#Dhooksaakoo
Guyyaa gaafa Sanaa
Guyyichan si argee
Biqilaan yaada kee
Keessa kootti margee.
Baasee dubbachuudha
Afaan koo luugamnaan
Dhokfadhee obsuudhaa
Yaadni kee naa gamnaan.
Waraqaatti himachuuf
Kophee koo fudhadhee
Morma koo cabseetan
Ija dunuunfadhee.
Nan eegala jedheen
Yaada koo sassaabee
Xummuruuyyuu mitii
Eegaluun dadhabe.
Kunoo bubbuleera
Eegaluun dadhabe
Katabuu hin dandeenye
Kophee harkaan qabe.
Maal jedheen jalqaba
Jaalalaan eegaluu?
Jedheetan miixadha
Kopheen koo waan dhalu.
Qalamni harka koo
Na harkatti gogeera
Waraqaan dura koos
Dheebotee hafeera.
jaalalli sodaadha
Sodaan ammoo yaada
Kana keessa ba'ee
Si arguun barbaada.๐๐๐
๐https://t.me/ridaamiin join godhuun hordofaa.
Guyyaa gaafa Sanaa
Guyyichan si argee
Biqilaan yaada kee
Keessa kootti margee.
Baasee dubbachuudha
Afaan koo luugamnaan
Dhokfadhee obsuudhaa
Yaadni kee naa gamnaan.
Waraqaatti himachuuf
Kophee koo fudhadhee
Morma koo cabseetan
Ija dunuunfadhee.
Nan eegala jedheen
Yaada koo sassaabee
Xummuruuyyuu mitii
Eegaluun dadhabe.
Kunoo bubbuleera
Eegaluun dadhabe
Katabuu hin dandeenye
Kophee harkaan qabe.
Maal jedheen jalqaba
Jaalalaan eegaluu?
Jedheetan miixadha
Kopheen koo waan dhalu.
Qalamni harka koo
Na harkatti gogeera
Waraqaan dura koos
Dheebotee hafeera.
jaalalli sodaadha
Sodaan ammoo yaada
Kana keessa ba'ee
Si arguun barbaada.๐๐๐
๐https://t.me/ridaamiin join godhuun hordofaa.
Mootii Durbaa
๐๐๐๐
Kofliitii seeqqadhu
Koflatu sirraa tolaa
Sirbi jedhi shambaa
Yaa haadha jaalalaa
๐
Of taatee jiraattaa
Gurran alaa laaltuu
Suma qofan argem
Of taatee jiraattuu
๐
Babbareedduu kichuu
Ilmaan gootaaf hayyuu
Takka ijaan yoo argan
Kan garaan nama fayyu
๐
Teesse natti argamtaa
Hundumarraa addaa
Jaalalli an siif qabu
Onnee koorraa madda
๐
Urgooftuu akka loomii
Mi'ooftuu akka dammaa
Hawwiin koo si qofa
Naaf koottu ka amma
๐
Roobus yaando buusee
Hongeessus lafti gogee
Yaada waa'ee kee kuusee
Sin dagadhu yon mugee
๐
Arbarra tafkiin utaltee
Yoo Of arbeessitullee
Yeroof haalli hammata
Addaan nu ballessitullee
๐
Sin yaada sin araada
Dheebodhe akka bishaanii
Garaacha koos onsee
Beela'a akkuma midhaanii๐๐๐
๐https://t.me/ridaamiin join godhaa.
๐๐๐๐
Kofliitii seeqqadhu
Koflatu sirraa tolaa
Sirbi jedhi shambaa
Yaa haadha jaalalaa
๐
Of taatee jiraattaa
Gurran alaa laaltuu
Suma qofan argem
Of taatee jiraattuu
๐
Babbareedduu kichuu
Ilmaan gootaaf hayyuu
Takka ijaan yoo argan
Kan garaan nama fayyu
๐
Teesse natti argamtaa
Hundumarraa addaa
Jaalalli an siif qabu
Onnee koorraa madda
๐
Urgooftuu akka loomii
Mi'ooftuu akka dammaa
Hawwiin koo si qofa
Naaf koottu ka amma
๐
Roobus yaando buusee
Hongeessus lafti gogee
Yaada waa'ee kee kuusee
Sin dagadhu yon mugee
๐
Arbarra tafkiin utaltee
Yoo Of arbeessitullee
Yeroof haalli hammata
Addaan nu ballessitullee
๐
Sin yaada sin araada
Dheebodhe akka bishaanii
Garaacha koos onsee
Beela'a akkuma midhaanii๐๐๐
๐https://t.me/ridaamiin join godhaa.
Gamoodhaaf viillaa ijaartee
Fedhus xiyyaara ooftuu
Utuu akka koo ilaaltee
Amma shiroon mi'ooftuu
Dhugaatiin dhugu dhugdee
Soorata koo soorattee
Silaa dhaabbiitti mugdee
Saakachoofta boorattee
Nyaata tokko fudhattee
Laphee gubaa himattaa
Namummaa keen gubattee
Silaa du'a simattaa
Garuu gaafa nalaaltu
Tasa hin mul'adhu sittii
Duuti gamoon madaaltu
Fuutee qilee siin lixxii
Gamoo dharaa dhaabuurra
Godoo dhimmistu citaa
Dharaan samii yaabuurraa
Maaltu kanatti gitaa
๐https://t.me/ridaamiin join
Fedhus xiyyaara ooftuu
Utuu akka koo ilaaltee
Amma shiroon mi'ooftuu
Dhugaatiin dhugu dhugdee
Soorata koo soorattee
Silaa dhaabbiitti mugdee
Saakachoofta boorattee
Nyaata tokko fudhattee
Laphee gubaa himattaa
Namummaa keen gubattee
Silaa du'a simattaa
Garuu gaafa nalaaltu
Tasa hin mul'adhu sittii
Duuti gamoon madaaltu
Fuutee qilee siin lixxii
Gamoo dharaa dhaabuurra
Godoo dhimmistu citaa
Dharaan samii yaabuurraa
Maaltu kanatti gitaa
๐https://t.me/ridaamiin join
โ๏ธjireenya jaarraa 21faa
๐ป๐ป๐ป๐ป๐ป๐ป๐ป๐ป
bilbilli~ Wireless
Bilsheessuf~ Fireless
Konkolaatan~ Keyless
Qarshiin~useless
Nyaanni~ Fatless
Qamisiin~ แฝแแless
Surreen~beltless
Dargaggoon~ Jobless
Abbaan aangoo~ Shameless
Jaalalli ~ Meaningless
Haalli namaa ~ Careless
Haati warraa~ Fearless
Ijoolleen~ Fatherless
Miirri~ moral less
Barumsi~ Valueless
Daa'imman~ Mannerless
Durboonni~ clothless
Wanti hundinuu LESS LESS
Fedhiin ~ Endless.
