Qubee Learning​
1.2K subscribers
104 photos
5 files
57 links
Channel kana irratti barnoota, 'Accounting and Finance', fi Afaan Oromoo bifa salphaan ni argattu. Hammasitti channel keenya subscribe gochuun maatii ta'aa!

​πŸŽ₯ YouTube:πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ https://youtube.com/@qubeelearning?si=d3UM7F8BLOembk8W
Download Telegram
#Grade12Result

Qabxii kutaa 12ffaa ilaalchisuun boru wanti haaraa jiraachuu ni danda'a.

Qabxii kutaa 12ffaa hanga ammaa wanti hin ibsamneef qabxii barattoota hundaa yeroo tokkotti gadhiisuuf akka ta'ee fi qormaanni barattoota dhiyoo qoramanii sororamaa akka ture ibsameera.

Amma garuu ministeerri barnootaa waan hundaa yeroon xumuruu fi qabxii barattootaa ifa taasisuuf guyyaa fi halkan hojjataa akka jiru himameera.

Kanaafu, Qabxii kutaa 12ffaa ilaalchisuun boru wanti haaraa jiraachuu akka danda'u ibsameera.

Share gochuun qalbii hundaatu tasgabbeessa.

π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀6
#Waamicha
#Yuunivarsiitii_Wallaggaa

Yuunivarsiitiin wallaggaa mooraan guddichi fi kaampaasiin gimbii akkasumaas shaambuu barattoota postgraduate fi undergraduate dhaan barnoota keeysan hordofaa turtan guyyaan galmee bara barnootaa 2018 Fulbaana 08 fi 09/2018 akka tahe ibse.

Barattootni waggaa 2mmaffaa galmeen kan gaggeeyfamu kaampaasii itti ramadamtan qofatti akka tahe himame.

Barattoonni bara 2017 yuunivarsiitichatti barnootaa remedial hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa argattan fi barattootni haarayni 2018 fuulduratti ministerri barnootaa mooraa teenyatti isin ramadu guyyaan waamicha keeysanii beeysisa birootiin akka ifoomu isin beeysifna.

π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀1
#Waamicha
#Yuunivarsiitii_Injibaaraa

Barattoota Yuunivarsiitii Injibaaraa buleeyyiifi haaraya hundaaf

β—‡ Barattoota saayinsii fayyaa fi bara 2017 waggaa 1kkoffaa barachaa turtanii department hin filatin guyyaan galmee bara barnootaa 2018 Fulbaana 12 fi 13/2018 tahuu ibsame.
β—‡ Barattoota buleeyyii biroof immoo guyyaan galmee Fulbaana 19 fi 20/2018 tahuu ibsame.
β—‡ Bara 2017 keessa sagantaa reemeediyaaliitiin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa argattan akkasumaas barattoota bara 2018 ministeera barnootaan moorichatti ramadamuuf jirtan guyyaan galmeen keeysanii fuul-duratti beeysifama jedhame.

Hubachiisa β€’;
Barattootni dursaniis tahe boodatti hafanii dhufan Kan hin keeysummeeyfamne tahuu yuunivarsiitichi beeysise.

π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀1
#Beeksisa
#Yuunivarsiitii_Gondar

Akkuma beekkamu yeroo darbe Yuunivarsiitiin gondar waamicha isiniif godhuun kan yaadatamuudha haaluma kanaan barattoota buleeyyii fi haaraya moorichatti ramadaman barattoota sagantaa fooyyeeyfannaa ( Remedial ) dhaan barnoota keeysan moorichatti hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa argattan dabalatee guyyaan galmee bara barnootaa 2018 yeroo hin beekkamnetti darbee kan jiru tahuu isin beeysifna jechuun Yuunivarsiitichi ibsa baaseen beeksise.

πŸ“‘Chaanalii Qubee AcademyπŸ“‘

π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
#Waamicha
#Yuunivarsiitii_Dambii_Dolloo

Yuunivarsiitii dambi_doolloo barattoota idilee buleeyyiif hundaaf waamicha godhee jira.

Haaluma kanaan bara barnootaa 2018'f barattoota idilee buleeyyii hundaaf guyyaan seensa yuunivarsiitii fuulbana 12 fi 13/2018 akka tahe Yuunivarsiitichi beeysise.

Barattoota haaraya bara kana ministeerri barnootaa yuunivarsiitichatti isin ramaduuf jiraatu akkasumaas barattoota sagantaa barnoota reemeediyaaliitiin Yuunivarsiitii dambi_doollootti barnoota hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa argattan hundi yaamichi keeysan gara fuula duraatti kan ibsamu taha jechuun Yuunivarsiitichi beeysise.

πŸ“‘Chaanalii Qubee AcademyπŸ“‘

π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
#kutaa_12ffaa
#update

Bu’aan kutaa 12ffaa haga yoonaa hin gadhiifamin jiraachuufi barattoota dabalatee maatiin barattootaa burjaajjii irraa akka of qusatan tajaajilli madaallii barnootaafi qormaataa biyyaalessaa dabarse.

