

๐Ÿ‘‰Wanti mataduree kanarratti akka xiyyeeffadhu na godhe wantoota armaan gadiiti;

โžพNamoonni dhibee kanaan qabaman akkaan heddummaachuu.
โžพNamoonni dhugaa isaa baasanii dubbatan haala malee xiqqaachuu.
โžพDhukkuba anas mudate.
โžพOnneen Jaalala Dhugaa wallaaluu.
โžพYeroo hunda waan ilmi namaa jaalatu qofa osoon taane wanta lubbuun namaa jibbitus dubbachuu qabda.
โžพKitaabonni waa'ee jaalala dogoggoraa haasa'anii fi akkasumas Asoosamni Jaalalaa kan sammuu nama Adoochu humnaa ol baay'achuu.

Kabajamtootaa fi jaalatamtoota keenya sagantaan kuni qalbii teessan gammachiisuu dhabus akka nu hordoftan abdii guddaan qaba,namoota ergaan kuni bira hin gahin bira geessuudhaan wal haa qarqaarruu nu hordofaa.
Itti fufa...
Share godhaa ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Dhaamsa_Rasuulaa(SAW).

โžพAbii_Hureyraa irraa odeeffamee(RA) akkana nuun jedhe;
Jaalalleen kiyya(SAW) waa Sadi(3) naaf dhaame;

โž›Baatii hundarraa guyyaa sadi soomuu.
โž›Raka'aa lamaan Duhaa salaatuu.
โž›Hirriba dura witrii(Leylii) salaatuu.

share๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Nama_hin_dhagahiniif_laati


โž›Soomni guyyaa takkaa qofti waggaa Torbaatama(70) Ibidda jahannam irraa nama fageessa...โ€ผ
ุตูŠุงู… ูŠูˆู…ุŒูŠุจุนุฏู†ุง ุณุจุนูŠู† ุนุงู…ุง ุนู† ุงู„ู†ุงุฑ....โ€ผ
โž›Rabbii amantii akkanaa nuuf filate galanni kan isaati.

Share๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Rasuulaa_fi_Azaana

โž›Jireenya isaa guutuu keessatti yeroo takkaafis taatu ergamaan keenya(SAW) akkamitti azaanuu dhabanโ“

โžพHayyoonni Islaamaa sababa Rasuulli Azaanuu dhabaniif bifa armaan gadiitiin nuif diddiriirsanii jiran;

1ffaa;Osoo Ergamaan Aalamaa(SAW) Azaananii namni kan salaata irraa hafu taatee silaa namni sun adabbii Rabbiin Qurโ€™aana isaa keessatti beellame santu is dhaqqaba;
"ูู„ูŠุญุฐุฑ ุงู„ู„ุฐูŠู† ูŠุฎุงู„ููˆู† ุนู† ุฃู…ุฑู‡"

โžพErgamaan Rabbii(SAW)"#Hayya_Alassalaah"Siin jedhaa ati yoo mana deemtu silaa akkam sitti fakkaata.

2ffaa;Inni Da'awaa godhuudhaaf ergame malee Ani nabiyyiidhaa ragaa naaf bahaa jechuu miti.

3ffaa;Osoo Rasuulli Azaanee"#Ashhadu_Anna_muhammadan_Rasuulullaah"jedhee silaa namni,muhammadii kana malee Ergamaa biraattu jiraa laataโ“ jedhee shakkii keessa seena ture.

4ffaa;Azaana Manaamaan kan arge nama biraati,garuu Rasuula keenyatu chaaphesseefi.

โžพRasuulli keenya(SAW) dhimmi hawaasaa kan kanaa olii akka malee isaan yaachisu hedduu waan jiruuf azaana nama birootiif laatan.

5ffaa;Yeroon akka malee itti dhiphachuu fi dalagaan humnaa ol itti baay'achuudha.

6ffaa;Rasuulli keenya(SAW) osoo guyyaa tokko kan Azaanu taatee silaa itti fufiinsatu isarrraa barbaadama.
Kanaafuu guyyaatti yeroo shan Azaanuun isaanitti ulfaatuun waan maluuf Azaanuu dhaban.

Rabbitu beeka...
Share godhaa ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Yeroo_kee(ูˆู‚ุชูƒ)

โžพYeroon kee jiruu keeti,yoo kan yeroo kee balleessitu taate jiruu kee akka balleessaa jirtu beeki.