Aniyyuu ~ Speechless๐๐
๐https://t.me/ridaamiin join
๐ป๐ป๐ป๐ป๐ป๐ป๐ป๐ป
bilbilli~ Wireless
Bilsheessuf~ Fireless
Konkolaatan~ Keyless
Qarshiin~useless
Nyaanni~ Fatless
Qamisiin~ แฝแแless
Surreen~beltless
Dargaggoon~ Jobless
Abbaan aangoo~ Shameless
Jaalalli ~ Meaningless
Haalli namaa ~ Careless
Haati warraa~ Fearless
Ijoolleen~ Fatherless
Miirri~ moral less
Barumsi~ Valueless
Daa'imman~ Mannerless
Durboonni~ clothless
Wanti hundinuu LESS LESS
Fedhiin ~ Endless.
Aniyyuu ~ Speechless๐๐
๐https://t.me/ridaamiin join
Telegram
KAAYYOOF OKKOLUUN NAFUMMAA MITI!๐๐
Channel kun kaayyoon isaa, jechoota hayyootaa,wolaloo, mammaksa fi qoosaa garagaraa akka irra argattaniifi.
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
Jireenya keesaatti hamma isaattu wal caala malee namnni hin rakkanne hin jiru. rakkoon qaama jireenyaati. "Rakkoon keenya goddoo taatus rabbii keenyattu irra guddaadha"๐๐
๐https://t.me/ridaamiin join
๐https://t.me/ridaamiin join
Telegram
KAAYYOOF OKKOLUUN NAFUMMAA MITI!๐๐
Channel kun kaayyoon isaa, jechoota hayyootaa,wolaloo, mammaksa fi qoosaa garagaraa akka irra argattaniifi.
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
Waa'ee keen dubbadha
Dacheef samii guuree
Miidhaga keen hima
Qilleensa Habuuree
~
Dhaga'i gad taa'ii
Hin jarjariin suutaa
Anaan Miliquutti
Gadhee afaan buutaa
~
Dhoksaa jaalala keen
Ol kaasee dubbadha
Yaada keen machaa'en
Afuuraan gabbadha
~
Dubbi koo caqasii
Kanan siif katabu
Dhuka kootti meelee
Eelaan of adabu
~
Miidhaa koo qooddadhu
Naaf irmaadhu caba
Onneen koo si qofaaf
Bakka guddaa qaba
~
Yoon ani callisu
Siif raagessa miirruu
Akka koo siif dhumee
Sin kunuunsu dhiirruu
~
Otoomee hubattee
Akkan siif wargamuu
Siin halas mee kamuu
Iftuu naan argamuu
~
Dubbi otoon beekuu
Maalifan dhidhimaa
Siif Ifa of baaseen
Keessa koo sitti himaa
~
Yaadaan yeellalaa'een
Mataa buusee deema
Siin aragachuuf jechan
Boolla meeqa seena
~
Deddeebiseen jedhaa
Ati naaf waa maraa
Sirraa citee lubbuu
Eenyu koottan baraa?
~
Kanaaf
Qorraaf Aduun jedhiin
Naaf koottu galagalaa
Narraa bani maaloo
Cufamaa balbalaa
Dacheef samii guuree
Miidhaga keen hima
Qilleensa Habuuree
~
Dhaga'i gad taa'ii
Hin jarjariin suutaa
Anaan Miliquutti
Gadhee afaan buutaa
~
Dhoksaa jaalala keen
Ol kaasee dubbadha
Yaada keen machaa'en
Afuuraan gabbadha
~
Dubbi koo caqasii
Kanan siif katabu
Dhuka kootti meelee
Eelaan of adabu
~
Miidhaa koo qooddadhu
Naaf irmaadhu caba
Onneen koo si qofaaf
Bakka guddaa qaba
~
Yoon ani callisu
Siif raagessa miirruu
Akka koo siif dhumee
Sin kunuunsu dhiirruu
~
Otoomee hubattee
Akkan siif wargamuu
Siin halas mee kamuu
Iftuu naan argamuu
~
Dubbi otoon beekuu
Maalifan dhidhimaa
Siif Ifa of baaseen
Keessa koo sitti himaa
~
Yaadaan yeellalaa'een
Mataa buusee deema
Siin aragachuuf jechan
Boolla meeqa seena
~
Deddeebiseen jedhaa
Ati naaf waa maraa
Sirraa citee lubbuu
Eenyu koottan baraa?
~
Kanaaf
Qorraaf Aduun jedhiin
Naaf koottu galagalaa
Narraa bani maaloo
Cufamaa balbalaa
Tokkummaaโฅ๏ธ
Jimmaadhaaf arsii jennee
Maaliif kutaan wol hirraa
Jajjabaadhaa qomoo koo
Yoomiyyuu woliin jirraa
Walloo gujiif wallaggaa
Jennee baanee addaanii
Maaliif qe'ee kan keenyaa
Bullee faalla gaddaanii
Iluuf boorana jedhee
sabni maaliif wol foo'aa
Tokkoomee osoo ka'ee
Diina ofii cabsee moo'aa
Shawaaf harargee jechaa
qoonnee baaleef karrayyuu
Duraanuu galman geenyee
Lakki hin geenyu harrayyuu
Oromoon yoo tokkoome
Diina qe'ee baasisaa
Diina ofii sodaachisee
Halkan guyyaa naasisaa
Diinaaf eddoo laatanii
Gaaraaf godatti hin buunee
Eebbisaaniif taddasaan
Gandaaf qabsaa'een duunee
Hacaaluuf usumaayyoon
Waaqoof daadhii galaanii
Dagaa dooneef mizbaa'uun
Diina moo'an malaanii
Akka dhaloota ammaa
Lakki jarri ofin tuullee
Kutaa ofiitiif jecha
Jarri takkaa hin duullee
Oromoof jecha duuluu
Dhiiraaf durbaa kaasanii
Gabrummaa osoo jibbanuu
Lubbuu aarsaa baasanii
Abdiisaaf abbaa hoomaa
Haji adam saaddoonii
Qaawwee jarri dhukaasuun
Diinni dhumte yaaddoonii
Gootonni duraan darban
Kanneen dhiiraaf dubartii
Gandaaf jechan qabsoofnee
Haalaan beekna numartii
Kutaa kutaan wol waamnee
Dibbee tumnee sirbuunii
Akkasiin deemna taanaan
Nyaatameera hirbuunii
Kutaa kutaadhaan duullee
Akkamiin galma geenyaa
kanaafuu tokko taanee
Dhalootaaf seenaa keenyaa
Jimmaadhaaf arsii jennee
Maaliif kutaan wol hirraa
Jajjabaadhaa qomoo koo
Yoomiyyuu woliin jirraa
Walloo gujiif wallaggaa
Jennee baanee addaanii
Maaliif qe'ee kan keenyaa
Bullee faalla gaddaanii
Iluuf boorana jedhee
sabni maaliif wol foo'aa
Tokkoomee osoo ka'ee
Diina ofii cabsee moo'aa
