Sammu Bani
496 subscribers
16 photos
1 file
18 links
In sha Allah Ilma namaa daandii qajeelumma,gammachuu fi milkaa'innaa itti akeekudha. Website: https://www.sammubani.com
Download Telegram
Adabbiin Zanbii irraa hin tawbannee ni tursiifamaa malee akkanumatti hin hafu:
Jecha Imaamu ibn Al-Qayyim keessa koo tuqee keessaa: "Dhimma zanbii (badii) ilaalchisee tuqaa garmalee ijoo namoonni itti dogongorantu jira. Sunis, miidhaa badiin namarraan gahuu ammatti arguu dhabuudha. Miidhaan zanbii tursiifamee dagatamuu danda'a. Namnis haalli kuni hin jijjiramu jedhee yaada. (Yoo ammatti adabbiin zanbii hin dhufin, kana booda hin dhufu jedhee yaaduun badii hojjachuu itti fufa.)
Rabbiin qulqullaa'e! Namoota meeqa tuqaan ijoon tuni balleessitee? Qananii meeqa dhabamsiiftee, adabbii meeqa fiddee. Wallaaltota dhiisitii, beektotaa fi namoota sadarkaa qaban meeqatu tuqaa ijoo tanaan gowwoomee! namni gowwoome kuni kana hin beeku; akkuma summiin dhangala'u, osoo tureellee zanbiinis ni dhangalaa'a (adabbiin isaa namatti rooba). Akkuma madaan uffataan maramee yommuu uffanni irraa hiikamu dhiigni dhangala'u, [yoo hin tawbatin adabbiin badiis akkasuma namatti dhangala'a].
Imaamu Ahmad Abu Dardaa'a irraa akkana jechuun gabaase: Akka waan Isa argitaniitti Rabbiin gabbaraa; warra du'an keessaa of lakkaa'aa. Kana beekaa: wanta baay'ee isin ko'oomsu irra wanta xiqqaa isin quubsutu caala. Ammas kana beekaa: toltuun hin baddu, badiin (zanbiin) hin dagatamtu."
-Jawaabul Kaafi Liman sa'ala ani dawaa'i shaafi-fuula 70, Mana Maxxansa Daar Al-Arqam
(Dhugumatti, namoonni baay'een adabbii badii hojjatanii ammatti waan hin argineef, "Gonkumaa hin adabamnu" jedhanii yaadun badii isaanii itti fufu. Ergasii, guyyaa tokko osoo hin beekin qabaa cimaa qabamu. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa nama badii hojjatee tawbachuu dide ni tursiisaa malee akkanumatti hin dhiisu. Qur'aana keessatti: “Rabbiin waan miidhaa hojjattoonni (zaalimonni) raawwatan quba kan hin qabne ta'uu hin yaadin. Kan Rabbiin isaan tursiisuuf Guyyaa isa keessa ijji sodaadhan bobaastudha.” Suuratu Ibraahim 14:42
Kanaafu, badii (zanbii) irraa of haa eegnu. Yoo itti kufne dafnee haa tawbannu. Adabbiin waan tureef gowwoomu hin qabnu. Akkuma Rabbiin olta'aan jedhe: “Adabbiin isinitti dhufuun dura gara Gooftaa keessanii deebi’aa, Isaafis harka kennaa. Sana booda hin tumsamtanu.” Suuratu Az-Zumar 39:54
“Sana booda hin tumsamtanu.” Kana jechuun osoo isin hin tawbatin (gara Rabbii hin deebi’inii fi Isaaf hin ajajamiin) adabbiin yoo isinitti dhufe, kan isin gargaaru fi adabbii kana irraa isin baraaru hin jiru.
Dharraa addunyaatiif Daangaa Kaa'uu
Wanti nama macheessu araqee qofa osoo hin ta'in addunyaanis nama macheessiti. Dhugumatti, namni yommuu addunyaa tana garmalee jaallatu ni machaa'a. Kana hubachuuf, yommuu qabeenya baay'ee argatu wanta ta'u ilaali. Yommuu dhabuus wanta isarraa mul'atu ilaali. Yommuu qabeenya argatu, gammachuun machaa'u irraa kan ka'e wanta namni araqeen macha'e hojjatu hojjata. Of wallaala. Rabbii isaa dagata. Tolee, nu hunduu karaa adda addaatin addunyaadhaan ni machoofna. Tarii nama Rabbiin rahmata godheefi iimaanan isa qananiise machiin kuni yeroo gabaabaaf isarra tura. Nama iimaana hin qabne immoo jireenya guutuu isarra tura. Hayyee kaa, addunyaan machoofne osoo gaflaa keessa teenyu yoo duuti nutti dhufte, yeroo san of beekne dammaqna. Erga dammaqne booda wanta nu jala darbee fi kasaaraa keenya ni hubanna. Kanaafu, addunyaan machoofne akka hin kasaarre maal gochuu qabnaa?