โžพYeroo kankee yoo kan balleessitu taate ummata keetii waa gumaachuu mitii,lubbuu teetiifuu waa gumaachuu hin dandeessu...โ€ผ

Share๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Dubartootaaf(ู„ู„ู†ุณุงุก)

Dirqama Dubartoota irra jiru keessaa;

โž›Abbaa warraa ishee yeroo hunda saalfachui qabdi.
โž›Fuuldura isaatti ija gadi qabachuu.

โž›Ajaja isaa fudhachuu.
โž›Yeroo inni haasaโ€™u caldhisuu.

โž›Yeroo inni alaa galu kaatee dhaabachuu.

โž›Waan isa aarsaa hundarraa fagaachuu.
โž›Yeroo inni manaa bahu kaatee wajjiin dhaabachuu.

โž›Yeroo hirribaa gaafachuu.
โž›Yeroo inni manaa bahu isa ganuu dhabuu(Qaama,qabeenya ).

โž›Hafuura Urgeeffachuu.
โž›Afaan ishee Rigachuu fi qaama ishee urgeeffachuu.
โž›Bakka inni jiru hundatti babbareechifachuu.

โž›Isa hamachuu dhabuu.
โž›Maatii fi firoottan isaa kabajuu.
โž›Xiqqaa inni taโ€™eef akka waan guddaatti ilaaluu.

Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Abdii_Hin_Kutatin
#ู„ุง_ุชูŠุฃุณ

โž›Rabbiin jireenya ati keessa jirtu kana sii jijjiiruu danda'a waan taโ€™eef,Abdii hin kutin.
(ู„ุง ุชูŠุฃุณ ุงู„ู„ู‡ ู‚ุงุฏุฑ ุนู„ู‰ ุชุจุฏูŠู„ ุญุงู„ูƒ )

โž›Rabbiin waan akkanatti si yaaddessaa kana sirraa saaquun ni mala waan ta'eef,Rabbii kee irraa abdii hin kutin.
(ู„ุง ุชูŠุฃุณ ุงู„ู„ู‡ ู‚ุงุฏุฑ ุนู„ู‰ ุชูุฑูŠุฌ ู‡ู…ู‘ูƒ )

โž›Rabbiin haajaa tantee hundaa siif xumuruu danda'a waan taโ€™ee f garaa hin muratin.

โž›Atis laaltee arguu baattu,akka ilaalcha keetti waan hin dnada'amne wahii sitti fakkaatus,wanti hundi Rabbii keennaaf salphaa akka taโ€™e beekuu qabda.

โž›Rabbiin kankee waan ati hin yaanne irratti ,akkasuma yeroo ati hin yaannee fi karaa ati hin yaadneen"#Kun_fayakuun"siif gochuu danda'a.
ู‚ุงุฏุฑ ..

ุฅู† ุงู„ู„ู‡ ุนู„ู‰ ูƒู„ ุดูŠุก ู‚ุฏูŠุฑ
Share ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Naamusa_Telefoonaa

โž›Namni namaaf bilbilu tokko yeroo jalqabaa fi yeroo xumuraas kan salaama qara'uu qabu isuma.

โž›Jechi "Haloo" jedhu kun jecha nama Islaamaatiin maluu miti,jechi kun yeroo jalqabaaf biyya Faransaa irraa ergifatame waan taโ€™eefi,Bakka"Haloo"jennu sana osoo salaama dursinee.

โž›Namni namaaf bilbilu tokko yeroo namaaf bilbilu filachuu qaba jedhan.

โž›Bilbiluun duratti dura laakkofsa seeraan guuttachuu qabda,akka dogoggora keessa hin buuneef jecha.

โž›Salaama dhiisanii"#Naga_bultanii"ykn
"ุตุจุงุญ ุงู„ุฎูŠุฑ"ุŒ" ุตุจุงุญ ุงู„ู†ูˆุฑ"
Fayyadamuun akkaan jibbamaadha.

โž›Yoo Ati eennu siin jedhan maqaa kee/Waan ittiin beekamtu/himadhu malee "Ana",Ana hiriyyaa kee,ana isa ollaa kee sanii fi kkf hin jedhin.
โž›Sagalee kankee gadi qabadhu.

#Hubachiisa.

โž›Yeroo siif bilbilame,mobaayila loudii irra keettee isa hin dhaggeefgatin.
โž›Ammas hayyama isaa malee sagalee isaa/ishee akka hin waraabne.
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
Obboleessa Rogeessa beekamaa Yaayyaa Bashiir ajjeefame!

