Dawaa Qalbii
8.25K subscribers
1.36K photos
25 videos
12 files
2.07K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸 (👑Lij Iyyasuu👑 Neng)
#HUBACHIISA
👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽
Yeroo obboleeyyan keessaniin Ramadaanaan baga siin gahe jettanii wal gammachiistanitti.

RAMADAAN KARIIM jechuu Irra RAMADAAN MUBAARAK waliin jedhaa isa kanatu caala sirrii waan taheef.

Aalimni Kabajamaan Sheik #Saalih_Al_fowzaan rabbiin isaan haa tiiysuu RAMADAAN KARIIM waliin Jechuu irraa ni dhoorgan.
🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴
RAMADAAN MUBARAK
RAMADAAN MUBARAK
RAMADAAN MUBARAK
🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴

#Fursaan_Media

Join godhaa irraa baradhaa
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://telegram.me/Hamiltan_tv_Hamilee_Ummataa
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
#Itiyoophiyaa

Barri barnootaa 2015 guyyaa boruu eegala.

Sirni barnoota haaraan Ministeerri Barnootaa waggoota 5'f qopheessee ture, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti hojiirra ni oola.

Sirni barnootaa haaraan bara dhufu manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa keessatti guutummaan guutuutti hojiirra kan oolu yoo ta’u, guyyaa boruurraa eegalee manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 80 keessatti yaaliin kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

#Hubachiisa - Sirna barnoota haaraa:

- Manneen barnootaa idil-addunyaa fi hawaasaa irraa kan hafe, kaarikulamichi manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa kutaalee biyyattii hunda keessatti hojiirra oola.

- Qabatama, beekumsa dhalootaa, barnoota ogummaa fi halluu, teeknooloojii, oomishaa fi hojii, qo’annoo fi qorannoo irratti xiyyeeffannoo gochuun ni kennama.

- Kutaa 1ffaa hanga 6ffaatti barnoonni qabatamaan ni kennama.

Barattoota kutaa 7ffaa fi 8ffaaf barnootni Keemistirii, Baayoloojii fi Fiiziksiin akka gosa barnootaa of danda'anii kennamaa turan, "Saayinsii Waliigalaa" jedhamuun kennama. Ji’ograafii fi Seenaanis bakka tokkotti kan kennamu ta'a.

- Barnoonni kutaa 1ffaa hanga 6ffaaf afaan dhalootaan kennama, Kutaa 7ffaa hanga kutaa 12ffaatti barattoonni hundi Afaan Ingliffaatin kennama.

- Barattoonni kutaa 1ffaa hanga kutaa 12ffaatti Afaan Ingilizii akka gosa barnootaa tokkootti fudhatu.

- Kutaa 3ffaa keessatti afaanonni dabalataa ni dhiyaatu; Afaan dabalataa naannolee keessatti bal’inaan dubbatamu filachuun barattoonni akka bifa barnootaatti akka fudhatan ni taasifama.

- Qormaanni waliigalaa sadarkaa naannootti kutaa 6ffaa fi sadarkaa biyyaatti immoo kutaa 8ffaa fi 12ffaatti kennama.

- Barattoota kutaa 7ffaa fi 8ffaaf gosti barnootaa "Carrier and technical Education" jedhamu ni kennama. Barnoonni qonnaa, Akkawuntingi, daldalaa fi hojii waliigalaa gosa barnoota ogummaa keessatti kennama.

- Kutaa 11ffaa fi 12ffaa keessatti barnoota ogummaa kanneen akka barnoota fayyaa, qonnaa, omishaa, ijaarsa, daldalaa, herregaa(Akkawuntiingi) ni barsiifama. Barattoonni kutaa 11ffaa fi 12ffaa gosoota barnootaa ogummaa kana keessaa kan filatan baratu.