Shawaaf harargee jechaa
qoonnee baaleef karrayyuu
Duraanuu galman geenyee
Lakki hin geenyu harrayyuu
Oromoon yoo tokkoome
Diina qe'ee baasisaa
Diina ofii sodaachisee
Halkan guyyaa naasisaa
Diinaaf eddoo laatanii
Gaaraaf godatti hin buunee
Eebbisaaniif taddasaan
Gandaaf qabsaa'een duunee
Hacaaluuf usumaayyoon
Waaqoof daadhii galaanii
Dagaa dooneef mizbaa'uun
Diina moo'an malaanii
Akka dhaloota ammaa
Lakki jarri ofin tuullee
Kutaa ofiitiif jecha
Jarri takkaa hin duullee
Oromoof jecha duuluu
Dhiiraaf durbaa kaasanii
Gabrummaa osoo jibbanuu
Lubbuu aarsaa baasanii
Abdiisaaf abbaa hoomaa
Haji adam saaddoonii
Qaawwee jarri dhukaasuun
Diinni dhumte yaaddoonii
Gootonni duraan darban
Kanneen dhiiraaf dubartii
Gandaaf jechan qabsoofnee
Haalaan beekna numartii
Kutaa kutaan wol waamnee
Dibbee tumnee sirbuunii
Akkasiin deemna taanaan
Nyaatameera hirbuunii
Kutaa kutaadhaan duullee
Akkamiin galma geenyaa
kanaafuu tokko taanee
Dhalootaaf seenaa keenyaa
๐๐๐๐ซ๐ซ๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐โ๏ธ
=====////=======
๐๐ป ๐๐๐๐ก๐๐ซ๐ ๐ ๐จ๐๐ก๐ขโ๏ธ
-----------------
Jaarraa Abbaa Gadaa
Yaa ilma Sooreysa a
Urjii falmattootaa
Qabsaawaa gameeysa
Warri akkan qabnee
Seenaa isaa xiqqeeysaa
tanaafiin dirqamee
Walaloo barreeysaa
Na jala bu'aatii
Mee koottaa dubbisaa x2
Qabsaawaa ganamaa
Ka diina albaasee
Jaarraa Abbaa Gadaa
Namayyuu dhageeysee
Gooticha haqaatii
Roorroo manaa baasee
Goota goota caalu
ka lolee lolchiisee
Umrii isaa guutuu
Qabsoorra dabarsee
Hidda gabroonfataa
Hunda bubuqqaasee
Hacuuccaa diinaarraa
Bilisa nu baase x2
Jaarraan dhugaa dhabee
Haqni isaa dhiibamee
Jaarmayni qabsoodhaa
Isaan hundeeyfamee
Namuutuu ni beekaa
Dhugaan maa dhoyfame ?
Seenaan goota kanaa
Kan biroon yaamamee
Gaheen jaarraan qabu
Maaliif xiqqeeyfame ?
Mee maaluma qaba
Yoo dhugaan himame
Seenaa kijibaatiin
Dhugaan awwaalamee
Tanaafiin dubbadhee
Dhugaan jallifamee x2
Laafaa ganda saanii
Nutti dhaadheysanii
Jabaa ganda biraa
Maqaa balleeysanii
Seenaa dhugaan jirtu
Sobaan daboolanii
Amantaa fi kutaan
Nama qoqqoodanii
Yoo ati dubbatte
Maqa siif baasanii
Badii ofiif qaban
Sirra deebisanii
Namuma qulqulluu
Deemu of godhanii
Kunoo haala kanaan
Nu gufachiisanii x2
Jaarraan qaroo namaa
Hoogganaa gameeysaa
Duree ummataatii
Baratee barsiisaa
Ummata gabroome
Deemee dadammeysaa
Gabroomuu isaanii
Ummata barsiisaa
Booda waliigalchee
Waraanaaf hiriirsaa
Waraanni isaa lolee
Diina barbadeeysaa x2
Jaarraa Abbaa Gadaa
Goota haati deeysee
Qeeyroo ganamaatiis
Isaatu hundeeysee
Yeroo jalqabaatiif
Seenaatu odeeysee
GAMTAA barattootaa
Isaa bu'uureeysee
Afaan Oromootiin
waltajjii gaggeeysee
Oromo tanaahuu
Ija banachiisee
Akkamiin gaheesaa
Nuuf hima xiqqeeysee x2
Qeeyroo ganamaatiis
Alatti hundeeysee
hunda isaaniituu
Qawwee hidhachiisee
Yeroo biyya galuuf
Bahar qaxxaamursee
Ziyaad Barreen qabee
Waggaa 5 hiisisee
Jaarraa kun hundinuu
Yoom waa rifachiise ?
Inumaa daranuu
Onnee horachiisee
Qabsoo hidhannootiif
Garaa murachiisee
Silaa Rabbiin guddaan
umrii isaa dheereysee
Guyyuma tokkoofuu
Ijaan na garsiisee๐ฅฒ
Seenaa kijibaatiin
Ka qabsoo xureeysee
Dhagayi siifiin himaa
Yoo gurraan dhageeysee
Jaarmaya qabsoodhaa
Jaarraatu hundeeysee
Namni biroos jiruu
Kan seenaan odeeysee
Maal fida ilmi namaa
Seenaa isaa dhoysee x2
Kijibni hanga arraa
nutti afuuftanii
Seenaa kijibaatiin
Dhugaa awwaaltanii
Hojii nama biroo
maqaa itti fuutanii
Injifannoo hunda
ifumaan yaamtanii
Saboo xiqqumallee
Qaanii hin beeytanii?
Mee itti jabaadhaa
Yo itti milkooytanii ?
Dhara dhugaa adii
Nutti fakkeeysitee
Seenaan ammaan dura
Ati odeeysitee
Sa edaa kijibaa
Ammuma nuuf galtee
Jaarraa Soba adiin
maqaa balleeysitee
Hanga amman duraatuu
Kijibaan jiraattee
Seenaa Goota kanaa
Hunda ifiin yaamtee
Edaa ati duruu seenaa
Teenya saamtee ?
Mee maaliif hin usne
Sirratti dhaqqabamtee x2
Jaarraan fafakeeysee
Mee yoom waa jiraatee?
Loleeti lolchiisee
Diina galaafatee
Kaambii isaa guddoo
Gobeelle godhatee
Waraana kumaatam
Ofii leenjifatee
Diina kukufisee
Meeshaa irraa hiikkatee
Jaarraan akkasitti
Taarika hojjatee
Humaa takkan gootuu
Seenaa isaa jalliftee x2
Qabsoo bilisummaaf
Jaarraan ala ba'ee
Siiriyaa fi Iraaq
hunda waliin ga'ee
Hojii diploomaasiin
Milkaa'uu danda'ee
Qawwee hanga argateen
Biyyatti deebi'ee
Soomaaliyaa seenee
Diina Afaan bu'ee
Kanaaf waggaa 5n
Hidhamuu danda'ee
Wareega kafalee
biyya arraan ga'ee
Rabbi haa Rahamatuuf
Amma lubbuun du'ee x2
Seenaa teenya barree
Ofiif barreeyfannaa
Ka dandeeytii qabuu
Koottaa ni qorannaa
Barree barsiifannaa
Eenyurraa eeggannaa?
