Oromic Mindset 🧠
641 subscribers
1.38K photos
170 videos
1 file
304 links
Ilaalchakee jijjiiruun jireenyakee jijjiiruu ni dandeessa. Ilaalchi waan hundumaati.

Carraa business fi leenjii ijaarsa namoomaa argachuuf👉 @keba41
Phone: 0912645484
0941787814
t.me/keba41
Gatii kee jiraatta! gatii ofiif laadhu!
Download Telegram
Gosoota Miindaa fi Farda gaarii!

1. Onion Salary (Miindaa Qullaa): - Fuudhuu dandeessa, banuu dandeessa, garuu boo’aa jirta.

2. Storm Salary (Miindaa Bubbee): - Yeroo dhufuu fi deemu hin beekntu.

3. Menstrual Salary (Miindaa Ji’aa): - Ji’a tokko keessa dhufa, guyyoota afur qofa turti.

4. Magic Salary (Miindaa Siinqee): - Qaqqabuun isaa, yeroon dhumee bada.

5. Amnesia Salary (Miindaa Yaadachuu Dhabuu): - Maallaqa itti fayyadamte yaaduu hin dandeessu.

6. Time Travelling Salary (Miindaa Yeroo Darbee Deemuu): - Kaffaltee baasuuf, dura kaffaltii adda addaa kafalta.

7. Active Salary (Miindaa Hojii Jalqabuu): - Hojiin yoo dhaabbate, maallaqni ni dhaabbata.

Kana garuu yoo hubattan murteessuun harka keessan jira. Amma ani 1 jedhee jalqabus Addunyaa bizinasaa Network matketing keessan jira. Galata Waaqayyoo!

Impaayera Mataa ofii ijaaruu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru! Impaayera ofirra darbee biyyaaf ga'u!

Impaayera mataakee ijaaruu ni barbaaddaa? Nama bizinasaa ta'uu ni barbaadaa? Sadarkaa jireenyaakee fooyyeessuu ni barbaaddaa? Barbaaduu qofa osoo hin taane murtee murteessuun dirqama! Murtee sirrii!

Miindaan akka ati dhaabbata sanaaf yeroo, humna fi dandeettiikee kennituuf kan siif kennamudha!

Miindaan akka dhoksituu bitaaf mirga ija Gaarii fardaati!
Waan biraa ilaaluu dhiistee ba'aa baattu qofa baattee iddoo deemuu qabdu akka deemtuuf kan sitti kennamudha!

Anis ji'a sagaliif ijikoo iddoo biraa akkan ilaalleef qarshii 2660n haguugameen ture!

Amma garuu Impaayera mataakoo ijaarudha!

Riimootiin jireenyakee nama biraa harka taanaan mirga akka barbaaddetti deemuuf jiraachuu hin qabdu!

Miindeffamtee mirga dhukkubsachuu hin qabdu bar!

Miindeffamter mirga eeyyama malee firakee du'e awwaallachuu hin qabdu!

Dammaqi!
Kanarra abbaatu of mara jedhe bofti!

Fardi gaarii eelaan duuti!

http://t.me/Geni79551

My channel👇👇👇
https://t.me/7955
1🫡1
Forwarded from ༺Keba Likisa Begna༻
Qophooftanii?
Forwarded from ༺Keba Likisa Begna༻
༺Keba Likisa Begna༻
Qophooftanii?
Galgala kana https://t.me/DhangaaBizinasaa irratti dubbiilee jabduu ni qabaanna!

Sa'atii 2:10-3:10, Telegram live chat irraan. Link oliin lixaa👆

Gaaffillee kana gadii immoo itti yaadaa👇

Namni of guddisuu fi jireenya isaa gara fooyyee itti aanutti jijjiiruu hin barbaanne hin jiru! Garuu akkamiin yaada jedhu ni qabu. Yeroo baay'ee gaaffii kanaa gadii ni kaasu.