Jiraataa magaalaa Jimmaa kan ta'e Barsiisaa Gaalib Abbaa Saambii humnoota tikaa mootummaatin guyyaa sadi dura Sadaasa 10/2013 halkan mana isaati baafame rasaasa afuriin rukutame Hospitaala Jimmaatti gargaarsa yaalaa argachaa akka ture maatiin OMN'f himanii turan.

Obboleessasaa Rogeessa Yaayyaa Bashiir toora 'Facebook' isaa irratti gocha gara jabeenyaa akkasii sababa inni mootummaa biyya bulchaa jiru waliin hariiroo miichummaa hin qabneef maatii isaa irratti akka raawwatame ibsuun gocha kana balaaleffate ture.

Haata'u malee dhimma kana ilaalchisee gama mootummaatin qaamni bakka bu'ee waan ibse hin jiru. [Gara fuulduratti gama mootummaarraa waan ibsamu yoo jiraate isin biraan geenya.]

Barsiisaa Gaalib Abbaa Saambii guyyoota sadiif Hospitaala Jimmaatti wal'aanamaa erga ture booda guyyaa har'a lubbuun isaa akka dabarte dhagahameera.

@tafak_or
@tafak_or
#Dubartootaaf

Hijaabni shari'aa Islaamaatiin walgalu isa kanaa ilaalaa.

@tafak_or
@tafak_or
#Dubartoota_Salafaa

#Abdallaa_binu_Rawaahaa(RA) guyyaa tokko boohee jennaan haati manaas teettee wajjiin boosse,achumaan abdallaa binu Rawaahaa maaltu si boochise jedhee gaafateen;

"Sihii boossu argee jennaan boohe"jetteen.

Share๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

@tafak_or
@tafak_or
#Seenaa_Rasuulaa

kutaa_โ“ตโ“ตffaa

134~Ganda #Ansaarotaa keessatti bakki ergamaan Aalamaa itti hin dubbatamne hin jiru.
Ergama Rasuulaa irraa waggaa 12ffaatti,Ansaarota keessaa namoota 12tu hajjiidhaaf gara makkaa gale.

135~Namoonni 12 kunniin hunduu Rasuula keenyaan walitti dhufanii,hundi isaaniituu Islaamummaa irratti waadaa(#Ahdii_seenanii) biraa deeman.

โžพAhdiin sunis #Beyatul_Aqabatil_uulaa jedhamti.

136~Waliigalteen kuni maalirratti seetan
โ“

โžพYeroo gaddaa fi gammachuu qabanis,yeroo baldhinnaa fi Rakkoo keessa jiranis ergamaa Rabbii(SAW) waan isaan jedhan hundaa tole jechuu fi ergaa isaanii fudhachuu irratti waliif galan.
โžพAmmas gaafa isaan makkarraa gara Madiinaa galanis isaan wajjiin dhaabachuu irratti ture.

138_Kitaabonni gariin Bey'aan tuni #Bey'atunnisaa'i jedhamti warri jedhus ni jira garuu sirrii miti.

138~Keessummaan Ansaaraa wayta isaan gara Madiinaa galuu barbaadan Ergamaan Aalamaa(SAW) barsiisaa addaa isaaniif kenne.

โž›Innis Daa'ii beekkamaa(#Mus'ab_binu_Umeyri) jedhama.

139~Harka Daa'ii beekamaa kanaatti matoolee(Sayyidoota) gosa Banii_Abdil_Ashhal jedhamtuu lamatu harka isaatti Islaamummaa qabate,isaanis;

#Sa'adi_binu_Mu'aazii fi #Useydi_binu_kudeyri jedhamu.

140~Mus'ab ganda #As'ad_binu_Zuraaraa keessa taa'ee Islaamummatti yaamaa ture,hanga ganda san guutuu amantii Islaamaa qabsiisutti.

โžพKanaafuu Namni yeroo jalqabaaf Da'awaa eegale mus'ab jechuudha.

141~Ergama Rasuulaa irraa gaafa #wagga_13ffaa Ansaarota irraa Dhiira 73 fi Dubartoonni lamaa Iddoo Hajjiin itti gaggeeffamutti ergama Rabbiitiif waadaa galuuf manaa bahan.

