Jechoota Saayikoloojii 🧠
227 subscribers
7 photos
14 links
Download Telegram
KUTAA 2FFAA

✍️Aadde Qabbaneen gorsaafi tajaajila maatii waggaa dheeraa qaban irraa ka’uun yeroo ibsan, inaaffaan faalla jaalalaati malee mallattoo jaalalaa miti jedhu.
➡️"Inni jaalalleesaa ykn haadha warraasaa sababan baayyee jaalladhuuf itti inaafa jedhu, karaa biroon ammoo isheen jaalalleeshee ykn abbaa warraashee baayyee waan jaallattuuf itti inaafti kan jedhu sirrii miti.
"Yeroo baayyee namoonni waanan jaalladhuufan yoo inni nama biraa waliin adeemu, nama biraa walin dubbatu, hojjetu, ykn nama waliin taa’u itti inaafa yoo jedhan nan dhaga’a. Akkasitti hiiku; kun garuu sirrii miti."
Kana malees Macaafni Qulququlluu eeruun, inaaffaan faallaa jaalalaa akka ta'e ibsu ogeettiin dhimma maatii kun.
Inaaffaan yeroo baayyee wal amanuu dhabuufi shakkiirraa madda kan jedhan Aadde Qabbaneen, jaalalli ni amana waan ta'eef shakkii hir'isuun barbaachisaadha jedhu.
Nama jaallatan itti hin inaafan waan ta’eef, kanneen waanan isa ykn ishee jaalladhuufan itti inaafa jedhan of ilaalaa deemuun barbaachisaa akka ta’e gorsu Aadde Qabbaneen.
Amaloota hamoo inaaffaa...
Qorattuu Xiinsamuu wagga dheeraa Hariis Diir, inaaffaan hangi tokko jiraachuun isaa dhiirrifi dhalaan jireenya walii isaanii keessatti “kan walgitan” ta’uuf akka dhama’an waan taasisuuf gaariidha jetti.
Akkuma kana ammoo jaalala dhugaan eegumsa waliif gochuudhaaf, akkasumas waan gaarii waliif ooguudhaaf inaaffaan barbaachisaadha jetti.
#Qorataan Appilaayid Saayikoloojii Fufaanis inaaffaan jiraachuun gaarummaas akka ta'e dubbata.
Namni waliin jiraatu waliif of eeggachuuf, qixa sirrii ta'een wal to'achuuf barbaachisaadha jedha.
Haata’u malee, inaaffaa sadarkaa amaloota hamoo mul’isurra geenyaan kan diigu waan ta’eef xiyyeeffannaa feesisa jetti.
Kana [Pathological] ykn sadarkaa dhukkubaarra isa gahe akka ta'etti ilaalamuun wallaansa ogummaaafi gargaarsa kan barbaadurra yeroo gahe akka ta'e hima Fufaan.
#Akka Hariis jettutti, dhiironni yeroo baayyee ‘wal amantaa dhabuu’ qaamaan (physical infidelity) caalaa yoo inaafan, dubartoonni ammoo ‘wal amantaa dhabuu miiraatiif (emotional infidelity) caalaa inaafu.
Sodaa, ofitti amanuu dhabuu (insecurity), amala yaadaan baduu namarra bubbulu (obsessive thinking), akkasumas amala yeroo hunda haafaafi baala shakkuu (paranoic personality) jiraannaan inaaffaan sadarkaa hamaa irra gaheera waan ta’eef hordoffiifi wallaansa akka barbaadhu ibsu warri qoratan.
➡️Barruu Oonlaayin Bustle jedhamu ammoo inaaffaan amaloota armaan oliin mul'achuu jalqabe hamaa waan ta'eef gammachuu, akkasumas nageenya ofii balaarra waan buusuuf badadamuu qaba jedhe.
Yoo mallattoowwan hamoo inaaffaa mul’atan adda baasuun irratti hojjetamuu baate, rakkoo dhuunfaafi hawaasummaa qaqqabsiisu akka ta’e barruun kun ni ibsa.
Barruun kun mallattoowwan inaaffaa hamoo ta'an kunneen bifa garaa garaatiin namoota jaalalaan waliin jiran irratti mul'achuu akka danda'ullee tarreessa.  
#Isaan keessaas, uffatakee akka jijjiirrattu taasisuu, namoota ta’an walin deemuu daangessuu, waan mara keessatti mufannaa walii eeguuf akka hin malletti dhiphachuu, waan xixiqqoo hin mallerratti yeroo amala dhabuu, osoo hin gaafatamiin karoora jijjiiruu fa'i kaasu.
#Akkasumas, yeroo namni dhibiin ija jaalalaan si ilaaluu akka balleessaa keetti yaaduu, milkaa’inni argattu rakkoo ta’uu jalqabuu, jaalalleen yeroo hunda bilbila walii ilaaluu barbaaduu, miidiyaa hawaasummaa irratti to’annaa akka malee cimsuu, yeroo hundaa hattee sagaggalteetta jechuun himata baayyisuudha.
➡️Namoonni jireenya jaalalaa ykn gaa’ela isaanii keessa inaaffaan sadarkaa hamaa kun jiraannaan jiruu isaanii karaa isaan hin beekneenillee hedduu miidha jedhu qorattoonni qoor-qalbii.

KUTAA 3FFAAN ITTI FUFA BORU GALGALA!