SAGALEE GAMMACHUU🌤
7.55K subscribers
1.15K photos
41 videos
5 files
2.4K links
Kaayyoon channel kanaa👇 Ogummaa fi kennaa waaqayyo nuuf kenneen jecha sagalee isaa wal hubachiisuu fi barachuu dha!👇
Yaada qabdaniif👇 fb. https://www.facebook.com/an.dhuguma!

You tube👇
https://youtube.com/channel/UCqh0fkKnSO1m29JGoH2Ohnw
Download Telegram
#Bareedina Mana Kiristaanaa❗️
......
Mana kirsitaana ijaaramte keessatti gaheen keenya gaaddidduu seeraa ishee jalatti boqochuun jiraachuu dha. Kiristoosiin kan hundeeffamte,raajii raajotaan, barsiisa ergamootaatiin kan ijaarame,kabaja isheetin kan kabajamnuu,miidhagina isheetin kan miidhagnu,baay'atee haa xiqqatu,dheerate haa gababbatuu kan hin jedhamnee ,Qulqulleettii manni kiristaana uffata hoolicha Kiristoos dha. Misirroon Mana Kiristaanaa Ortodoksii Iyyesuus dha.  Kiristoos ofii isaati mataa ta'e isheen (manni kiristaana) ammoo qaama isaati.  Foon isaa qulqulluu fi dhiiga isaa qulqulluu kan ishee sooru - ayyaana isaatiin kan ishee qulqulleessu - dubbii isaatiin kan ishee obaasuu fi ishee guddisu qaama isaati. Dogmaan,Darbaa fi qannoonan, qajeelfamni ishee seera Waaqayyooti. wiirtuun sirna ishee, waaqeffannaa fi barsiisaa iyyesuusidha. Bareedinaaf jenne sirna itti daballu,sirna foyyeessinu hin qabdu.Bareedinni ishee hin darbinee,miidhaginni ishee hin dulloomne iyyeesusidha.mana kiristaana ulfina qabeetti/kabajamtee keessatti kabajamuuf ariifachuun gatii qaba. Nuti mana kiristaana faaya keenyaan kabajamtuu osoo hin taane, mana kiristaana itti kabajamnuu fi ulfina argannuu dha kan qabnu. Dogmaa wal irraa hin cinne, duudhaa/darba hin cabne, fi sirna (Qannoona) hin boorofne kan qabdu manni kiristaana Ortodoksii tewaahidoo Itoophiyaa, warra kaan barsiisti, malee warra kaan irraa hin fudhattu.
Jaalala Mana Kiristaanaa, Eebba Durbee maariyaam nuf haa baay'isuu.
     #Dilbata_Milkii
🌹Guyyaa gaarii🌹
#Subscribe_Share_Like👇👇
https://youtu.be/Quh16sGyOH8
      #Join_Share
https://t.me/sagaleegammachuu
      #Torban_milkii
🧿𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞🤍