PEACE MESSAGE 📡🛰️🔊📜
3.03K subscribers
750 photos
191 videos
13 files
372 links
وَٱللَّهُ يَدْعُوٓا۟ إِلَىٰ دَارِ ٱلسَّلَٰمِ وَيَهْدِى مَن يَشَآءُ إِلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسْتَقِيمٍ
Yunus 10:25

For contacts 👉 @Wayof_jannah
Download Telegram
Assalamualaikum warahmatullaahi Wabarakaatuh! 🌙 Kabajamtoota hordoftoota keenya guyyaa Jum'aa keessanii kana keessatti, obboleewwan keenya kan Aksum naannoo Tigraayi jiraniif du'aa'ii gochuu hin dagatinaa. 🤲🕌

Rabbiin nasriin isaan haa dhaqqabu. Zaalimtootaaf immoo Gatii isaaniif haa kafalu. Hunda ummata muslimaa Rabbiin nuuf haa nassaru.

@peacetv0
@peacetv0
❤‍🔥3
Lubbuu ofii balleessuun duniyaa fi aakirattis balaa guddaadha.
Maaliif lubbuu tee balleessita??
Obboleessa kiyya hubattee?
👉 Ati bar gatii qabda
👉 Ati bar barbaachisaa dha
👉 Ati bar kophaa keetii miti

😔 Jireenya kana keessa hadhaan ykn wanti irratti obsuun namatti ulfaatu akka jiru sirritti niin hubadha.
Garuu yaa obboleessa kiyya
obboleettii tiyya…

Gatii jireenya keetii hubadhu!
Eenyuunuu kophaa isaa hin jiraatu.
Jireenyi kee si qofaaf osoo hin taane
👨‍👩‍👧‍👦 maatii keetiif,
💞 jaalalloo keetiif,
👬 hiriyoota keetiifiis hiikkaa guddaadha qaba.

Hundumaafuu Jiraachuun kee nama baay’eef barbaachisaa dha.

Obboleessoo Rabbii si jaalatu, siif rahmata godhu qabda,
akkasumas namoota si jaalatan❤️,
si mararfatan baayyeedha qabda.

Sirritti naaf hubadhu:
Rakkoon yeroo muraasaaf ta’uu danda’a, haa dheeraatuu haa gabaabbatuu
haalliniis ni jijjiirama!
🌈 Furmaanniis ni dhufa!

Wanti jala murtee beekuu qabdu:
Akkuma halkan booda bariin yokaa guyyaan dhufuun beekkamutti
rakkoo boodaas gammachuun ni dhufa—kana amani!
Akka amantaa Islaamaatti
📖 قال الله تعالى:
﴿ولا تقتلوا أنفسكم إن الله كان بكم رحيمًا﴾
(سورة النساء: 29)
🤲 Rabbiin: of hin ajjeesinaa—ani isiniif mararfataadha.
🕋 وقال النبي ﷺ:
"من قتل نفسه بشيء عُذِّب به يوم القيامة"
(رواه صحيح البخاري وصحيح مسلم)
⚖️ Namni of ajjeese, waan ittiin of ajjeeseen qiyaamaatti adabama.

🤲Dargaggootaa fi shamarran keenya…
🛡️ Rabbiin iimaana dhabuu irraa isin haa eegu,
🌿 of wallaaluu fi abdii kutachuu irraa isin haa baraaru,
🤝 wal dhabuu, of dhabuu fi waa dhabuu irraa isin haa tiksu.
Sheeyxaana namaatii fi kan jinniitiis irraa isin haa baraaru.
Balaa barnootaa fi hujii malee taa'uun qabdu irraa nagaya nuhaa baasu.

Isiniin jaaladha💞
an obbleessi keessan jemal Aliy

https://t.me/peacetv0
4👍2
صباح الخير، استمر في السعي
2👍1
Ustaazonni dhokattee sirba dhageeffattii akkamitti sirbaaf deebii kenniti? Warra jettaniif deebii qaba. 🎧🤔

Deebiin koo: Eeyyen sirba ifatti dhagayan garuu dhokatanii hin dhageeffatan kan jedhuudha. 🗣️🙈

Sababni isaa: Itiyoophiyaa keessatti sirba hin dhageeffadhu yoo jettes, dhagayuun kee hin oolu! 🚫🎶

Eessatti yoo naan jette? Karaa irra yoo imaltu, taaksii keessatti 🚕, mana nyaataa yoo olseentu 🍽️, akkasuma nama karaa irra sirbaa deemu ykn sirba dhageeffataa deemu irraa, ykn ammoo nama waayee sirba sanii haasawu irraa, ykn TV irraa 📺, ykn reediyoo irraa 📻.