1. Hojiin ani irra jiru na fooyyessaa hin jiru. Harkaa gara afaanii qofa. Hojii dabalataa utuun argadhee galii dabalataa argachuu nan barbaada jedhu.
2. Nan hojjedha, biiziin ta'a. Hammin hojjedhuuf biiziin ta'u kana garuu gammadaa miti. Hangin hojjedhuuf galiin argadhu waluun madaalu. Kana furuu nan barbaada jedhu
3. Nan baradha utuun baradhuu madda galii mataakoo qabaachuun barbaada. Garuu barnootakoo duukaa hojiin hojjedhun dhabe. Wal faana kan naaf deemu utuun argadhee nan hojjedha jedhu

4. Guyyaa hojii irran oola. Yoon galu dadhabaakootu gala. Baay'inaan daandii irrattan yerookoo dabarsa. Lafa hojii deemee galuuf. Carraa hojii biraa hojjedhee galii itti argadhu hin arganne jedhu.

5. Hojii bizinasaa baay'ee yaalee itti milkaa'uu hin dandeenye. Maal akkuman hojjedhi na harkaa bittinnaa'eera. Maaltu hojjetama kan jedhanis jiru.

6. Ani hojiin hojjechaa jiru waan na gammachiisaa hin jirreef jijjiiruun barbaada. Garuu hojiin itti gammadee hojjedhu hin jiru. Natti ifeen jiru. Muuxannoo isaas hin qabu maal godhu jedhu.

7. Hijiin dhuunfaa gaariidha. Garuu ka'umsi isaa ni ulfaata. Baajata guddaa nama gaafata. Baajata xiqqaan eegalanii galii bareedaa kan ittiin argatan utuu argatanii jedhu.

8. Asitti guddachuu waan hin dandeenyeef haalan danda'een ala bahuuf yaalaan jira. Warra deemee jiru yoon argummoo deemi deemi nan godhu. Maaluma hojjennee jiraanna jedhu.

9. Bizinasni iddoo barbaada. Animmoo iddoon jiru bizinasaaf hin ta'u. As taa'ee maal hojjedhu jedhu

10. Sa'atii nan qaba garuu galiin qabu. Sa'atiikoo gara galii argamsiisuutti dabarsuu nan barbaada kan jedhanis jiru.

Gaaffii kana hundaaf deebii ni barbaadduu?

link: https://t.me/DhangaaBizinasaa

0912645484 (bilbiluuf)
t.me/keba41
https://t.me/+251941787814
1
Forwarded from ༺Keba Likisa Begna༻
Wantoota 10 utuu hin beekamiin Umrii Keenya Nyaatan
Jireenya keenya keessatti yoo of irratti xiyyeeffannaan hin hordofne, amala yeroo fi humna keenya mootummaa malee fixan hedduutu jiru. Mee qabxiiwwan 10 kana hubannee of haa ilaallu:

1. Wanta nama gammachiisu eeggachuu:
Gammachuun murtoo keessaa maddu malee bu’aa haala keessaa maddu miti. Wantoonni akka fedha keenyaatti sirraawanii hanga ta’anitti eeggachuu dhiisnee har’a keenya jiraachuu haa barannu.

2. Waan namoonni dubbatan irratti dhiphachuu:
Yaadni namootaa eenyummaa kee hin ibsu. Karaa mataa kee ati of hordofi.

3. Yeroo hunda komachuu:
Komachuun furmaata osoo hin taane rakkoo qofa agarsiisa. Yeroo komannu wanta qabnu hin arginu; hanqina qofa argina. Hafuurri galateeffannaa sammuu keenya boqochiisa.

4. Nama hunda gammachiisuuf yaaluu:
Nama hunda gammachiisuun hin danda’amu. Tokko yoo gammade kaan ni mufata. Yeroo hunda namaa gammachiisuuf yaaltu eenyummaa kee ni dhabda. Of dura kaa’uun of jaallachuu dha.

5. Ofiin nama biraa wajjin wal bira qabuu:
Dorgommiin kee inni guddaan kaleessa eenyu akka turte wajjin qofa haa ta’u. Milkaa’ina nama biraa ka’umsa kee wajjin hin madaalin. “Kaleessa eessa ture? Har’a hoo maal irra ga’e?” jechuun qofti si haa yaaddessu.

6. Dogoggora wal fakkaataa irra deddeebi’anii hojjechuu:
Dogoggorri barsiisaadha; garuu irra deddeebi’anii hojjechuun guddina gufachiisa. Rakkoon kaleessa si rukute har’a akka si hin rukunne of eeggadhu.

7. Guutuu (Perfect) ta’uuf yaaluu:
Namni guutuu ta’e hin jiru. Yeroo hunda sirrii ta’uuf of hin dhiphisin. Hojjechuu fi yaalu kee hin dhaabiin. Fooyya’uuf haa tattaafannu malee guutummaa eeggachuu hin qabnu.

