QUBEE MEDIA
20.3K subscribers
288 photos
8 videos
97 files
128 links
Buy ads: https://telega.io/c/Qubee_Media_Official

In this channel you'll find books, education information, exams, technology news, crypto news, website building and etc.

CEO :- @alfredoow
Download Telegram
#MoE #Sagantaa_Reemiidiyaalii
#Reemiidiyaalii

Qormaanni Barattoota Sagantaa Reemiidiyaalii Bara Kana Yoomii fi Eessatti Kennama?

#share

Qormaanni Barattoota Sagantaa Reemiidiyaalii bara 2016 jalqaba Ji'a Waxabajjiitti ni kennama :- Ministeera Barnootaa

Qormaanni Barattoota Sagantaa Reemiidiyaalii jalqaba Ji'a Waxabajjii dhufuutti guyyoota 15'f Yuunivarsiitiiwwan Mootummaatti qofaa kennuuf hojjetamaa akka jiru Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Bara darbe rakkoo uumame furuuf qormaata barattoota reemiidiyaalii Yuunivarsiitiiwwan Mootummaatti qofaa kennuufi.

Qormaata 70% irraa qophaa'i kana Ji'a Waxabajjii jalqabatti guyyoota 15'f karaa online, karaa online fi karaa waraqaa ykn ammoo bifa sirriitti eegameen karaa waraqaa kennuuf hojjetamaa jira jedhameera.

Bara kana barattoonni 32,500 qabxii 50% fi isaa ol fiduun kallattiin Yuunivarsiitii seenanii barumsa isaanii hordofaa kan jiran yoo ta'u, barattoonni 78,000 ol ammoo Yuunivarsiitiiwwan Mootummaatti sagantaa Reemiidiyaaliitiin barnoota isaanii hordofaa jiru.

Barnoonni Sagantaa Reemiidiyaalii Ji'a Mudde irraa kaasee hanga Waxabajjii bara 2016 kennamaa kan jiru yoo ta'u, qabxiin isaanii 30% Yuunivarsiitiiwwan isaaniitti kan xumuran ta'a, 70% ammoo qormaata Ministeerri Barnootaa baasu irraa madaalamu.

Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa!

@Qubee_Media_Official
@Qubee_Media_Official
History Remedial Note.pptx
1.1 MB
#Reemiidiyaalii

Barattoota Sagantaa Reemiidiyaaliitiif Short note History kana buufachuun fayyadamaa.

Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa!

@Qubee_Media_Official
@Qubee_Media_Official
#Reemiidiyaalii

Qormaanni Barattoota Sagantaa
Reemiidiyaalii bara 2016 yoom kennama?

Qormaanni barattoota Sagantaa
Reemiidiyaalii bara 2016 Jalqaba Ji'a Waxabajjiitti Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa keessatti qofaa akka kennamu Ministeerri Barnootaa kana dura ibsuun isaa ni yaadatama.

Tikvah University'n akka odeeffannoo argatetti qormaanni
Reemiidiyaalii kun Waxabajjii 1-7 bara 2016 ykn Waxabajjii 8-15 bara 2016 ni kennama.

Bara kana barattoonni kuma 78 ol Yuunivarsiitiiwwan Mootummaatti barnoota isaanii sagantaa
Reemiidiyaalii Ji'a Mudde darbe irraa kaasee hordofaa jiru.

Ta'us garuu barattoonni Sagantaa
Reemiidiyaalii Yuunivarsiitii Baahir Daaritti ramadaman hanga ammaatti waamichi hin taasifamneef. Barattoonni kunneen akka gara Yuunivarsiitiiwwan birootti ramadamanii baratan ykn akka yeroon qormaataa kan biraa isaaniif mijatu karaa Yuunivarsiitichaas ta'e karaa Ministeera Barnootaa wanti jedhame hin jiru.

Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa!


@Qubee_Media_Official