@tikvahethafaanoromoo
@Sammaan
Barattoota kutaa 12ffaa Qorumsa Fudhataniif Haalli Geejjibaafi Simannaa Yunvarsiitiiwwanii Qophiin Xumurameera.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Ministeera Barnootaafi Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun Qorumsa Biyoolessaa Kutaa 12ffaa barattootni Naannoo keenyaa  hanga danda'ameen Yunivarsiitiiwwan Naannoo keenyaa keessatti akka qoraman marii taasifneen walii galteerra geenyeera.
Haaluma kanaan heddummina barattoota keenyaarraa kan ka'e 95% Yunvarsiitiiwwan Oromiyaa keessatti argamanitti yoo qoraman 5% Yunvarsiitiiwwan ollaa Oromiyaa ta'an kanneen akka Hawaasaa Gaambeellaa Dirre Dawaafi Jigjigaatti raabsamanii akka qorataman haalli mijaa'eera.
#Barattoota qorumsa fudhatan gara yuunvarsitii qorumsa itti fudhatan geessuufi gara maatii deebisuu koreen sadarkaa Naannoo irraa kaasee hanga mana barnootaa jiru qindoominaan hojjacha jirra.
Koreen sadarkaa Naannoo Oromiyaa hundaa'e  kan Itti Aanaa Pirezidantiitiin kan hoggaanamu yoo ta'u miseensotni immoo:
- Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaa
- Komishiinii Poolisii Oromiyaa
- Biiroo Dhimma Dargaggoofi Daa'immanii
- Biiroo Barnootaa Oromiyaa
- Biiroo Maallaqaa Oromiyaa
- Biiroo Fayyaa Oromiyaafi
- Waldaa Barsiisotaa Oromiyaa
yoo ta'an haaluma wal fakkaatuun koreen kun sadarkaa Godinaa Magaalaaa Aanaafi Mana Barnootaatti kan qindaa'e waan ta'eef haal_duree barbaachisu mara xumuruun barattoota gara Yunvarsiitii geessuuf qophiirra jiru.
Barattoota geejjibuun kan jalqabamu Fulbaana 25/2015 irraa waan eegaluuf Barattootni Saayinsii Hawaasaa (Social Science) Baratan akka qophaa'an beekameera
- Barattootni Saayinsii Hawaasaa Baratan hanga Fulbaana 28/2015 tti mooraa Yunivarsiitii ni galu.
Fulbaana 29/2015 odeeffannoon qorumsaa(orientation) ni kennama.
Fulbaana 30 hanga Onkololeessa 02/2015tti qorumsi ni kennama.
Onkololeessa 03-04/2015 barattootni gara maatii isaanii ni deebi'u.
#_2. Barattootni Saayinsii Uumamaa(Natural Science) Baratan immoo:
- Onkololeessa 05-06/2015 gara mooraa Yunivasiitii yoo galan
Onkololeessa 07/2015 odeeffannoon qorumsaa(orientation) ni kennama.
Onkololeessa 08 -11/2015 qorumsi yoo kennamu
Onkololeessa 11/2015 jalqabee barattootni Saayinsii Uumamaa gara maatii isaanii geggeeffamu.

#Yunvarsiitiiwwan Barattoota simachuuf qophii xumuraniiru
- Balbala Yunvarsiitii irraa jalqabee ni simatu
- Bakka hirriibaa( ciisichaa)/ Sireefi Firaashiin qophaa'eera
- Nyaatni qophaa'eera
- Manni yaalaa qophaa'eera

Walumaagalatti Yunvarsiitiiwwan keenya barattoota keenya guutumaa guutuutti kunuunsuuf  waan qophaa'aniif Barattootnifi Maatiin Barattootaa akka homaa hin yaadne dhaamsi dabarfameera.

#Barattootni Gara Yunivarsiitii yoo dhuftan wanti qabachuu qabdan:
* Waraqaa eenyummaa kan  Gandaa
* Addimison Card (Waraqaa eenyummaa Qorumsaa)
* Qalama(pen)
* Irsaasii(pencil)
* uffata Halkanii
#Barattoonni gara Yunivarsiitii yoo dhufan kan qabachuu hinqabne ykn wantoota dhoorkaa ta'an immoo
* Moobayilii
* Kalkuletarii
* Sa'aatii harkaa
* Meeshaalee Elektrooniksii kamiyyuu
qabatanii dhufuun dhoorkaadha.