Kanaafuu, Itiyoophiyaa keessatti waan filatte qofa osoo hin taane, waan hin filatinis dirqamaan dhageeffatta. 🎵

Ammoo hamaa dhagayan ummata irraa akeekkachiisuu shari’amatu jedha kuni hojii ustaazotaati. 📢👨‍🏫

Walumaa galatti: Yoo shiraaf ykn ustaazota maqaa balleessaaf hin taane, osoo dhugaa kana beektu, ustaazonni akkamitti sirba dhageeffattee qeeqxi yoo jette, situ rakkoo qaba malee ustaazotaa mitii! Ogeessa barbaadii, of wal’aani… 💡🛠️

https://t.me/peacetv0
10👍1
Hijaabaa fi niqaaba akka uffatan hayyamaa; uffatni (hijaabni) qaama badii irraa haguuga malee sammuu yaaduu irraa hin haguugu yoo jennu, warra nu hin dhageenyetti himaa.

Obboleettiin keenya Dr. IMAN ABDURAHMAN ABDULAHI, damee fayyaatiin sadarkaa olaanaa irra gahuun akka danda'amu obboleettiiwwan keenya Musliimaatiif fakkeenyaa gaarii kan taate fi Kolleejjii Meedikaalaa Mileniyeemii Hospitaala Phaawuloos irraa qabxii dinqisiisaa (GPA 3.94)🎓 galmeessitee eebbifamte, gahumsa ishee agarsiiftee badhaasa kabajaa fi maqaa ishee har'a Ministira Fayyaa Dr. Maqdes Daba irraa argatteetti.

🎓🏆🎉🎉🎉🎉


https://t.me/peacetv0
https://t.me/peacetv0
👍1
Dheebuu beekkamtii fi jaalatamummaa Xaaguuta Baranaa


Ahimaddiin Jabal, kutaa 1ffaa.
🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥

Miidiyaan hawaasaa onnee namootaa keessatti taaboo (Xaaguuta /waaqolii) itti tajaajilaman dhaabaa jira. Jalqaba irratti baay’ina 'Like', hordoftootaa fi daawwattootaa, akkasumas 'Viral' ta’uu irratti xiyyeeffata. Itti aansuun ammoo fudhatama beekamtii barbaaduutu dhufa. Kunneen hundi yoo kaayyoo gaarii fi naamusa hordofanii bu’aa hojii keenyaa ta’anii dhufan faayidaa qabu.

Miidiyaa hawaasaa irratti beekamtiin battalatti kan argamuun danda’amu fi hojii algorithm irratti kan hundaa’edha. Barreeffama qullaa caalaa barreeffamni suuraa waliin maxxanfame nama baay’ee bira gaha. Suuraa caalaa ammoo viidiyoof daawwannaa argachuun salphaadha.

Viidiyoowwan baraman irra kanneen adda ta’an ammoo caalaatti tatamsa’.
Algorithm-ni qabiyyee miidiyaa hawaasaa akka tatamsa’uuf qindaa’e kan jajjabeessu fi badhaasu waan xiyyeeffannoo namootaa harkisuu danda’uudha. Xiyyeeffannoon yoo harkifame ammoo daawwataan ni argama. Daawwataan yoo argame namoonni beeksisa itti agarsiisan baay’inaan ni argamu. Isaan baay’inaan argaman jechuun ammoo namoonni beeksisa hojjechiisuuf kaffalan ni dhufu.

Kaffaltoonni baay’inaan yoo dhufan ammoo galii guddaan ni argama. herrega kana irraa ka’uun, algorithm-onni namni baay’een akka harkifamuuf gochaawwan fi amala adda ta’an (kanneen dubbataman) bakka guddaa kennuuf.
Kanaan kan ka’e, namoo

nni caalaatti gad-lakkisoo fi dubbii kaasan salphatti beekamtii gonfachuu danda’u. Sababa kanaan namoonni kana hubatan daawwannaa argachuuf jecha seerota amantii isaanii dabalatee ni cabsu; amantii fi eenyummaa warra kaanii hanga arrabsuuttis ni gahu. Hordoftoota harkisuuf jecha uffannaa fokkuu ykn amala adda ta’e agarsiisuu irratti xabatan. Qabiyyee uumuuf jedhaniis yaada cubbuu ta’anii fi dhaloota balleessan walitti qabuu jalqaban.