Abbaa itti taanee
Waan keenya himannaa
Osoo teenya hin beeyne
Eeysa tarkaanfannaa ?
Imaama ollaadhaa
Nuti ni tuffannaa !
Kan halaala jiruuf
As teenyee dharraanaa
Akki kun nun baasuu
Koottaa ni sirrooynaa x2
Akkuma kee seetee
Namaaf harka dhooytaa
Jabaa ifii beeytu
maqa balleeysitaa
Obboleeysa beeytu
Wallee itti hinaaftaa!
tanaaf amba qofaaf
Hogguu harka dhooytaa
Boru sumaaf galtii
Garuu ni sheenooytaa
Amma yoo si tolees
Ana arrabsitaa
Dubbiin je'e tana
Gaaf tokko hubatta. โ๐ป
=====////=======
๐๐ป ๐๐๐๐ก๐๐ซ๐ ๐ ๐จ๐๐ก๐ขโ๏ธ
-----------------
Jaarraa Abbaa Gadaa
Yaa ilma Sooreysa a
Urjii falmattootaa
Qabsaawaa gameeysa
Warri akkan qabnee
Seenaa isaa xiqqeeysaa
tanaafiin dirqamee
Walaloo barreeysaa
Na jala bu'aatii
Mee koottaa dubbisaa x2
Qabsaawaa ganamaa
Ka diina albaasee
Jaarraa Abbaa Gadaa
Namayyuu dhageeysee
Gooticha haqaatii
Roorroo manaa baasee
Goota goota caalu
ka lolee lolchiisee
Umrii isaa guutuu
Qabsoorra dabarsee
Hidda gabroonfataa
Hunda bubuqqaasee
Hacuuccaa diinaarraa
Bilisa nu baase x2
Jaarraan dhugaa dhabee
Haqni isaa dhiibamee
Jaarmayni qabsoodhaa
Isaan hundeeyfamee
Namuutuu ni beekaa
Dhugaan maa dhoyfame ?
Seenaan goota kanaa
Kan biroon yaamamee
Gaheen jaarraan qabu
Maaliif xiqqeeyfame ?
Mee maaluma qaba
Yoo dhugaan himame
Seenaa kijibaatiin
Dhugaan awwaalamee
Tanaafiin dubbadhee
Dhugaan jallifamee x2
Laafaa ganda saanii
Nutti dhaadheysanii
Jabaa ganda biraa
Maqaa balleeysanii
Seenaa dhugaan jirtu
Sobaan daboolanii
Amantaa fi kutaan
Nama qoqqoodanii
Yoo ati dubbatte
Maqa siif baasanii
Badii ofiif qaban
Sirra deebisanii
Namuma qulqulluu
Deemu of godhanii
Kunoo haala kanaan
Nu gufachiisanii x2
Jaarraan qaroo namaa
Hoogganaa gameeysaa
Duree ummataatii
Baratee barsiisaa
Ummata gabroome
Deemee dadammeysaa
Gabroomuu isaanii
Ummata barsiisaa
Booda waliigalchee
Waraanaaf hiriirsaa
Waraanni isaa lolee
Diina barbadeeysaa x2
Jaarraa Abbaa Gadaa
Goota haati deeysee
Qeeyroo ganamaatiis
Isaatu hundeeysee
Yeroo jalqabaatiif
Seenaatu odeeysee
GAMTAA barattootaa
Isaa bu'uureeysee
Afaan Oromootiin
waltajjii gaggeeysee
Oromo tanaahuu
Ija banachiisee
Akkamiin gaheesaa
Nuuf hima xiqqeeysee x2
Qeeyroo ganamaatiis
Alatti hundeeysee
hunda isaaniituu
Qawwee hidhachiisee
Yeroo biyya galuuf
Bahar qaxxaamursee
Ziyaad Barreen qabee
Waggaa 5 hiisisee
Jaarraa kun hundinuu
Yoom waa rifachiise ?
Inumaa daranuu
Onnee horachiisee
Qabsoo hidhannootiif
Garaa murachiisee
Silaa Rabbiin guddaan
umrii isaa dheereysee
Guyyuma tokkoofuu
Ijaan na garsiisee๐ฅฒ
Seenaa kijibaatiin
Ka qabsoo xureeysee
Dhagayi siifiin himaa
Yoo gurraan dhageeysee
Jaarmaya qabsoodhaa
Jaarraatu hundeeysee
Namni biroos jiruu
Kan seenaan odeeysee
Maal fida ilmi namaa
Seenaa isaa dhoysee x2
Kijibni hanga arraa
nutti afuuftanii
Seenaa kijibaatiin
Dhugaa awwaaltanii
Hojii nama biroo
maqaa itti fuutanii
Injifannoo hunda
ifumaan yaamtanii
Saboo xiqqumallee
Qaanii hin beeytanii?
Mee itti jabaadhaa
Yo itti milkooytanii ?
Dhara dhugaa adii
Nutti fakkeeysitee
Seenaan ammaan dura
Ati odeeysitee
Sa edaa kijibaa
Ammuma nuuf galtee
Jaarraa Soba adiin
maqaa balleeysitee
Hanga amman duraatuu
Kijibaan jiraattee
Seenaa Goota kanaa
Hunda ifiin yaamtee
Edaa ati duruu seenaa
Teenya saamtee ?
Mee maaliif hin usne
Sirratti dhaqqabamtee x2
Jaarraan fafakeeysee
Mee yoom waa jiraatee?
Loleeti lolchiisee
Diina galaafatee
Kaambii isaa guddoo
Gobeelle godhatee
Waraana kumaatam
Ofii leenjifatee
Diina kukufisee
Meeshaa irraa hiikkatee
Jaarraan akkasitti
Taarika hojjatee
Humaa takkan gootuu
Seenaa isaa jalliftee x2
Qabsoo bilisummaaf
Jaarraan ala ba'ee
Siiriyaa fi Iraaq
hunda waliin ga'ee
Hojii diploomaasiin
Milkaa'uu danda'ee
Qawwee hanga argateen
Biyyatti deebi'ee
Soomaaliyaa seenee
Diina Afaan bu'ee
Kanaaf waggaa 5n
Hidhamuu danda'ee
Wareega kafalee
biyya arraan ga'ee
Rabbi haa Rahamatuuf
Amma lubbuun du'ee x2
Seenaa teenya barree
Ofiif barreeyfannaa
Ka dandeeytii qabuu
Koottaa ni qorannaa
Barree barsiifannaa
Eenyurraa eeggannaa?
Abbaa itti taanee
Waan keenya himannaa
Osoo teenya hin beeyne
Eeysa tarkaanfannaa ?