1-Yeroo qoqqoodu fi karoorsu- Islaamni addunyaafis Aakhiraafis akka hojjatan ajaja. Qur'aana keessatti: “Wanta Rabbiin siif kenne keessatti ganda Aakhirah ittiin barbaadadhu. Addunyaa irraayis qooda kee hin dagatin. Akkuma Rabbiin tola sitti oole, atis tola ooli.” Suuratu Al-Qasas 28:77
Dhugumatti, kuni ajaja madaalawaa ta'eedha. Namni addunyaa qofatti yoo cite, kasaaraa guddaa kasaara. Addunyaaf hojjachuu dhiisee Aakhiraa qofattis yoo cite, kadhattu ta'a, harka namaa kajeela. Yaanni isaa ni bittinaa'a. Addunyaan geejjiba yaabbatanii Aakhiraa ittiin gahan waan taateef, geejjiba tana yoo dhabe osoo gahuumsa hin gahin karaatti hafuu danda'a. Kanaafu, yeroo addunyaaf hojjatanii fi Aakhiraaf itti hojjatan qoqqoodu fi karoorsun baay'ee barbaachisaadha. Kanaafi, saalihonni guyyaa hojjatata oolu, halkan salaataa bulu. Akkasumas, yeroo guyyaa hojiin ykn daldalli isaanii salaata irraa isaan hin ko'oomsu. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa akkana jechuun isaan faarse:
“Dhiirota daldallis ta’e gurgurtaan yaadannoo (zikrii) Rabbii irraa, salaata sirnaan salaatu fi zakaa kennuu irraa isaan hin dagneetu (hin garagalchinetu) [masjiidota keessatti Rabbiin faarsa, qulqulleessa]. Isaan Guyyaa isa keessa onnee fi ijji itti gara gaggaltuu sodaatu.” Suuratu An-Nuur 24:37
2-Haqiiqaa addunyaa beeku-addunyaan wanta namni ittiin qoramuudha. Kanaafu, wanti sammuu namaa hatuu fi macheessu kuni qormaata akka ta'ee beekun of too'achuu barbaachisa. Addunyaan qormaata akka taate beekuf, namoota kaleessa dureessa turanii har'a hiyyoomatan mee ilaali. Kaleessa bu'aa buufatanii har'a kasaaran. Yeroo qormaata barataan yeroo garii qabxii gaarii galmeessa, yeroo garii immoo qabxii gaarii dhaba, inumaa zeero argata. Kuni qormaataa miti ree? Addunyaanis akkanuma. Kanaafu, addunyaan qormaata akka taate yaadachuun ishiin sobamu hin qabnu. Akkanatti yaadu dandeenya: Akkuma barataan qormaata kan qoramuuf mindaa ykn qabeenya gaarii argatee jireenya gaarii jiraachuuf ta'ee, nutis addunyaa tana kan barbaannu Aakhiratti mindaa (ajrii) gaarii argannee jireenya qananii jiraachuufi. Namni iimaana qabu addunyaas yoo qabaate, wanta Aakhiratti mindaa gaarii ittiin argatu hojjataa miti ree? Fkn, kaayyoon ykn gahuumsi isaa Aakhirah yoo ta'e, addunyaa tana kan barbaaduuf ibaada irratti humna dabalachuuf, masjiida ijaaruuf, hawaasa Muslima tajaajiluu fi kkf dha. Kanarra darbee addunyaan kaayyoo keenya ol'aanaa ta'uu hin qabdu.
Adabbii zanbii keessaa tokko, zanbiin (cubbuun ykn diliin) adeemsa qalbiin gara Rabbii fi ganda Aakhiraatti taasistu dadhabsiisa ykn ni gufaachiisa ykn adeemsa irraa addaan kuta. Tarkaanfi tokko gara Rabbii akka hin tarkaanfanne taasisa. Zanbiin nama gahuumsa gahee haguuga, nama adeemsa irra jiru imala irraa addaan kuta, nama deemuuf barbaadu duubatti deebisa. Qalbiin gara Rabbii kan deemtu humna ishiitiin. Yoo zanbiidhaan dhukkubsatte humni ishii sochoosu kuni ni dadhaba. Humni kuni guutumatti yoo bade, namni Rabbiin irraa ni cita (ni fagaata).
Zanbiin takkaa qalbii ajjeesa, takkaa ni dhukkubsa, takkaa immoo humna ishii dadhabsiisa. Hanga dadhabsiisuun kuni wantoota saddeettan Nabiyyiin (SAW) irraa maganfatanitti geessutti itti fufa. Wantoonni saddeettan kunniin: dhiphinna, gadda, dadhabinna, ceem'u, dabeessummaa, doy'ummaa, ba'aa liqaa fi dhiirotaan moo'atamu.
Nabiyyin (SAW) akkana jedhan:
اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْهَمِّ وَالْحَزَنِ، وَالْعَجْزِ وَالْكَسَلِ، وَالْجُبْنِ وَالْبُخْلِ، وَضَلَعِ الدَّيْنِ، وَغَلَبَةِ الرِّجَالِ
"Yaa Rabbii! dhiphinnaa fi gadda, dadhabbinnaa fi ceem'uu, dabeessummaa fi doy'ummaa, ba'aa liqaa fi dhiirotaan moo'atamu irraa Siin eeggama." Sahih al-Bukhaari 6369
Kanneen armaan oli lama lama ta'uun walitti kan hidhamaniidha.
Dhiphinnaa fi gaddi kan walitti hidhamaniidha. Dhimmi jibbamaan gara fuunduraatti dhufu qalbii irratti bu'u dhiphinna uuma. (Namni wanta badaa narratti bu'a jedhe sodaatuuf ni dhiphata). Dhimmi kuni kan darbe yoo ta'e immoo gadda uuma. (Namni wanta isa jala darbeef ykn wanta badaa yeroo darbe isa qunnameef ni gadda.)
Dadhabinnaa fi ceem'uun walitti kan hidhamaniidha. Namni dandeetti waan dhabeef sababoota kheeyri fi milkaa'innaa irraa yoo duubatti hafe, suni dadhabinna. Fedhii waan hin qabneef yoo kheyri fi milkaa'inna irraa duubatti harkifate suni ceem'udha.
Dabeessummaa fi doy'ummaan kan walitti hidhamaniidha. Sababa qaama isaatiin faaydan yoo isarraa argamu baate suni dabeessummaadha, yoo qabeenya isaatiin ta'e immoo doy'ummaadha.
Ulfaatinni liqaa fi dhiironni nama moo'achuun walitti kan hidhamaniidha. Haqaan namni biraa ol'aantummaa yoo namarratti argate, suni liqaadha, haqa malee yoo ta'e immoo suni dhiironni nama moo'achuudha.
Gabaabumatti, zanbiin sababa guddaa wantooota saddeettan kanniin namatti fiduudha.