8. Wanta mootummaa kennuuf dadhabuu:
Wanti guddaan, wanta guddaa akka guddaatti ilaaluudha. Wanta hunda yeroo tokko keessatti milkeessuuf of hin dadhabsiisin. Jireenya keessatti wantoota mootummaa barbaadan dura kaa’i (priority).

9. Kufaatii sodaachuu:
Kufaatiin gara milkaa’inaatti ceesisuuf riqicha malee boqonnaa dhumaa miti. Kanaaf kufuu hin sodaatiin. Wanti hamaan kufanii hafuu fi ka’uu diduudha.

10. Jireenya kee ofiif jiraachuu dhiisuu:
Fedhii fi karoora nama biraa keessatti jiraachuu irra, seenaa kee ofiikeef barreessi.

📢 Ergaan kun namoota biraas akka ga’u share godhaa!

t.me/keba41
2
Oromic Mindset 🧠
Photo
🛑 "#Humni dhugaan iyya keessatti osoo hin taane, callisummaa fi dammaqina hin mul’anne keessatti argama! 🐾"

"Leenci gurraachi bosona keessatti kan beekamu sagalee guddaadhaan osoo hin taane, sochii isaa ogummaa fi nama irraa dhokatee ta’eenidha. Jireenya kee keessatti jijjiirama fiduuf yeroo hunda dubbachuun si hin barbaachisu; sammuu kee dammaqinaan (Presence) leenjisuun ‘humna kee hin mul’anne’ fayyadami."

Leenca Gurraacha irraa kan barannu seerota jireenyaa gurguddoo 3

📌 1. Humna Hin Mul’anne (The Power of Presence) 🧘‍♂️
Leenci gurraachi dukkana keessatti dhokatee socho’uu danda’uun isaa dammaqina (Awareness) guddaa akka qabu agarsiisa. Atis jireenya kee keessatti milkaa’ina argachuuf yaada kaleessaa fi boruutiin bittinnaa’uu irra, akka leenca gurraacha yeroo ammaatti mootummaa qabaachuun humna sammuu kee hin mul’anne guddisi.

📌 2. Ija Jabinaa fi Ogummaa keessaa (Wisdom & Courage) 🛡️
Leenci gurraachi mallattoo ogummaa fi ija jabinaati. Ija jabinni dhugaan jechuun sodaa dhabuu osoo hin taane, sodaa moo’uun ogummaadhaan deemuu danda’uudha. Yeroo of irratti amanamummaa jalqabdu, qeeqni namootaa yookiin fudhatama dhabuun (Rejection) imala kee dhaabuuf humna hin qabaatu.

📌 3. Dukkana Gara Carraatti Jijjiiruu (Paradigm Shift) 🧠🔄
Bineensonni biroo dukkana sodaachaa yeroo jiranitti, leenci gurraachi garuu dukkana akka bakka itti dhokatuu fi akka carraa guddaatti fayyadama. Rakkoolee jireenya kee keessatti si mudatan akka gufuu osoo hin taane, akka bakka eenyummaan kee itti ijaaramuu fi ogummaan itti guddatuutti ilaali.

🌟 Ergaa Guddaan Guyyaa Har’aa
"Akka leenca gurraachaatti callisaan, ija jabinaan fi dammaqinaan deemii. Ciminni kee kan madaalamu hiika ati jireenya keef kennituun malee, rakkoo si mudatuun miti. Har’a jechuun iyya fi jeequmsa hin barbaachifne keessaa ba’iitii gara ogummaa keessa keetti ilaali. Humna kee hin mul’anne (dammaqina kee) fayyadami, ija jabinaan jiraadhu, kallattii jireenya keetii immoo murtee mataa keetiin hoggani! 🌅🐾"

💬 Gaaffii Guyyaa Har’aa:-
Callisummaa fi dammaqinaan hojjechuun humna kee hin mul’anne keessaa maal agarsiisuuf murteessite?

"Akka leenca gurraachaatti dammaqinaan nan deema!" jechuun yaada kee keessatti barreessi 👇
📌 Hiriyyaa kee cimina fi dammaqina isaa guddisuu barbaaduuf ergaa kana share godhi. ✈️🌍

Keba Likisa
Oromic Mindset 🧠
Photo
"Dukkanni ifa kee jalqabaa dha!"