Imaama ollaadhaa
Nuti ni tuffannaa !
Kan halaala jiruuf
As teenyee dharraanaa
Akki kun nun baasuu
Koottaa ni sirrooynaa x2
Akkuma kee seetee
Namaaf harka dhooytaa
Jabaa ifii beeytu
maqa balleeysitaa
Obboleeysa beeytu
Wallee itti hinaaftaa!
tanaaf amba qofaaf
Hogguu harka dhooytaa
Boru sumaaf galtii
Garuu ni sheenooytaa
Amma yoo si tolees
Ana arrabsitaa
Dubbiin je'e tana
Gaaf tokko hubatta. โ๐ป
Barree๐ฎ๐จ๐๐ฉ๐ช๐ช๐ฃ ๐ญ๐๐๐๐๐ ๐ป๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐
๐ ๐๐๐ง๐๐ญ ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ข โฌ ๏ธfollow godhaa
#share hin dagatinaa haa dubbisanii
๐ ๐๐๐ง๐๐ญ ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ข โฌ ๏ธfollow godhaa
#share hin dagatinaa haa dubbisanii
Akkas jedhe Hacaaluun
Akkanaan na yaadattuu
Jamaa qullaa yaatanii
Aadaa keenya dagattuu
Saba ko maal taatanii
Uffanni gaddaa meerre
In fakkaattanii faantuu
Si jaallannam jettanii
Isin ofumaa caraantuu
Akka seera keenyatti
Meerre uffanni gaddaa
Aadaan akkasii maaloo
Barana eessa maddaa
Maaloo maal rakkattan
Maaluma taatan sabaa
Adaraa sabni oromoo
Aadaa akkasii qabaa
Maraatuu fakkaattanii
Erga deemtanii qullaa
Hunduu isinii ha baruu
Fuudhaatii baadhaa dullaa
Aadaaf duudhaa ganamaa
Maaloo maaf dagattuu
Sabaaf qaalii ta'uu koo
Mee akkamiin dagattuu
Gaafa qullaa adeemtan
Achi fuuldura namaa
Mee maaliif dagattanii
Aadaa keenya ganamaa
Maaliif maddeessitanii
Me adaraa garaa koo
Jamaa akkas gootanii
Waadaaf adaraa koo
Aadaan keenya kanaa
Meerre inni kaleessaa
Aadaa keenyan taane
Achi nurraa fageessaa
Aadaan keenya ganamaa
Mancaatee gaafa badduu
Adaraa xiqqooma ishee
Garaan kee sin gadduu
Uffattanii maal gootuu
Uffata biyyoota kaanii
Gaafa akkasiin na yaadattan
Isinitti hin taatuu qaanii
Gaafa qullaa dhaabbattee
Agarsiifattu harma kee
Jaalala naaf hin qabdum
Hubadheera amma kee
Gammachuu maalii qabda
Mee maalumatti kolfitaa
Garaa natti jabaatteettu
Madaa kan koo horfitaa
Sitti in dhagaa'aamtuu
Dhiigni koo kan lolaate
Akkasiin na yaadattaa
Adaraa kee maal taate
Erguma na yaadattanii
Fakkaattanii maraatuu
Egaa maaluman godha
Obsuma naaf ha laatuu
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
.........โ๏ธ
Akkanaan na yaadattuu
Jamaa qullaa yaatanii
Aadaa keenya dagattuu
Saba ko maal taatanii
Uffanni gaddaa meerre
In fakkaattanii faantuu
Si jaallannam jettanii
Isin ofumaa caraantuu
Akka seera keenyatti
Meerre uffanni gaddaa
Aadaan akkasii maaloo
Barana eessa maddaa
Maaloo maal rakkattan
Maaluma taatan sabaa
Adaraa sabni oromoo
Aadaa akkasii qabaa
Maraatuu fakkaattanii
Erga deemtanii qullaa
Hunduu isinii ha baruu
Fuudhaatii baadhaa dullaa
Aadaaf duudhaa ganamaa
Maaloo maaf dagattuu
Sabaaf qaalii ta'uu koo
Mee akkamiin dagattuu
Gaafa qullaa adeemtan
Achi fuuldura namaa
Mee maaliif dagattanii
Aadaa keenya ganamaa
Maaliif maddeessitanii
Me adaraa garaa koo
Jamaa akkas gootanii
Waadaaf adaraa koo
Aadaan keenya kanaa
Meerre inni kaleessaa
Aadaa keenyan taane
Achi nurraa fageessaa
Aadaan keenya ganamaa
Mancaatee gaafa badduu
Adaraa xiqqooma ishee
Garaan kee sin gadduu
Uffattanii maal gootuu
Uffata biyyoota kaanii
Gaafa akkasiin na yaadattan
Isinitti hin taatuu qaanii
Gaafa qullaa dhaabbattee
Agarsiifattu harma kee
Jaalala naaf hin qabdum
Hubadheera amma kee
Gammachuu maalii qabda
Mee maalumatti kolfitaa
Garaa natti jabaatteettu
Madaa kan koo horfitaa
Sitti in dhagaa'aamtuu
Dhiigni koo kan lolaate
Akkasiin na yaadattaa
Adaraa kee maal taate
Erguma na yaadattanii
Fakkaattanii maraatuu
Egaa maaluman godha
Obsuma naaf ha laatuu
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
.........โ๏ธ
Telegram
KAAYYOOF OKKOLUUN NAFUMMAA MITI!๐๐
Channel kun kaayyoon isaa, jechoota hayyootaa,wolaloo, mammaksa fi qoosaa garagaraa akka irra argattaniifi.
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
โโAmala Gaarii
๐Jireenya keessatti dandeetti fi beekumsaa olitti nama tokko milkaa'aa akka ta'u wanti godhu yoo jiraate amala gaariidha
๐ช๐ชDandeettii barbaadde qabaattee amala gaarii yoo hin qabaanne gatii hin qabu kabajamoo dandeettii wanta yeroo muraasaaf siif kennamu amalli gaariin garuu wanta dandeettii kee yeroo hunda siif utubuudha
๐๐Amalli gaariin wanta ati hojjataa fidattuudha malee wanta siif kennamuu miti
๐๐Amalli gaariin filannoodha kan ati filatte jireenya kee keessatti ni ta'a
๐๐Mee guyyaa hunda keessatti amala gaariin dabarsuuf yaali wanta goota hunda bifa sirrii taโeen hojjadhu
๐๐Waan tokko hin irraanfatin milkaa'inni amala gaariin hin deeggaramne bu'aan isaa aarsaan taane si kafalchiisa Kanaaf kabajamoo amala bareedaa nama ofitti sii harkisu yeroo hunda si guddisu qabaadhu
๐Jireenya keessatti dandeetti fi beekumsaa olitti nama tokko milkaa'aa akka ta'u wanti godhu yoo jiraate amala gaariidha
๐ช๐ชDandeettii barbaadde qabaattee amala gaarii yoo hin qabaanne gatii hin qabu kabajamoo dandeettii wanta yeroo muraasaaf siif kennamu amalli gaariin garuu wanta dandeettii kee yeroo hunda siif utubuudha
๐๐Amalli gaariin wanta ati hojjataa fidattuudha malee wanta siif kennamuu miti
๐๐Amalli gaariin filannoodha kan ati filatte jireenya kee keessatti ni ta'a
๐๐Mee guyyaa hunda keessatti amala gaariin dabarsuuf yaali wanta goota hunda bifa sirrii taโeen hojjadhu
๐๐Waan tokko hin irraanfatin milkaa'inni amala gaariin hin deeggaramne bu'aan isaa aarsaan taane si kafalchiisa Kanaaf kabajamoo amala bareedaa nama ofitti sii harkisu yeroo hunda si guddisu qabaadhu
SEENAA NAMA BARSIISU
โฌโฌโฌโฌโฌโฌโฌโฌโฌ
โ Niilsan Mandgeellaa Yeroo Yunivaristii keessatti barumsa seeraa barachaa turan waan isaan mudate dha. Yeroo sanatti barsiisaa adii Pitar jedhamu qabu ture.
