SIKKOO MEDIA
30.9K subscribers
4.08K photos
55 videos
78 files
239 links
Information is knowledge , knowledge is power
Download Telegram
#Daamaraa



Kabaja Ayyaana Daamaraa Guutuu biyyaa keessatti bifa garagaraan kabajameera!



@sikkoomedia
❤25
❤3
SIKKOO MEDIA
Photo
Mootummaan Naannoo Oromiyaa murtee seena qabeessa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu danda'u murteessuun rifoormii haaraa ijaarsa sirna cimaafi mootummaa jabaa bu’uuressuuf ooluu taasiseen caasaa Godinaalee Oromiyaa 21 gara caasaa Godinaalee 6tti fiduun hundeesseera.
Haaluma kanaan koreen hooggansa olaanaa Godinaalee kanaas ramadamaniiru.
➡️ Godina Baha Oromiyaa
Obbo Abdurrahmaan Abdallaa Sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Godina Baha Oromiyaa Teessoo: Harar
Aadde Miski Muhammad sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aantuu Bulchaa Damee Misoomaa Godina Baha Oromiyaa Teessoo: Ciroo
Obbo Anas Aliyyii Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Baha Oromiyaa Teessoo: Galamsoo
Obbo Jaarsoo Boruu Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Baha Oromiyaa Teessoo: Gurawaa
Obbo Fiqaaduu Miiliyoon Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Baha Oromiyaa
Aadde Saamiyaa Abdallaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Baha Oromiyaa
➡️ Godina Giddu galeessaa Oromiyaa
Dr. Mangistuu Baqqalaa Sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Bulchiinsa Godina Giddu galeessaa Oromiyaa Teessoo: Shaggar fi Adaamaa
Obbo Abbaabbuu Waaqoo Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Giddu-galeessaa Oromiyaa Teessoo: Waliso
Obbo Kifalaw Adaree Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Giddu galeessaa Oromiyaa Teessoo: Fiichee
Obbo Makkonnin Baay'isaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Giddu galeessaa Oromiyaa Teessoo: Ambo
Obbo Ashannaafii Ajjamaa sadarkaa hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Giddu galeessaa Oromiyaa
Obbo Taaddalaa Diriirsaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Giddu galeessaa Oromiyaa
➡️ Godina Kibba-Lixa Oromiyaa
Dr. Rashaad Kamaal sadarka itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Teessoo: Jimma
Obbo Indaalkaachaw Tafarii Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aantaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Kibba-Lixa Oromiyaa Teessoo: Beddellee
Obbo Amaan Danuu Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Teessoo: Limmuu Gannat
Obbo Didhaa Guddataa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Teessoo: Mattuu
Obbo Muhaammadxaahaa Abbaa Fiixaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Lixa Oromiyaa
Obbo Moosisaa Lammeessaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Lixa Oromiyaa
➡️ Godina Kibba Oromiyaa
Obbo Ahmad Haajii Sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Oromiyaa Teessoo: Yaabeelloo
Obbo Adulaa Hirbaayyee Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Kibba Oromiyaa Teessoo: Adoolaa
Obbo Liiban Areeroo sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Kibba Oromiyaa Teessoo: Nageellee Booranaa
Obbo Wandimmuu Roobee Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Ol'aanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Oromiyaa Teessoo: Bulee Horaa
Obbo Ibraahim Abdii Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Oromiyaa
Obbo Isaaq Xaachoo Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Oromiyaa
➡️ Godina Lixa Oromiyaa