Madda:Jawaabul kaafi-fuula 92-93 Imaamu Ibn Al-Qayyim
Kanaafu, yeroo hundaa kan gaddinuu fi dhiphannu, dadhabinni kan nutti dhagahamu fi ceem'inuu yoo taane, kuni miidhaa zanbii (cubbuu) akka ta'e beekun, tawbaa fi istighfaara haa baay'isnu.
TAFSIIRA SUURATU YUUSUF-KUTAA 9 "Isaan lamaanu gara balbalaatti fiigan. Duubaan shaamizi isaa tarsaaste. Balbala biratti bulchaa ishii (abbaa manaa ishii) argan. Ishiinis ni jette, “‘Jazaan nama waan badaa hadhaa warraa keetitti fedhe hidhamuu yookiin adabbii laalessaa malee maal ta’uu danda’aa?’” Suuratu Yuusuf 12:25 https://sammubani.com/2021/10/10/tafsiira-suuratu-yuusuf-kutaa-9/#more-17167
Sheyxaanni Ijaan waan hin Mul'anneef hin jiru jettee hin Mormiin
Dhugumatti, sheyxaanni bakka namni isa hin agarre irraa namatti dhufuun nama jallisa, baditti nama darba. Ilmi namaa sheyxaana argu hin danda'u. Dhugaa kana hubachuuf fakkeenya baay'ee wanta ilmi namaa ijaan hin agarree garuu bu'aan isaa mul'atu siif dhiyeessu danda'a. Fakkeenyaf, halkanii guyyaa elektiriikii itti fayyadamna. Elektirikiin kuni kan ifuu yommuu kaarrentiin (danbaliin elektrikii) shiboo keessa yaa'udha. Kaarrentin kuni yommuu shiboo keessa yaa'u ijaan arguu dandeenyaa? Hin dandeenyu. Namni shiboo kaarrentin keessa yaa'aa jiru osoo harkaan qabate, takkatti isa gogsa. Haaluma kanaan sheyxaannis nama keessa yaa'a. Wanta badaa namatti hasaasun nama jallisa. Akka dhiigni nafa keessa naannaa'u sheyxaannis nama keessa naannaa'un nama balleessa. Ammas, wanta ijaan hin mul'anne fakkeenya biraa dhiyeessun ni danda'ama. Danbalii raadiyoo haa fudhannu. Danbalii kana ijaan arguu dandeenyaa? Oduu qofa raadiyoo keessaa dhageefannaa malee danbaliin kuni eessan seenee eessan akka bahu hin beeknu. Sheyxaannis eessan namatti seene eessan akka bahu hin beeknu. Kanaafu, karaan guddaan sheyxaana irraa itti of tiiksan, gara Rabbii olta'aa fiigudha.
Kitaaba wabii: Ta'ariful aammi bidiinil Islaami- Ali Xanxaawi
Tasgabbii Argachuu fi Du'aayin tee akka Qeebalamtu ni barbaaddaa?
Jireenya keessatti tasgabbii argachuu fi du'aayin tee akka qeebalamtu yoo barbaadde salaata shanan erga sirnaan salaatte booda salaata halkaniitti (qiyaamu leylitti) jabaadhu. Warri salaata halkanii salaatan akkana jedhu: "Maal qaba tasgabbiin yeroo kanatti namatti dhagahamu guyyaa guutuu osoo namatti dhagahamee! Guyyaa salaata yommuu salaannu hasaasni (waswasaan) sheyxaana nutti baay'ata. Garuu salaata halkanii kana keessatti waswasaan kuni nurraa deema. Qalbii teenya guutuu salaata irra goona. Akkam mi'aawa ibaadan yeroo kanaa! Hirriba caala mi'aawa. Akkam mi'oofti du'aayin yeroo tanaa! Qeebalamuun ishiis garmalee kan abdatamuudha."
Qur'aana keesaatti salaata shananitti erga ajaje booda salaata halkaniitti ajaja:
"Aduun dabuu irraa hanga dukkana halkaniitti salaata sirnaan salaati. (Salaata zuhrii,Asrii, Magriba fi Ishaa'i). Qur'aana fajrii (salaata fajriis salaati, isa keessatti qur'aana qara'uu dheerressi). Dhugumatti Qur'aana fajrii (salaata fajrii fi Qur'aana isa keesatti qara'amu) irratti [malaaykonni] ni argamu. Siif [ibaadaa] dabalataa akka ta`uuf halkan irraa isaan (Qur`aanaan) salaati. Gooftaan kee iddoo faarfamaa si dhaabuun ni abdatama.” Suuratu Al-Israa 17:78-79
Kuni salaanni halkanii faayda guddaa akka qabu nutti agarsiisa. Salaata halkanii irraa faayda barbaadamee fi ajrii guddaa argachuuf:
1-Hanga danda'ameen Qur'aana irraa qara'uu, suuraalee (boqonnalee) dhedheeroo yoo haffazan salaata keessatti isaan qara'uu. Aayah armaan olii keessatti: "halkan irraa isaan (Qur`aanaan) salaati." Suurah biraa keessattis, "Qur'aana irraa wanta isiniif laafe qara'aa." Suuratu Al-Muzzammil 73:20
2-Sujuuda dheeressu-Qur'aana keessatti: “Halkan irraa Isaaf sujuudi, halkan dheeraas Isa qulqulleessi.” Al-Insaan 76:26
Hadiisa keessattis: "Gabrichi caalatti Gooftaa isaatti kan dhiyaatu yeroo sujuuda bu'uudha, kanaafu du'aayi baay'isaa." Sahiih Muslim 482
3-Istighfaara baay'isuu-Nuti warra sa'aati sa'aatin dogongorru waan taaneef daqiiqa hunda keessatti istighfaara gochuun nu barbaachisa. Istighfaara jechuun Rabbii olta'aa irraa araarama kadhachuudha. Yeroon halkanii tuni yeroo garmalee barbaachistu du'aayin itti qeebalamtu waan taatef, istighfaara baay'isuun garmalee barbaachisaadha. Namni akkuma istighfaara baay'isuun tasgabbii qalbii argata, adabbiin isarraa deebi'a. Sababni isaas, adabbiin kan namatti bu'uuf sababa cubbuu hojjataniitiin waan ta'eef, sababa istihfaara baay'isutiin immoo Rabbiin adabbii kana namarraa deebisa.
