Sami PL
5.96K subscribers
585 photos
7 videos
1.23K files
702 links
💥Our origin is the Encouragement of our children's students💥
👉 Work sheet grade 9-12 💥
👉 Text books and teacher guide from grade 9-12
👉 Models and previous entrance exam
👉 To share your thoughts with us through
@SamuelDerejeW
Download Telegram
Forwarded from Estifanos Tamiru
❤2
Forwarded from Estifanos Tamiru
BARNOOTNI EEGALEERA! WARRI HIN GALMOOFNE BAKKA MURTAA'AA QABNUTTI DURSAA GALMAA'AA.
👍4
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❤️U can get All SamiPl
At once now view my community and show your reaction
🔥11🥰1
One Video
Coming soon for #grade12
❤17🔥2🥰1
Sami PL
One Video Coming soon for #grade12
hara'a sa'atii 11tti
warri jirtan reaction
❤7🥰2
Forwarded from GADAA ERA||UNIVERSITY
Yooyyaa🙌
Hunduu akkam jirtu

Barattoota Gara Yuuniversiitiitti Imalaniif Ergaa Kana Qaqqabsiisaa

akkuma beekamu torbeen dura keenya jiru yeroo itti barattoonni haaraan gara mooraa seentanidha.har'a isaan walqabatee odeeffannoo waa'ee daandii imalaa fi yeroo gara mooraa seentan simanna isiiniif taasifamuun wal qaabatee jiru kan siniif qoodnu ta'a

📌 daandiirratti wantoota akkamiitu barataa mudachuu danda'a?
📌 barattoonni yeroo mooraatti(gara magaalaa seenani) eenyutu simata?
📌 barataan yoo dursee dhufe yuuniversiitiin ni keessummeessa?
📌 barattoonni buleeyyiin(senior) simannaa ni godhu jedhama,barattoonni kun garuu hammam amanamoodha?
📌 yeroo gara mooraatti deebitan wantoota akkamii qabattanii dhufuu qabdu?
📌 yoo mooraa seentan jalqaba gara iddoo galmee deemtumoo gara doormii itti ramadamtanii deemuu qabdu?
📌 haala rifeensa sirreessuu?........dhiirotaaf😁
📌 akkamiin haala yuuniversiitii keessa jirutti madaquun danda'ama?
📌 maatiin barataa waliin yeroo galmee argamuun dirqamaa?

gaaffiiwwan kanneeni fi kan biroo kana fakkaataniif deebii isaa qabannee jirra,itti dhiyaadha

kutaa 1ffaa


📌 daandiirratti wantoota akkamiitu barataa mudachuu danda'a?


barattoonni haaraan gara yuuniversiitiitti akka dhufan hunduu waan beekuuf hattoonni haala kanaan duraarra bifa adda ta'een gurmaa'anii socho'uu malu.

Tooftaa hanna yeroo baayye isaan fayyadamuu danda'an
✔️nama Yuuniversiitiirra ramadamee barataa simachuuf ba'e fakkaatanii socho'uu malu.garuu hunda miti barattoonni buleeyyiin(senior) yuuniversiitiirra ramadamanii barattoota simatan ni jiru.
==> Furmaata: adda baafachuu fi eenyummaa isaanii mirkaneeffachuun barbaachisaa dha.
✔️nama magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraatti imalu fakkaatanii konkolaataa keessan keessa seenuu danda'u. yaadni isaanii akkasii
==> gatiin tikkeetti konkolaataa meeqa?
✅ yoo baay'ate qarshii 2000
==> Hattuun sun qarshii hamma kana baasuun maaliif barbaachise?
✅ hattuun sun haala mijataa argatee,Laptop barataa tokko yoo fudhate karaa salphaan gara qarshiitti yoo deebifnu yoo xiqqaate qarshii 50,000 guyyaatti buufate jechuudha ,kanaafu gatiin tikkeettidhaaf ba'e akka kisaaraatti hin ilaalamu
==> furmaata: yeroo Laaqanaafis ta'e dhimma biraatiif konkolaataa irraa buutan mi'a qaalii kanneen akka smart phone,Laptop,Tablet fi Ragaale(Document) Barnootaa keessan konkolaataa keessatti dhiistanii hin bu'inaa.isaan kun gara deemtan maratti harka keessan irraa hin dhibamin‼️
✔️ barataa freshman course yuuniversiitiitti ramadame fakkaatee socho'uu mala
==> inni kun immoo akkuma barataatti boorsaatti mi'a naqatee,amalasaanii fi yoo haasa'ullee barataa gara yuuniversiitti imalu fakkaachuu danda'a😁
==> Furmaata:nama haaraa konkolaataa keessatti bartan baayyee hin amaninaa jechuu jaallanna
✔️ kan humna fayyadamanis hin dhibamani
===> fumaata: qofaa hin imalinaa. barataan mana barumsaa tokko irraa yuuniversiitii tokkotti waliin ramadamtan yoo jiraate konkolaataa tokko waliin qabadhaati waliin imalaa.
inni kun baayyee hin sodaachisu sababni isaas qaamotni nageenyaa bakka hundatti ramadamanii jiru waan ta'eef iddoo baayyeetti haalli nageenyaa gaariidha

