Dawaa Qalbii
7.15K subscribers
1.28K photos
22 videos
10 files
2.01K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Qabxii Shan nama Qalbii tee si cabseef Wanti sirraa eegamu.

1- Isaan maletti gammadaa ta'uu akka dandeessu lubbuu tee amansiisuu.

2- Isarraa haloo bahachuu yaaduu dhiisuu. Waa'ee isaa irraanfachuuf yaaluu.

3- Namoota Waa'ee isaa si yaadachiisan irraa fagaachuu fi waa'ee sanii xiinxaluu dhabuu.

4- Jireenya kee jijjiiruu irratti xiyyeeffachuun yeroo kee lubbuu keetiif kennuu.

5- Inni nama qalbii Si cabse tahuu beekuudhaan Waan inni si godhe garatti qabattee isa miidhuuf yaaduu dhabuu fi Waa'ee keetiif mataa keetiin yaaduu danda'uu ofitti himuu

Karaalee Shanan kan qajeellotti hojirra oolchinaan yaadaan teessee yeroo kee gubaa hin ooltu. Keessattuu Warrii Jaalala qabatama hin qabneen qalbiin isin cabxe tooftaalee armaan olii fayyadamaa.

Waliif #Share godhaa

@JemalSheikhBakri1
@Sammaan
Barnoota Soomana Ramadaanaa
🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌🕌
Kutaa {14ffaa}

Seera Zakaa Fixrii

🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀

▪️Zakaa fixrii jechuun sadaqaa yeroo soomana ramadaanaa xumuran dhuma isaarratti keennamtu jechuudha. Faaydaan isiitis dogoggoraafii badii irraa soomana namaaf qulqulleysiti.

~Zakaan Fixriidha muslima hundarratti dirqama.
~Isiin midhaan suguda tokkootu (k.g 2.40) yoo kiiloo lamaaf cinaa
godhan haalaan gaariidha.) nama tokkorraa baasuu barbaachisa.
ٍ
📚Hadiisatti Abdallaa ibnu umar(r.a) akki jedhe “Nabiin(s.a.w) tokko tokkoo muslimtootaa irratti zakkaa fixrii tan ramadaanaa dirqama godhe, hunduma muslimaarratti bilisa tahuu ,gabra tahuu, dhiira tahuu dubartii tahuu, guddaa tahuu xiqqaa tahuu, suguda (kooboo) takka timirarraa yookaan garburraa nama tokkorraa kafalama jedhe.”

•Jecha bukhaarii keessatti “nabiin (s.a.w) zakaa fixrii dirqama godhe …jedhee hadiisa oofee achi keessatti.. osoo namni gara salaata iidaa hinbaane duratti akka kennamtu ajaje.” jedhe.

⚡️Faayidaan(Hikmaan) zakaan Fixrii dirqama godhamteef?

~Nama soomane dogoggoraa fii badii irraa qulqulleessiti, hir’ina isaati guutti, bakka jallate diriirsiti.gargaarsa namoota hiyyeeyyiiti taati, guyyaa iidaa kabajamaa kana keessatti kadhaadhaaf hula namaarra deemurraa isaan duroomsiti. Akkuma ummanni kuun gammachuun iida godhanitti hiyyeessinis quufee beela bahee ummataan wajjiin gammachuu iidaa akka hirmaatu gargaarti .

📩Yaadaa fi Gaaffif 👉 @Baytal_Nur_bot

🌙#Ramadan 28,1443H

🌺#Share🌺
|| @Baytal_Nur ||
|| @Baytal_Nur ||
SIRRITTI NAAF HUBAADHU !!!
◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇

■◇-kan yeroo hundaa kolfu beekkumsa of dhoowwa.
■◇-kan yeroo hundaa kadhatu kennaa of dhoowwa.
■◇-kan yeroo hundaa kakatu amantii of dhoowwa.
■◇-kan yeroo hundaa jarjaru hiree of dhoowwa.
■◇-Dubbachuun immoo gootummaa mitii!
■◇Cal'isuun sodaaf miti !

■◇-Kaayyoo kee hin dagattiin!
■◇-DHaageesseef hin dubbaatin!
■◇-Argaateedhaf hin nyaatin!
■◇-Waan xiqqoo hin gowwoomin!
■◇-Iccitti kee hin himaatiin!
■◇-Rakkoo kee hin dhokfaatin!
■◇-Hirriyyaa kee hin tufaatin!
■◇-Dhandhamachaa nyaadhu!

■◇-Tilmaamitti dubbaadhu!
■◇-Fakkeesittu hin ta'iin!
■◇-Dhugaaf falmu filaadhu!
■◇-Baay'ee dhageefadhuu!
■◇-Xiqqoo immoo dubbaadhuu!
■◇-Kan namaa hin dubbaatiin!
■◇-Kan kee hin dhisiin!
■◇-Nama hin sodaatiin kabaajii malee!

