Dawaa Qalbii
7.71K subscribers
1.33K photos
24 videos
10 files
2.05K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from Faana beekumsaa (Kaayyoo Koo)
#BREAKING_NEWS
#COVID19
@gaaddisa_dhugaa irraa


Oduu Ammee

#ETHIOPIA |Ityoophiyaatti namni dabalataa 1 Koronaavaayirasiin qabame argame.
#COVID19

Ityoophiyaatti sa'aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabraatorii 294 gaggeeffameen namni dabalataa 1 Koronaavaayirasiin qabame argame. Kuniis lakkoofsa waliigalaa 56 taasiseera.

Namichi ganna 43 kun dhalootaan Ityoophiyaa yoo ta'u lammuummaan isaa Kaanaadaadha. Kaanaadaarra gara Duubaay imalee, achirra immoo gara Ityoophiyaa seenee iddoo tursiisa keessa kan tureedha.

Walumaa galatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabaman 56 gaheera.

T.me/gaaddisa_dhugaa
LAMMIILEE ITOOPHIYAA SAA'UDI ARABIYAATTI HIRAARFAMAA JIRAN

Lammiileen keenya biyya Saa'udi Arabiyaa keessatti hidhamanii hiraarfamaa jiran tumsa keessan, tumsa keenya, tumsa isaanii barbaadu. Kanaaf waan dandeenyuun haa dirmannuufiin dhaamsa kiyya.

Rabbiin haa dirmatuuf !!!

#SaveOurPeopleInSaudiArabia
#SaudiArabia 🇸🇦
#Ethiopia 🇪🇹
#savelives
#AmnestyInternational
#HumanRightsWatch
#UNHumanRightsCouncil
#UN

@Sammaan
#ETHIOPIA 🛫 #SAUDI_ARABIA

Balalliin Xiyyaara Itiyoophiyaa gara Sa'udi Arabiyaa ( Jiddaa fi Riyaad) ji'oota hedduuf addaan citee ture eegalamun ibsameera.

Balalliin gara Sa'udi Arabiyaa addaan citee ture Bitooteessa 6, 2014 eegalee kan itti fufe ta'uu daandiin qilleensa Itiyoophiyaa ibseera.

@Sammaan
Forwarded from TIKVAH AFAAN OROMOO
#SaudiArabiyaa #Ethiopia

Hojiin lammiilee Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessatti argaman gara biyyaa deebisuu Wiixata dhufuu akka eegaluu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Ministirri deetaan Ministeera Dhimma Alaa aadde Birtukaan Ayyaanoo ibsa laataniin, Ityoophiyaanoota Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessatti argaman gara biyyaa deebisuuf qophiin duraa xumurameera jedhan.

Koreen biyyoolessaa dhaabbilee 16 of keessaatti haammate gara hojiitti galuu kaasuun, kanaanis Wiixata dhufuurra eegalee lammiilee rakkoo hamaa keessaa jiraan gara biyyaa deebisuu ni eegala jedhaniiru.

@tikvahethafaanoromoo