142~Namoonni 73 kunniin iccittiidhaan walakkaa Ayyaamat-tashriiq keessa karaa Aqabaa biratti walgahan.

143~Guyyaa beellama isaanii sanatti Nabiyyiin keenya Ansaarota 73 fi dubartoota lamaan iddoo iccitii isaanii sanatti waadaa galuuf walgahan.

โžพWaadaan kunis(#Bey'aa_Aqabaa_Saaniyaa)jedhamti.
itti fufa...

Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Jannata_Seenuu_barbaannaan duaa'ii tana akka hin daganne.

#Ergamaa_Rabbii irraa(SAW);
‏ุนู† ุณูŠุฏูŠ ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ ๏ทบ:

"ุงู„ู„ู‡ู… ุฃู†ุช ุฑุจูŠ ู„ุง ุฅู„ู‡ ุฅู„ุง ุฃู†ุชุŒ ุฎู„ู‚ุชู†ูŠ ูˆุฃู†ุง ุนุจุฏูƒุŒ ูˆุฃู†ุง ุนู„ู‰ ุนู‡ุฏูƒ ูˆูˆุนุฏูƒ ู…ุง ุงุณุชุทุนุชุŒ ุฃุนูˆุฐ ุจูƒ ู…ู† ุดุฑ ู…ุง ุตู†ุนุชุŒ ุฃุจูˆุก ู„ูƒ ุจู†ุนู…ุชูƒ ุนู„ูŠุŒ ูˆุฃุจูˆุก ุจุฐู†ุจูŠ ูุงุบูุฑ ู„ูŠ ูุฅู†ู‡ ู„ุง ูŠุบูุฑ ุงู„ุฐู†ูˆุจ ุฅู„ุง ุฃู†ุช"

โž›Namni yeroo galgaleeffatu duaa'ii tana qara'ee halkanuma san du'e jannata seena jedhan.

โž›Ammas namni yeroo bariisifatu duaa'ii tana jedhee guyyama sana du'es jannata seena jedhan ergamaan Aalamaa(SAW).

ู…ู† ู‚ุงู„ู‡ุง ุญูŠู† ูŠู…ุณูŠ ูู…ุงุช ู…ู† ู„ูŠู„ุชู‡ ุฏุฎู„ ุงู„ุฌู†ุฉุŒ ูˆู…ู† ู‚ุงู„ู‡ุง ุญูŠู† ูŠุตุจุญ ูู…ุงุช ู…ู† ูŠูˆู…ู‡ ุฏุฎู„ ุงู„ุฌู†ุฉ.

Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Jahannam

Osoo Dhugaan #Ibidda_Jahannam nuu galtee silaa hanga sagaleen keenya citu takka iyyina ture,Ammas hanga duydi keenya addaan nu citu takka salaanna ture.

#Yaa_Rabbi_Jalaa_Nu_Baasi.
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
‏ูุฑูˆู‚:

ุงู„ุฒู…ูŠู„: ุดุฎุต ุจูŠู†ูƒ ูˆุจูŠู†ู‡ ุนู…ู„.

ุงู„ุตุงุญุจ: ุดุฎุต ุจูŠู†ูƒ ูˆุจูŠู†ู‡ ุตุญุจุฉ.

ุงู„ุตุฏูŠู‚: ุดุฎุต ุจูŠู†ูƒ ูˆุจูŠู†ู‡ ุชูุงู‡ู….

ุงู„ุญุจูŠุจ: ุดุฎุต ุจูŠู†ูƒ ูˆุจูŠู†ู‡ ุฑููˆุญ ูˆุฌูุฑูˆุญ ูˆุฃุดูŠุงุก ู„ูŠุณ ู„ู‡ุง ุดูุฑูˆุญ!
@tafak_or
@tafak_or
Qormaata kutaa 8ffaa Muddee 1 hanga 30 keessa ni laatama jedhame!

Qormaata kutaa 8ffaa akkaataa qophii naannoleen Muddee 1 hanga 30 keessatti sagantaa Biroo Barnoota Naannichaa baaseen akka laatamu Ministeerri Barnoota beeksise.

Deetaan Ministira Ministeera Barnoota obbo Miliyoon Maatiyoos ibsa har'a laataniin akka beeksisanitti, qormaanni biyyoleessaa kutaa 12ffaa ammoo mootummaan duula seera kabachiisu Naannoo Tigraay fi naannolee adda addaatti gaggeessaa jiru xumure nageenyi hanga mirkanaa'utti yeroof dheerateera.