Tibba qormaati gadhiifamuuf jedhu goyyomsaan akka heddummatu kan dhaaman aanga’ooni tajaajilichaa, bu’aa yeroon gadhiisuuf tattaaffii taassisaa jiraachuu himaniiru.

Qaammee 4/2017 ni gadhiifama jedhamee eegamaa kan ture qormaati biyyaalessaa, haala gaariin Qulqulleessuun gadhiisuuf jecha yeroo hin beekamnetti achi siquufi yeroo gadhiifamutti dursanii miidiyaalee biyyaalessaafi qabatamoo ta’aniif odeeffannoo akka kennan tajaajilichi beeksiseera.

Barattoonniifi maatiin barattootaa obsaan akka eegan dhaamameera.

Bara kana barattoonni kuma 500 fi 80 qormaata kana fudhachuun ni yaadatama.


πŸ“‘Chaanalii Qubee AcademyπŸ“‘

π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀5
Oduu Ammee

Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa boru ifooma

Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 boru ifooma.

Qabxicha ilaalchisee boru waaree booda sa'aatii 10:00: eegalee ibsi kan kennamu ta'uu Ministeerri Barnootaa himeera.


πŸ“‘Chaanalii Qubee AcademyπŸ“‘

π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀4πŸ‘2
Ministeerri Barnoota qormaata kutaa 12ffaan walqabachuun ibsa kenne.

Bara kana barattoonni dhibbeentaan 8.4 darbuu kan beeksise  ministeerichi barri kun isa bara darbeerra fooyya’aa ta’uu ibseera.

Naannoowwan lakkoofsaan barattoota hedduu dabarsa walduraa duubaan Finfinnee, Naannoo Harari fi Naannoo Amaaraadha jedhameera.

Bara kana barnoota saayinsii uumamaan naannoon Oromiyaan qabxii olaanaa galmeessiteetti.

Bifuma kanaanis:

Mana barnootaa Ifa Boruu Dodolaa Dhiiraan qabxii 591 saayinsii Uumamaan tokkoffaa.

Mana Barbootaa Boordiingii Amboo Dhiiraan 562 Saayinsii uumamaan galmaa’eera.

Walumaa galatti Oromiyaatti barattoonni 11,651 qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa milkaa’aniiru.

π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀1
Ministeerri Barnootaa akka beeksiseetti, barattoonni bara 2017 A.L.I. Caamsaa keessa Qormaata Kutaa 12ffaa fudhatan keeysaa 48,929 yookaan 16.6% bu’aa darbiinsaa argachuu isaanii ibseera.

Dhiira: 30,451 (9.9%)
Dubartii: 18,478 (6.7%)


Bara kanaas barnootni sagantaa fooyya'iinsa ykn remedial akka jiraatu ministry barnootaa ibse.



π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀3
Qormaati yoom gadhiifama?

Qormaati kan gadhiifamu guyya boruu haga sa’a 6:00 tti ta’uu ministeerri barnootaa beeksiseera.

π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀3
Grade_12
Remedial


Bara kanaas sagantaan barnootaa Foyyaa'insaa ykn remedial akka jiru prof Birhaanuu Naggaa dubbatan.

Kan bara darbee caalaa qabxii darbiinsaa olkaasuun remedial akka kennamuus ibsan.

Barattoota hangam takkaatu remedial dhaaf dhiyaata kan jedhu hin murtoofne jedhan.

"Bara kana barattootni carraan remedial kennamuuf hin murtoofne. Dhibbarraa 40-50 kan jedhu irratti marii irra jirra" jedhan.

Bara darbe qabxiin seensa akka olka'uufii hangin barattoota fudhatamuu akka xiqqaatu himamee jira.


π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀4
Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa gadhiifameera

Ilaallachuuf
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
1. Marsaariitiiፑ https://result.eaes.et
2. teelegiraamaፑ https://t.me/EAESbot
3.  Ergaa gabaabaa (SMS)ፑ  6284

π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀3
#Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa amma gadhiifameera

Ilaallachuuf Registration No fi maqaa keessan galchaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
1. Marsaariitiiፑ https://result.eaes.et
2. teelegiraamaፑ https://t.me/EAESbot
3.  Ergaa gabaabaa (SMS)ፑ  6284

π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
πŸ‘2πŸ‘Ž2❀1
Warri network sin rakkiseef karaa @Melesebirhanuz maqaaf Adm. No keessan erguu dandeessu
❀1
Beeksisa

Barattoota bara barnootaa 2017 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa darban hundaaf;

Barattoonni bara barnootaa 2017 Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa darbanii fi yunivarsiitiiwwan mootummaa Ministeera Barnootaa jala jiran keessatti bu’uura baasii qoodamuun (iskoolaarshiipii) barachuuf fedhii qaban filannoo yuunivarsiitii fi muimmee isaanii karaa bakka bu’oota mana barumsaa isaanii hanga Fulbaana 14, 2018tti sirreessuu ni danda’u.

