QUBEE MEDIA
16.8K subscribers
215 photos
7 videos
97 files
100 links
Buy ads: https://telega.io/c/Qubee_Media_Official

In this channel you'll find books, education information, exams, technology news, crypto news, website building and etc.

CEO :- @alfredoow
Download Telegram
QUBEE MEDIA
Photo
#Technology #Kalaqa

Post kana sirriitti react fi #share taasisa!

Jenereetara sagalee hin qabne yeroo tokkotti chaarjeffamee waggaa tokkoof tajaajilu danda’u kan kalaqe barataa Fedhasaa Shuumaa


Fedhasaan Godina Qeellam Wallaggaatti dhalatee kan guddate yoo ta'u, Magaalaa keessatti ogummaa tajaajila elektirikaan ni beekama. Hojii elektirika suphuu isaa kanas ibsaan baduu fi deebi'uun yeroo baay'ee jalaa gufachiiseera.

«Rakkoon dandeettii horata» akkuma jedhamu Fedhasaan hojii isaa irra deddeebiin kan jalaa gufachiiseef fala barbaaduuf ka'e, gara hojiittis seene.

Yaalii hedduminaan erga godhee booda, yeroo tokkotti chaarjeffamee Teeknooloojii waggaa tokkoof tajaajila kennuu danda'u kalaqeera.

Fayyisaan dandeettii fi hojiin humna jijjiirama fiduu danda’u jedhamuun abdiin keessa ture, meeshaa haaraa uumeera.

Fayyisaa ministirii hojii fi dandeettii jalatti, leenjii addaa fudhachuun fi deeggarsa dandeettii hojii argachuun teknolojii haaraa kana fooyyessuuf hojjeteera.

Teknolojichi tajaajila ifaa qofa osoo hin taane, moobaayilii, teeleevizhinii, firijii fi meeshaalee elektirooniksii kamuu chaarjessuu fi sochoosuu danda’a. Tekinoolojichi yeroo tokkotti chaarjeffamee deebi’ee fayyadamuun yeroo dheeraa humna kan qabaatudha.

Teknolojichi biyya keenya qofatti osoo hin taane addunyaa guutuutti jijjiirama fiduu danda’a jedhamuun abdiin irra ka'aameera.

Jeneretarri sagalee hin qabne kun, humna 300 wattii irraa jalqabee kan fayyadamu, barbaachisummaa fi fedhii fayyadamuu irratti hundaa’ee yeroo tokkotti chaarjeffamee waggaa tokkoof ol tajaajila kennuu danda’a jedhee Fedhasaan mirkaneesseera.

Bara 2014 irraa jalqabee Fedhasaan biyya keenya keessatti nama ibsaan mana isaatii hin banne kan jalqabaa ta'uu isaa EBC'n gabaaseera.

Amma Ministeera hojii fi dandeettii jalatti, Fedhasaan biyya keessatti kuusaa ifa qopheessuu fi teknolojii haaraa kana bal’inaan ummataaf dhiheessuu irratti hojjachaa akka jiru himameera.

Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa!

@Qubee_Media_Official
@Qubee_Media_Official