SALGII
...
Weelluun haaraa mata dureensaa Salgii jedhu kun gosa muuziqaa Aadaa Oromoo keessaa Geelloodha. Gelloon Oromoota Macca keessatti hedduu beekamaafi jaallatamaadha. Keessattuu Godinaalee Wallagga Arfaniifi Iluu Abbaa Booraa akkasumas Matakkal fi Shawa Lixaa bakka muraasatti mootii sirbaa jedhamee waamama. Gelloo dhiiratu sirba. Gelloonis wallee (lyrics) irratti hundaa'uun akaakuu hedduu qabaata. Kan jaalalaa kan gootummaa, Siyaasawaafi Cigoofa'i.
Weelluun (song) Artist Leencoo Dayee haaraa mata dureensaa Salgii jedhu kunis akaakuu Gelloo Makaati. Cigoon dhangi'amee, siyaasa dubbata; jaalala faarsa; aadaa hima; eenyummaa barsiisa. Shubbisnisaa garuu guutummaa guutuutti Gelloo Iluuti.
Yeroo darbe beeksisa hojiisaarratti dhimma jecha Salgii jedhuurratti hundaa'uun waa xiqqoo jechuuf yaaleen ture. Keessattuu ammoo jechi yookaan moggaasni "SAGLI /SALGII" jedhamu akka Falsaama Oromootti maal akka ta'e ibseen ture. Innis, Salgiin Salgan Iluu, balbaloota gosa Oromoo maccaa Iluu keessa jiranii bakka bu'innaa laata jechuun, akkasumas ammoo Salgiin Salgan Yaa'ii Booranaa ibsaa laata jechuun, Iluun hortee maccaa, macci hortee Booranaa ta'uusaatti sababeesseen ture. Kan biraan ammoo tarii marfata eebbaa, xumura angoo gogeessa Gadaa tokkootii laatas jedheen ture. Akkasumas ammoo Salgii isa lolee waraanaa ta'a jedhees ibsuuf yaaleera. Amma garuu weelluun kun deebii quubsaa fidee dhufeera.
Ergaafi dhoksaa wallee kanaa ibsuuf yeroonis iddoonis nan ga'u. Garuu ammoo bakka muraasa haa laallu.
Walleen kun yeroo itti seenu, yeedaloo aadaa Iluu isa mataatiin jalqaba. (Dandeettii weellisichaaf uggum. Miidhaginni sagaleefi qindaa'inni muuziqaas ajaa'iba)
"Iseet hiriyaa, see tiyya, see tiyya" jedha. Itti fufa.
Coora noonnoo, bunno abbaayee
Ilubbaboor yoo beente been yee
Eee ehee beeyyee,*2
Hoo beentee been yee (yoo deemte beenu' akka jechuuti)
Booraa inni irraan bureen baaβee
Suphee mattuun hurrumbumbaayee
Eee ehee..........been yee
Eee been yee dhaadhi mumbaayee
Hiddinaan hiddi malee ya kormakoo
Maal maqaan haxanxaarii
Sirbinaan sirbi malee yaa dammakoo
Maal maqaan na gabbarii!"
...
Kana olitti kan weellifame kun itti lixa. Hiriyaa waliin geellisu waamuusaati. Erga waamees hin dhaabatin geellisi; sirbi jechuun itti hime. Hin fakkeessin, of nan kadhachiisin yoo sirbite sirbi" yaada jedhuun cabse.
...
"Gurraalessa hayyambooraa ya kormakoo
Gootichoo barii duulee
Ani Innan joorufoo sumaa ayyaantutti
Ayyaantutti milkiin tolee
Ilubbaaboor, Hooyyee
Ilubbaaboor, Hoyyee!
Ilubbaaboor Fardi booraa
Ajjeesaan faachuma kooraa
Ilubbaaboor fardi booraa
Ajjeesaan fachum kooraa
Kooraa malee hin yaabanii
yaa kiilolee sirbi malee"
...
Asitti seenaa, aadaafi falaasama Oromoo dubbata. Iluu Abbaa Booraa erga waaamee booda, waa'ee farda Abbaa Booraa dubbata. Itti fufee ammoo Baqqootti nu geessa. Baqqoon bakka itti ajjeesanii kooran jechuudha. Kan bakka itti ajjeesee faacha baatu; kan ajjeese ammoo faachaan kooras jedha.
Faacha jechuun, akka aadaa Oromoo maccaatti namni yookaan ajjeesaan baqqoo deemee Leenca, arba, gafarsaafi kkf ajjeese ajjeesaa jedhamuuf Gogaa yookaan gaanfa fuudhee gala. Kun faacha. Mallattoo gootummaati. Ittiin geeraru. Ittiin kooru. Faachi kan goota isa lolaafi loluu beekuti. Mallattoo injifannooti. (Heroic symbol)
...
Irra keessa qotannaa
Sangaan Keenya battalii
bar sangaan keenya battalii....
Irra keessa kofallaa
garaan keenya gargarii,
Garaa dhiiraa hin beekanii
...
Bo'oon kun kalaqa yookaan barreeffama Leencoo natti fakkaata. Bakka kanatti Wallee hawwaasaa (oral poetry) keessaa nu baasa. Bakki kun bakka inni itti dhimma itti jirru cigoon hime natti fakkaata. Yookaan seeraan hin qotanne, kan ittiin qotannus isa idileessu otoo hin taane isa battalaati jedha. Kan nuti kofallus garaarra miti jedha. Irra keessa kofalla, kolfa sobaati jechuun quuqqaa garaa waan himun se'a.
...
Kannisni Farsoo hin soortu
yaa kormakoo yee
Damma bifaatti sontii
Manβ cuffee daamarra hin teessuu kormakoo yee,
eeraquuf (eessa dhaquuf) Daama kortii?
Boorri in booraa ajjeesaan faacha kooraa

Abbaankoo duruu Jagnaa
SAGLII Lugna hin muudanii.
Afaankee duroo dammaa
Maaf soogidda cuubanii?
Abbaankoo duruu Jagnaa
SAGLIIF durba hin muudanii.
Afaankee duroo dammaa
Maaf soogidda cuubanii?
...
Kunis kalaqa barreessitoota walleetin se'a. Falaasama Oromootiin qabee waa nutti hima. Bakki gobaangaleessaas addana. Kanniisni farsoo hin sortu jedhe. Kanniisni silaa damma sorti malee farsoo moti. Amma garuu kan kanniisni soraa jirtu farsoo...
Itti fufee ammoo Abbaankoo duruu jagna jechuun gootummaa warraa himata. Itti aansee SALGII LUGNA hin muudan jedha. Salgii inni baanu kan waraanaati. Ooggansa lolee Sagaliiti. Sirna Gadaa keessatti cifira isa xiqqaa akka Komaandootti ilaalamudha. Humna qaba; xiqqaatee waan guddaa raawwata. Walitti qabama dargaggoota jajjaboo sagaliiti. Kanaaf Salgiin goota malee lugna miti jechuusaati. Itti fufees, Afaan damma ta'e maalif soogida godhu jedha. Waan miyawu maalif kuraawaa taasisu akka jechuuti. Tarii Oromummaa nuti jaallannu, maa waan hin taaneen bakka buusuuf yaadduudhaa laata??? Weellisichatu beeka. Nuti garuu akka barbaannetti hubanna. Itti aansee ammoo Salgii dhiira malee durbi akka hin taanes addeessa.
...
Yas godhii Sirbi kuullee yaa dammakoo
Hortee warra daallamee
As asii dhiisi as kommee yaa dammakoo
Argaafan si beellame (kan an yaade ijumaan si ilaaluuudha. Iddoo filachuuf hin rakkatin, as as hin jedhin)
Deemnullee waa nun arguu yaa kormakoo
Biilaa kichuu hin muranii
Waan baaneef erga dhabne yaa kormakoo
Gameessa hin takaalanii.
Safeeffattuu kuulashii,
sonee mudhiin sabbataa
Yoo sirbitu sirbashii
onneen maaf na dhiittataa?
Warra Waajjotti sirbuu yaa kormakoo yee
Aallee harkaan naasisuu
Sirbituu silaan inkoo yaa leencakoo yee
Daabara nan teessisuu
Boorri booraa ajjeesaan faacha kooraa
(warri Waajjoo gosa. Aalleenis gosa)
Yaa tumaa shangoomee
Tumaan kan shangoomee
Beekkoon ebilattudhaa
Waan baaneef sila dhabnee
Waan sichi malachuudha
...
Hiiknisaa ifa. Kan yaanbee kaane, kan hawwinee hunda dhabneerra. Akka isa dhabne haa amannu. Furmaataaf isa itti aanuuf of haa qopheessinu. Haa falannu, haa malannu jechaa jira.
...