โช Guyyaa tokko Profesar Pitar nyaata osoo nyaataa jiruu Mandeellaan nyaata isaa qabatee bira ta'e.
Profesarichis "Mandeellaa Booyyee fi Gugeen nyaataf walbira hin taa'an jedheen!"
Mandeellaanis deebisee hin cinqaminaa ka'een balali'ee deema jedhee teessoo biraa irra taa'e!
โช Kanaan kan aaran Pitar guyyaa biraa eeggatanii haaloo itti bahuu barbaadan. Haaluma kanaan guyyaa tokko Pirofeesarichi kutaa keessatti utuu barsiisanuu Mandeellaa gaaffii tokko gaafatan
"Mandeellaa utuu karaa irra deemtuu utuu boorsaa lama tokko kan #qarshii qabu tokko immoo kan #Ogummaa qabu yoo argite kam fudhatta?"
Mandeellaanis kan qarshii qabu jedhee deebise.
Profesarichis miira moo'ichaatin gowwicha ana utuu ta'ee ogummaan filadha ture jedhee deebiseef.
Mandeellaanis seeqaa "sirrii jette namni hunduu waan hin qabne fudhata" jedheen.
โช Kana hundaan kan aare pirofeesarichi adiin waraqaa qormaata isaarratti #Doofaa jedhee bareessee kenneef.
Barattonni kaan qabxii isaanii yoo ilaalan Mandeelladhaaf garuu #Doofaa kan jedhu qofaatu barreeffameef.
Mandeellaanis gara Pirofesarichaa deemuun "dhiifama barsiisaa mallattoo kee qofa naaf keessee qabxii koo dagatteerta jedheen" jedhama.
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
Hiriyoota keessaniif share godhaa! Galatoomaa!!!
โฌโฌโฌโฌโฌโฌโฌโฌโฌ
โ Niilsan Mandgeellaa Yeroo Yunivaristii keessatti barumsa seeraa barachaa turan waan isaan mudate dha. Yeroo sanatti barsiisaa adii Pitar jedhamu qabu ture.
โช Guyyaa tokko Profesar Pitar nyaata osoo nyaataa jiruu Mandeellaan nyaata isaa qabatee bira ta'e.
Profesarichis "Mandeellaa Booyyee fi Gugeen nyaataf walbira hin taa'an jedheen!"
Mandeellaanis deebisee hin cinqaminaa ka'een balali'ee deema jedhee teessoo biraa irra taa'e!
โช Kanaan kan aaran Pitar guyyaa biraa eeggatanii haaloo itti bahuu barbaadan. Haaluma kanaan guyyaa tokko Pirofeesarichi kutaa keessatti utuu barsiisanuu Mandeellaa gaaffii tokko gaafatan
"Mandeellaa utuu karaa irra deemtuu utuu boorsaa lama tokko kan #qarshii qabu tokko immoo kan #Ogummaa qabu yoo argite kam fudhatta?"
Mandeellaanis kan qarshii qabu jedhee deebise.
Profesarichis miira moo'ichaatin gowwicha ana utuu ta'ee ogummaan filadha ture jedhee deebiseef.
Mandeellaanis seeqaa "sirrii jette namni hunduu waan hin qabne fudhata" jedheen.
โช Kana hundaan kan aare pirofeesarichi adiin waraqaa qormaata isaarratti #Doofaa jedhee bareessee kenneef.
Barattonni kaan qabxii isaanii yoo ilaalan Mandeelladhaaf garuu #Doofaa kan jedhu qofaatu barreeffameef.
Mandeellaanis gara Pirofesarichaa deemuun "dhiifama barsiisaa mallattoo kee qofa naaf keessee qabxii koo dagatteerta jedheen" jedhama.
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
Hiriyoota keessaniif share godhaa! Galatoomaa!!!
Telegram
KAAYYOOF OKKOLUUN NAFUMMAA MITI!๐๐
Channel kun kaayyoon isaa, jechoota hayyootaa,wolaloo, mammaksa fi qoosaa garagaraa akka irra argattaniifi.
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
Exit exam statistics of Hawasa university.๐๐๐๐link
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa
Telegram
KAAYYOOF OKKOLUUN NAFUMMAA MITI!๐๐
Channel kun kaayyoon isaa, jechoota hayyootaa,wolaloo, mammaksa fi qoosaa garagaraa akka irra argattaniifi.
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
Linkin ๐https://t.me/ridaamiin join gochuufi add gochuu hin dagatinaa.
#Namummaa_koo
Anaaf Kabajni koo
Harka koo hin laalin
Waanan harkaa qabu
Bareedinni fuulaas
Waan siif buusu hin qabu.
Qabeenyaa hin dhumatti
Naannoonis na hin qoodin
Hundeen tokkummaa ti
Namummaa koo qofaan
Na kabaji ati.
Beekumsa koo illaaltee
Yookaan wallaalummaa
Barumsa dhabuu koo
Yookaanis doofummaa
Dubbii hambisuu koof
Ija laafummaa koo qofaan
Tasa na hin gubatin
Namummaa koo qofaan
Mirga koo hin dagatin.
Baadiyyaa ta'u iyyuu
Kan magaalaa hin beekne
Abshaalummaa dhabus
Ammam yoon gowwome
Namummaa koo qofaan
Maal yoo kabajame?
Daa' ima harma guusii
Kan daddee daaddisu
Jaarsa iji jaame
Kan namni harkisu
Otuman ta'ee iyyuu
Kan qalbiin dhimmisu
Namummaa qofaan
Naa haa kabajchiisu.
Waan uffadhu dhabee
Huccuun koo yoo ciccite
Waanan nyaadhu dhabee
Mar'ummaan na cite
Maaliif natti akeeku
Warra tuulee uffatu
Isaan ilaalanii
Maaliif na tuffatu
Namummaa koo qofaan
Anaaf hin dubbatu.