#Hubachiisa

Ramaddiin Barattootaa Waajjira Barnootaa Godinaalee/ Magaalotaa Waajjira Barnootaa Aanooleefi Manneen Barnootaa waan gaheef haaluma ramaddiitiin akka itti deemamu haata'u.
Itti aansuudhaan barattootni keenya qalbiifi tasgabbiin qorumsa keessan akka hojjattan yaboo jechaa;
karaa irra deemtaniif Nagaa Mooraa Yunivarsiitii keessatti Carraa Gaarii fi karaa gara maatii irra galtaniif immoo Gammachuu isinii hawwina.




SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡JOIN👇SHARE

@ABDII_SABAA1
@ABDII_SABAA1

📚KITAABA BARATAA📚

https://t.me/+G5ZeAWrgdBswODU0


➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin.
#Kutaa_8ffaa

Barattoonni kutaa 8ffaa Magaalaa Finfinnee Firii keessan karaa liinkii asii gadiitiin ilaallachuu dandeessu!
👇👇👇
https://aa.ministry.et/result

#Hubachiisa

Liinkiin kun App #VPN yoo cuftan malee isiniif hin banu.
​​Sirna Barnootaa Haaraa Hojiirra Oolchuuf Kutannoon Barsiisaa Hundaa Ol Murteessaadha Jedhame.
----------------
BBO- Fulbaana 6/2016 Leenjiin Leenjistootaa Sirna Barnootaa Haaraa Manneen Barnoota Sad. 2ffaa guyyaa lamaaf irratti mari'atamaa ture har'a xumurameera.
Leenjii kenname irratti hirmaattotni garee gareen qoodamanii marii taasisaa kan turan yoo ta'u, marii kana keessatti Sirna Barnootaa Haaraa hojiirra oolchuun dhaloota gahumsa qabu oomishuu keessatti kutannoon barsiisaa hundaa ol murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Barsiisaan dhaloota egeree gahumsa itti horuun hawaasa qaroome arguuf of kennee kutannoon yoo hojjate malee galma barbaadame gahuun rakkisaa ta'a, kan jedhan hirmaattotni mootummaanis kitaaba barataa hattatamaan dhaqqabsiisuu akka qabu himaniiru.
Yaadni waliigalaa hirmaattotaa irraa ka'es;
-Kitaaba barataa yeroon maxxansiisanii dhiheessuu irratti qaamni hundi xiyyeeffannoo kennee irratti hirmaachuu akka qabu,
-Leenjiin kun sadarkaan caasaa gara gadiifis haluma walfakkaatuun kennamuu akka qabu marii gareen gaggeeffame keessatti akka ijootti qabxii ka'e ta'uu,
- Gahumsa barsiisotaa irrattis ciminaan hojjatamuu qaba, keessattuu barnoota sadarkaa 2ffaa Afaan barnootni qophaa'een(Ingiliffaan) barsiisuu irratti hanqinni waan jiruuf irratti hojjatamuu akka qabu,
-Barnoota Sadarkaa 1ffaa keessatti barsiisotni Afaan Oromootiin barreessuu irratti rakkatan waan hedduu ta'aniif keessattuu barsiisota kutaa 1- 4 barsiisan kanneen Afaan Oromootiin barreessuu rakkatan irratti hojjachhuu qabna kan jedhan hirmaattotni, rakkoo kana hiikuuf leenjiin walirra hin cinne keenuufii akka qabaniif hordoffii barbaachisaa ta'e gochuun akka isaan irraa eegamu akka yaada walii galaatti kaasaniiru.

