Shaafii Muhammad Channel
16.1K subscribers
407 photos
124 videos
946 files
263 links
Tafsiira dabalatee darsii Ustaaz Shaafii hunda asirraa arkattan.
Download Telegram
Foormii Ramadaana keeysa Qur'aana qar'uuf si fayyaddu.
Mee itti kharoorfadhu, waan addunyaatiifuu numa kharoorfanna kanaafis haa karoorfannuu.

* Yaroo takka Qur'aana gadi buusuuf salaata shanan irratti fuula 4
* Yaroo lama buusuuf fuula 8
* Yaroo sadi buusuuf fuula 12
Salphumatti qaraatee xumuruu jechuudha.
Audio
Obboleysa khee kan muslimaatiif dhiifama godhi!

Imaamu Ahmad bin Hanbal( rt) ni jedhe:

" Obboleysi kee kan muslimaa sababa keetiin adabamuun maal bu'aa siif qaba."
Rabbiin ol tahe akkana jedhe:
" Nama dhiifama godhee tolche mindaan isaa Rabbirratti isaaf jira. Inni warra miidhaa hojjatan hin fedhu."
Hiyyeysi eenyu?!

Kabajni irra bareedaa kennaa ilmi namaa namootaaf dhiyeessuuti.
Naamusni hin gurguramu, niis hin bitamu.
Inni uumama qalbii nama naamusarratti guddifamee keeysatti argamuudha.
Hiyyeysi dhugaa nama qabeenya dhabe odoo hin taane nama naamusa dhabeedha.
Yaa Rabbi! Alhlaaqa keenya nu bareechi!
#السؤال:
هل يجوز استعمال حبوب منع الحيض للمرأة في رمضان أم لا؟

#الإجابة:

الذي أرى أن المرأة لا تستعمل هذه الحبوب لا في رمضان ولا في غيره، لأنه ثبت عندي من تقرير الأطباء أنها مُضرة جدًّا على المرأة على الرحم، والأعصاب، والدم،
وكل شيء مُضر فإنه منهي عنه، لقول النبي صلى الله عليه وسلم: "لا ضرر ولا ضرار".
وقد علمنا عن كثير من النساء اللاتي يستعملن هذه الحبوب أن العادة عندهن تضطرب وتتغير، ويتعبن العلماء في كيفية جلوسهن،
فالذي أنصح به أن لا تستعمل المرأة هذه الحبوب أبداً، لا في رمضان ولا في غيره. ـ

مجموع فتاوى و رسائل الشيخ محمد صالح العثيمين
المجلد التاسع عشر - كتاب مفسدات الصيام.
Gaafii
Qoricha dhiiga dhoorku Ramadaana keeysa dubartiin fayyadamuu ni dandeysii?

Deebii
Inniin ani yaadu Ramadaanaa fi isaan alaas fayyadamnuu dhabuu dha.
Ogeeysota fayyaarraa qorannoo mirkanoofteen qaba.
Qorannoon qorichi sun gadaameysa, narviifi dhiigarratti akka rakkina cimaa fidu agarsiisa.

Ammas muuxannoo dubartoota qoricha kana fayyadaman hedduutraa arkamantu jira. Aadaa dubartootaa burjaajeysuufi jeequu isaa barannee jirra.
Inniin ani mala dhawu dubartoonni qoricha kana fayyadamuu dhiisuu dha.
Ramadaana keeysaas tahee isaan ala.
Galanni hojii gaarii gaariidhuma

Ergamaan Rabbii( saw) akkana kadhana:

" Gurbaa namatti liqii kennu tokkotu ture. Gabricha isaatiin akkana ja'a:
Yaroo liqii galchuuf deemtu yoo nama dhabaatti dhaqxe isa bira kuti; Rabbiinis irra nuuf kutuun ni kajeelama.
Gaafa du'ee Rabbiin qunname Rabbiinis badii isaa irra kuteef."

Muslimtu gabaase

Akkana gaarii hojjattuutu Rabbiif hojjannaan lafatti hin haftu. Waan hojjannu ibaadaa itti niyyachuu nu barbaachisa.

Dilii tenya Rabbiin nuuf haa araaramu!!!
Yaroo takka takka yaaddoo gara Rabbii sideebisuutu gammachuu Rabbirraa si fageysurra caala.
Shekhul Islaam Ibnu Teymiyaa ( rt) ni jedhe:

" Musiibaa sababa isheetiin Rabbitti deebituutu ni'imaa zikrii Rabbii si irraanfachiifturra siif caala."
Jaami'ul masaa'il 9/38
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

Boru Ramadaanni tokko warra nagayaan soomu, kan irraa qeebalamu Rabbiin nu haa godhu!!!