Obbo Miliyoon itti dabaluun barattoonni hanga qormaanni gahuutti qophii gochaa akka turan dhaamaniiru.

@tafak_or
@tafak_or
#Seenaa_bashannansiistuu

#Nugusa_Qaroo_fi_Namticha_Qaroo_tokko.

โž›Namtichatu mooticha tokko bira deemee walaloo afaan Arabaa takka dhiheesseefii jennaan,mootichi akka malee dinqisiifatee akkana jedheen jedhan;

๐ŸŽ…#Nugusa;Yoo hajamte Waan barbaadde na gaafadhu.
๐Ÿ‘ค#Namticha;waan an barbaade ima naa kennitaa..?

๐ŸŽ…#Nugusa;Eeyyan siif kenna.
๐Ÿ‘ค#Namticha;Diinaara hanga ani laakkofsa isaa Qurโ€™aana keessatti maqaa dhahee akka naaf kennitu barbaada.

๐ŸŽ…#Nugusa;Hayyee jaaladhe.
๐Ÿ‘คNamticha(weellisaa);Rabbiin Qurโ€™aana isaa keessatti akkana jedha;
"ูˆุฅู„ู‡ูƒู… ุฅู„ู‡ ูˆุงุญุฏ"

๐ŸŽ…#Mooticha;Diinaara tokko kenneef.
๐Ÿ‘ค#Namicha;Ammas Rabbiin Qurโ€™aana keessatti akkana jedhe;
"ุซุงู†ูŠ ุฃุซู†ูŠู† ุฅุฐ ู‡ู…ุง ููŠ ุงู„ุบุงุฑ"

๐ŸŽ…#Mooticha(Nugusa);Diinaara lama baasee kenneef.
๐Ÿ‘ค#Namticha;Ammas aayata Qurโ€™aanaa tana qara'e;
"ู„ุง ุชู‚ูˆู„ูˆุง ุซู„ุงุซุฉ ุงู†ุชู‡ูˆุง ุฎูŠุฑุง ู„ูƒู…"

๐ŸŽ…#Nugusa;Diinaaara Sadi kenneef.
๐Ÿ‘ค#Namicha;Ammas Aayata Qurโ€™aanaa tana qara'e;
"ูˆู„ุง ุซู„ุงุซุฉ ุฅู„ุง ู‡ูˆ ุฑุงุจุนู‡ู…"

๐ŸŽ…#Nugusa;Diinaara Afur ajajeef.
๐Ÿ‘ค#Namicha;Aayata tana qara'e;
"ูˆู„ุง ุฎู…ุณุฉ ุฅู„ุง ู‡ูˆ ุณุงุฏุณู‡ู…"

๐ŸŽ…#Nugusa;Diinara Shanii fi jahas kenneef.
๐Ÿ‘ค#Namicha;Ammas Aayata akkana jettu qara'e;
"ุงู„ู„ู‡ ุงู„ุฐูŠ ุฎู„ู‚ ุณุจุน ุณู…ูˆุงุช"

๐ŸŽ…#Nugusa;Diinaarii torba kenneef.
๐Ÿ‘ค#Namicha;Aayata akkana jettu qara'e;
"ูˆูŠุญู…ู„ ุนุฑุด ุฑุจูƒ ููˆู‚ู‡ู… ูŠูˆู…ุฆุฐ ุซู…ุงู†ูŠุฉ"

๐ŸŽ…#Nugusa;Diinara saddeetii kenneef.
๐Ÿ‘ค#Namicha;Aayata tana qara'eef;
"ูˆูƒุงู† ููŠ ุงู„ู…ุฏูŠู†ุฉ ุชุณุนุฉ ุฑู‡ุท ูŠูุณุฏูˆู† ููŠ ุงู„ุฃุฑุถ"


๐ŸŽ…#Mooticha;Diinaarii Sagal kenneef.
๐Ÿ‘ค#Namicha;Aayata tana qara'eef;
:"ุชู„ูƒ ุนุดุฑุฉ ูƒุงู…ู„ุฉ"

๐ŸŽ…#Mooticha;Diinaara kudhan baasee kenneef.
๐Ÿ‘ค#Namicha;Ammas Aayata akkana jettu qara'e;
"ุฅู†ูŠ ุฑุฃูŠุช ุฃุญุฏ ุนุดุฑ ูƒูˆูƒุจุง"