Daawwannaa ol’aanaa argachuuf jedhanii gariin isaanii ofii isaaniitii mormisiisoo of taasisan. Gariin ammoo waan mormisiisaa ta’e funnaannachaa fi uumaa babal’isuu irratti bobba’an. Kanaanis namummaa ofii xureessanii daangaa eenyummaa fi aadaa hawaasaa cabsan. Galii ofii qofaaf yaaduun, beekaas ta’e osoo hin beekin summii isaan facaasaniin dhaloonni itti aanu aadaa fi amala moraalii irraa maqee fi haaraa akka uffatuuf tattaaffachaa jiru.

Dhaabbileen biraa kanneen maqaa fi beekamtii barbaadan ammoo oomisha isaanii gurgurachuuf akka miidhagsituu (faayaa) isaaniitti tajaajilaman. Kanneen biroon ammoo isaanii bira dhaabbatanii 'yaadannoo' (taayitaa/mul’annoo) argachuuf jecha waltajjii fi qophii isaanii irratti hirmaattota ta’an. Kanneen biroon ammoo balaaleffatamuu sodaatanii calaquu filatan. Gariin ammoo gama miidhaa isaa irra garagalanii gama faayidaa isaa qofa akka mul’atuuf falmitoota ta’anii dhiyaatan.

Adeemsa kanaan cubbuu hammamiitii akka uummanni baratu taasisan. Maqaa kalaqaan (innovation) amala qaanii hin qabne dargaggeessa keessatti dhababeessan. Maqaa diraamaatiinis gad-lakkisummaan akka bashannanaatti uummanni akka obbaatu taasifame. Madda balleessaa kana irraa kan obbaate (quufe) namni ammoo itti mi’aawaa, “Isaan natti hin tuqinaa”, “Isaan fakkeenya kooti” hanga jechuutti ga’ameera.

Muslimoonni dabalatee chaanaalota fi qabiyyeewwan nama qaanessan jalatti “Maashaa-Allaah” jechaa yommuu dinqisiifatan arguun baramaa ta’eera.

Muraasni amantii Islaamaa irraa waan baay’ee dhiisanii, gariin ammoo shashii akka hijaabaa mataa isaanii irratti darbatanii “Maqaa seenaa jaalalaatiin” seenaa zinaa (ejjaa) fi iccitii namootaa barbaadaa dhalootaaf dhiyeessuu eegalan.

Allaahn hunda keenya gara karaa qajeelaatti nu haa qajeelchu.
Dargaggeessis baratee ofii isaa fi biyyaaf nama fayyadu ta’uu irra, hawwiin isaa 'Social Media Influencer' ta’uu ta’e. Akka isaanii ta’uun karaa gabaabaan beekamaa fi sooressa ta’uu danda’ama jedhanii amanuutti daban. Kunis mana hundatti kitaaba barnootaa osoo hin taane, bilbila ammayyaa akka bitamuuf dargaggeessi kadhatu akka baay’atu taasise.
👍1
Yeroo isaa namoota gad-lakkisoo sana dinqisiifachaa isaan jala taa’uu irratti yoo fixu barnoota irraa fagaachaa deeme. Karaa isaanii deemuun caalaatti daawwannaa argachuuf, beekamaa fi qaxalee ta’uuf isaanii olitti waan haaraa qabatanii dhiyaachuun barbaachisaa ta’e.

Karaa kanaan namoonni gariin kanneen gaa’ila qaban fuula kaameeraa duratti akka wal-dhungatan gochaa yommuu dhiyeessan mul’atan. Kanneen biroos walitti dhufeenya gaa’ilaan alaa maqaa “Jaalalleewwan” jedhuun yommuu wal-dhungatan agarsiisuun afuura zinaa onnee dargaggeessaa keessatti dhaabuu eegalan. Kanneen biroon ammoo fira dhiyoo, hojjettota mana gadii waliin fi hiriyoota dhiyoo gaa’ila qaban waliin zinaa fi gantummaa raawwatamu maqaa diraamaa fi bashannanaatiin babal’isuu itti fufan. Adeemsa kanaan yoo cal-isni ta’e biyya keenya keessatti yeroon fiilmiin fedhii saalaa (pornography) ifatti itti tatamsa’u fagoo hin fakkatu.

Namoota waan barsiisaniif namni baay’een hadooddaan liqimsamee deebiin isaa cal-isuu ta’e. Muraasni mormii dhageessisanis dhageettii dhaban. Kanaf da’oon fi uffanni isaa mirga, bilisummaa, bashannanaa fi kalaqa ta’e. Kan caalu ammoo, damee dhaloota ajjeesaa jiru kanaan “Badhaasa Kalaqaa” jechuun waltajjiiwwan sana kallattiin miidiyaan uffisanii fi ispoonsara ta’anis itti dabalaman.