Xumurarratti Gelloo keessaa kan dargaggeessi miillaan lafa dhiitee morma shamaraa jala seenee dhiichisu, hirrubbii aadaa Iluutiin goolaba.
..
Hambabbeessakee jalaa
Horasaa budduqfatuu
Dargageessakee jala
Dhiirri lama hin dubbatuu
Badda keessa kaatanii
Maqaa gurreen geeraruu
Gad baatamoo hin dhuftaree
Jaallataan garaa hin hiruu
...
Oromiyaatti waan dubbatu fakkaata. Dargaggeessa kee jala dhiirri lama dubbatu jedha. Goota qabda. Goota ija barbadaa qabda jechuun ibsa. Baddaafi bosonas keessatti kan siif ajjeesee maqaa Gurreetiin geeraru har'as qabda jedha. Ajjeesaa duriin qabee dhaamsa dhaama.
..
Abiddee korma goolee
Kan qaroon diddiimatuu
Argita atuui kot malee
Korma dhugaaf boorratu
Ijaareen kabaa kabaa
Dubbiin gaaddisaam duruu
An deemee nagaa nagaa
Shaggeekoo walirraa toluu
Saan abbaa jiruu dhaltee
Sanbatee narraa fudhuu
An abbaa jiruun taβee
Wanbadee barbaaddadhuu!
.....
Bakka kanatti ammoo araaraaf waama. Gaaddisatti dubbii keenya xumuranna jedha. Salgiinis gaaddisa akka jechuuti. Dhumarra ammoo ani haajaan qaba, ani abbaa maatiiti, waanbadee yookaan nama akkakee barbaaddadhu jechuun goolaba.
Ulfaadhaa !
Dogoggorri hiikkafi yaadni ibsaa (interpretation) olii keessa yoo jiraate gaafatamummaan Lalisaa malee Weellisaa hin ilaallatu.
Vision Entertainment ( Birra Gemedi ) hojii Oromoo madaalu akka kanaa hojjechuu keessaniif ulfaadhaa jechuun barbaada. Namoonno sirbicha hin caqasne geessituu armaan gadiitiin daawwadhaa!
https://youtu.be/jBb_l4stfdw

YouTube
Lencho Gemechu-Saglii- New Ethiopian Oromo Music 2021(Official Video)
Your #1 source for quality music & videos! SUBSCRIBE NOW! β€οΈπβ¬πβ¬πβ¬πβ¬β€οΈ
Lyrics:
Ee tiya yayee ee tiyaa yee
Ee tiyaa eetiyaa
Chora Nonno blBunnon bayee
Ilubaboor yo deemte beenyee
Yoo deemte beenyee(2)
Hiddinaan Hiddi malee yaa korma koo maal maqaan axanxariiβ¦

The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 5 months. If it remains inactive in the next 30 days, that account will self-destruct and this channel will no longer have an owner.
The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 5 months. If it remains inactive in the next 27 days, that account will self-destruct and this channel will no longer have an owner.
Hiikkaa Halluu Alaabaa Oromoo kan Sirna Gadaa β Gurraa-Diimaa-Adii
Alaabaan sirna Gadaa halluu (bifa) fi hiikaa mataasaa qaba. Halluun alaabichaas tartiibaan Gurraacha, Diimaa fi Adiidha.
Hiikawwan buufata halluu alaabaa
A. Hiikni buufata halluu #Gurraacha: Olaantummaa Waaqati. Oromoon Waaqni gurraacha jedheeti amana. Huurriin bokkaa qabu guraacha, qaroon ijaa, illi (agartuun) gurraacha. Gurraachi kabajaaf angafummaa, badhaadhummaafi waan hedduu of keessaa qaba.
B. Hiikni buufata halluu #diimaa: Gaβanii, bilchaatanii, guutanii argamuufi gootummaadhaan mirga lammiitiif wareegamuu bakka buβa. Waanti hedduun yeroosaa eeggatee gaβuufi ija guutuu isaa agarsiisa.
C. Hiikni buufata halluu #adii: Xumuramuu yookiin raawwachuu agarsiisa. Hurriin rooba hinqabne adiidha. Dabbasaan (rifeensi) nama dulloomee harriin adiidha, daaraan adiidha, lafee gogaan adiidha. Kanaaf adiin mallattoo raawwachuu ykn xumuramuuti.
