ODUU:
Chaayinaan namoonni kumni 7 vaayirasii kana dura hin beekamneen qabamuu beeksiste.
Chaayinaa keessatti vaayirasiin busaan walqabatee dhufu namoota kuma 7 irratti argame jedhan aangawoonni biyyattii.
Bookeen busaa yeroo nama hidditu kan babal'atu dhibeen ‘chikungunya’ jedhamu kun akka qufaa nama dhukkubsa jedhame.
Dhibeen kun Chaayinaa keessatti baay'ee baramuu baatus biyyoota Afrikaa muraasa, akkasumas biyyoota Kibbaafi Kibba Bahaa Eeshiyaa keessatti bal'inaan kan beekamu ta’uu BBC fi Global Times gabaasaniiru.
Dhibee Kutaa bulchiinsa Kibba Chaayinaa Magaalaa Foshan ‘Guangdong’ keessatti babal’achaa jiru kana to’achuuf hojjetamaa jira jedhan Daayrekterri Itti Aanaan Komishinii Fayyaa Biyyaalessa Chaayinaa Sheen Hongbiingi.
Dhibichi Garba Hindirraa ka’uun Awurooppaa, Chaayinaa fi Hinditti babal’aa dhufuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa himeera.
Biyyoota 119 keessatti namoota biiliyoona 5.6’f sodaa ta’uu akeekkachiisera.
Hanga ammaatti dhibichi biyyoota 110 argamuu gabaafame.
Hanguma hoo’inni Addunyaa dabalaa dhufe dhibichi babal’achuun rakkoo fayyaa addunyaa ta’uu akka danda’u hubachiiseera.
Biyyoonni of eeggannoo olaanaa fi to’annoo isaaf xiyyeeffannoo akka kennan gaafate.
Dhibicha Ittisuufi to’achuuf Bookee Busaa balleessuun dirqama ta’uu ibse.
OROMIA POST
https://t.me/oromiapost

Sareen qaama saalaa taphataa duraanii Baarseloonaa ciniinte
Taphataan lammii Ispeen tibbana qaama saalaa isaarra sareen akka malee ciniinte hospitaala galuun yaalamaa ture.
Taphataan kun Giriik keessatti osoo saree isaa qabatee daandiirra deemaa jiruu ciniiname.
Saree isaa fi saree gara biraatu daandii irratti wal lolan. Addaan baasuuf yeroo yaalu gidduutti ciniiname.
Taphataan kun qaama saalaa isaarra ciniinamuun yaalamaa ture.
Bakka jaha qaamni isaa hodhameefii hakiimni isa hordofaa jira.
Kaarles Peereez jedhama. Baarseloonaa keessa taphataa ture. Baarseloonaatii bahuun bara 2020 Roomaa gale.

Hawaaasni Musliimaa Guyyaa Boruu, filannoo Ulamaa kan gaggeessu ta'uun ibsame
Manni maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa adeemsa filannichaa ilaalchisuun ibsa kenneera.
Walitti qabaan boordii filannoo Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Dr. Abdulaziiz Ibraahim Filannoon firii qabeessi akka raawwatamuuf qophiin gahaan taasifamuu himaniiru.
Filannichi haqa qabeessa, hunda galeessa fi hirmaachisaa akka ta'uuf bal'inaan hojjetamaa tureera jedhaniiru.
Naannolee hundatti fi bulchinsa magaalotaa lamaanitti masjiidota jiraniitti galmeen filannoo raawwatamaa akka turee fi filannoon Ulamaa akka gaggeeffamu himameera.
Filannichi masjiidota kuma 49 fi 92tti hawaasa musliimaa filannoof galmaa'e miiliyoona 13 oliin ni raawwatama jedhameera.
Naannoo Tigraayitti haalli mijataa waan hin uumaminiif gaaffii boordii raawwachiisaan bu'ura godhachuun filannichi yeroo hin murtaa'iniif dheereffamuun isaa ibsameera.
OROMIA POST 💪💪

Giifti Dureen Ameerikaa Meelaaniyaa Tiraamp ilma Jooy Baayiden Hanter Baayiden irratti himata doolaara biiliyoona tokkoon bana jette.
Kunis erga ilmi Baayiden Meelaaniyaa Tiraamp kan abbaa warraa ishee ammaa Tiraamp waliin wal barte karaa nama beekamaa fi tujaara namoota qunnamtii saalaaf walitti fiduun himatamaa ture Jeefirii Eppistiindha jedheeti.
Ogeessonni seeraa bakka Giifti Duree bu'uun dhimma kana qabatanii jiran yaada Hanter Baayiden kenne ''soba, maqa balleessii fi nama aarsudha'' jedhan.
Meelaaniyaa Tiraamp bara 2005 ture Tiraamp waliin kan gaa'ila dhaabbatan.
Doonaald Tiraamp Jeefirii Ippistiin waliin hiriyyaa turan. Garuu bara 2000 keessa akka wal dhaban himame. Kunis hojjettoota Kilaba Golfii Tiraamp keessaa adamsuun qunnamtii saalaaf fayyadamuuf waan yaalaa tureef jedhame.
Xalayaan Giifti Duree biraa bahuun karaa abboota seeraa ishee abbaa alangaa bira gahe Hanter Baayiden yaada isaa kana kaasuun dhiifama gaafachuu qaba ykn seeraan himachuun ''beenyaa doolaara biliyoona tokkoo gaafadha jedha.
Xalayichi akka jedhutti dubbii Hanter Baayiden kana irraa kan ka'e Giifti Dureen ''miidhaa faayinaansii fi kabajaa guddaaf saaxilamteetti'' jedhe.
Nama fiilmii hojjechuun beekamu Andiriiw Kaalaagaan waliin gaaffii fi deebii kan taasise Hanter Baayiden ragaaleen Ippistiin wlaiin wal qabatan osoo hin gadhiifamiin kan hafaniif Tiraamp ''yakkicha keessaa harka qabaachuu agarsiisa'' jedhe.
Jeefirii Ippistiin ijoollee dabalatee dubartoota hedduu qunnamtii saalaaf filuun himatamee mana hidhaa osoo jiruu lubbuun isaa darbe.
Gaaffii fi deebicha irratti Ippistiin Meelaaniyaa Tiraamp waliin wal barsiise. Hariiroon isaanii baay'ee bal'aa fi gadi fagoodha.'' Xalayaan kun dabalataan seenaa jireenya pirezidaant Tiraamp falmisiisaa gaazexessaan Mikaa'el Wolf jedhamu barreesse irraa akka fudhatames akeeka.