Leenjitootni guyyaa lamaaf leenji'an kunnin guyyaa boruu 07/01/2016 irraa jalqabanii hanga 12/01/2016 hanga mana barnootaa gadi buusuu akka qaban qajeelfamni kennameefiira.
Meeshaan itti leenjisanis qajeelfamoota Imaammata Barnootaa Haaraa, maanuwaalii Imaammataa, kitaaba mala ittiin barsiisanii, maanuwaalii karoora boqonnaa(Unit Plan), viidiyoo haala sirna barnootaa haaraa ittiin barsiisaniifi  barreeffamoota 'Softcopy' adda addaa akka ittiin leenjisan kennameefii jira.

Dhumarratti, akka Biiroo Barnootaa Oromiyaatti guyyaa 07-12/01/2016 Torban Barnootaa kabajamuu qaban I/A hoggantuu Biiroo Barnootaa Oromiyaa adde Magartuu Mahaammadiin ifa taasifamee jira.
Guyyootni Kunniinis;
07/01/2016, #Guyyaa_Safuu
08/01/2016, #Guyyaa_Saayinsiifi_Teeknoloojii
09/01/2016, #Guyyaa_Barreessuu_Dubbisuu, Lakkoofsa QoyyabachuufiHerreguu,
10/01/2016,
#Guyyaa\Tajaajila Lammummaa,
11/01/2016, #Guyyaa_Daa'imman Hundi Gara Mana Barnootaatti Deebi'an
12/01/2016, #Guyyaa_Madaqsina Sirna Barnootaa Haaraa jedhaman Biiroo Barnootaa Oromiyaa irraa kaasee hanga manneen barnootaatti haala ho'aa ta'een akka kabajaman ergaan darbeera.
Haaluma wal fakkaatuun guyyaa manneen barnootaa banaman 14/01/2016 irraa eegalee torban 6f kan turu #Duulli_Dubbisuu_Barreessuu_Lakkoofsota_qoyyabachuufi_Herreguu dandeessisuu barattoota kutaa 1-4 jiraniif taasifamu kan itti fufu ta'uu qaba kan jedhan adde Magartuun, dhumarratti, Hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjannus ta'ee, leenjii Sirna Barnootaa Haaraa irratti guyyaa lamasf ture kana galmaan gahuuf kutannoon dursa sadarkaa jirru irraa jalqabamuu waan qabuuf galtanii akka hojiirra oolchitan jechuun leenjiin xumuramuu ibsaniiru.
#Hubachiisa:- Manneen Barnootaa Kan Adeemsa Baruufi Barsiisuu kan eegalan/Banaman #Fulbaana_14/2016, Ganama Sa'aatii 2:00 irraa ta'a.

maddi👇
Oromiaeducationbureau
t.me/Sammaan
BEEKSISA HATATTAMAA!
Waamicha #Galmee_Barattoota_Haaraa_Bara_2016_Kutaa_9ffaatti Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaafi Waldaa Misooma Oromiyaa Bultii Addaa Sad.2ffaa Ramaddii Argattan Hundaaf.
------
Barattoonni qormaata seensaa fudhattanii gara kutaa 9ffaatti dabartanifi ramadamtan  Guyyaan galmee Fulbaana 23 fi 24/2016 waan geggeeffamuuf waantoota armaan gaditti eeraman qabachuun mana barumsaa ramadamtanitti argamtanii akka galmooftan isin hubachiifna.