Dhugumatti, Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti amanuun warroota amanan irratti gammachuu, harka kennuu fi tasgabbii qalbii dhangalaasa. Iimaanan ala wantoota kanniin haala guutuu ta'een kan fidu gonkumaa hin jiru. Kuni wanta Ergamaan Rabbii (SAW) hadiisa sahiih Muslim gabaase keessatti ibsaniidha:
“Dhimmi mu’imina (nama dhugaan amanee) nama ajaa’ibsiisa. Dhugumatti dhimmi isaa guutun keeyridha (gaariidha). Kuni mu’iminaaf malee eenyufillee kan ta’uu miti. Yoo toltuun isa tuqxe, Rabbiin galateefata. Kuni isaaf gaarii ta’a. Yoo rakkoon isa tuqxe immoo ni obsa. Kunis isaaf gaarii ta’a.” (Sahiih Muslim-2999)
Yaadaa fi Milkaa’inna-Kitaaba Guutuu
Kitaabni “Yaadaa fi Milkaa’inna” jedhu, tarkaanfilee kudhan miira mirqaansu jabaatiin nama sochoosun gara milkaa’innaatti nama qajeelchu ibsa…. Nama qalbii isaa jaalala milkaa’innaatiin qabsiisuu barbaade hunda dubbisa.
Jabeenyi yaaduu akkamitti dagaagfamaa? Si’aa’inni hojii akkamitti argamaa? Gootummaan gara hojii darbuu akkamitti jabaataa? Humna ammaa akkamitti itti fayyadamanii? Hojiwwan yoosu ammuma hojjachuun humna akkamii namaaf kennaa?
Milkaa’inni ilma hojiiti. Akkuma namoota milkaa’anii sa’aati digdamii afur, sammuu cimaa fi qoma ajaa’ibaa qabdu. Garuu osoo hin dhaabbatiin ijjannoo hojii qabduu? Jijjirama ajaa’ibaa keessa jirra. Qabsoo fi gara fuunduraatti tarkaanfachuu yoo dhiisne, bakka jiruutti daakamu dandeenya. Kitaaba kanaan qaanqen mirqaansu qoma keessan keessatti dhoostan gara yaada keessaniitti faca’a, jireenyi teessan gara sochiitti dabarti.Dabalataaf: https://sammubani.com/2021/10/23/yaadaa-fi-milkaaina-kitaaba-guutuu/#more-17304
Ajaa’iba Qur’aanaa keessaa
Ajaa’ibni Qur’aanaa himame hin dhumu. Jechoota gabaaboon ergaa guddaa dabarsa. Mee ajaa’iba kana keessaa aayah tana haa ilaallu:
﴿يَسۡ‍َٔلُونَكَ عَنِ ٱلسَّاعَةِ أَيَّانَ مُرۡسَىٰهَا٤٢﴾
“Waa’ee Qiyaamaa ilaalchisee “Dhufaatin (geenyi) ishii yoomi?” [jechuun] si gaafatu.” Suuratu An-Naazi'aat: 42
Aayah keessatti “Mursaahaa?” jechuun maal jechuudhaa? Maxxantuun “-haa” maq-dhaala, “ishii” jedhu bakka buuti. Amma wanti beeku barbaannu jecha “mursaa” jedhuudha. Jechi “mursaa” jedhuu xumura, “arsaa” jedhu irraa kan horsifameedha. Hiika “Arsaa” keessaa tokko, “Irraa bu’uuf dooni buufata ishii (galaana daarii) geessudha.” Kanaafu, mursaa jechuun, “geenyi, gahiinsi, dhufaati (arrival)” ta’a. Hiikni biraa, “Arsaa” gadi dhaabudha. Hiikni lamaan kunniin Qiyaamaaf kan ta’uudha.
Jechi “Mursaahaa” jedhu “argamuu” Qiyaamaa agarsiisuuf itti fayyadamame. Kanaafu, “Dhufaatin(geenyi) ishii yoomi?” jechuun “Qiyaamaan yoom dhaabbatti?” Yookiin “Yoom argamtii?” jechuudha. Hiikni biraa, “mursaa” galaana daarii iddoo (buufata) dooniin itti dhaabbattuudha. Jecha Mursaahaa fayyadamuun dubbii bareechisuuf qofa osoo hin ta’in, wanta barbaachisaa ta’ee wal fakkeessun ibsuu fi haqa Qiyaamaa akka namoonni hubatan taasisuufi.
Yunivarsin erga uumame irraa kaasee tartiiba isaa eeggate yeroo yeroon wal hordofe deemuun, doonii galaana irra deemtuun wal fakkaata. Dooniin tuni adeemsa ishii keessatti iddoo adda addaatti jijjiramaa fi sochii haarawa horatti. Wanti samii fi dachii keessa jiraniis socho’uu fi jijjiramu itti fufuu. Sochiin kuni hin dhaabbatu hanga Qiyaamaan dhaabbattutti malee. Dubbii akkanatti ifaa haa goonu: addunyaan, dooni galaana keessa deemtun wal fakkaatti. Qiyaamaan, immoo iddoo fi yeroo dooniin itti dhaabbattuun wal fakkaatti.
1-Akkuma dooniin galaana bishaanii keessatti sochii itti fuftuun, addunyaan tunis galaana yeroo keessa sochii ishii itti fufti. Fkn, aduun, jiiyni fi urjiileen sochii fi naanna’uu isaanii itti fufu.