๐ŸŽ…#Mooticha;Diinaara kudhatokko baasee kenneef.
๐Ÿ‘ค#Namicha;Ammas aayata tana itti qara'e;
"ุฅู† ุนุฏุฉ ุงู„ุดู‡ูˆุฑ ุนู†ุฏ ุงู„ู„ู‡ ุงุซู†ุง ุนุดุฑ ุดู‡ุฑุง ููŠ ูƒุชุงุจ ุงู„ู„ู‡
"

๐ŸŽ…#Mooticha;Diinaarii kudhalamaa baasee kenneef.
๐ŸŽ…Mooticha;Dachaa waan amma qara'ee kana kennaafii as keessaa ari'aa jedheen.

๐Ÿ‘ค#Namicha;maalan balleesse mootii koo?akkanatti waliif gallee sila?
๐ŸŽ…#Booda Aayata tana natti qara'ittaaf si sodaadhe jedheen;
"ูˆุฃุฑุณู„ู†ุงู‡ ุฅู„ู‰ ู…ุงุฆุฉ ุฃู„ู ุฃูˆ ูŠุฒูŠุฏูˆู†"
(#Kuma_Dhibbaa_fi_achii ol)jetti aayaan Qurโ€™aanaa.

#Qarri_Qara_hin_muru
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or
#Hirโ€™inna(Dogoggora)_xiqqoo_namarra_hin_barbaadin๐Ÿšซ
#ู„ุง_ุชู†ุชู‚ุฏ

๐ŸŒฟMakiinaa hiriyyaa isaa yaabbatee yeroo jalqabaatiif jechi inni fayyadame;
"abboo makiinaan kee akkamitti akkanatti moofe โ—๏ธ

โž›Booda mana isaa seenee akkana jedhe;
"Manni kee baayโ€™ee bareeda garuu hanga ammaa muluu afaa manaa hin jijjiirree ?!

โž›Ammas ijoollee isaa erga argee boodas maashaa'allaah ijoolleen kee baayโ€™ee namatti babbareedan garuu uffata kanarra bareedaa maaf isaan hin uffisne !

โž›Erga mana seenanii booda immoo haati manaa keessummatu natti dhufe jettee erga yeroo dheeraaf isheen mana alwaada(kushiinaa) keesssatti sa'aatii xumurtee booda nyaata isheen gosa gosaan qopheessite ilaalee,Ruuzni hin qabdanii..?!,nyaanni kuni soogidda hin qabu !,Ani gosa kana nyaatuu hin barbaadne jedha.

โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ

โž›Namni gariin Hir'inna kee sirra barbaaduun akkaan si rifachiisa,wanni ati dalaydu hunduu kan isa hin dinqisiifnetu jira.

๐Ÿชnyaata mi'aan isaa si dinqisiisaa keessa Rifeensa dingata keessa buute sana barbaada

๐Ÿ‘ณUffata Qulqulluu irra shaayii dogoggoraan irra buute san ijaan ilaala.

๐Ÿ“ƒKitaaba bu'aa guddaa qabu keessa dogoggora xiqqoo daguudhaan mana maxxansaa keessatti irratti argame sana keessa barbaada.

๐Ÿ‘คNamni waraansa isaa jalaa naga bahu hin jiru,xiqqaa fi guddaallee isumatu busheessa.

๐Ÿ‘คNamni amala akkanaa qabu dhugaa yoo dubbanne;

โž›Lubbuu ufiis dararee jira.
โž›Hiriyyaa akkaan isatti kalaahus dhabee jira.
โž›Nama isa wajjiin taa'aas yoomuu hin argatu.
 
โž›Haasawa nama wajjiin gootu hunda keessatti uf eeggannoo kee akkaan cimsuu qabda.

โž›Haasawa kee Xiyya nama madeessitu gootee hin fayyadamin ilmi namaa akkaan si jibbaa deemaa.
โž›Waan mataa isaatii dogoggorus itti hin fakkaatu.