Dheerina ilaalanii
Hojjaa waaqni kenne
Furdina ilaalanii
Kan laga hin ceesisne
Ittiin na madaalu
Kana faa'a kaasanii
Namummaa koo qofaan
Hin ga'uu anaanii?
Kanaafuu hin laalin
Dadhabaa ta'uu koo
Daddabsite hin hiikin
Dubbannaa afaan koo
#Namummaa_koo _qofaa
#Anaaf_kabajni_koo.
Anaaf Kabajni koo
Harka koo hin laalin
Waanan harkaa qabu
Bareedinni fuulaas
Waan siif buusu hin qabu.
Qabeenyaa hin dhumatti
Naannoonis na hin qoodin
Hundeen tokkummaa ti
Namummaa koo qofaan
Na kabaji ati.
Beekumsa koo illaaltee
Yookaan wallaalummaa
Barumsa dhabuu koo
Yookaanis doofummaa
Dubbii hambisuu koof
Ija laafummaa koo qofaan
Tasa na hin gubatin
Namummaa koo qofaan
Mirga koo hin dagatin.
Baadiyyaa ta'u iyyuu
Kan magaalaa hin beekne
Abshaalummaa dhabus
Ammam yoon gowwome
Namummaa koo qofaan
Maal yoo kabajame?
Daa' ima harma guusii
Kan daddee daaddisu
Jaarsa iji jaame
Kan namni harkisu
Otuman ta'ee iyyuu
Kan qalbiin dhimmisu
Namummaa qofaan
Naa haa kabajchiisu.
Waan uffadhu dhabee
Huccuun koo yoo ciccite
Waanan nyaadhu dhabee
Mar'ummaan na cite
Maaliif natti akeeku
Warra tuulee uffatu
Isaan ilaalanii
Maaliif na tuffatu
Namummaa koo qofaan
Anaaf hin dubbatu.
Dheerina ilaalanii
Hojjaa waaqni kenne
Furdina ilaalanii
Kan laga hin ceesisne
Ittiin na madaalu
Kana faa'a kaasanii
Namummaa koo qofaan
Hin ga'uu anaanii?
Kanaafuu hin laalin
Dadhabaa ta'uu koo
Daddabsite hin hiikin
Dubbannaa afaan koo
#Namummaa_koo _qofaa
#Anaaf_kabajni_koo.
Gaafa rakkoof yeroo gubaa
Lafa cite naan dhukkuba
Yeroo gaaffiif yeroo yaadaa
Deebii dhabnaan natu aada
Natti haasoftus akka wayyu
Oduun madaankoo hin fayyu
Maaf fakkeessuuf irra dibda
Atoo baay'ee nama dhibda
Dharaan lafa man siif dhiita
Keessa kootti du'aa jirta
Of hin dhaadin natu caalaa
Osoo jirtuun si awwaala
Fedhu qorree didus hoo'uu
Gaafa duute siif hin boo'u
Gangalataa dhali gidiraa
Kudhan mortus ani jira
Ani hammeenya sin darbadhu
Bakkan yaades hin hanqadhu
Yoo dhaadattes dharri keechaa
Leenci akkamiin Yeeyyi dheechaa.
Lafa cite naan dhukkuba
Yeroo gaaffiif yeroo yaadaa
Deebii dhabnaan natu aada
Natti haasoftus akka wayyu
Oduun madaankoo hin fayyu
Maaf fakkeessuuf irra dibda
Atoo baay'ee nama dhibda
Dharaan lafa man siif dhiita
Keessa kootti du'aa jirta
Of hin dhaadin natu caalaa
Osoo jirtuun si awwaala
Fedhu qorree didus hoo'uu
Gaafa duute siif hin boo'u
Gangalataa dhali gidiraa
Kudhan mortus ani jira
Ani hammeenya sin darbadhu
Bakkan yaades hin hanqadhu
Yoo dhaadattes dharri keechaa
Leenci akkamiin Yeeyyi dheechaa.
#Mana_Kiraa....
Akka waan addunyaarra
Bara baraan jiraatuu
Quba funyaan na kaaโe
Abbaa mana kiraatu
~
Guyyaan kaffaltii ga'ee
Dabarraan guyyaa tokko
Keessaa gad na harkisuuf
Fudhatee dhufee okkoo...
"Guyyuma tokko maaliif
Osoo hin kaffalin teessa?
Dakkuu kee guurradhuutii
Ba'i manakoo keessaa
Qarshii hin fiddu taanaan
Amma saatii kanatti
Furtuun itti jijjiira
Ol hin seentu manatti
Harkiseen si darbadha
Baasee cinaa karaatti
Mana koos nan kireessa
Qaalessee akka garaatti"
Jedhee lafa dhiphisee
Iyyaan natti dhaadatee.....
Dubbii natti baay'ifnaan
Garaan waa na yaadate.
Arraba lafeen qabneen
Lafee kiyya caccabsee
Garaakoo na guggubee
Aariidhaan na gaggabsee
Obsa na ficcisiifnaan
Dubbiin morma na ga'ee
Akkas jedhee itti himeen
Manasaa dhiisee ba'e!
----------------------------------------
Qaala'iinsa jireenyaan
Harkaa dhabee maatiinii
Guyyaa tokko dabarraan
Akka tasaa baatiinii......
Guyyaa tokko obsiteef
Akka waan kuftee cabduu
Kana mara dubbachuuf
Homaa mirga hin qabdu
Biyya lafaa kanarra
Zalaalam turta seetaa?
Anoo badii hin qabu
Maaf daangaa natti ceeta?
Sooressaa fi hiyyeessa
Sheekas haa ta'u, qeesii
Hundumtuu du'a irraa
Waan hafu seetaa yee-sii?
Waggaa kumas hin turtu
Yoo dheerate jaatama
Qaamnikee coomaan kunis
Beeki rirmaan nyaatama
Mana xiinxaniin jigdee
Boru deegni sidhaaltu
Sagal "manakoo" jettee
Maal kanati utaaltu?
Kutaa tokkittii mitii
Osoo ta'ee gamicha
Manni dhugaa kanaaree?
Mee naaf himi namichaa...
Dhugaa jirun sittimaa
Al-tokko na dhaga'i
Ati hiyyeessa namaati
Feetu kottuu nadha'i
Qarshiin qabeenya miti
Waraqaa gatii qabu
Tarii bor nan argadha
Har'a hiyyoomee dhabu
Jiruu biyya lafaatiif~kiyyoo isa kuffisu
Rakkataatti kiyyeessaa
Abadan hin sooromtu
Kee qalbiitu hiyyeessa
Mana dhugaa dagattee
Kan sobaaf gootee dhamoo
Har'a addunyaan dorgomtus
Samii tuqsiisuuf gamoo....