2-Doonin erga deemte booda buufata dhumaa itti dhaabbattu qabdi, addunyaan tunis yeroo itti dhaabbattu qabdi. Yeroo kanaan Guyyaa Qiyaamaa jennaan. Kanaafu, akkuma dooniin deemte deemtee buufata ishiitti dhaabbattu, addunyaan tuniis deemte deemtee Qiyaamaa biratti ni dhaabbatti. Yommuu Qiyaamaan dhootu, addunyaan guutuun baduun jireenyi lammataa ni jalqabama. San booda namoonni kaafamuun wanta hojjataa turaniif ni qoratamu, mindaa ykn adabbii argatu. Kanaafu, Qiyaamaa as deemtu tanaaf maal qopheeffatte?
Madda: www.quraana.com
Rakkoo Jireenyaa Keessa Hulluuquf
Wantoota garmalee gurguddaa namni jireenya tana keessatti dagachuu hin qabne keessaa tokko: "Addunyaan tuni iddoo qormaataa" akka ta'e beekudha. Namni hanga addunyaa tana keessa lubbuun jiru qormaata keessa jira. Garuu qormaanni namoota hundaa garagara. Gariin qananiin qoramu, gariin immoo rakkoon qoramu. Gariin immoo saalaa faallan qoramu. Waa'ee kana ilaalchisee bal'inaan kitaaba, "Kaayyoo uumama ilma Namaa" jedhu keessa ilaalun ni danda'ama.
Tolee, rakkoon nama qunnamuun qormaata erga ta'e, namni rakkoo kana keessa hulluuquf maal gochuu qabaa?
1-Yommuu rakkoon qoraman wanta namarraa barbaadamu hojjachuu- wanti nama qoramu kanarraa barbaadamu: Iimaana, Obsa, hojii gaggaarii hojjachuu fi kkf. Namni yeroo rakkoon isatti bu'u kana yoo hin hojjatin, gaddaa fi cinqii cimaa keessa seena. Garuu, rakkoon isatti bu'ee murtii Rabbiitiin akka ta'e amanuun yoo obsee fi mindaa Rabbiin irraa kajeele, rakkoo kana keessa ni hulluuqa.
2-Rakkoon namatti bu'uun dura, iimaana, beekumsaa fi hojii gaggaarii wantee (gaachana) godhachuu. Yeroo durii namni yommuu gara lolaa deemu, sibila golboo "gaachana" jedhamu godhachuun xiyya isatti darbamu ofirraa deebisa. Haaluma kanaan, namni rakkoon isatti bu'uun dura yoo iimaanan, beekumsaa fi hojii gaggaariin of faaye, rakkoon yommuu isatti bu'u isaaf salphata. Mee ilaali, yeroo rakkoo namoota iimaana qabanii fi hin qabne! Namoonni iimaana qaban, keessi isaanii ni tasgabbaa'a. Sababni isaas, wanti isaanitti bu'e murtii Rabbiitiin akka ta'e ni amanu. Kan rakkoo kanas isaanirraa oofu Isuma qofa akka ta'e ni beeku. Namoonni iimaana hin qabne immoo wanti amananii fi abdatan waan hin jirreef gaddaa fi cinqaa cimaa keessa seenu. Hanga of galaafachu gahuu. Kanaafu, iimaanni, beekumsi fi hojii gaggaariin gaachana xiyya rakkoo namarraa deebisaniidha (makkataniidha).
Nafseen takka cubbuu nama biraa hin baadhattu
Namticha tokkotu gurbaa tokkoon akkana jedhe, "Koottu bakka wayii deemnee fedhii keenya haa guuttannu. (kana jechuun wanta haraamaa (zinaa)) haa raawwannu.)" Gurbaanis akkana jedheen, "Wanta haraamaa kana yoo hojjanne cubbuu ykn adabbii keenya eenyutu nuuf baadhataa?" Namtichi wanta deebisu dhabe achumaan cal'isee hafe.
Eeyyen hiriyoonni gara badiitti nama affeeru. Yeroo kanatti waa lama yaadachu barbaachisa:
1- Rabbii guddaa saalfachuu- Osoo Inni na arguu wanta badaa kana hojjadhaa? ofiin jechu.
2- Adabbii cubbuu eenyutu narraa baadhataa? Har'a mi'aa gabaabdu dabartu osoo argadhellee, boru adabbii hadhaawa san eenyutu bakka kiyya bu'ee dhandhamaa? Ana malee eenyullee hin dhandhamu. Kanaafu, mi'aa yeroo gabaabduuf turtu guuttadhee adabbii yeroo dheeraaf turu baadhachu wayya moo har'a badii irraa obsee boqonnaa yeroo dheeraa argachuu wayyaa? Namoonni mi'aa gabaabdu argachuuf badii zinaa (sagaagalummaa) raawwatan, jireenya isaanii guutuu adabbii adda addaatiif saaxilamu. Namoonni badii kana irraa obsan immoo jireenya isaanii guutuu tasgabbii fi boqonnaa argatu.
Zinaan Liqaadha
"Namni dirhaama kumaan namoota keessatti zinaa raawwatu.
Maatii isaa keessatti dirhaama ruubin zinaan raawwatama
Zinaan liqaadhaa liqeefachu yoo barbaadde
Kan kafalu maatima manaa kee irraayyi beeki."
Dhugumatti zinaan liqaadha. Namtichi haadha manaa isaa dhiisee gatii guddaan zinaa alatti yoo raawwate, yookaa haati manaa isaa ykn intalli isaa ykn obboleettin isaa gatii xiqqaan zinaa raawwachuun liqaa inni liqeefate kafaltiif. Mee kana itti xinxalli! Mana tokko keessaa dhiirri zinaa yoo raawwate, mee haala dubartoota maatii sanii ilaalii.
