Jechoota Saayikoloojii 🧠
202 subscribers
7 photos
11 links
Download Telegram
âś…Inaaffaan maali? Jaalalaafi gaa'ela keessatti rakkoo akkamii fida?
        

KUTAA 1FFAA


#Hariiroo jaalalaafi gaa'elaa keessatti inaaffaan yeroo madda rakkoo ta'u ni mul'ata.
Inaaffaan kunis keessumaa sadarkaa amala badaa ta'e agarsiisuurra yoo gahe, miidhaa cimaa akka geessisu ogeessonni xiinsamuu dhimma kana qoratan ni dubbatu.
Maalummaa innaaffaa irraa kaa'unis, dhimmoota hariiroo jaalalaa fi gaa'elaa keessatti rakkoo akkamii qaqqabsiisa? Rakkoo kanas akkamiin xiqqeessuun danda'ama? jedhan waliin ilaaluuf yaalla.

âś…Ofii inaaffaan maalidha?
Inaaffaan miira walxaxaa shakkiirraa hanga sodaatti uumamurraa kan ka’u ta’ee, namoota umurii hundaa fi saala hunda kan miidhudha jedha barruun Psychology Today jedhu.
Akka barruu kanaatti, inaaffaan miira umamaa nama kamuu irratti mul'atudha.
#Obbolaan qalbii maatii argachuuf walitti inaafuu danda’u; hojjetoonni gaggeessaa isaanii biratti wal irratti inaafuu danda’u.
Miira maaliifan caalama jedhu keessatti yookaan ammoo ebelu maaliif na caalaa jaallatama jedhu keessattis inaaffaa akka jiraachuu danda'u ibsa barruun Psychology Today jedhamu kun.
Inaaffaan hunda caalaa garuu hariiroo jaalalaa fi gaa’elaa keessatti bal’inaan mudata jedhu beektonni xiinsamuu.
Yunivarsiitii Finfinneetti Kaadhimamaa PhD Appilaayid Saayikoloojii fi barsiisaa kan ta'e Fufaa Gusuu Ingishoo, dhala namaa qofa osoo hin taane lubbu qabeeyyiinillee akka inaaffan ibsuun, achii dhuftee amala kanaa ibsu.
"Wanti kun kan nama biraa gocca'uu, milkaa'ina nama biraa kankoo osoo ta'ee jedhanii yaaduu irraa kan ka'e miira namatti dhaga'amudha.
Keessumaa inaaffaan kan inni beekamu hariiroo jaalalaa keessatti kan jedhu hayyuun kun, "namni ati jaallattu tokko nama biraa waliin hariiroo biraa uummachuu danda'a jechuun miira shakkii uumamuudha," jechuun ibsu.

#Jaalala ykn gaa’ela keessatti inaaffaan hanga ta’e jiraachuun uumama, haata'u malee yeroo tokko tokko ammoo daangaa darbee wal diiguurra ykn wal miidhuurra kan geessisu ta'a.
Keessumaa inaaffaan yoo gara sadarkaa amaloota waa to’achuu (controlling behavior) irra kan ga'u ta’e hamaa ta'a jedhu qorattoonni.

✅Rog-sadee jaalalaa'-[Love Triangle]
#Yunivarsiitii Finfinneetti qorataa Saayikoloojii kan ta'e Fufaan innaaffaa yeroo jennu qaama sadii hirmaachisa jedha.
Qaamoleen kunneen sadan: nama isa inaafu, nama irratti inaafamuu fi sadaffaan ammoo kan dorgomaa ta'ee jidduu kan dhufuudha jedha.

#Nama jaalatamu tokko namni biraan jaallachuu danda'a ykn nama biraa waliin hariiroo biraa uummachuu mala ykn 'na caalaa nama biraa jaallachuu danda'a' jedhanii miirri akkasii yoo nama keessatti uumame inaaffaa ta'a."Kun karaa biraatiin [Love Triangle] - Rog-sadee jaalalaa jedhama," jechuun ibsa.

✍Jaalalli nama sadii gidduutti taanaan ykn namni sadaffaa keessatti hirmaannaan dubbii kaasa, lama taanaan garuu rakkoo hin qabu.

Yaad-rimee adeemsa tirataa [Evolution Theory] keessumaa kan Daarwiin jedhu kaasuun achii dhuftee amala dhala namaa keessaa of jaallachuu isaa irraa kan ka'een waan uumamu akka ta'e dabaluun hima.

#Fakkeenyaaf, dhiironni yeroo baayyee hariiroo jaalalaa [Rog-sadee]n uumamee jaalalleen ykn haati warraa koo tarii nama biraa waliin ciistee sanyii kan koo hin taane bakka biraatii natti makuu malti jechuun innaafuu danda'a jechuun inaafa jedha.

👉'Ilaalchi nama jaallatanitti inaafu' jedhu dogongora
Waggoota 17 darban tajaajila gorsa maatii kennaa kan jiran Aadde Qabbanee Hundeessaa, inaaffaa akkaataa lamaan ilaaluu.

#Karaa tokko akka namoonni itti ilaalan yoo ta’u, karaa biraan ammoo akkaataa Caaffanni Qulqulluu itti ibsudha.
Ilaalchi 'nama jaallatanitti inaafuu' jedhu dogongora ta'uu kan himan Aadde Qabbaneen, rakkoo innaaffaa furuuf ilaalcha kana sirreeffachuurraa ka'uun barbaachisa jechuun gorsu.

✍️"Inaaffaan waan hadhaa’aa jaalala of keessaa hin qabne summiidha,” jedhu.