Hagam birrii horattee
Addunyaa mara dhaaltu
Manni kee kootiin qixa
Sadi'iif sadii hin caaltu
Har'a qarshii abdattee
Kan jiruu nu dhorkitu
Hin beektuufi yoo duute
Akka qullaa sokkitu
Otuma addunyaaf joortuu
Gaafa lubbuunkee baatu
Viillaafi konkolaataa
Warshaan galaa siin taatu
Hirriba keessa jirta
Adeemaatuma, mugaa
Kanaaf jiruun duniyaa
Sitti fakkaate dhugaa
Kanaaf qabrii dagattee
Biyya lafaatiif joorte
Kanaaf na xiqqeessitee
Qabeenyaan natti koorte
Rabbiin ibaadaa malee
Dhimma hin qabu horiikee
Yaa dukkana qabirii
Siif sodaadhe boriikee...
Duruu amalakee obsee
Har'a ga'uun sabriidhaa
Hin gowwoomin namichoo
manni dhugaa qabriidha
Abbaa fedhe rakkisee
Rabbi abbaa fedhe soora"
Jedhee itti bulgaafadheen
Gad dhiisee ba'e mooraa!
Walaloon; Riyaad Raayyaa
Akka waan addunyaarra
Bara baraan jiraatuu
Quba funyaan na kaaโe
Abbaa mana kiraatu
~
Guyyaan kaffaltii ga'ee
Dabarraan guyyaa tokko
Keessaa gad na harkisuuf
Fudhatee dhufee okkoo...
"Guyyuma tokko maaliif
Osoo hin kaffalin teessa?
Dakkuu kee guurradhuutii
Ba'i manakoo keessaa
Qarshii hin fiddu taanaan
Amma saatii kanatti
Furtuun itti jijjiira
Ol hin seentu manatti
Harkiseen si darbadha
Baasee cinaa karaatti
Mana koos nan kireessa
Qaalessee akka garaatti"
Jedhee lafa dhiphisee
Iyyaan natti dhaadatee.....
Dubbii natti baay'ifnaan
Garaan waa na yaadate.
Arraba lafeen qabneen
Lafee kiyya caccabsee
Garaakoo na guggubee
Aariidhaan na gaggabsee
Obsa na ficcisiifnaan
Dubbiin morma na ga'ee
Akkas jedhee itti himeen
Manasaa dhiisee ba'e!
----------------------------------------
Qaala'iinsa jireenyaan
Harkaa dhabee maatiinii
Guyyaa tokko dabarraan
Akka tasaa baatiinii......
Guyyaa tokko obsiteef
Akka waan kuftee cabduu
Kana mara dubbachuuf
Homaa mirga hin qabdu
Biyya lafaa kanarra
Zalaalam turta seetaa?
Anoo badii hin qabu
Maaf daangaa natti ceeta?
Sooressaa fi hiyyeessa
Sheekas haa ta'u, qeesii
Hundumtuu du'a irraa
Waan hafu seetaa yee-sii?
Waggaa kumas hin turtu
Yoo dheerate jaatama
Qaamnikee coomaan kunis
Beeki rirmaan nyaatama
Mana xiinxaniin jigdee
Boru deegni sidhaaltu
Sagal "manakoo" jettee
Maal kanati utaaltu?
Kutaa tokkittii mitii
Osoo ta'ee gamicha
Manni dhugaa kanaaree?
Mee naaf himi namichaa...
Dhugaa jirun sittimaa
Al-tokko na dhaga'i
Ati hiyyeessa namaati
Feetu kottuu nadha'i
Qarshiin qabeenya miti
Waraqaa gatii qabu
Tarii bor nan argadha
Har'a hiyyoomee dhabu
Jiruu biyya lafaatiif~kiyyoo isa kuffisu
Rakkataatti kiyyeessaa
Abadan hin sooromtu
Kee qalbiitu hiyyeessa
Mana dhugaa dagattee
Kan sobaaf gootee dhamoo
Har'a addunyaan dorgomtus
Samii tuqsiisuuf gamoo....
Hagam birrii horattee
Addunyaa mara dhaaltu
Manni kee kootiin qixa
Sadi'iif sadii hin caaltu
Har'a qarshii abdattee
Kan jiruu nu dhorkitu
Hin beektuufi yoo duute
Akka qullaa sokkitu
Otuma addunyaaf joortuu
Gaafa lubbuunkee baatu
Viillaafi konkolaataa
Warshaan galaa siin taatu
Hirriba keessa jirta
Adeemaatuma, mugaa
Kanaaf jiruun duniyaa
Sitti fakkaate dhugaa
Kanaaf qabrii dagattee
Biyya lafaatiif joorte
Kanaaf na xiqqeessitee
Qabeenyaan natti koorte
Rabbiin ibaadaa malee
Dhimma hin qabu horiikee
Yaa dukkana qabirii
Siif sodaadhe boriikee...
Duruu amalakee obsee
Har'a ga'uun sabriidhaa
Hin gowwoomin namichoo
manni dhugaa qabriidha
Abbaa fedhe rakkisee
Rabbi abbaa fedhe soora"
Jedhee itti bulgaafadheen
Gad dhiisee ba'e mooraa!
Walaloon; Riyaad Raayyaa
Dukkana dabarsi ifa arguuf!!
Daandiilleen dheeratee
Dukkantiis hammaatu
If duuba hin deebi'uu
Kan kaayyoodhaaf kaatu
Dukkanni si marse
Inni bitaaf mirgaa
Si daangeessuu fedhaa
Kaayyoo kan kee argaa
Ifni fuul dura kee
Kan sitti mul'atu
Dukkana hammanaan
Walumaa hin gituu
Dukkana dabarsi
Arguuf ifa fagoo
Huccuu lagoo hin qabneef
Maalif oolta lagoo!
Hangam yoo marfamtes
Gamanaa fi gamaa
Imala itti fufii
Gahi bakka galmaa
Hoggaa deemte geesse
Bakka ifni kun jiru
Gaafas nuuf dubbattaa
Qormaaticha jiruu!
Barreessaan Roobaa Shaamil.
Daandiilleen dheeratee
Dukkantiis hammaatu
If duuba hin deebi'uu
Kan kaayyoodhaaf kaatu
Dukkanni si marse
Inni bitaaf mirgaa
Si daangeessuu fedhaa
Kaayyoo kan kee argaa
Ifni fuul dura kee
Kan sitti mul'atu
Dukkana hammanaan
Walumaa hin gituu
Dukkana dabarsi
Arguuf ifa fagoo
Huccuu lagoo hin qabneef
Maalif oolta lagoo!
Hangam yoo marfamtes
Gamanaa fi gamaa
Imala itti fufii
Gahi bakka galmaa
Hoggaa deemte geesse
Bakka ifni kun jiru
Gaafas nuuf dubbattaa
Qormaaticha jiruu!
Barreessaan Roobaa Shaamil.
Forwarded from Moora Fugug
Odeeffano wa'ee barnoota guutu argaachu nii barbaadu yoo barbaadan telgram keenya join godha Https://t.me/jointii