Namni haadha manaa ykn obboleetti ykn intala isaa irratti zinaan akka raawwatamu jibbu, haadha manaa ykn obboleetti ykn intala nama biraa irrattis zinaa raawwachuuf gonkumaa hin hawwin. Salphinni zinaa irraa dhalatu xiqqaa miti. Dubartiin zinaa irraa yoo ulfoofte, sanyiin wal keessa laaqama, ilmi dhalatu gadadoo guddaaf saaxilama. Zinaan garmalee fokkuudha, gonkumaa itti hin dhiyaatin.
NAMOONNI DU'AAN HANGA GUYYAA QIYAAMAATTI MAALIIF HIN KAAFAMNEE?
Eeyyen namni du'e Guyyaa Qiyaamaa kaafamuun haqa shakkiin keessa hin jirreedha. Garuu san dura namoonni du'an maaliif kaafamanii addunyaa irratti hin mul'annee?
Dur irraa kaase falmiin guddaan warri du'aan booda kaafamutti hin amanne kaasan: "Du'aan booda kaafamuun ni jira yoo jettan, maaliif namni du'ee hin kaafamnee?"
Namni gaafi akkanaa dhiyeessu kana beeku qaba: Addunyaan tuni iddoo (daree) qormaatati. Ilmaan namaa immoo akka barattoota daree keessatti qormaata qoramaniiti. Wanti namni ittiin qoramu keessaa tokko wanta ijaan hin mul'anne kan Rabbiin beeksisetti amanuudha. Du'aan booda kaafamuun wanta ammatti ijaan hin mul'anne kan Rabbiin beeksiiseedha.
Akkuma qormaanni daree yeroo murtaa'a qabu, qormaanni addunyaa tanaas yeroo murtaa'a qaba. Yeroon qormaata addunyaa tanaa hanga addunyaan tuni badduu ykn Qiyaamaan dhaabbattuudha.
Mee amma haa gaafannu: akka seeraatti osoo barattoonni dareetti qoramaa jiranu, deebiin qormaataa ni beeksifamaa? Haaluma kanaan, osoo namoonni addunyaa keessatti qoramaa jiranu namoonni du'aan ni kaafamuu?
Osoo yeroon qormaata addunyaa hin xumuramin, namoonni du'an osoo kaafamanii silaa qormaanni baaxila (disqualified) ta'a. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa Al-Hakiim waan ta'eef yeroon qormaanni itti xumuramu dursee murteesse jira. Hanga yeroon qormaataa xumuramutti namni du'e akka hin kaafamne taasise. Akkuma yeroon qormaataa xumurameen, firii qormaata isaanii akkka argataniif namoota du'an hunda ni kaasa. Akkuma barataan yommuu waraqaan deebii isaaf deebi'u wanta yeroo qormaataa hojjate waraqaa deebii irratti arguu, namni wanta yeroo qormaataa hojjate Guyyaa Qiyaamaa kitaaba isaa keessatti ni arga:
“Kitaabnis ni kaa’ama. Yomasan yakkamtoota waan isa keessa jiru irraa sodaattota ta’anii argita. Ni jedhus, “Yaa badii keeenya! Kuni kitaaba akkamii, xiqqaas guddaas walitti qabu malee hin dhiifne!” Wanta hojjatan dhiyaataa ta’ee argatu. Gooftaan kee eenyullee hin miidhu.” (Suuratu al-Kahf 18:49 )
Firiin qormaata barattoonni qoramanii guyyaa itti himamu qabaa miti ree? Akkuma kana firiin qormaata namoonni addunyaa tana keessatti qoramaniis guyyaa itti beeksifamu qaba. Guyyaa kanas Guyyaa Qiyaamaa jennaan. Guyyaa san firiin nama hundaatu ifa ta'a. Ergasii firii qormaata isaa irratti hundaa'e takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam qajeelfama.
Qur'aana keessatti:
“Inni Kan samiiwwanii fi dachii guyyaa jaha keessatti uumedha. Arshiin Isaas bishaan gubbaa ture. Eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf, [isaan uume]. Yoo ati, “Dhugumatti, isin du’a booda ni kaafamtu.” jetteen, warri kafaran, “kuni sihrii (falfala) ifa ta’e malee waan biraati miti.” jedhu.” Suuratu Huud 11:7
Addunyaan tuni iddoo qormaata erga taate, iddoo fi yeroon firiin qormaataa itti beekkamu jiraachu qaba. Iddoon firiin qormaata itti beekkamu addunyaan tuni diigamte lafa diriiraa bu'aa bayii homaatu hin qabne irratti. Yeroon immoo Guyyaa Qiyaamaati. Kanaaf, qormaatan booda firiin qormaataa beekkamu waan qabuuf du'aan booda kaafamuun dirqama.
Abraar nyaatatti nafseen isaanii osoo hajamtu (barbaaddu) hiyeeyyiif, yatiimootaa fi hidhamaaf kennu. Kanas kan godhaniif jaalala Rabbii qofaafi. Mindaa fi galata isaan irraa hin eegan. Sababni isaas, wanti gaariin hunda caalu mindaa homaatu osoo namarraa hin eegin Rabbiif qofa jedhani wanta hojjataniidha." Madda: https://quraana.com/76/
Karaalee ma'asiyaan (cubbuun) namatti seentuun-Kutaa 1ffaa
Kan hammattu keessa jiru malee barreefamni kuni kitaaba beekkama Imaamu Ibn Al-Qayyim barreesse "Jawaabul Kaafi" jedhamu irraa fudhatame:
Mee karaalee ma'asiyaan (cubbuun) namatti seentun haa ilaallu.