Wantoota Barattootni Qabatanii Argamuu Qaban:
1. Ragaa tiraaniskiriiptii kutaa 7ffaa fi 8ffaa oriijinaala kooppii tokko waliin;
2. Ragaa Qormaata Naannoo kutaa 8ffaa oriijinaala kooppii tokko waliin;
3. Waraqaa qulqullinaa mana barumsaa duraan turan irraa;
4. Dosee (kilaaseerii) tokko;
5. Uffata halkanii (Uffata Qorraa, ansoolaa, uffata boraatii)
6. Hidhannoo(uffata) ispoortii guutuu;
7. Kophee kutaa ciisichaa (isliipparii);
8. Suuraa abbaa 3x4 kan barataa 6 fi kan maatii/ wabii 2;
9. Baruulee fi meeshaalee barnootaa biroo  barbaachisoo ta'n;
10. Maatii/ wabii barataa galmeessisu;
11. Kaffaltii baasii qooddannaa (cost share) qarshii 3,000.00 herrega baankii mana barumsaatti galchuun nagahee qabattanii dhiyaachuun galmee raawwattanii barnoota keessan akka eegaltan Biiroon Barnootaa Oromiyaa waamicha isinii taasisa.
#Hubachiisa:- Lakkoofsa herrega Baankii Manneen Barnootaa irraa kan isiniif kennamu ta'uu ni beeksifna.
#Barattootni_Keenya; Baga Gara #Mooraa_Qaxaleewwan_Oromiyaatti Nagaan Dhuftan!
Bara Barnootaa Gaarii Isiniif Haa Ta'u!

https://t.me/oeb_book_store
https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau
@Sammaan
Forwarded from 𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر (Telegram)
Yeroo nyaata fayyadamtu wantoota armaan gadii kana akka hin daganne. isaanis;

1) Hanga dandeetteen harka hedduu waliin nyaachuuf yaali..
(Jamaa'aadhaan nyaachuun barakaa waan qabuuf)👇
• قال عليه الصلاة والسلام :
(اجتمِعوا على طعامِكم ، و اذكروا اسمَ اللهِ يُبارَكْ لكم فيه) .
2) Nyaanni siif dhihaate hoo'aa taanaan hanga siif qabbanaahutti itti hin ariifatin... nyaata akkasii sana keessa barakaan heddummmatti.. 👇
•قال عليه الصلاة والسلام :
(إنه أعظم للبركة) .
يعني الطعام الذي ذهب فوره .
3) Nyaata hin qeeqin... yoo sitti tole nyaadhu... yoo jibbite dhiisi... 👇
•فقد كان عليه الصلاة والسلام لا يعيب طعامًا قط ، إذا اشتهاه أكله ، وإن كرهه تركه .
#Hubachiisa; Nyaata tokko keessa, soqiddi dabalee fi hirdhatee namatti himuun nyaata qeequu hin jedhamu...
4) Yeroo nyaata eegaltu Bismillah jechuu hin dagatin.. 👇
•قال عليه الصلاة والسلام :
( إذا أكلَ أحدُكم طعامًا فليقل بسمِ اللهِ فإن نسيَ في أوَّلِه فليقل بسمِ اللهِ في أوَّلِه وآخرِه ) .
👉 Yoo jalqabarratti dagatte.. yeroma yaadattetti "Bismillah fi awwalihii wa'aakirihii" jedhi.
5) Harka mirgaatiin nyaadhu. mirgaan namaaf kenni, mirgaan namarraa fudhadhu.👇
•قال عليه الصلاة والسلام:
( إذا أكل أحدُكم فليأكلْ بيمينِه ، و ليشربْ بيمينِه ، و ليأخذْ بيمينِه ، و لْيُعطِ بيمينِه ، فإنَّ الشيطانَ يأكل بشمالِه ، ويشرب بشمالِه ، و يعطي بشماله) .
6) Saafaa/qorii walakkaa osoo hin taane... bakka sitti aanu irraa eegalii nyaadhu... Barakaan walakkaa qoriitti booti waan taateef.... 👇
•قال عليه الصلاة والسلام :
( كلوا في القصعةِ من جوانِبِها ، ولا تأْكُلُوا مِنْ وسطِها ، فإِنَّ البركَةَ تنزِلُ في وسطِها) .
7) Yeroo waa nyaattu hin irkatin... qajeeltee taa'uun qabda... 👇
قال عليه الصلاة والسلام :
( لا أكل وأنا متكىء ) .
8) Garaa irratti ciistee nyaachuun dhoorkaadha...👇
•عن ابن عمر قال :
(نَهَى عن الجلوسِ على مائدةٍ يُشْرَبُ عليها الخمرُ ، وأن يأكلَ وهو مُنْبَطِحٌ على بطنِه) .
9) Humnaa ol nyaachuu dhabuu... 👇
•قال عليه الصلاة والسلام:
( كلوا ، واشربوا ، وتصدقوا ، والبسوا ، في غير إسراف ولا مخيلة) .
( Nyaadhaa, dhugaa, sadaqadhaa, uffadhaa, garuu israafa hin godhinaa, ittiinis hin booninaa...)
10) Tola Rabbiin sitti oole kanarratti Rabbii kankee galateeffachuu qabda. 👇
• قال عليه الصلاة والسلام :
( إن الله ليرضى عن العبد أن يأكل الأكلة فيحمده عليها ، أو يشرب الشربة فيحمده عليها ) .
11) Nama nyaata si nyaachise sanaaf du'aa'ii akkana jettee kadhachuu qabda.
ليقل : أكل طعامكم الأبرار ، وصلت عليكم الملائكة ) .
Share👇
https://t.me/tafak_or
Forwarded from ABDII SABAA
#Beeksisa

Barattoota Qormaata Irra Deebii(Re-Exam) fudhattanu maraaf:-

Qormaata bahuumsaa Gurraandhala 6/2016'tti kennamu qoramuuf eega kan jirtan, qoramtoonni hunduu lakkoofsa iccitii ittiin qormatan(password) akkaataa asii gadiin ibsameen argachuu dandeessu.

1.Yeroo galmooftan email keessan guuttaniin.

2.https://exam.ethernet.edu.et irra seenuun Transaction Number kaffaltii ittiin raawwattan guutuun.

3. Yuunivarsitii itti qormatan deemuun Yuunivarsitiicha irraa argachuu dandeessu.

#Hubachiisa
Barattoonni marsaa jalqabaaf qormaata bahuumsaa fudhattanu martuu lakkoofsa iccitii keessanii ittiin qormatan Yuunivarsitii keessan Dura bu'aa Muummee keessanii biraa kan argattanu ta'a.

Qormaanni Moodeela haga Gurraandhala 5/2016'tti kennama.

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚
@ABDIISABAA 📚
Forwarded from Oromia Education Bureau (BIIROO BARNOOTAA OROMIYAA(2016 E.C))
22/09/2016
#Hubachiisa

#Qormaata_kutaa_6ffaafi_8ffaairratti dhimmoota #xiyyeeffannoo_barbaadan:-
----------------------

Biiroon Barnootaa Oromiyaa seenaa keessatti isa jalqabaafi adda ta'e barattoota miiliyoona 1.4 ol ta'aniif qormaata Naannoo kennuuf qophii xumureera.
Qormaata Naannoo kan fudhatan barattoota #kutaa_6ffaa 731,955 #kutaa_8ffaan immoo, 672,500, #walitti_barattoota 1,404.455 yoo ta'an,
#Caamsaa 29-30/2016fi #Waxabajjii 4-5/2016tti walduraa duubaan qormaata kan kennu ta'uun beekameera.

#Baay'inni #barattoota_qormaata_fudhachuuf_qophaa'anii (kutaa 6fi 8 qofti) lakkoofsa biyyoota addunyaa hedduu(#Jibuutii_dabalatee_baay'ina #ummata_biyyoota_70 ol ta'an kan caaludha.

Akka naannootti barattoota heddummina hanganaa qaban qoruu jechuun humna namaa, maallaqaafi meeshaalee hedduun kan irratti dhangala'e ta'uun beekamaadha.