Uffata beekkamtii argachuuf Uffata Uffachuu
🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴

Namni tokko hanga qajeelfama Islaamaa waliin hin walleetti uffata bareedaa isaaf ta’u uffachuun rakkoo hin qabu. Garuu mul’atanii mul’isuuf, xiyyeeffannoo harkisuuf, ol’aantummaa agarsiisuuf, fi dorgommii ija namootaa harkisuu keessa kan galan jiru. Isaanis adda ta’anii mul’achuu fi beekamuuf jecha yeroo hunda uffata beekamtii barbaaduu (Thawbu-Shuhrah) uffachuu karaa isaanii taasisan.

Adeemsa balaa qabu kana keessa xiyyeeffannoo dheebochuu, jaalala namootaa barbaaduu, Riyaa (naaf-argaa), of-tuuluu, warra kaan olitti of arguun madaaluu, hanqina of-amantaa fi fedhii ofii waaqeffachuutu jira.

Namoonni xiyyeeffannoon fi fedhiin isaanii jaalala Allaah irratti osoo hin taane mirkaneessaa fi ragaa namootaa irratti yoo rarra’e, onnee qulqulluun Allaah tajaajiluun ulfaataa ta’a. Kanaafuu gochi kun Allaah biratti cubbuu adabbii fidu ta’e. Abdullaah ibnu Umar (R.A) irraa akka gabaafametti Ergamaan Allaah (S.A.W) dhimma kana irratti akkas jedhaniiru:
عَنْ ابْنِ عُمَرَ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: مَنْ لَبِسَ ثَوْبَ شُهْرَةٍ فِي الدُّنْيَا، أَلْبَسَهُ اللَّهُ ثَوْبَ مَذَلَّةٍ يَوْمَ الْقِيَامَةِ. (رواه أحمد وأبو داود وابن ماجه)
"Namni addunyaa keessatti uffata beekamtii (fashina of-tuulummaa) uffate, Allaahn guyyaa Qiyaamaa uffata xuraawaa (salphinaa) isa uffisa. Sana boodas ibidda itti bobeessa." (Abuu Daawud, Imaamu Ahmad fi Ibnu Maajah gabaasaniiru)
Uffata beekamtii fi maqaa uffachuun bifa qofaan caalanii mul’achuuf hawwuun akkasumas kaayyoo fi kallattii jireenyaa beekamtii waliin wal-qabsiisuun bu’aan isaa balaadha.

Balaa Fedhiin maallaqaa fi beekkamtii
💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢

Imaamu Ahmad fi Tirmiziin Ka’ab ibnu Maalik irraa akka gabaasanitti Ergamaan Allaah (S.A.W) akkas jedhaniiru:
"مَا ذِئْبَانِ جَائِعَانِ أُرْسِلَا فِي غَنَمٍ، بِأَفْسَدَ لَهَا مِنْ حِرْصِ الْمَرْءِ عَلَى الْمَالِ وَالشَّرَفِ لِدِينِهِ"
"Yeeyyiiwwan lama kanneen beela’an kanneen hoolota (re’eetti) keessatti gad-lakkifaman miidhaan isaan hoolota sana irratti geessisan, hawwii namni tokko maallaqaa fi ulfinaaf (aangoof) qabu amantii isaa irratti miidhaa inni geessisu caalaa hammaataa miti."

Hadiisa kanaan Ergamaan Allaah (S.A.W) saffisaa fi bal’ina miidhaa yeeyyiin beela’e lama horii irratti geessisan caalaa, hawwiin maallaqaa (Al-Maal) fi ulfinaa (Ash-Sharaf) amantii namaa irratti miidhaa geessisu hammaataa ta’uu nuuf ibsu. Hawwiin ulfinaa (aangoo) jedhu sadarkaa, beekamtii, maqaa, aangoo, faarfamuu fi kkf hawwuu hunda of keessatti qabata.
👍1
Hawwiin maallaqaa fi ulfinaa lachuu Niyyaa (kaayyoo) keessoo namootaa xureessu. Of-tuulummaa fidu. Namoonni isaan argachuuf jecha gara cubbuutti akka deeman taasisan. Qulqullummaa dadhabsiisu. Of-gad-qabummaa balleessuun 'na-argu' (riyaa) fidu. Namoonni isaan argachuuf jecha daangaa amantii isaanii cabsanii fi amantii isaanii waliin wal-faallessanii akka deeman dhiibu.

Hanga Islaamummaa maallaqaan gurguruutti?
📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕📕

Namoonni bartee "bakka fedhetti daakuu, daakuu isaa fidi" jedhu hordofanii maallaqa karaa kaminuu argachuuf yoo qophaa’an sadarkaa baay’ee balaa qabu irratti argamu. Barri nuti keessa jirru namoonni maallaqaaf jecha waan hin taane kan hin jirre sadarkaa ga’e irratti argina. Namoonni doofummaan, gad-lakkisummaan, Islaamummaa faallessuun, maqaa namootaa xureessuun ykn walitti bu’iinsa uumuun maallaqa hojjechuu qabna jedhan uumameera.

Haala akkasii keessatti kan lixee ykn namoota akkasii kanaan kan marfame namni amantiin isaa ofuma isaatiin yaaddoodha. Muslima jedhamee hojii Muslimni hin hojjenne yommuu hojjetu mul’ata. Ganama nama gaariidha yommuu jedhamu galgala kan biraa ta’ee argama.

Akkamitti amantii Islaamaa hordofu irratti akkas akka murteessu gochuu danda’e jennee dinqisiifachuu dandeenya. Garuu haala kana Abuu Hurayraa (R.A) irraa akka gabaafametti Nabiyyiin (S.A.W) akkas jechuun nu akeekkachiisaniiru:
"بَادِرُوا بِالْأَعْمَالِ فِتَنًا كَقِطَعِ اللَّيْلِ الْمُظْلِمِ، يُصْبِحُ الرَّجُلُ فِيهَا مُؤْمِنًا وَيُمْسِي كَافِرًا، أَوْ يُمْسِي مُؤْمِنًا وَيُصْبِحُ كَافِرًا، يَبِيعُ دِينَهُ بِعَرَضٍ مِنَ الدُّنْيَا" (رواه مسلم)
"Hojii gaariitti ariifadhaa. Of-duratti fitnaa (qorumsa) akka caccabaa halkan dukkanaa ta’etu jira. Namni tokko mu’umina ta’ee bariisisee kaafira ta’ee dhiisisa; ykn mu’umina ta’ee dhiisisee kaafira ta’ee bariisisa. Amantii isaa meeshaa addunyaa muraasaan gurgura." (Muslim, Tirmizii fi Ahmad gabaasaniiru)

"Wanti Guddaan Gammachuu Hordoftoota Kootiti"
🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴

Namoonni yoo na jaallatan, yoo na hordofan, yoo na dinqisiifatan; beekamaa yoo ta’e jaalalli Allaah ykn faayidaan isaa dhimma koo miti jechuudha. Addunyaa miidiyaa hawaasaa keessatti namoonni daawwannaa akka hin dhabneef hordoftoota isaanii gammachiisuun, fedhii fi gaaffii isaanii guutuun kaayyoo isaanii jalqabaa ta’a. Kun osoo namootatti hin mul’atin kan dhowwu fi kan hayyamu Allaah fi Nabiyyii (S.A.W) ta’uun hafee daawwattoota isaanii ta’u. Adeemsa keessas fedhii daawwattootaa hordofaa fagaatanii deemu.

Adeemsa keessas yaanni uummataa waaqa isaanii, gad-lakkisummaan daawwannaa fidu 'marketing' (karaa gabaa) isaanii, mul’achuu fi daawwannaa argachuun eenyummaa isaanii, xiyyeeffannoo giddu-galeessaa ta’uun ammoo kaayyoo ta’a. Namoota gammachiisuuf jedhanii Allaah irraa fagaatanii Isa mufachiisu.
Yeroof kabaja argatan fakkatus adeemsa keessa garuu maallaqaaf jedhanii waan tokko ta’uu irraa kan duubatti hin deebine ta’uun isaanii yommuu beekamu onnee namootaa keessatti bakki qaban ni bu’a. Ni tuffatamu. Ni jibbamu.

Dhimma kana irratti Aa’ishaa (R.A) irraa akka gabaafametti Ergamaan Allaah (S.A.W) akkas nuun jedhu:
"مَنِ الْتَمَسَ رِضَى اللَّهِ بِسَخَطِ النَّاسِ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ وَأَرْضَى النَّاسَ عَنْهُ، وَمَنِ الْتَمَسَ رِضَا النَّاسِ بِسَخَطِ اللَّهِ سَخِطَ اللَّهُ عَلَيْهِ وَأَسْخَطَ عَلَيْهِ النَّاسَ"
"Namni Allaah gammachiisuuf jedhee namoota mufachiise, Allaahn isa jaallata; namoonni akka isa jaallatanis ni taasisa. Namni namoota gammachiisuuf jedhee Allaah mufachiise ammoo Allaahn isatti dallana (mufa). Namoonni akka isa jibbanis ni taasisa." (Tirmizii, Ibnu Hibbaan fi Albaaniin gabaasaniiru)

Ittif fufaa...