Yeroo baay'ee balbaloota afur kanaan ma'asiyaan gabrichatti seenti:
1-Ilaalcha (İjaan ilaalu)
Ilaalchi ergamaa fi hogganaa fedhii lubbuuti. Ilaalcha eeguun hundee qaama saalaa eeguti. Namni ija ofii gadi fure, qilee badiitti of darbe. Ergamaan Rabbii (S.A.W) akkana jedhan: Ilaalcha ilaalcha biraatin hin hordofsiisiin. Tan jalqabaa qofatu teeti, tan lammataa teeti miti." (Ahmad-1369, Abu Dawud- 2149)
Musnad Ahmad keessatti àkka gabaafametti "Ilaalchi xiyyoota ibliisaa keessaa xiyya summooftudha." Namni Rabbiif jedhe dubartii bareeddu irraa ija ofii gadi qabate, hanga Rabbiin qunnamutti Rabbiin mi'aa iimaanaa qalbii isaa keessa godha. Ergamaan Rabbii (S.A.W) akkana jedhan: Karaa irra taa'uu irraa of eeggadhaa." Sahaabonnis ni jedhan, "Yaa Ergamaa Rabbii karaa irra taa'uun keenya wanta hin hafneedha." Innis ni jedhe, "Akkas gochuun keessan yoo hin hafne, karaa haqa isaa kennaaf." Isaanis ni jedhan, "Haqni karaa (daandii) maalidhaa?" Innis ni jedhe, "Ija gadi qabachuu, azaa (nama rakkisuu) dhiisuu fi nageenya deebisuudha." (Sahiih Al-Bukhaari 6229, Sahiih Muslim 2121)
Ilaalchi hundee balaa waligalaa nama tuqxudha. Ilaaluun yaada sammuu keessa qaxxaamuru dhala, yaanni sammuu keessa qaxxaamurus wanta irra deddeebi'anii yaadan ta'a. Irra deddeebin yaadaa kunis fedhii lubbuu dhala. Fedhiin lubbuus fedhii cimaa ijjannoo taatu dhalti. Ergasii wanti dhoowwu yoo hin jiraatin gochii ni raawwatama. Kana ilaalchise akkana jedhamee jira: "Laalaa irratti obsuu caalaa ija gadi qabachuu irratti obsuutu salphaadha.
Kana jechuun sababa ija gadi qabaachuu dhiisanitiif yaaddo, jeequmsaa fi gubaa nama qunnamu irratti obsuu caalaa ija gadi qabachuu irratti obsuutu salphaadha. Akkuma walaleessaan jedhe:
Taaten hundi jalqabni isii ilaalchaa
Ibiddi guddaan qaanqee xiqqaa irraa ka’aa
Ilaalcha meeqatu qalbii namaa keessatti lixee
Lixa akka xiyyaa hidhaa hin qabnee
Balaa wanta haraamaa ilaalu keessaa tokko gaabbii, gaddaa fi gubaa keesso namatti uwwisa. Namni wanta argachuu fi irraa obsuu hin dandeenye ni ilaala. Kuni irraa guddaa adabbiiti: Garii isaa irraa obsuu hin dandeenye, garii isaas argachuu hin dandeenye. Walaleessaan ni jedhe:
Akkuma argite yommuu ija kee gadi furtuu
Wanta guutuu isaa argachuu hin dandeenya argitaa
Garii isaa irraas obsu hin dandeessu."
(Namni yommuu dubartii miidhagduu alagaa (ajnabiyya) itti xiyyeefachuun ilaaluu gubaa, yaaddoo fi dhiphinna guddaa keessatti lixa. Dubartii tana argachuus hin danda'u, irraas obsuus hin danda'u. Akka kanatti jireenya isaa keessatti gubaa fi dhiphinna keessa jiraata. Garuu osoo ija ofii gadi qabatee ykn tasa yommuu ishii arguu, akkuma Rasuulli (SAW) jedhan dafee osoo ija isaa irraa garagalchee, gubaa fi yaaddoo kanatti hin seenu ture. Yaa nama kophaatti bahee filmi wal-qunnamti ilaalu! Yaa nama mobaayili isaa suuraa dubartiitiin guutee! Yaaddoo fi dhiphinna akkami keessa jiraataa! Akkuma suuraan suni sammuu isaa keessatti balaqeessa'uun gubaa akkamittu sitti dhagahamaa! Ufff!!!! Achi dhiisi suuraa kana! Ufff! Achi dhiisi vidiyoo shamaa san! Gadda, dhiphinnaa fi gubaa malee homaa siif hin dabalu.)
Hanga fedhe cinqii fi balaan yoo sitti baay'atelle rahmata Rabbii irraa abdii hin muratin. Ya'quub (aleyh salaam) ilma garmalee jaallatu ni dhabe, ergasii ijoollee lama dabalataan ni dhabe. Rakkoo cimaa kana keessa osoo jiru akkana jedhe:
"Yaa ilmaan kiyya! Deemaatii Yuusufi fi obboleessa isaa iyyaafadhaa, rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Namoota kaafirota malee kan rahmata Rabbii irraa abdii muratu hin jiru. [Suuratu Yuusuf 12:87]
Ya’quub (aleyh salaam) ilmaan isaatiin akkana jedhe: “Gara Misir deemaatii oduu Yuusufi fi obboleessa isaa funaanaa. Waa’ee isaanii qorachuu irraa hin dadhabinaa. Rahmata Rabbii irraa abdii hin kutatinaa. Dhugumatti, abdiin wanta abdatan argachuuf akka carraaqan nama taasisa. Abdii kutuun immoo akka ceem’anii fi harka maratanii taa’an nama taasisa. Wanti hundarra caalaa gabroonni abdatan tolaa fi rahmata Rabbiiti. dhugumatti namoota kafaran malee rahmata Rabbii irraa abdii kan muratu hin jiru. sababni isaas, isaan waan kafaraniif (hin amanneef) rahmata Rabbii akka fagootti ilaalu. Rahmanni Isaa isaan irraa fagoodha. Kanaafu, kaafirootaan wal hin fakkaatinaa.