Kanaafuu, Qormaatni kun akka galma gahu hawaasni, maatiin baratttootaa, caasaan mootummaa sadarkaan jiru, qaamni nageenyaa sadarkaan jiru, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, abbootiin amantii, caasaan barnootaa sadarkaan jiru, qaamni waraqaa qormaataa geejjibsaa jiru, qaamni waraqaa qormaataafi iddoo qormaataa hordofu hundi #firiin_barattoota_keenyaa_akka_jalaa_hin_qisaasamne qormaatni raabsamee, kennameefi waraqaan deebii qormaataa hanga Biiroo Barnootaatti deebi'utti, #keessattuu_Gumiin_Tiraansiformeeshiinii_Barnootaa_Oromiyaa_sadarkaan_jirru_hundi_xiyyeeffannoo_olaana_kennuun_hordofuu qabna.

#Xiyyeeffannoowwan;
#Waraqaan_qormaataa_yeroo geejjibamu_konkolaataa irratti/bakka kuufamutti roobni akka hin tuqne, bakka wanti waraqaa nyaatu hinjirre(hantuuta),fi kkf hin jirre taa'uu qaba.
#Qormaatni_hannaaf_akka_hin-saaxilamne,
#Iddoon_Qormaatni_itti_kennamu nagaa kan qabuufi waca hin qabne.
#Qormaata_booda,_waraqaan_deebii of eeggannoon saamsamee gara BBO akka dhufu hordoffii wal irraa hincinne gochuu milkaa'inaaf haa hojjannu..

#CARRAA_GAARII !

-BBO-

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. |

👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/

📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
Forwarded from Oromia Education Bureau (BIIROO BARNOOTAA OROMIYAA(2016 E.C))
Dilbata, 02/10/2016
#YAADACHIISA!
#Qormaata_Xumura_Barnoota_Sad_1ffaafi_Giddu_Galeessaa (kutaa 8ffaa) Bara 2016.
---------------
Qormaatni kutaa 8ffaa ;
- Kan Qophaa'e #Gosoota_Barnootaa_Kutaa_8ffaa_Keessaa_Qofa.
Isaanis,
1-Afaan Oromoo
2-Afaan Amaaraa
3- Afaan Ingilizii
4- Herrega
5- Barnoota Lammummaa,
6-Barnoota Gadaa,
7- Saayinsii Waliigalaa
8- Barnoota Hawaasaa fa'a

#Guyyaan_Qormaatni_kennamu, Waxabajjii 04-05/2016
- Baay'ina #Mana_Barnootaa Qormaata Fudhatu:- 9,633.
- Baay'ina #Barattoota Qormaata Fudhatanii:- 672,500.
- Baay'ina #Wiirtuu_Qormaatni itti kennamu:- 1424.

#Hubachiisa:- #Gabatee_Sagantaa_Qormaataa_Ilaalaa!

#Carraa_Gaarii
- BBO -
Forwarded from Biiroo Barnoota Oromiyaa
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Oromia Education Bureau
#Manneen_Barnootaa 37,941 ol keessatti, #Barsiisota kuma 300 oliin #barattoota miliyoona 12 ol simachuuf galmeen jalqabamee ture guyyaa 2ffaasaa itti fufee ooleera
---------------
BBO- Hagayya 28/2016 Bara Barnootaa 2017 Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu - 20,225 ol, Sadarkaa- 1ffaa 16,351ol , Sadarkaa 2ffaa- 1,365 ol ta'an,
#waliigalaatti Naannoo Oromiyaa Keessatti Manneen Barnootaa 37, 941oli keessatti baratan barattoota miliyoona 12 ol ta'an, barsiisota kuma 300 ol qabnuun simannee barsiisuuf galmee barattootaa guyyaa 2ffaa har'a itti fufee ooleera.

Galmee barattootaa hanga Qaammee 5/2016tti kan itti fufu waan ta'eef barattootnifi maatiin barattootaa hatattamaan akka galmooftan/ galmeessiftan gamanumaa isain yaadachiifna.

#Hubachiisa:- Manneen Barnootaa Bu'uura Boruufi Sad. 1ffaa yeroo dhihootti xumuramanii tajaajilaaf banaman kan jiran ta'uu himuu barbaanna.

Http://t.me/catsgang_bot/join?startapp=ejR8LGeJiiD52DY35QP4T

Oromia Education Bureau