Jechoota Saayikoloojii 🧠
227 subscribers
7 photos
14 links
Download Telegram
βœ…Galateeffadhu!

"#Addunyaa kana irratti wanti ulfaataa ta'e isa jaallattu dhabuudha, wanti baay'ee ulfaataa ta'e immoo isa jaallattu argattee dhabuudha," jedha barreessaan #Joorji Bernaard Shaaw.

#Wantoota tokko tokko akka qabduyyuu erga dhabdee qofa beekta.  Mee maal faa qabda beektaa? #Ani sitti himuu mee? Fayyaa qabda, qaama guutuu qabda, Sammuu yaadu qabda Nagaa qabda...  #Kan qabdu kanaan isa hin qabu jettee yaaddu sana bituu ykn fiduu ni dandeessa; garuu isa hin qabu jettee yaaddu sanaan isa amma qabdu kana bituu hin dandeessu. #Argitee? Hiriyaa koo amma waan gaarii harka kee jiru hunda ilaalii galateeffadhu! 

#Waan si hanqate garmalee yaadda  yoo ta'e hanqina biraatu sitti dabalama!

@saayikolojii
βœ…Waan biraa yaali!

➑️Yooman jireenya kana keessaa bahee sadarkaan barbaade irra gahuu danda'a gaaffiin jedhu keessa kee ni deddee'a. Waan tokko yaali, karaa biraa ilaaluuf yaali, yoo karaan ati deemtu sirrii hin taane namoota biroo irraa baradhu;  Jireenya ija ogummaatiin ilaaluuf yaali!

➑️Waan haaraa!
Jireenya keessatti waanuma baramaa hojjechuun nama nuffisiisa, jireenya keenya keessatti waan haaraa arguu nu barbaachisa. Kanaafuu barannee jijjiirama uumuuf of haa qopheessinu!
#Waan qabnu irra taa'uu mannaa waan addaa hojjechuuf yoo of qopheessine, gammachuu adda ta'e arganna!

➑️Hin sodaatinaa!
Eeyyee, wanti haaraan yeroo hunda nama sodaachisa, akkuma jalqabneen osoo duubatti deebinee ykn osoo hin jalqabne ta'ee hawwina!
  πŸ‘‰Garuu jijjiiramni kun karaa jalqaba milkaa'ina keenyaati. Gaafa waan haaraa kana fudhachuu jalqabnu jijjiiramni nuti barbaannu nutti dhiyaachaa dhufa!

#Yeroo Gaarii Isiniif Hawwina!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@saayikoloojii