Oromoon marti hiikawwan halluufi asxaa alaabaa isaa beekuun jaalala olaanaadhaan kunuunsee yoonaan gaβeera. Dhaloota dhufutti dabarsuufis hiika isaa beekuurra darbee wareegama itti kanfalame yaadachuun seenaa isaas dhalootaaf dabrsuu qaba
HORAA BULAA DEEBANAA

The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 5 months. If it remains inactive in the next 17 days, that account will self-destruct and this channel will no longer have an owner.
Forwarded from Obsaa Abdiisaa (User nama)
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Haala Qabatamaa biyyittiin keessa turteef ammas keessa jirtu; Video EBC hack gochuun maxxanfame kana irraa ilaalaa.
Forwarded from Obsaa Abdiisaa (User nama)
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Dhugaa biyyittiin keessatti argamtu kana dhoksuun, badhaadhina sobaa labsuun namummaa dhabuudha.
Barnootaafi Dhaloota
...
Bara kudha sagal saddeettamoota keessa yeroo mootummaa cee'umsaatti ture. Mootummaa Cee'umsaa sana dura Sirni Barnootaa (Eduactional Curriculum) biyyi kun hordoftu, Afaan dhalootaa saboota hedduutti dugda kan gateefi eenyummaa saba tokkoofi afaan saba tokkoo barsiisuun, saboota biyyattii Amaaromsuu /amarazed gochuurratti kan hojjechaa turedha. Ijoolleen saboota cunqurfamoorraa dhalatan yeroo mana barnootaa deeman jalqabarratti maqaa isaanii gedderachuuf dirqamu.
Gochi kun ammoo kan sirna barnootichaan deggeramuufi yoo iyyattes furmaata hin argannedha. Ijoollee maatiin maqaansaanii moggaasee gara mana barnootaatti ergu, barumsa argachuu dura, maqaan isaanii Biqilaa irraa gara Baqqalee, Tolasaan Tolosaa, Caaltuun Ballaxuutti jijjiiramuun dirqama ture. Taateen akka kanaa kun hundi Sirna Haayile Sillaaseefi Dargii keessaatti hammaataa ta'ee galmaa'era. Dhaloonni keenya hedduun maqaa abboota keenyaa yoo lakkoofnu lama sadii dabarraan Amaariffa kaninni ta'eeefis godaannisa sana mullisa.
Gara qabxii ijoo kiyyaatti haa darbu. Barreessituu Addunyaa kanaa ishee guddoo kan taate Agiitaa Kiristir 'Diinonnikee warri abshaalli yoo si lolanii si mo'uu dadhaban, Ijoolleekee firoomfatu' jetti. Jechamni ishee kun waa lama agarsiisa. Tokko dhaloonni haaraa seenaafi eenyummaa isa wajjin dhalatan osoo hin taane isa baratan, dhaga'an amananii fudhatu. Kan lammataa ammoo nama battalatti injifachuu dadhabde moo'uuf karoora dheeraa qabachuu akka jechuuti.
Sirni Dargii erga kufee as caasaan mootummaa Cee'umsaa hundeeffame caasaa hedduu jabaa ture. Isaan keessaa ABO'n Abbaa dhaloota kanaa ta'uuf yeroo sana carraa argate. Angoo Ministeerummaa yeroo sana kennameen qondaalota ABO keessaa Obbo Ibsaa Guutamaa nama tokko turan. Angoon isaasaaniis Ministeera Barnootaati.
Ibsaa Guutamaa Barnoota hoogganuu jechuun Dhaloota uumuu jechuu akka ta'e, hunda dursee hubate. Kanaafis angoo qabatee torban osoo hin guunne hojii bara baraan maqaa iaa waamsisu wixineesse. Hayyoota Oromoo walitti qabuunis 'Afaan Dhalootaan barachuu' yaada jedhu mariif dhiheesse.
Yaadnisaa kunis qabsaa'ota saboota cunqurfamoo kan biroo birattis fudhatama argate. Yoo kana barnoonni sadarkaa duraa Afaan dhalootaan akka ta'u raggaasisan. Kitaabota qopheessuuttis gad ta'an. Ji'a sadii keessattis hayyoonni Oromoo itti hirmaatanii kitaaba barnootaa Afaan Oromootiin qaqqabsiisan. Ministeerri Barnootaas maxxansiisee hojiirra oolche. Dhaloonni Qubees gaafa sanarraa eegaluun tokko jedhee ABCD eegale. Achumaanis itti moggaafamee Dhaloota Qubee jedhame.