@peacetv0
@peacetv0
👍1
﴿مَا أَنْزَلْنَا عَلَيْكَ الْقُرْآنَ لِتَشْقَى﴾
خُذْها قاعدةً في حياتِكَ:
القُرآنُ والشَّقاءُ لا يَجتمعانِ في قلبٍ أبدًا.
كلَّما داهمَتْكَ صوارفُ الحياةِ، وأثقلَ صدرَكَ كَدَرُها، فالزَمْ ثَغرَ الوحيِ تلاوةً وتدبُّرًا؛
فواللهِ سينجلي عنكَ ما أهمَّكَ، ويشرحُ اللهُ صدرَكَ، وتغدو في يومِكَ مُستقرَّ النَّفسِ، مُطمئنَّ الفؤادِ، ﴿لَا خَوْفٌ عَلَيْهِمْ وَلَا هُمْ يَحْزَنُونَ﴾.
2👍1
Yoo Allah qabeenya siif kenne, osoo ittiin aakhirah keetiif hin hojjatin dhiiftee akka hin deemne adaraa. Zakaa baasi. 🌙 Haajjiifi Umraa godhu. 🕋 Da'waa babal'isuu, masjiida ijaaruu, harka-qalleeyyiin gargaaruufi fira keetti fufuun itti fayyadami.

Qabeenyi ati aakhirah keetiif itti hin fayyadamne jiraachuun isaa siif bu'aan isaa maali? 🤔

Wanti ati nyaattu murtaa'aa dha, wanti uffattu murtaa'aa dha, wanti itti fayyadamtuus murtaa'aa dha. Isaan ala kan jiru jiraachuun isaa hiika maaliiti siif qaba? 🍽️👕

Addunyaa dhumuma hin qabne kan jireenya baraabaraa, qananii addaan hin cinne, kan dhukkubniifi yaaddoon keessa hin jirre siif hin kennu! Abshaala ta'i. 🌍🚫

Aakhirah kee dursa. Allah yoo qabeenya siif kenne, carraa aakhirah kee ittiin bitattu harka kee keessa kaayeera. Hin dabarsin. Of irratti hin jabaatin. Hisaaba kee kan boruu hin baay'isin. Itti yaadi. 📉 Xiqqoo xiinxali, yoo barbaachises namas mari'adhuu erga duutee ajriin isaa hin cinne hojii kheeyrii ittiin hojjadhu. 🤝

Allah nama nafsiyyaa ofii mo'atu nu haa godhu. 🤲


https://t.me/peacetv0
https://t.me/peacetv0
👍2
Gaaffii : Jalqaba Namni salaamtaa Islaamummaa Rasuula (Sallallaahu aleyhi wa sallam) irratti qara’e eenyu?
Anonymous Quiz
79%
A. Abu-zarri Al-Gifaariyu.
3%
B. Umar Ibni Khaxxaab
3%
C. Aliyyi Ibni Abii Xaalib
16%
D. Abii Bakrisiddiiq
5
‏من حافظ على صلاته فليبشر !
‏قال ابن عثيمين رحمة الله :

‏" إسأل نفسك عن الصلاة في وقتها والمُحافظة عليها خصوصًا صلاة الفجر ، إن كنت من أهلها وبانتظام فاعلم أنَّك مُؤمن ليس بَينَك وبينَ الجنَّة إلَّا أن تَموت وإن كُنتَ ضيَّعتَها فسَارع إلى إنقاذِ نَفسك "
👍1
Dheebuu beekkamtii fi jaalatamummaa Xaaguuta Haaraya
💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢

Ahimaddiin Jabaliin, kutaa 2ffaa.
🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥

"Rabbiin sodaadhuu" yeroo jedhanun of tuuluu


Akkaataa itti namni tokko beekamtii, kabaja, maallaqaa fi faaruu argachuuf dhama'u kun karaa amantii wajjin wal faallessuun illee yoo ta'e eenyummaa isaa isa keessaa kan calaqqisiisu dha. Kun mallattoo iimaana laafaa, ofitti amanamummaa dhabuu fi fedhii fooniitiin oofamuu ti. Namoonni tokko tokko dhugaa kana dhoksuuf, "Garaa kootu qulqulluu dha; waan hundumaafuu onneetu murteessa" jedhanii riqicha sobaa ijaarratu.