Akka lugaatti jechi rawh jedhu hiika ‘afuura baafachu, boqachuu fi rahmata’ qaba. Kana keessaa hiikni wali galaa “rahmata”. Sababni isaas, rahmanni boqonnaa rakkoo, yaaddoo fi gaddaa irraa ittiin boqotan fiddi.
Rakkoon nabii Ya’quub (aleyh salaam) keessa jiru rakkoo cimaa qoma fi nafsee isaa dhiphiseedha. Kanaafu, kana keessaa bahuun afuura baafachu (boqochuu) barbaade. Rahmanni Rabbii boqonnaa kana kan of keessaa qabduudha. Kanaafu, rahmata boqonnaa of keessaa qabdu tanarraa abdii hin muratinaa jechuun ijoollee isaatiif dhaame. Kaafironni rahmata tanarraa abdii muratu. Rakkoo keessaa hin baanu jechuun abdii kutu. Asirraa wanti hubannu,
-Mu’mintoonni (warri dhugaan amanan) rahmata Rabbii irraa abdii hin muratan. Sababni isaas, isaan Rabbiin gabroota Isaatiif rahmata kan godhuu fi wanta hunda irratti danda’aa akka ta’e ni beeku. Rakkoo keessa jiran kana keessaa isaan baasu irratti danda’aadha. Kanaafu yoo gara Isaatti dheessanii Isa kadhatan, rahmata isaaniif gochuun rakkoo kana keessaa isaan baasa.
-Kaafironni immoo rahmataa fi dandeetti Rabbii waan hin beeknee fi itti hin amanneef rahmata Isaa irraa abdii muratu. Mee ilaali, yeroo cinqiin garmalee jabaatu, kaafironni abdii murachuun of ajjeesu. Cinqii kana keessaa Rabbiin nama baasa jedhanii waan hin abdanneef lubbuu ofii galaafatu. Mu’mintoonni immoo yeroo cinqii gara Rabbii olta’aatti dheessun Isa kadhatu, rahmata Isaa ni kajeelu, abdii hin kutan. Kanaafu tasgabbii argatu.
Oduu Gammachiisaa (Bushraa):
(إِنَّ ٱلَّذِینَ یَتۡلُونَ كِتَـٰبَ ٱللَّهِ وَأَقَامُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَنفَقُوا۟ مِمَّا رَزَقۡنَـٰهُمۡ سِرࣰّا وَعَلَانِیَةࣰ یَرۡجُونَ تِجَـٰرَةࣰ لَّن تَبُورَ)
Dhugumatti warri Kitaaba Rabbii dubbisan, salaata sirnaan salaatanii fi wanta isaaniif kennine irraa ifaa fi dhoksaatti arjooman, daldala kasaaraa hin qabni abdatu." [Surah Fatir 29]
Tafsiir Muyassar:
إن الذين يقرؤون القرآن ويعملون به، وداوموا على الصلاة في أوقاتها، وأنفقوا مما رزقناهم من أنواع النفقات الواجبة والمستحبة سرًّا وجهرًا، هؤلاء يرجون بذلك تجارة لن تكسُد ولن تهلك، ألا وهي رضا ربهم، والفوز بجزيل ثوابه؛
Dhugumatti warri Qur'aana qara'anii fi itti hojjatan, salaata yeroo isaatti sirnaan salaatu itti fufanii fi wanta isaaniif kennine irraa ifaattis ta'i dhoksaan wanta dirqamaa fi jaallatamaa irratti baasan,(kan akka zakaa,sadaqaa), isaan kunniin daldala kasaaraa hin qabne fi gonkumaa hin banne kajeelu. Daldalli kuni jaalala Gooftaa isaaniiti fi mindaa Isaa gaariin (Jannataan) milkaa'uudha
"Sila nama Rabbiin qoma isaa Islaamaaf bal’isee kanaafu, inni ifa Gooftaa isaa irraa ta’e irra jiru [akka nama qalbiin isaa gogdeetii?]" https://quraana.com/39/#22
Qishnaa Wal Hin Godhatinaa, Wal hin arrabsinaa, Maqaa Badaa walitti hin moggaasinaa
“Yaa warra amantan! Dhiironni dhiirotatti hin qishniin, tarii isaan irra gaarii ta’uu danda’u.” Kana jechuun Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitan! Dhiironni dhiirota biroo qoosa hin godhatin. Kana jechuun, Namni Muslimaa tokko amala ykn hiyyummaa ykn uumama nama biraa ilaalun gadi isa hin xiqqeessin. Tarii namni inni gadi xiqqeessu kuni Rabbiin biratti isa caalu danda’a. Rabbiin biratti gatiin ilmaan namaa qabeenyaan ykn bareedinnaan osoo hin ta’in, iimaanaa fi taqwaani. Namni ati gadi xiqqeessitu hiyeessa ykn fokkataa ta’uu danda’a. Garuu iimaanaa fi taqwaa waan qabuuf si caalaa gaarii ta’uu danda’a. Ammas hikni biraa, namni ati har’a sababa hiyyummaa isaatiin gadi xiqqeessitu dureessa ta’e si caalu danda’a, ati immoo hiyyeessa taate isaa gadi ta’uu dandeessa. Rabbiin haala jireenya namaa kan jijjiruudha. Namni har’a sababa naafa (paralayized) ta’eef gadi xiqqeessitu, tarii inni fayyee ati naafa ta’uu dandeessa. Kanaafu, nama kamu sababa fokkinnaatin, hiyyummaatin ykn uumama isaatiin gadi hin xiqqeessin. Namni ati gadi xiqqeessitu tari har’a amala dhokataa biraatiin si caalu danda’a. Yookiin boru qabeenyaan ati isaa gadi taatee inni si caalu danda’a. Dubbisa itti fufuuf:
https://sammubani.com/2024/09/23/qishnaa-wal-hin-godhatinaa/