Jechoota Saayikoloojii 🧠
226 subscribers
7 photos
14 links
Download Telegram
Gatii kee Beektaa?

Gatiin kee ilaalcha gad bu'aa namni waa'ee keef qabuun hin murtaa'u."

➡️Gatii kee fi gita kee jechuun hanga kee fi bakka siif ta'u beekuu jechuudha. Biyya lafaa kanarra yeroo jiraattu gatii kee fi gitakee beekuudhaan jireenya jiraachuuf uumamte tokko jiraatta. #Gatiin kee gita kee murteessa. Gita kee akka beektuuf gatii kee dursitee beekuun barbaachisaadha. #Ati hangam geessa yoo siin jedhan, hanga gatii ofiif kennitee geessa jechuudha. Gatiin kee eenyu wajjin akka si dhaabu ni hubatta. Ati eenyu gaaffii jedhuuf deebiin isaa, gatii ati ofii keef qabduudha. #Ati gatii keeti!
➡️Ati gatii kee osoo hin beekin, gita kee beekuun sitti ni ulfaata. Gatiin kee iyya keessoo keetii dhaggeeffachuu irraa jalqaba. Mee gurra itti kennii iyya keessoo keetii dhaggeeffadhu.  
➡️Iyyi ati gurra itti kennitee hin dhageenye si keessaa kan ganamaafi galgala iyyu jiramoo hin jiru? Mul'atni keessoo keetii osoo nyaattuu si beelessu,osoo dhugduu si dheebossu, maaliif yaadaan badda? Dhuguma lafa gahuu qabdu geesseettaa? Bakki amma jirtu kun si madaalaa? Kan siif kaffalamaa jiru dhuguma gatii keetii? Iyya keessoo keetii sitti iyyu hin tuffatin, gurra kenniifii dhaggeeffadhu. Inni immoo gaafa bahee hojiirra oolu gatii siif kennaatii.
➡️Waa'een Kee yeroo tokko tokko siifiyyuu hin galu. Waa'een Kee deebisee siif gaaffii yeroo Itti ta'u qaba. Maaliif natti gaaffii ta'e jettee hin dhiphatin. Gaaffiin maaliif jedhu gara eenyummaa keessoo keetii barbaaduutti si geessuu ni danda'aatii. Maaliif jechuun ka'umsa gatii kee fi gita kee argachuutiif si fayyadaatii.


           #Yeroo Gaarii Isiniif Hawwina!

           #Join #Share godhaa
       
➡️https://t.me/saayikoloojii
            
Qajeelfamoota namoota wajjin Nagaan jiraachuuf  Gargaaran

➡️Dhiifama Gochuu

👉Hundi keenya iyyuu ni dogoggorra. Kanaan kan kaʼes, warra kaan mufachiisuu dandeenya, warri kaanis nu mufachiisuu dandaʼu. Kanaafuu, nuti warra kaaniif dhiifama gochuun keenya, warri kaanis dhiifama nuu gochuun isaanii barbaachisaa dha. Nama nu mufachiiseef dhiifama yommuu goonu haaloo isatti qabachuu ni dhiisna. ‘Hamaa hamaadhaan hin deebisnu,’ balleessaa isaa ykn dadhabina isaas yeroo hunda hin yaadannu. Haa taʼu malee, baayʼee yoo miidhamnee fi wanta nu irratti raawwatame irraanfachuun yoo nutti ulfaate hoo? Taanaan, nama sana kabajaan dhuunfaatti haasofsiisuu qabna. Kaayyoon keenya namni sun dogoggora akka raawwate mirkaneessuu utuu hin taʼin, nagaa buusuu taʼuu qaba.

➡️Gad Of Qabuu, Kabajas Argisiisuu

👉Kan gad of qabnuu fi warra kaan kan kabajnu yoo taʼe, namoonni nuu wajjin taʼuun isaan gammachiisa. Gaarummaa akka isaanitti argisiisnuu fi akka isaaniif yaannu, akkasumas taʼe jennee miira isaanii akka  hin miine ni hubatu. Haa taʼu malee, warra kaan akka caallu kan yaannu yoo taʼe ykn yeroo hundumaa yaada keenyatti kan cichinu yoo taʼe, wal morkii fi walitti buʼiinsa kakaasna. Namoonni nu irraa fagaatu; michoota horachuunis nu rakkisa.

➡️Looguu Irraa Fagaadhu

👉Uumaan keenya lammummaa, afaan, iddoo hawaasa keessatti qabaniin ykn bifa gogaa isaanii irratti hundaaʼuudhaan namootaaf hin loogu. Inni “namoota saba hundumaa nama tokko irraa uume.'' Kana jechuun, ilmaan namootaa hundi obbolaa dha jechuu dha. Yeroo nama hundumaatti kabajaa fi gaarummaa argisiisnu, isaan gammachiisna, nutis ni gammanna, Uumaa keenyas ni gammachiisna.

➡️Garraamii Taʼuu

👉Yommuu garraamii taanu, namoonni kaan akka tasgabbaaʼan gargaarra. Namoota tasgabboofne akka taane waan beekaniif, nu haasofsiisuun isaanitti hin ulfaatu; dogoggora keenya nutti himuun illee isaanitti salphata. Namni tokko yommuu nutti aaru, deebii laafaa kennuun keenya isa tasgabbeessuu dandaʼa.

➡️Arjaa fi kan Galateeffatu Taʼuu

👉“Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”
Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun sassatoo fi waaʼee ofii isaanii qofa kan yaadani dha. Gammachuu dhugaan kan argamu garuu arjaa taʼuudhaani.  Namoonni arjaa taʼan qabeenya caalaa nama waan jaallataniif gammadoo dha. Jaalala akkasii qabaachuun isaanii yeroo namni tokko arjummaa isaanitti argisiisu galateeffachuu fi dinqisiifachuuf isaan kakaasa.  ‘Nama doqnaa fi galata hin beekne moo, nama arjaa fi galateeffatuu wajjin taʼuutu na gammachiisa?’ jedhii of gaafadhu. Kana irraa maal baranna? Amala warri kaan akka argisiisan barbaaddu qabaadhu.

Yeroo Gaarii isiniif hawwina!

➡️Namoota ni fayyada jettanii yaaddaniif #Share godhaa ykn ergaaf!
👇👇👇👇👇
@saayikoloojii