■◇-Ofi immoo hin tufaatiin!
■◇-Gowwaa naman hin jedhiin!
■◇-Beeka ofi hin godhin!
■◇-Amaantii kee kabajii!
■◇-Kan nama hin tufaatiin!

Galatomaa marree ergaa dubbistee sitti tole bodaa hirriyyota kee kan jalaatuf #share godhii😍
@forgiveMeAllahKanaaTuquunMatiiTa

keessan warii channal keenya join hin godhin join godha.        
       Warii garee  channal makama                    @forgiveMeAllahKanaaTuquunMatiiTa
@forgiveMeAllahKanaaTuquunMatiiTa
Warii channal garee kenya makama
@gariira
GORSA

Nama si miidhe RABBIIN nama isa miidhu itti godha!
Nama si boochise guyyaa tokko RABBIIN boochisuuf taa'a!
Yoo akkas nama gootes akkas ta'uuf teessa!

Qalbiin dhiifama beektu: tasgabbii dhugdee qananiiti.
Sammuun murtii RABBII jaalatte: ifaa gammachuutiin guutamti!
Yaa ALLAAH jedhaa rafi. Ganama kolfaa Al-Hamdulillaah jedhaa dammaqxaa!

Hangam geessus boolla biyyee keessatti awwaalamuuf deemta!
Ilmi namaa akka waan ati takkaa hin dhalatinitti si irraanfachuuf taa'u!
Hojii gaarii fi amala gaarii qofatu addunyaa kanarratti sirraa hafa!
Qaama caala seenaa kee hin dagatin!

Yoo hiriyyoomte: nama iccitii kee eegu. Hanqina kee guutu. Gaarii kee raabsu. Dogoggora kee maree dhoksu maletti hin hiriyyoomin. Yoo dhabde of qofatti hiriyyoomi!

Gadhee fi gadiin namaa: nama yoo siin wal dhabu gaarii kee wakkatuu dha.
Ammoo jabaa fi gaariin namaa: kan yoo siin wal dhabes gumaacha kee hin dagannee dha.
Kaan nurraa qabee
Kaan nutti haa qabu!

Jaalalleen osoo wajjiin jiraattu tasa sitti jijjiiramee si iddu: duraanuu bofa suuraa namaatiin si wajjiin jiraatuu dha.
Garuu dandeettii fakkeessee jiraachuu haala adda taheen danda'a waan ta'ee si daguu danda'e malee!
Bofa afaa jalaa RABBIIN nu haa baraaru!

Nama si miidhee hamilee kee cabse: daftee irraa kafalachutti hin deemin!
Irraa achi siqii waan RABBI isa godhu laali!
RABBIIN gaafa namaaf kafalu nama quubsa!
Garaa bobahe RABBIIN haa qabbaneessu !

Nama badaa fi jallataa yoo RABBIIN ol fuudhe hin ajaa'ibsiifatin!
Wanti ol fuudhuuf ol fageessee gaafa lafaan rukutu akka inni caccabuufi!
Adeemsi RABBII nama dhiba!

Namni duubaan si waraanu nama akkaan sitti dhiyaatu tahuu hin dagatin!
Saniif fuula dhokfatee jiruu tee duubaan waraane!
Of eeggadhu !
Buutii akkasii RABBIIN waliin nun gahin!

Namni hedduu siif obsee si danda'u: gaafa garaan cite lammata hin deebi'u!
Namni akkasii hedduu waan hin argamneef hin qisaasin!

Inni maaf na gate? Inni maaf nan gaafanne?! Jettee namarra of hin eegin!
Namni dhugaan si jaalatu si gatuu fi si dagatuu hin danda'u waan ta'eef!

Qabeenyi si boonsu: hiyyummaa dha
Beekumsi si koorsu: harrummaa dha!
Bareedumni si goobsu: jazbummaa dha!
Join https://t.me/Alrisala1
Barreeffama Kana Nama Muslimaa Hundaaf #Share Godhaa.

Rabbiin Keenya Waan Fedhe Uuma. Kan Uume Keessaas Wal Caalchise. Guyyootni Kurnan Ji'a Zul-Hijjaa Jedhamuun Beekaman Kun Guyyoota Rabbiin Caalchise Keessaa Tokkoodha.

Guyyootni Kurnan Ji'a Zul-Hijjaa Kun Guyyoota Rabbiin Uume Hundumaa Ni Caalu. Ulamaa'iin Akka Ibsanitti Kurnan Ji'a Zul-Hijjaa Kun Guyyoota Ramadaanaa Ni Caalu Jedhu.

Guyyoota Kanniin Keessa Dalagaaleen Kheyrii Dalagaman Hundi Rabbiin Biratti Sirritti Jaalatamoodha. Ajriin Isaaniis Baay'ee Guddoodha.

Jaabir Irraa Akka Odeeffametti Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan " Guyyoota Rabbiin Uume Keessaa Caaltuun Guyyoota Kurnan Ji'a Zul-Hijjaati" Jedhan.

ﺟﺎﺑﺮ ﻋﻦ ﺍﻟﻨﺒﻲ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ ﻗﺎﻝ : "ﺃﻓﻀﻞ ﺃﻳﺎﻡ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﺃﻳﺎﻡ ﺍﻟﻌﺸﺮ" رواه البزار وابن حبان وصححه الألباني

Abdallah Ibn Abbaas Irraa Akka Odeeffametti Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jedhan " Guyyoota Kurnan Tanniin Caalaa Guyyootni Dalagaan Isaan Keessaa Dalagamtu Rabbiin Biratti Sirritti Kan Jaalatamu Hin Jirtu" Jedhan. Sahaabonni Akkana Jedhanii Gaafatan "Karaa Rabbii Keessatti Jihaada Gochuunis Hin Caalu Moo?" Eeyyan Hin Caalu, Garuu Nama Qabeenya Isaa fi Lubbuu Isaatiin Bahee Lachaniinuu Hin Deebi'in Malee" Jedhan.ﷺ

فعن ابن عباس رضي الله عنهما عن النبي صلى الله عليه وسلم قال: “ما من أيام العمل الصالح فيهن أحب إلى الله منه في هذه الأيام العشر. قالوا ولا الجهاد في سبيل الله؟!! قال: ولا الجهاد في سبيل الله، إلا رجل خرج بنفسه وماله ولم يرجع من ذلك بشيء” أخرجه البخاري 2/457.

Guyyoota Kanniin Keessa Dalagaa Kheyrii Dandeettan Hundatti Jabaadhaa. Namni Sooma Dandeessan Soomaan Dabarsaa. Sadaqaa, Du'aa'ii , Salaata Sunnaa fi Kkf Dalagaalee Kheyrii Hundumatti Hirmaadhaa. Rabbiin Kheyrii Hundaa nuuf Haa Laaffisu. Aamiiiiin.
Oduu!
Uffanni Ka'abaa guyyaa kaleeysaa jijjiirameera. Uffanni Ka'abaa duraan Kan jijjiiramu ji'a Zulhijjaa keessa Yoo tahu waggaa arraa irraa eegalee, ji'a Muharram keessa jijjiiramti ja'ameera. Waa'ee jijjiiraa Uffata Ka'abaa isiniif qooduu?!

- Uffanni Ka'abaa kun irra Qaalii uffata Addunyaa Yoo tahu waggaa arraa dooraala Miliyoona 6.5 tu itti baafame.

- Uffanni kun Wagga Waggaan King Abdulaziiziin irraa jijjiirama. Hojjattoota 200 oltu itti hirmaata.

- Uffanni kun ulfaatinni isaa 850 Kg nitaha. Waggaa arraatiis Uffanni kun Nama hedduun daawwatameera!

Amata dhufu Nama Ka'abaa tana jala dhaabbatee Labbeeyka ja'u Rabbi sihaa godhu!
From https://t.me/Alrisala1

T.me/Sammaan
Qabrii Ziyaaruu

Ziyaaran qabrii Sadarkaa saditti qoodama:
1. Ziyaaraa shari’aadhaan hayyamame:Kun qabxiiwwan armaan gadii of jalatti qabata:
-> Aakiraa yaadachuuf qabrii ziyaaruu
-> Warra qabriitin salaama jedhuuf
-> Du’aa’ii isaaniif kadhachuuf

2. Ziyaaraa Bid’aa (wanta haaraa Islaama keessa hin jirre):Ziyaaran bifa akkanaa tun tawhiida nam jalaa dhabamsiifti, karaawwan gara shirkiitti Nama geessu irraayi. Kana keessaa:
-> Qabrii biratti ibaadaa niyyatuu
-> Qabriin barakaa barbaaduu
-> Mindaa (sawaaba) kennuu
-> Fe’atanii Gama isii deemuu fi Kan kana fakkaatanii dha.

3. Ziyaaraa Shirkii:
Bifni ziyaaraa kuunniin tawahiida gonkumaa nama jalaa dhabamsiisa. Kunis ibaadaa abbaa qabrii sanaaf gargalchuu jechuudha.
Fakkeenyaaf:
a. Rabbii gaditti waamachuu yookin kadhachuu.
b. Ittiin gargaarsifachuu fi birmannaaf yaamachuu.
c. Qodhaa (nazrii) fi waa qaluufii fa’aa fi kan kana fakkaatanii dha.

🌺#Share🌺
@Baytal_Nur
|| @Sammaan