Channel name was changed to Β«Risaa Youth Development Association π€Β»
Arbi gara-jabeessa ture. Guyyaa tokko bishaan dhuguuf gara haroo tokkoo utuu deemaa jiruu, raachota xixiqqoo argee isaan irra ejjachuuf miila isaa ol kaase. Haati isaaniis akka isaan hin miidhamneef yommuu kadhattu, "Ati maal fiduu dandeessa?" jedhee miila isaatiin isaan dhidhiite.
Guyyaa biraas gara muka tokkoo dhihaatee baala nyaachuuf yommuu jedhuu, Simbirroo bosona/manaa ishee keessatti hanqaaqoo ishee kunuunsaa jirtu tokko arge. Simbirroottis hanqaaquu ishee irraa akka hin miidhamne sodaadhaan yommuu ishee kadhattu, ammas "Ati maal fiduu dandeessa?" jechuun afaan isaan mannee ishee diige.
Warri miidhaman lamaan wal qunnaman. Rakkoo isaan irra gahe erga waliin haasa'anii booda mala tokko baafatan.
Guyyaa tokko arbi kun utuu rafaa jiruu, simbirroon sun balaliitee
dhuftee ija isaa madeessite. Arbi sunis dhukkubbii cimaan itti dhaga'ame. Bishaan dhuguu barbaadus iji isaa waan miidhaameef karaa arguu hin dandeenye.
Yeroo kana sagalee raachichaa dhaga'e. Raachichi qarqara holqaa gara bira dhaabbatee sagalee baasaa ture. Arbi sunis iddoon bishaan jiru see'ee sagalee sana hordofee deeme. Qarqara holqaa sana akka ga'eenis gara allayyaatti kufee du'e.
Waanta kuni "xiqqoo dha" jennee tuffannu iyyuu waliin ta'uu fi ogummaadhaan humna guddaa uumuun ni danda'a. Warra kaan humna keenyaan cunqursuun ulfina keenya utuu hin taane laamsha'uu keenya argisiisa; sababni isaa namni har'a si tuffate bor kufaatii isaaf ykn fayyina isaaf sababa ta'uu dandeenya.

π3β€1
Jireenya keenya ykn hojii keenya keessa Carraa waanti jedhamu hin jiru jettanii yaadduu?
Ilaalcha Gurgurtoota Kophee Kaampaanii tokko keessaa:
Kaampaanii kophee omishu tokko keessatti qorannoo gabaa haaraa taasisuuf ogeessota gurgurtaa kophee irra hojjetan gara biyya fagoo akka qorataniif ergamani.
Ogessi gurgurtaa inni tokkoffaan akkuma biyyicha ga'een ummaya biyya sanaa argee rifate. Oggasuma gara kaampaani kophee omishuutti bilbilee 'Dafaati tikkeettii naaf muraatii biyyatti na deebisaa' Biyya kanatti bizinasiin hojjetamu hin jiru. Sababni isaa namni tokkollee kophee keewwatee deemu hin jiru jedhe.
Ogeessi gurgurtaa inni lammaffaan immoo biyyichuma ga'ee; ummaticha yeroo ilaalu gammachuun guutame. Dafee gara kaampaanichaatti bilbilee 'dafaatii kophee kumaatamaan lakkawwamu naaf ergaa' jedhe.
Biyya kana carraa guddaatu jira. Sababni isaa "biyya kana namni kophee keewwatu tokkollee hin jiru" jedhe.
Maal asirraa barannaa?
Namoonni lachuu haala wal fakkaataa ta'e argani. Garaagarummaan jiru; Ilaalcha(Perspective)dha.
Inni tokko Rakkoo argee yoo baqatu, inni biraa immoo carraa arge.
Jireenyaa fi hojii keenya keessatti yeroo hunda 'omtuu hin jiru' jechuu osoo hin ta'in maal hojjechuun danda'aa? kan jedhu carraa ilaalchaa baayifnee haa ilaallu.

β€3
Iddoowwan ykn qabxiilee gurguddoo saayinsii fi amantaan Kiristiyaanaa itti wal siman:
1.Uumamni Addunyaa (The Origin of the Universe - Big Bang):Saayinsiin ammayyaa addunyaan kun jalqaba "Big Bang" (dhoohinsa guddaa) jedhamuun yeroo murtaa'e tokko akka jalqabame ni barsiisa. Kun ammoo macaafni Qulqulluun "Jalqaba Waaqayyo samii fi lafa uume" jedhee uumamaaf jalqaba kennuu isaa wajjin guutumaatti wal sima.
2.Toβannoo fi Seera Uumamaa (Order and Laws of Nature):Saayinsiin addunyaa kana keessatti seera uumamaa (akka seera harkisa lafaan-gravity, seera fiiziksii fi keemistirii) kan ajajaa fi sirna qabu argateera. Amantaan Kiristiyaanaa ammoo seera kana duubaa humni uumee fi itti fufisiisu Waaqayyo akka ta'e amana. Seerri uumamaa kun Waaqayyo qaama ogummaa guddaa qabuun uumuu isaa agarsiisa.
3.Hiika Safuu fi Naamusa Saayinsii (Ethics and Morality):Saayinsiin ogummaa fi teknooloojii argamsiisuu danda'a, garuu maalfaβatu sirrii dha, maalfa'atu sirrii miti (safuu fi naamusa) jedhee murteessuu hin danda'u. As irratti amantaan Kiristiyaanaa ogummaa saayinsii fayyadamuudhaan ilmaan namootaatiif kabajaa kennuu, kunuunsa naannoo, fi faayidaa uummataaf oolchuu irratti gumaacha guddaa godha. Saayinsiin hojiidhaaf meeshaa yoo ta'u, amantaan ammoo itti fayyadama sirrii ta'ef qajeelfama laata.
4.Dhugaa Barbaaduu (The Search for Truth):Kaayyoon saayinsii dhugaa uumamaa bira ga'uu yoo ta'e, kaayyoon amantaas dhugaa jireenyaa fi uumaa beekuudha. Ergamni isaanii lachuus gara dhugaatti nama geessuu waan ta'eef, wal-faallessuu irra wal deeggaru.

β€1
Yoo xiqqaate namootaa gosa shan argeera:
1. Hojii isaarraaniitti qofa xiyyeeffatanii kan carraaqanii fi namni isaan argees arguu baatus kan hin cinqamne nama ciminaa fi kutannoo qaban (The silent and committed doer who carries the whole responsibility with grace)
2. Xiqqoo hojjetanii hojii isaanii caalaa beekamtii argachuuf kan iyyaniifi badhaasi akka kennamuuf kan barbaadan (The attention seeker who wants an applause for doing the bare minimum)
3. Hojiilee namoonni biroo itti dadhaban xumura irratti itti makamuun, utuu isaan hin jirree hojichi akka hin milkoofne addunyaa amansiisuuf dheeressanii kan dubbatan, "hundaafuu anatu beeka" warra jedhan (The credit snatcher and the I know it all talkative)
4. Hojii kan hin beekne, garuu hojicharra namoota hojjetan maqaa balleessuuf carraa argatan hundatti oduu fi hamii kan facaasan (The incompetent gossipmongers and energy vampires)
5. Itti gaafatamummaan kamiyyuu akka hojjetaniif yoo kennamuuf, hojichi akkamitti akka milkaa'uu hin dandeenye sababa 100 kan dhiyeessanii fi gufuuwwan isaan qunnaman ilaalchisee hogguu kan gunguman/komatan (The naysayers and complainers)
Isin ramaddii kam keessa jirtu?
Waaqayyoo Gooftaan nu haa gargaaru.