Asitti wanti hubachuu qabnu, waa'ee Afaan dhalootaatiin barachuufi dhabuu miti. Sun dhaloota of beeku gidduutti dirqama waan itti fufuu qabu waan ta'eef, sanaaf sodaan baayyee guddaan hin jiru. Garuu ammoo waa'een qabiyyee barnootaa hedduu waan murteessaadha. Sababnisaa isatu moroda.
Qabiyyeen daa'imman keenya mana barnootaa deemanii baratan dhaloota akkamii oomisha? Maal itti hima; maal qabachiisa gaaffiin jedhu isa bu'uuraati. Kunis afaan saayinsiitiin Silibasii (Syllabus) jedhama. Silibasiin kun ogeessota Muummee Barnootichaan kan qophaa'u taa'us, imaammata Barnootaa kan hordofudha. Imaammatas ta'e, Silibasii kan qopheessu ammoo Ministeera Barnootaati.
Ibsaa Guutamaafaa abboota Sabboonummaa keenyaati; abboota eenyummaafi dhaloota keenyaati. Ibsaa Guutamaafaa abbaa dhaloota Qubeefi abuuraa dhaloota har'aati. Kana hundaan akka inni waamamu kan godhes, yeroo gabaabaa waggaa tokko keessatti carraa Ministeera Barnootaa ta'uu argateen, ilaalcha sabboonummaa ABO, ilaalcha Oromummaa fi eenyummaa Silibasii Barnootaa keessa waan nuuf galcheefi.
Amalli Sirna Barnootaa inni duraa, erga biqilee mullachuudha. Yeroo inni qotameefi yeroo inni faca'u baayyee hin mullatu. Garuu erga biqilanii ija godhatanii booda ni argamu. Kanaafi dhaloonni Ibsaan Guutamaafaa sanyiisaa kitaaba keessa facaasanii qaran, waggaa 20 ol riphee gaafa dargaggoomu kan inni Warraaksa Qeerroo dhooseefis.

Walumaa galatti Barnoota jechuun Dhaloota jechuudha. Namni Imaammata Barnootaa qopheessu yookaan bulchu, ilaalcha isa fakkaatuufi bilchina akkasaatii dhaloota qabu waggoota booda argata jechuudha. Isa kanaaf iddoo murteessituu kanatti, bakka baayyee bu'ura ta'e akka kanaatti nama akka Biraanuu Naggaa muuduu jechuun, waggaa 20 boodatti, IZEMA yookaan ammoo Ginboot 7 horsiisuu jechuudha.
Sababnisaa namni kun yookaan Biraanuu Naggaa dandeettii siyaasaafi barnoota baratee Ikkinoomiksii qabaachuu malus, dandeettii Geggeessummaa Barnootaa (Educational Readership) ni qaba jedhee hin amanu. Dhugaan kun ifaafi kan namni hundi beeku ta'ee utuu jiruu, itti yaadamee Biraanuu bakka murteessaa kanatti fidamuunsaa balaa hammaattuufi egeree biyya kanaaf waan yaadame jiraachuu agarsiisa.
Gaafan kana jedhu Biraanuu sodaadhee yookaan ammoo jibban isaaf qabuuf akka isinitti hin fakkaanneen barbaada. Dhimmi Barnootaa dhimma Dhalootaa ta'uu waanin beekuufin kana dubbadha. Namni kun Biraanuun Naggaa waggaa sadii dura haasaa taasiseen "Maqaa Baankilee kanneen Naannooleefi sabummaa ibsan balleeffamuu qabu. Dhalootni ammaa kun Itiyoophiyummaa waan hin fudhanneef warra kanarraa abdii kutnee, dhaloota itti aanurratti hojjechuu qabna. Karaa barnootaafi teekinooloojiitiin dhaloota Itiyoophiyummaa faarsu uumuu danda'utu nurra jira" jedhee dubbatee ture.
Yeroon utuu hin fagaatinis TV Ethiopia Lijoch jedhu karaa nama kan biraa hundeessuun baajata guddaa ramadaniifi Ilaalcha daa'imman biyyattii irratti hojjechaa jiru. (Namni fuulduratti qorannoo hojjechuu barbaadu, dhaloota waggaa sadii asiifi isa duraa keessaa kam akka faaruu alaabaa Oromiyaafi faaruu alaabaa Itiyoophiyaa beeku utuu qoratee salphaatti waan kana ni mirkaneeffata. Daa'imman Oromoo hedduun TV Itiyoophiyaa Lijoch jedhu kana jala taa'aa oolu) taateen kun ammoo warra humnaafi qabeenya qabuuf, tooftaa garboomfannaa ammayyaati.