Hubachiisa:

1. Yuunivarsiitiin Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa bara barnootaa 2018 irraa eegalee barattoota damee barnootaa adda addaatiin akka fudhatu isin beeksifna.

2. ASTU fi AASTU filannoo keessaa hin galan

Ministeera Barnootaa.


π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀3
Waamicha
Yuunivarsiitii Debaarq


Yuunivarsiitiin Debaarq barattoota waggaa 4ffaa barnoota Eeybifamoo (regular) kan ta’an bara barnootaa 2018 (semester) tokkoffaa guyyaa galmee isaanii Fulbaana 22 fi 23/2018 A.L.I akka tahe tahe beeksisee jira.

Galmeen adabbii waliin Fulbaana 26/2018 A.L.I akka ta’u ibsameera; barnootniis Fulbaana 26/2018 A.L.I ni jalqaba jedhameera.

Suura 3 (sadii) kan baay’inni isaa 3Γ—4 fi lakkoofsa TIN (Tax Identification Number) gatii hirmaannaa kaffaluuf akka barbaachisu ibsameera.

Barattoonni waamichi isiniif hin godhamun yeroo dhihoo keessatti beeksisa biraatiin waamichi kan isiniif taasifamu tahuu hubattanii hangasittuu obsaan akka eegdan Yuunivarsiitiin beeysisee jira.


π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀3πŸ‘3
#kutaa_12ffaa

Qabxiin darbiinsaa 300 ture 297 ta’e.

Barattoota qabxii qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan qabxiin isaanii gara dhibbeentaa 50tti siqsamuun akka darban akka taasifamu murtaa’e.

Ministeerri ministeera barnootaa Pirofeeser Birhaanuu naggaan barattoonni qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan qabxiin isaanii gara dhibbeentaa 50tti siqsamuun akka darbaniif murtaa’uu isaa beeksisuun xalayaa Yuunivarsitiileef erganiiru.

Bifuma kanaanis qabxiin darbiinsaa 600 irraa 300 ture gara 297tti gadi kan siqe yommuu ta’u barattoonni 297 fidan gara dhaabbilee barnoota olaanootti ramadamuun barumsa isaanii ka itti fufan ni ta’a.


π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀6
Qabxiin seensaa Rimiidiyaalaa ifoome.

Barattoonni bara barnootaa 2018 damee saayinsii uumamaa fi hawaasaatiin  qabxii %49.5 gadi galmeessanii garuu ulaagaalee armaan gadii guutan sagantaa Rimiidiyaalaa irraa fayyadamoo akka ta’an Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ulaagaalee kunneenis

1. Filannoo hunda (dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa) keessatti barattoonni sagantaa Rimiidiyaalaa hordofuuf dhibbeentaa 33 fi isaa ol galmeessuu qabu.

2. Tumaalee keewwata 1 armaan olitti ibsaman akkuma eegametti ta’ee, barattoota sagantaa Rimiidiyaalaan dhaabbilee mootummaa keessatti hordofan (baasii mootummaan haguugee) kanneen qabxii armaan gadii galmeessan qofa.

Isaanis

➑️ Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa Barattoota Dhiira 216

➑️ Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa Barattoota Shamaraa 204

➑️ Naannoo Guddachaa jiranii fi Naannoo Horsiisee Bultootaa Barattoota Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa saala lamaan 198

➑️ Saayinsii Hawaasaa fi Uumamaa Barattoonni Dugdaa hin dhageenye saala lamaan 198

➑️ Saayinsii Hawaasaa fi Uumamaa Barattoota argaa dhageettii hin qabneef saala lamaan 165



π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀3πŸ‘1
Ramaddiin Barattootaa Yuunivarsiitii galanii ifoome

Ministeerri Barnootaa marsariitii ramaddiin Yuunivarsiitii ittiin ilaallamu ifoomseera.

Haaluma kanaan barattoonni qabxii darbiinsaa argatan Yuunivarsiitii itti ramadaman marsariitiiwwan argaman gadiin ilaallachuu kan danda’an ta’uu ibseera.

Marsariitii https://student.ethernet.edu.et

Teeleegraamii @moestudentbot

π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo    
π’π‡π€π‘π„πŸ‘‰ @qubee_koo

β™‘ γ…€   βŽ™γ…€    ⌲       πŸ”•         βœ‰οΈ   
ˑᢦᡏᡉ    ˒ᡃᡛᡉ    ˒ʰᡃʳᡉ   α΅˜βΏα΅α΅˜α΅—α΅‰   αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—
❀15πŸ‘Ž1
Channel name was changed to Β«Qubee Learning​»