Dhugumatti, iimaanni jabaan onnee keessa jiraate silaa hojiin alatti calaqqisuun isaa hin oolu ture. Isaan garuu ifatti ajaja Rabbii fi Ergamaa Isaa (S.A.W) faallessanii mul’atu.

Adeemsi kun dhumarratti namicha amantii isaa irraa fageessa; onnee isaa keessatti jaalala Rabbii caalaa dharraa beekamtii fi kajeellaa maallaqaatu mootii ta'a. Kanaan kan ka'es, uffannaa fi naamusni amantiin alaa, barsiisota (aalimotaa) fi daa’iyota irratti qoosuu, akkasumas xiyyeeffannoo argachuuf jecha wantoota mormisiisoo fi dubbatamoo ta’an dubbachuu fi hojjechuu madaqsu. Kanaanis hordoftoota hedduu horatu.

Namni sadarkaa kana irra ga'e, "Rabbiin sodaadhu" jedhamee yoo gorfame illee, koora beekamtii isaa irraa kan ka'e dogoggora isaa irra deebi'uun akka du'aatti itti ulfaata. "Ani hordoftoota hedduu qaba, mirga kootis, dhimma koo keessa maaltu isin galche!" jedhee of tuulumaan guutama.

Keessi isaa gogaa deemee, karaan cubbuu isaa itti fufa. Rabbiin irraa nu haa eegu malee, kun amala munaafiqota durii ti. Rabbiin (S.A.W) Qur'aana keessatti waa'ee namoota akkanaa akkas jedha:

وَإِذَا قِيلَ لَهُ ٱتَّقِ ٱللَّهَ أَخَذَتۡهُ ٱلۡعِزَّةُ بِٱلۡإِثۡمِۚ فَحَسۡبُهُۥ جَهَنَّمُۖ وَلَبِئۡسَ ٱلۡمِهَادُ
— سورة البقرة (2:206)

"Yeroo "Rabbiin sodaadhu" isaan jedhame of tuulummaan badiitti isa kakaasa. Ga’aan Isaa jahannami, Afanni (jahannam ta’uun) waa fokkate!"(Al-Baqarah 2:206)

Rakkoon jiru maali?

Karaa naamusaan sirrii ta’een beekumsa, dandeettii ykn tajaajila namoota biroo fayyadamoo taasisuudhaan beekkamuun yakka miti. Addunyaa miidiyaa hawaasaa keessatti rakkoon jiru haala isaan qabiyyee midiyaa maddisiisuu hin dandeenyeen beekamuu barbaaduudha.

Beekumsa, dandeettii, tajaajila, ykn waan faayidaa qabu kan qooddatan waan hin qabneef qabiyyeen isaani ofumaa jaraa(enyumma) isaani ta’a. Yeroo kana qabeeyyiin midiyaa jaraa Qaama isaanii, akkaataa jireenya isaanii, faaya mana isaanii fi suuraa isaanii ta'a.

Qabeeyyin midiyaa isaani ofuma jaraa waan ta’eef xiyyeefannaa fii gurraa fi ija hawaasaa argachuuf akka nama harkisu dandanutti of godhu.

Hordoftoota baay'isuuf jecha qaama isaanii saaxilu. Seenaa xuraawaa fi gocha raawwii zinaa "akkamitti dubrummaa koo dhabe" jetti kan ofsaaxiltu argitu. Kaan immo akka maraatu of gadhee gadi. Baha. Kaan ofan ajjeesaa jedhee lallabee dosaachisuun gurra argata. Goonni kaan immo “Ebaluun akkas jedhe”, “Akkas jedhe” jedhani midiyaa ofi irratti gabaasu.

Kaan immo Beekumsa malee fatiwaa kennuuf wal dorgomu. Kaan immo midiya isaa irrratti Amaloota fi eenyummaa Rabbii irratti osoo beekumsa hin qabaatin ni mar’anna jechun waan hinbeeknee laaquun. Sifaata Rabbi irratti wallaatoota ni rifachisu, aduwwi immo akka qoosu godhu. Kaani immo yoo sababa argatanu ulamoota fi du’aatoota irratti irratti ifatti qishinu.

Kaani immo hordoftoota bayyifachu jecha maqaa jaalalaati diraamaa jechuun zina ija ummataa irratti laafisus. Kaan immo gadi bahee amantii jijjiiree jedhee hawaasa irratti "piraankii" dalaga.