Waa hundaafuu kanin jechuu barbaade, Ministeera Barnootaa jedhamuun kan har'a muudaman kun jara muudeefis muudameefis tapha siyaasaati. Uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo kan biroof garuu xaba lubbuudha. Eenyummaan keenyi, aadaafi duudhaan keenyi barnoota ammayyaa keessatti yoo dhaloota keenya hin barsiifamne maaltu itti aana? Deebii kanaa yeroo gabaabduu keessatti arguuf teenya.
Garuu balaa kana jalaa karaa lama ooluun ni danda'ama jedheen yaada. Inni duraa Biiroo Barnoota Oromiyaa jabeessuudha. (Keesaattuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa yoo dhuguma Oromiyaaf dhaabbate ta'e, kaninni dammaqinaan biiroo kana bira dhaabbachuu qabu amma) kan lammataa ammoo namnoonni dhuunfaa, NGO fi dhaabbileen Siivikii garaagaraa kitaabota Barnootaa kan daa'immanii ofiin qopheessisuufi dhalootarratti hojjechuun dirqama guddaadha.
Ulfaadhaa!

Jawaar Duraan Nutti Hime.
Gaazexeessichaafi Jawaar Mohammed
Gaz: Paartileen Siyaasaa moorkattoota ta'an baayyachaa jiru. Paartileen kun hundi ammoo ilaalcha garaagaraatiin masakamu. Baayyachuu paartilee siyaasaafis haa ta'u, biyya kana keessatti ilaalchi walii galaa tokko dhibuu isaaf waan jettu qabdaa?
Jawaar: Ilaal obboleessa kiyya, paartiin ati baayyate jettu hin jiru. Paartileen uwwisa miidiyaafi mirga sochii qabaatanii Finfinnee keessa deemanii iyyaa oolan kun hundi, iskoortii Bilxiginnaati.
Gaz: akkam?
Jawar: Akkasi. Kun kan ifa ta'u danda'u filannoo booda. Filannoon fuula dura keenya jiru kun hatamees haa ta'u geeggeeffamuu dhabee gaafa gar tokkotti deebi'u, paartileen Iskoortii Bilxiginnaa ta'an hedduun isaanii ni badu. Gariin ammoo Bilxiginnaa waliin walitti baqneerra jedhanii ibsa kennu. Isa booda Bilxiginnaan hooggantoota paartilee Iskoortii kanaaf muudama ni kenniti. Kun yoo hin ta'u ta'e arraba kiyyarraa rifeensa buqqista. Filannoon fuuldura keenyaa kun Haqaafi baaqa adda baasuuf adeema.
Gaz: Bilxiginnaan maalif akkas godha jettee yaadda? Jechuunkoo isin sodaataniituu?
Jawaar: Bilxiginnaan onneefi amilee ittiin dhugaatti nuun moorkattu hin qabdu. Kanaaf carraa argame hundatti fayyadamtee, paartiilee moorkattootaa Iskoortii ta'an kana amansiiftee nurratti duula banaa jirti. Duula kana booda moorkattoota sodaatan hunda yakkanii maksuu malu. Xabni kun xaba lubbuullee ta'uu danda'a. Erga moorkataa maksanii booda waadaa Paartilee Iskoortiif galame hojiitti hiiku.
Gaz: Waadaan Paartii ati Iskoortii jettee waamtuuf galame kun maal ta'uu danda'a?
Jawaar: Kan Iskoortiif ka'ame silas faayidaarra hin darbu. Yoo baayyate Angoodha; xiqqaatummoo maallaqa.
2020
Gullallee Post 11ffaa (utuu hin maxxanfamin Koronaan dhufe kan hanbise irraa)
Warri dhibbantaa 100 waliin hojjechuuf, waamicha Bilxiginnaan nuuf taasise simanneerra jechuun ibsa laatan kun, waan Jawaar duraan nutti hime reef uumnatatti himaa jiru.
Yaa Oromoo jabaafi geggeessaankee isa bor utuuti hin filatin, anatu filame jedhee as ba'uuf adeemu osoo hin taane, isa utuuti jaallattuu sirraa butamee Gaashiree seensifame ta'uu beeki.
https://t.me/oromiaodm

Telegram
Oromia Land - π
Channel keenyaa Oromia Devilopment Media oromoo fi Addaa oromoo kan barsisuudha. Kottaa irraati baradha.