Obbo Masfin Malaakuu saradrkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Godina Lixa Oromiyaa Teessoo: Naqamte
Obbo Mirreessaa Fiixee Sadarkaa oogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Lixa Oromiyaa Teessoo: Gimbii
Obbo Gammachuu Gurmeessaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Lixa Oromiyaa Teessoo: Shaambuu
Obbo Taliilaa Tarrafaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Lixa Oromiyaa Teessoo: Dambii Doolloo
Obbo Badhaasaa Dhaabaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Lixa Oromiyaa
Obbo Dassuu Lammii sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Lixa Oromiyaa
➡️ Godina Kibba Baha Oromiyaa:
❤23
SIKKOO MEDIA
Photo
Obbo Ahimad Idriis Sadarkaa itti aanaa Pirezidantiitti Bulchaa Godina Kibba Baha Oromiyaa Teessoo: Roobee
Obbo Asaffaa Tolasaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Misoomaa Godina Kibba-Baha Oromiyaa Teessoo: Gindhiir
Obbo Abdurrazaaq Huseen Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Itti aanaa Bulchaa Damee Nagaafi Haqaa Godina Kibba-Baha Oromiyaa Teessoo: Asallaa
Obbo Ibraahim Kadiir Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Olaanaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba-Baha Oromiyaa Teessoo: Shaashamannee
Obbo Izzaddiin Abuubakar Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba-Baha Oromiyaa
Obbo Birhaanuu Arfaasaa Sadarkaa Hoogganaa Biirootti Gorsaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Kibba Baha Oromiyaa
@sikkoomedia
❤4
SIKKOO MEDIA
Photo
👉Godinaalee 6n Eenyuun Of Jalatti Hammatu❓️ Gurmaainsa haaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiirra oolche kanaan Godinaalee haaraan 6 akka hundeeffamuuf murtaa'eera. Kunis Godina Baha Oromiyaa, Godina Jiddugaleessa Oromiyaa, Godina Lixa Oromiyaa, Godina Kibba Lixa Oromiyaa, Godina Kibba Oromiyaafi Godina Kibba Baha Oromiyaati. Haaluma kanaan:
Godinni Baha Oromiyaa: Godina Harargee Bahaafi Haragee Lixaa
Godinni Kibba Baha Oromiyaa: Godinoota Arsii, Arsii Lixaa, Baalee, Baalee Bahaa, Magaalaa Asallaafi Magaalaa Dodolaa
Godinni Kibba Oromiyaa: Godinoota Booranaa, Booranaa Bahaa, Gujii, Gujii Lixaa, Magaalaa Bulee Horaa, Magaalaa Mooyyaleefi Magaalaa Shaakkisoo
Godinni Kibba Lixa Oromiyaa: Godinoota Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Jimmaa, Magaalaa Aggaaroo fi Magaalaa Mattuu
Godinni Lixa Oromiyaa: Godinoota Horroo Guduruu Wallaggaa, Qellem Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaafi Magaalaa Najjoo
Godinni Giddu Galeessa Oromiyaa: Godinoota Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa fi magaalota Amboo, Baatuu, Hoolataa, Mojoo, Sandaafaa Bakkee, Shanoofi Walisoo hammatee bifa haaraan gurmaa'a.
SikkooMedia
❤36👍7
Finfinnee Giddu gala Aadaa Oromoo




Finfinneen Saba Guddaadhaan guuttamtee jirti irreechaaf!!




@sikkoomedia
❤11
Imala: Gara Hora Harsadee

Abbootiin Gadaafi hawwan siinqee faaruu
Hoo Yaa Mareehoo....Mareehoo... jechaa ililchaa fi galateeffachaa gara Hora Harsadeetti imalaa jiru!

@sikkoomedia
❤21😢1
🌿 Qa’ee Ulfoo Ardaa Jilaa! 🙏🌿

Irreecha Hora Harsadee Bara 2019 — ayyaana galateeffannaa, jaalalaa, tokkummaa fi nageenyaa.

🎥 Daawwadhaa, maatii fi hiriyoota keessaniifis qoodaa!
📺 YouTube: Bikila Biru

Nu waliin ta’aa; channel keenya subscribe gochuun, video kana like, comment & share gochuun itti bashannanaa irraa baradhaa . ❤️🙏



👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/FrVqTKmZLX8?si=KHDm4Fv8HdgFnfwj



#Irreecha2019 #IrreechaHoraHarsadee #HoraHarsadee #BikilaBiru #Oromia #Irreecha
❤18