Yeroo baay’ee jireenyi yeroo nutti ulfaatu, karaan keenya yeroo dukkanaa’u ykn carraan keenya bu’aa hin qabne fakkaatu abdii kutanna. Garuu dhugaa guddaan tokko jira: “Daaymandiin kan uumamu ho’a cimaa fi dhiibbaa guddaa keessatti dha!”

1. Icciitii Dhiibbaa (The Magic of Pressure)
Qormaanni, dadhabbiin ykn hojii namoonni si irratti dubbatan amma si mudachaa jiru si cabsuuf miti; keessa kee keessaa “Daayimandii” jiru baasuu fi qulqulleessuufidha. Dhiibbaa malee Daayimandiin hin uumamu; qormaata malee impaayerri guddaan hin ijaaramu.

Ilaalcha adda ta’e: Qormaata kee akka diinaatti osoo hin taane akka nama si qaruu fi si bareechuutti ilaali.

2.   Sanyii Hin Mul’anne (The Invisible Seed)
Sanyiin tokko yeroo lafa keessatti awwaalamee dukkana keessa jiru du’aa fakkaata. Garuu dukkanni sun sanyichaaf biqiluu fi muka guddaa ta’uuf barbaachisaa dha. Atis yeroo amma keessa jirtu jechuun “yeroo dukkanaa” ykn “yeroo callisummaa” kee guddina guddaadhaaf itti qophaa’aa jirtu dha.

Yaadadhu: Awwaalamuu fi dhaabamuun adda adda dha. Ati ni dhaabamte malee hin awwaalamne!

3.  Humna Amantii (The Frequency of Belief)
Jireenya barbaaddu argachuuf jalqaba jireenya sana akka qabdu amanuu qabda. Addunyaan waan ati kadhattu qofa siif hin kennitu; waan ati taate siif deebisti. Har’a irraa jalqabii akka nama injifateetti yaadi, akka nama milkaa’eetti deddeebi’i; yeroo sana haalonni jireenyaa eenyummaa kee wajjin wal fakkaachuuf dirqamu.

Ati nama salphaa miti; keessa kee keessatti humna addunyaa jijjiiru qabda. Har’a ifa keessa kee jiru baasi. Abdii hin kutatin (Never Give Up); sababni isaa injifannoon gama qormaataa bira jira.

Har’a Daayimandii keessa kee jiru baasuf qophoofteettaa? “Ani Daayimandii dha! 💎” jechuun comment godhi! 👇

TelegramFacebook  | LinkedIn
Oromic Mindset 🧠
Photo
Ana: Akkam nagaakeetii?

Isa: Jiraam Kabichoo!

Ana: Akkami hojiin?

Isa: Maal eessaa, anoo nan dhiiseen barnoota MA koon eegale.

Ana: Maal utuu hojjettuu barachuun dandeessumoo?
Isa: Jechuun miindaan ishee badduu miti

Ana: Kanammoo maaliif barachuu eegalteree?

Isa: Hojiis dhiisee taa'uurra Fathernkoo Qarshii naaf laate jennaanin booddee waan hin beekamneef jedheen eegale. Dammoo beekta mitiiree? Digiriin gatii dhabaa dhufeera! Mastersiin immoo iddoo gaarii dorgomna jedheeni!

Ana: Kana namatu si gorsemoo ofiimakee yaadde?

Isa: Ofiimakoon yaade!

Ana: Mee animmoo waa si gorsuu?

Isa: uuuuuy! kan keessan immoo hin cima. Dhugaa natti haa hafu!

Ana: Dhukkubsataan qoricha isaaf ta'u yoo hin fudhanne dhukkuba isaa irraa hin fayyu. Dhukkuba kan biraaf karaa qulqulleessaa jira jechuudha. Qoricha utuma sitti hadhaawuu liqimsiitii dhukkuba kee irraa fayyi. Kuni adeemsuma isaati.

Isa: hello, hello, hello

Ana: Dhagahaan jiraam

Isa: Hin ciccita, Quq, Quq, call ended.

Ana: Madaa isaattin bu'eey🤔 kuni yaada qofa miti gurri isaallee ni dhukkuba jechuudha. Maalumaafuu👉 Gurri Furmaata dhagahuu hin feene Yoomiyyuu Rakkoo dhaggeeffata!
1👍1
🥰1
Sagantaa kanaaf isin affeereera!
3🥰1