Fakkoommii Elellaafi Saxaxa Ammayyaa!
(Symbolism of Elellaa and Modern Designs)
"Mannikoo Jimmaaf Suluudhaa
Elellaa lafaa hammaaruu
Yaadnikoo sumaaf du'uudhaa
Ekeraan wal haa barbaadu"
Bo'oon Afwalaloo kun weedduu jaalalaa kan uummataa keessaa kan fudhatamedha. Dhimmichis gurbaan intala jaallate tokko akkanni itti yaadasaa isheef ibsatu agarsisa. Afwalaloo kana keessatti garuu, falaasamni Oromoo fi jaalalli gurbaa wal qabataniiru.
Biyya gurbaa kanaatii yookaan Jimmaafi Suluu keessatti akka waan Elellaan rakasa ta'ee yookaan ammoo baayyatee salphaatti argamuu danda'utti fakkeessuun ishee saadaa jira. Kunis Elellaan yeroo sanatti Callee gati jabeessaafi kan qaalii ta'e waan ta'eef, faaya Shamarran hedduu jaallatan kanaan qabee, akka isheen isa jaallattuuf ittiin shooshilaa jiraachuusaa mullisuuf oola. Kanaaf Elellaan qabeenya dubartiifi faaya Dubartummaa ta'usaa hubachuu nu dandeessisa jechuudha.
Inni kan biraan jaalala amma du'a garasii, amma Ekeraan wal iyyaafachuutti tarkaanfachiisee kan inni ibsuuf, jalqabarratti Elellaa fakkoommii hormaataafi itti fuufinsaa dhalootaatiin qabee erga ibseen booda, faallasaa ammoo waa'ee ekeraa dubbachuisaatiini. Kun dhimma an isiniif kaasuuf adeemu waan hin taaneef irran tara.
Elellaa:
Elellaan akaakuu Calleeti. Akka falaasama Oromootti ammoo Calleen kan Dubartiiti. Ittiin Ateetee facaafatu; ittiin caaccuu miidhagfatu. Ittiin dubbatu; ittiin fedhii ibsatu. Callee keessaa ammoo Elellaan biyyoota gaanfa Afirikaa hedduu keesaatti beekamaadha. Keesaumaa ammoo saboota Kuushitikiifi Oomootik biratti akkaan baayyata. Sidaamatti hiikkaa nagaa, nageenyaafi araara jedhu qaba. Saba Mursii biratti ammoo hiika Dargaggummaa yookaan bilchaachuu, ga'uu jedhu qaba. Oromoo birattis akkasuma hiikaa hormaataa qaba.
Kana jechuun garuu hiikni Elellaa kana qofa jechuu miti. Oromoo biratti akkaataa garee hawaasaatiin dhimmoota adda addaaf ni oola. Fakkeenyaaf faaya shamarranii ta'ee ni ilaalama. Akaakuu Callee Caaccuutti dabalamees hiika gulummoo tokko ni qabaata. Innis Durba Duudaa (kan morma lamaa) ibsuuf kan oolu yoo ta'u, dabalata ammoo nageenyaafi araara, obbolummaa agarsiisuuf fayyada. Feetus ammoo, Faaya daa'immanii ta'ees ni tajaajila. Kunis mallattoo guddinaafi hawwii guddachuutti hiikama. Fakkeenyaaf uffata Daa'ima ittiin dugdatti baatanirratti ni hojjetama. Rifeenaa daa'imman xixiqqoo ittiin faayu. Darbee darbee ammoo jabbii Looniirrattis ni godhama.
(Suurota armaan gaditti maxxanfame keessaa daa'imti xiqqoon karaa ija mirgaan jiru sun ana. Harkakoo bitaa irratti kan hidhamee jiru Elellaadha. Elellaan ilmoo dhiiraaf, Birrii bisiin ammoo intala durbaaf hidhamuun akka aadaa Wallootti waan baratamaa ta'eef, maatiin kiyya akka aadaa isaaniitti kan naaf tolchanidha)
Dhimma kana waanin kaasaa jiruuf inni ijoon torbaan kana, namoonni adda addaa Elellaaf hiika dogoggoraafi dhugaarraa fagaate yookaan ammoo hiika qeenxee yeroo kennan argeeni. Namoonni muraasni "Elellaan qaama saalaa shamaraa ibsa" jedhanii maxxansaniin arge. Kun tarii falaasama aadaatiin osoo hin taane, falaasama dhuunfaatiin ta'uu mala. Sababnisaa ammoo uffata ammayyaa amma hojjetamaa jirurratti Elellaan seenuusaa akka waan safuun cabeetti balaaleffachuuf jedhamee ibsamaa waan jiruufi.