Tokko tokko immo ija jabaatee Qur'aana fedhii ofii fi miira qofaan hiiku as baha. Kaan immo hordooftoota ganda isaa harkisuuf Gandaa fi naannummaan ummata qoduun saganata dalaga. Ulamaas gandaan qodani keenyaa fi kan jaraa jedhaani goowaa of jala hirisu. Kaan immo oduu oso hin qulquleesin waan argate sardaan gadhi dhiisaa.Kaan immo waan Jahannama nama naqu sagantaa bashannana jechun sodaa male dabarsaa. Hordoftoota argachu jecha haala kanaa Dini fi ummatta xiqeesu bira gahan.
🥰1
Callifaman jennaan dubbin babalataa deeme. Kun hundi hordoftoota baay'isuuf fi dharraa faaruu kofaltuun kan gaggeeffamu dha. Garbummaan "Like" amantii fi naamusaa ol dhuunfatee jira. Garuu boru Rabbii duratti "ilaaltota (views) argachuufi" jedhanii sababa dhiyeessuun gatii hin qabu. Gara sammuu keenyaatti haa deebinu.

mul’achuu, beekamuu , beekkamtii argacu fi xiyyeeffannoo argachuu isaanii qabiyyeen miidiyaa hawaasaa isaanii waa’ee isaanii waan ta’eef caalaatti akka of fageessan, mudaa isaanii akka saaxilan, akkasumas akka of salphisan kan isaan kakaasudha.

Kaayyoon namoota biroo tajaajiluudha, barsiisuu, gorsuu, gargaaruu, wantoota faayidaa qaban uumuu fi namoota biroo amanamummaadhaan qajeelchuudhaan beekamuun gaariidha. Haa ta'u malee, yaada namoota biroo barbaaduun suuraa mataa keetii akka hin taaneetti kaatee maxxansuun “maalan fakkaadha? Gaariidha?” Yaade kennaa.

Qaama ofii, akkaataa jireenyaa, miira, jireenya gaa’elaa fi kkf gara qabiyyee bashannanaatti jijjiiruu; xiyyeeffannaa hawwachuuf suuraa ofii irra deddeebiin maxxansuu; bifa, rifeensa, qaama ofii irratti xiyyeeffachuu malee gumaacha isaan beekamtii fi beekkamtii argachuuf gumaachan irratti osoo hin taane; namummaa fi namummaa ofii ummataaf akka fayyadaman gochuu;

Faayidaa isaan gumaachan irratti osoo hin taane, jaallatamuu, dinqisiifamuu, ykn namoonni akka isaan hordofan barbaaduu fi kkf qofa.Adeemsi miidiyaan hawaasaa amma mul’ataa jiran balaa qaba.

Durriyee ijajabaatanatu ijaaf gurra aragataa jiru. Callisee yoo mul'ate haalli dhaloota itti aanuu balaa qaba. Ciminaan hojjechuu fi kaayyoo galmaan gahuun akka qoosaatti ilaalamuu eegaleera. Karaa gabaabaa waan hundaafi karaa bu’aa ittiin argamsiisan barbaaduun faallaa safuu, amantaa fi seera yoo ta’ellee sammuu dargaggootaa balleessuudha.

Namni Haya’ei (Rabbi maal naan jedhaa) qabu nama imaana qabu. Namni saalfanna(hay’e) hin qabne nama imaana hin qabne. Ergamaan Rabbi(SAW) akkas jedhan:
الحَيَاءُ مِنَ الإِيمَانِ
"Saalfannaan (Hayaan) iimaana irraayyi."(Sahiih Al-Bukhaarii fi Sahiih Muslim)

Namani Rabbin eraanfatee Akka barbaade of gudhu nama imaana hin qabne. Kanaafi Hadiisa bukaarin gabaase keessatti ergamaan Rabbi(SAW) akkana kana jedhan:

إِذَا لَمْ تَسْتَحْيِ فَاصْنَعْ مَا شِئْتَ
"Yoo (Rabbiin) hin saalfattu ta'e, waan feete hojjedhu."( Sahiih Al-Bukhaarii)

Hadiisni kun waayee Hayaa
(Saalfannaa ykn Qaanii) dubbata.
Saalfannaan amala gaarii hojjechuufi badii irraa fagaachuuf akka qulfiitti tajaajila.

Namni saalfannaa dhabe, uffata naamusaa ofirraa baasee waan feete hojjeta jechuudha.

Itti fufaa...


https://t.me/peacetv0
https://t.me/peacetv0
👍1