Afaan Oromoo(卂千卂卂几 ㄖ尺ㄖ爪ㄖㄖ)
1.25K subscribers
167 photos
12 videos
11 files
652 links
Download Telegram
Forwarded from Walaloo oromoo
#BEENU_NAGAAN_TAAHI
Ati ija keemoo
Gurra kee amanta
Jaalala dhugaa moo
Oduudhaaf bitamta?
Ergan si jaalladhee
Jaarraa lakkoofsisee
Dubbadhee sitti himuun
Garuu na rakkisee
Kabajaan siif qabuuf
Yaaddootti of hambisee
Baasees hin dubbanne
Keessa koottin dhiise!
Garuu yeroo booda
Atis naaf hubattee
Akkan si jaalladhu
Haala koorraa bartee
Jaalalaafi sodaa
Keessa kootii agartee
Natti dhidhiyaatte
Irruma dabartee
Walitti dhiyyaannees
Yaada waliif qoodnee
Yeroos waliif laannee
Waliin tattaphannee
Osoo hin dubbatiin
Gochaan wal jaallannee
Anis ariifadhee
Sin jaalladha hin jenne
Afaan na hidhamus
Anoo sin daganne
Gocha koo dagattee
Arraba koo ilaaltee
Cinaatti na gattee
Ormaaf garaa laatte
Anis yeroo booda
Aaree bulgaafadhee
Jaalala koo baasee
Yeroon si gaafadhee
"Ati ustee turraan"
Kan biraan jaalladhe
Jettee yoo dubbattu
An baay'een saalfadhe!
Kuftee cabda jedhee
Osoon si kunuunsuu
Akka daa'imaatti
Osoon si huruursuu
Kabajan siif qabuuf
Isan heedduu obsu
Maal si goonaan deemte
Osoo an si gorsuu??
Waanan jedhu hin qabu
Jiraadhu, milkaa'ii
Hamma sin barbaadu
Hamaas sitti hin yaadu
Beenu nagaan taa'i!!
#BEENU_NAGAAN_TAAHI
Ati ija keemoo
Gurra kee amanta
Jaalala dhugaa moo
Oduudhaaf bitamta?
Ergan si jaalladhee
Jaarraa lakkoofsisee
Dubbadhee sitti himuun
Garuu na rakkisee
Kabajaan siif qabuuf
Yaaddootti of hambisee
Baasees hin dubbanne
Keessa koottin dhiise!
Garuu yeroo booda
Atis naaf hubattee
Akkan si jaalladhu
Haala koorraa bartee
Jaalalaafi sodaa
Keessa kootii agartee
Natti dhidhiyaatte
Irruma dabartee
Walitti dhiyyaannees
Yaada waliif qoodnee
Yeroos waliif laannee
Waliin tattaphannee
Osoo hin dubbatiin
Gochaan wal jaallannee
Anis ariifadhee
Sin jaalladha hin jenne
Afaan na hidhamus
Anoo sin daganne
Gocha koo dagattee
Arraba koo ilaaltee
Cinaatti na gattee
Ormaaf garaa laatte
Anis yeroo booda
Aaree bulgaafadhee
Jaalala koo baasee
Yeroon si gaafadhee
"Ati ustee turraan"
Kan biraan jaalladhe
Jettee yoo dubbattu
An baay'een saalfadhe!
Kuftee cabda jedhee
Osoon si kunuunsuu
Akka daa'imaatti
Osoon si huruursuu
Kabajan siif qabuuf
Isan heedduu obsu
Maal si goonaan deemte
Osoo an si gorsuu??
Waanan jedhu hin qabu
Jiraadhu, milkaa'ii
Hamma sin barbaadu
Hamaas sitti hin yaadu
Beenu nagaan taa'i!!