Anis akka nama Fookiloorii (beekumsa uummataa) qo'atu tokkootti, hiika gar tokkee Elellaa ilaalchisee kenname kana nan morma. Sababnisaa Elellaan akka tokko qofaan hin ibsamu. Sanuu akka dogoggoraan.
Dhiirota Elellaa saxaxatan balaaleffachuuf jennee, yookaan jibba dhuunfaaf, "Elellaan qaama saalaa shamaraati" jechuun safuu kan biraa cabsuun, aadaa keenyatti hiika hin malle kennuun mataansaa dogoggora jedheen amana. Elellaan qaama saalaati osoo hin taane, dhugumatti aadaa keeaaatti fakkoommii hormaataatti hiikama.
Hormaatni ammoo Dubara qofa hin ibsu. Kan da'uun danda'amu, yoo kan dhalchu jiratedha. Kanaaf hormaatni Dubartii qofa akka ibsuutti ibsuuf yaaluun mataansaa rakkoo kan biraati. Garuu ammoo akka falaasama Oromootti Calleen faaya Dubartiiti malee kan dhiiraa miti.

Ta'us garuu uffata ammayyaa kan aadaa kan hin taane irratti Callee arguun dirqama akka falaasamatti geessinee ilaallu nu taasisuu hin qabu. Sababnisaa akkuma uffata ammayyaarratti Ziippii, Cuftuu adda addaa arginutti, Calleewwan uffata aadaa Aslii hin taanerratti arginus ilaaluu qabna.
Uffatoota amma saxaxamanii Shammaanotaan hojjetamuun, akkaataa gaariin miidiyaa hawaasaarra deemaa jiran jiran kanaan uffata aadaa jennee yaaduun keenyas dogoggora guddaadha. Sababnisaa Uffatni aadaa isuma Aslii sana malee kan ammayyaa'e jedhamu sana miti. Uffatni aadaa inni Asliii yeroo akka malee uffatamu, yeroo safuu cabsu qeequun gaariidha. Garuu uffatoota saxaxa (design) ammayyaatiin hojjetaman irratti yeroo Callee, Kuulaafi fakkoommii aadaa xiqqoo arginu akka uffata Aadaatti yaaduun sirrii miti.
Tarii Carqiinsaa yoo kan aadaa ta'e, saxaxni hodhaasaa kan biyya biraa ta'uu mala. Akkasumas yoo saxaxnisaa kan aadaa ta'e, Callee Kuullisaa kan ormaa ta'uu mala. (Kun uffata aadaa waan hin jedhamneef mata duree qeequmsaa gochuun rakkoo hubannooti malee waan dhugummaa qabu miti)
Yaadakoo xumuraatiin ammas irra deebi'ee kanin jedhu, uffata Aadaa isa Aslii kan Orom-durii yoo dandeessan uffadhaa. Ajajadhaa; bitadhaa. Yoo hin dandeenye ammoo kan Oromummaa ibsu kan feetan uffachuun mirga keessani. Garuu ammoo isa saxaxa haaraa qabuun Uffata Aadaa hin jedhinaa. Inni uffata aadaati osoo hin taane, sona aadaa irraa waa xiqqoo kan fudhatedha.
Fakkoommiin Elellaa inni dhugaan uffata aadaa isa dhugaarra jira. Nama aadaa keesaa jiraatuufi aaddeffatuuf tajaajila. Kan bara kanatti mormatti diratuun yookaan wayiin bocee Mana kaaweatuuf akkasumas uffata Chaayinaatii dhuferratti hodhisiisee uffatuuf, Elellaan dirqama akka aadaatti tajaajiluu hin qabu. Dhimmi kun dhimma tajaajila isaati malee dhimma hiika inni qabuu miti. (Waan kana ilaalchisee barattoonni Fookiloorii ana dabalatee hubannoo gaarii qabna jedheen yaada. Yaaxinni Tajaajilaa /Functional Theory jennee kan nuti barannes bakka kanatti sirriitti nu gargaara.
Ulfaadhaa!
Ayyaana gaarii!
Dhimma kanaafi kana fakkaatan irratti beekumsa dabalataa argachuuf geessituu telegram armaan gadii xuqaatii kitaaba Dr. Bantuu Ujuluu buusaa dubbisaa.