๐Ÿ‘‰Dubbisaa shaare godhaa
@tafak_or
@tafak_or

------ ๐ŸŒฟโค # @tafak_orโค๐ŸŒฟ ------
KOORIYAA KAABAA KEESSAA MAALTU ISIN AJAAIBSIISA ?
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

โ—~ Lakkoofsa meqaffaa dinqisafattuu ๐Ÿค”๐Ÿ˜ณ

1. Kooriyaa kaabaa (KK) keessatti amantiin kamiyyu dhorkaadha. Waaqni jira jechuun nama adabsiisa

2. KK keessa tiraafikii durbaa qofaatu jira. Tiraafikiin dhiiraa hin jiru

3. Filannoon KK waggaa 5, 5niin geggeeffama. Garuu kaardiin filannoo maqaa nama tokkoo qofaa qaba.

4. KK keessatti yoo yakka hojjette amma dhaloota sadii fi maatiin hundi itti gaafatama.

5. Namni kamiyyu rifeensa isaa akkaataa mootummaan eeyyamuun qofa sirreeffata. Akka pireedizantii isaanii uffachuun ta'e rifeensa sirreeffachuun dhorkaadha.

6. Konkolaataa ykn computerii bitachuuf eeyyama mootummaa argachuu qabda.

7. Akka biyyaatti TV sadii qofaatu jira. 9. Kaalendarii isaanii bara 1912 yeroo mootiin isaanii Kim sung 2ffaa dhalatee kaasanii lakkaa'u. Amma akka addunyaa 2020 irra hin geenye bara 109 irra jiru

8. Dhiirri tokko durba waliin waa'ee jaalalaa kan inni haasa'uu danda'u yoo kan ishee fuudhu ta'e qofaadha. Gaafa guyyaa gaa'ela isaanii bakka awwaalcha Kim Sung 2ffaa daawwachuun dirqamadha.

9. Kooriyaa kaabaa keessa akka biyyoota biroo taaksii fi gibirri ummata irraa hin funaanamu.

10. Yeroo mucaan dhalatu maqaa pirezidantii isaanii baasuun hin danda'amu. Yoo osoo pirezidentiin isaanii hin muudamiin dura baasaniif ta'e maatiin maqaa mucaa jijjiiruuf dirqamu.

11. Biyyattiin rakkoo humna ibsaa waan qabduuf yeroo hundaa akka guutuu biyyaatti halkan ibsaan ni bada.

12. Maatiin ijoollee barsiifachuuf gara M/B yeroo ergu taa'umsa kennuun dirqama.

13. Uffata jiinsii bifa samii (blue) uffachuun dhorkaadha. Akka sirna impeeriyaaliizimii USA tti ilaalu.

14. Magaalaa guddoo piyongyang keessa nama eeyyemameef qofaatu jiraachuu danda'a.

15. Biyyattii keessa qaama miidhamaan hin jiru. Ni ajjeefamu.

16. Humni nama baratee 100% dha. Namni hin baranne hin jiru.

17. Raadiyoo biyyattii sagalee hiri'suu malee dhaamsuun dhorkaadha.
@Alrisala1
@tafak_or
@tafak_or
#ุณูŠุฑุฉ_ุงู„ู†ุจูŠ_ุงู„ู…ุฃู…ูˆู†
#Seenaa_Rasuulaa(SAW)

ุงู„ุญู„ู‚ุฉ โ“ถโ“ต
Kutaa_โ“ตโ“ถ_ffaa

โž›Bakka Rakkoofii Baldhinnaattilee gaafa isaan madiinatti galan wajjiin dhaabachuu fi isaaniif tumsuu irratti waliif galan.

โž›Sahaabaan (73)Yoo waadaa kana siif guunne maal arganna jedhanii Rasuula(SAW) gaafatanโ“

#Jannata argattan jedhaniin,achumatti waliigalteen adda deeman.

โž›Namni yeroo jalqabaaf waadaa kana seene eennu beektuu laataโ“

#ุงู„ุจุฑุงุก_ุจู†_ู…ุนุฑูˆุฑ
#Baraa'i_ibnu_Ma'aruur jedhama achi booda namoonni hafanis walduraa duubaan waadaa kana seenan.

โž›Kitaabni seenaa gariin(#Ibnu_hishaam) waadaan isaan irratti waliif galan kuni jihaada kan jedhu dogoggora.

โž›Waliigalteen ajaa'ibaa tuni,tan sababaa godaansa gara madiinaa taate tuni bifa kanaan xumuramte.

โž›Erga ansaaronni namoonni 72 kuni waadaa galaniifii gara madiinaa deebi'anii booda Rasuulli keenya(SAW) akka malee gammadaa turan.

Nama isaan cinaa dhaabbatee isaanii tumsu argachuun isaanii gammachuu guddaadha.

Itti fufa...
Share godhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@tafak_or
@tafak_or