Tooftaaan hannaa hedduun jiraachuu malu,kanas ta'e sana ofeeggachuun barbaachisaadha
Gaaffiiwwan biroof kutaa itti aanuun qabannee dhufna
Ammasitti horaa bulaa🫡

Maarree odeeffanno nuti Afaan Saba Guddaa Afaan Oromoon siniif dhiyeessaa jirru yoo jaallattan hiriyoota keessanii fi barattoota odeeffannoon kun ni barbaachisa jettanii yaaddaniif share gochuun nu bira dhaabbadhaa🙏


GADAAN GADAA MILKAA'INAATI🥰
❤3
Forwarded from GADAA ERA||UNIVERSITY
Barattoota Gara Yuuniversiitiitti Imalaniif Ergaa Kana Qaqqabsiisaa

Kutaa 2ffaa

📌 barattoonni yeroo mooraatti yookiin gara magaalaa seenani eenyutu simata?

✓ Barattoonni haaraan yeroo dhufan barattoonni buleeyyiin(senior) Yuunivarsiitii sanaan ramadamanii bifa 2'n simannaa taasisu
1ffaa==>seensa magaalaa irratti
✓Warri kun gara seensa magaalaatti ba'uudhaan barattoota simatu.sana booda konkolaataa Yuunivarsiitiidhaan qophaa'een barattoota sana gara mooraatti fidu jechuu dha.
2ffaa==>seensa Mooraa Yuunivarsiitii irratti
✓ warri kun immoo barattoonni akkuma gara mooraatti seenaniin barattoota sana mi'a isaanii gargaaruudhaan gara doormii isaan ramadamaniitti geessu.


Hubachiisa
✓ Haalli simannaa barattoota Yuunivarsiitii mara keessatti walfakkaataa ta'uu dhiisuu mala, kanaafuu odeeffannoo jiru barattoota buleeyyii Yuunivarsiitii itti ramadamtanii irraa qulqulleeffadhaa
✓ barattoonni ramadaman hundi amanamoodha jechuun ni ulfaata garuu harki caalu barattoota amala qabanii fi naamusa qabanidha.
✓ yeroo kamiyyuu taanaan mi'a qaali fi ragaalee barnootaa keessan ofii keessanii baattadha.mi'a isa kaan garuu isaanitti kennachuu dandeessu
✓yoo barataa senior kana dura Yuuniversiitii isin ramadamtanitti barachaa ture beektu ta'e yeroo mooraa seentan dhufee/dhuftee akka isin eeguuf/eegduuf waammadhaa.yoo namni akkasii hin jiru ta'e garuu of eeggannoo barbaachisaa godhaa malee barattoonni isin simatan kanneen naamusa qaban akka ta'e isiniif ibsuu jaallanna
.

Odeeffanno nuti isiniif dhiyeessaa jirru hiriyoota keessanii fi barattoota odeeffannoon kun ni barbaachisa jettanii yaaddaniif share gochuun nu bira dhaabbadhaa🙏


GADAAN GADAA MILKAA'INAATI🥰
❤1👍1
Forwarded from GADAA ERA||UNIVERSITY
WAGGAA 1FFAA IRRATTI QABXIIN AKKAMIIN BARATTOOTAAF HOJJETAMA KAN JEDHU HAR'A WALIIN HAA ILAALLU
Kutaa 1ffaa


QABXII GRADE
90-100»»»»»»»»»»»»»»»» A+ »»»»»»4
85-89»»»»»»»»»»»»»»»»» A »»»»»»4
80-84»»»»»»»»»»»»»»»»» A- »»»»3.75
75-79 »»»»»»»»»»»»»»»» B+ »»»»»»3.5
70-74 »»»»»»»»»»»»»»»» B »»»»»»»3
65-69 »»»»»»»»»»»»»»»» B- »»»»»»2.75
60-64 »»»»»»»»»»»»»»»» C+ »»»»»»2.5
50-59 »»»»»»»»»»»»»»»» C »»»»»»»2
45-49 »»»»»»»»»»»»»»»» C- »»»»»1.75
40-44 »»»»»»»»»»»»»»»» D »»»»»»»»1
<40 »»»»»»»»»»»»»»»» F »»»»»» 0 (BARA ITTI AANU GOSA BARNOOTA SANA IRRA DEEBI'AME FUDHATAMA)



Qabxiin waliigalaa(Average) akkamiin hojjjetama kan jedhuuf kutaa 2ffaan qabannee dhufna
gaaffii qabdan comment irratti nuuf barreessu dandeessu


share,like&comment gochuun nu jajjabeessa🙏

GADAAN GADAA MILKAA'INAATI🥰
❤2👍1