Oromia Land - 🌀
145 subscribers
135 photos
16 videos
22 files
79 links
Channel keenyaa Oromia Devilopment Media oromoo fi Addaa oromoo kan barsisuudha. Kottaa irraati baradha.
Download Telegram
Forwarded from Huzee Entertainment 1
Godina Arsii Lixaa Aanaalee hafan kunooti.
-Yakki guddaan Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dukkanatti hiisise Oromoo ta’uu fi dantaa mirga Oromootif waardiyyaa dhaabachuu qofa! Qabsaa’aa Oromoo ta’uu qofa.

-Koloneel Gammachuun Oromoodhaf hidhame, Mirga hiree Oromoota Oromiyaatif yakkame. Koloneel Gammachuu hidhuun siyaasa Oromoo hidhuuf abjoochudha, Oromoo mara hidhuuf aggaamudha!

-Dhimmi hooggantoota siyaasa Oromoo dhimma guddaa hiree egeree Oromoo fi Oromiyaati. Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee hidhamtoota siyaasa Oromoo mara hatattamaan sabaa fi biyyaaf hiikaa!!

-Ilmaan Oromoo hin nuffinaa, hin dadhabinaa, sekoondif abdii hin kutinaa sagalee keessan jechaa fi gochaadhan, dhuunfaa fi gamtaadhan bakkuma jirtanii dhageessifadhaa!!
Join Godhaa 👇👇👇👇
http://telegram.me/Guddisaajawaar
#Hunduu_Ni_Darba!!........ #Abshiraa💪
------------------------------------------------
-Waggoota dheeraa dura manni argitan kun mana bareedaa sadarkaa duraa naannoo sanaa ture. Abbaan mana kanaas nama durreessa/qabeenya guddaa qabu ture namni hunduu gargarsaaf harka isaa ilaala. Konkolaatan argitanis hedduu kan namatti toluufi tokko qofaas waan taateef naannoo sanaa iji nama hundaa irra jira ture. Namichi abbaa qabeenyaa kunis yeroo mana bareedaa akkanaa fi konkolaataa akkanaa bitatu jireenya isaa keessatti guyyaa itti abjuun isaa milkoofte turte. Garuu amma akka argitaan qabeenyi isaa dulloomeera akkasumas diigamee wanni haaraan irratti ijaaramuuf deema.

Otoo namni tokko haala qabeenyi kun amma irra jiru keessatti mana kanatti galuuf yaade maal jedhamuu danda’a hawaasa keessatti?
Eeyyee
Maraataa/ nama sammuun dabartee jedhama.
Jireenya keessan keessatti wantii inni kun cimaadha jettanii nama waliin wal dhabdan/ wal loltan jiraachuu hin qabu.

Sababaan isaa
🌳Uffatni/huccuun isin jaallatanii fi ittin ofjajan gaafa tokko mana ittiin qulquleesu.
🌳Herregni baankii keessanii gaaf tokko tola ooltummaaf kennamuu danda’a.
🌳Haati Warraa keessan yookin Abbaan Warraa keessan gaaf tokko hiriyaa nama biraa ture/turte.
🌳Dubartotni mana bunaa abbaa fedhaan waliin har’a qarshiif bulan gaaf tokko durbummaa qabu turan.
🌳Waanti hundinuu ni jijjirama yookan gaafa tokko gaarii/dansaa/bareeda ture.

📸Fakkeenyaaf kameeraan durii filmiin 36 keessa galchanii nama kaasan warrii dijitaalaa gaafa dhufan baduun dirqama itti tahe,
📩Xalayaa waliif barreesanii poostaan waliif erganii baatii/ji’a tokko eeguun hafe imeeliin yeroo dhufu waan hundu daqiiqaa fi seekondiitti jijjirame, ammamoo inumaa namni #Chat gochaa jira
☎️Yeroo durii bilbila deemanii mana bilbilaatii dabaree qabatanii bilbiluun hafee har’a moobaayilii harka nama hundumaa seene jireenya salphisee jira, Whatsup, viber, facebook, Telegram, Instagram, Tiktok fi kannen biroo dhufnan walargaan namootaa fi haasofni namoota kunoo akkanatti jabaateera inni duraan qamaan wal argan hafeet.

🎁Kanaafuu maaltu namoota waliin wal si dhabsisaree ati eenyuun ol tahuuf tattafataa?
Jireenyi addunyaa kun bayyee xiqqoodha namaan ol of hin godhiin, gad jedhii ajajamuu fi saba keef hojjechuu beeki.

🍎🍏“Hundumti keenya duwwaa dhalannee duwwaa gara bollaa deemna” jedhe Istiiv Joobis(#Steve_Jobs) abban qabeenyaa fi abbaan kalaqaa Elektrooniksii #Apple.
Eeyyee akkuma jedhe duwwaa isaa addunyaa kana irraa boqote qabeenya biiliyoona dhiisee deeme.

🧟‍♀️Wanni tokkolee du’arraa nu baraaruu danda’u hin jiru, Namoota qabeenyaan, beekumsaan, bareedinaan, sadarkaa barumsaan, beekamtiin akkasumaas qabeenya harka isaanii jiruun boonan/ofjajan hedduun jibba ani.

🎅Jireenyi jireenya caalu Waaqayyoo wajjin jiraachuudha akkasumaas saba ofiif hojjechuudha. Kanaafuu hiriyootakee si cinaa jiraaniif gaarummaa hawwiif, yoo doggogore sirreessi malee itti hin kolfiin, jaalladhu, kabaji, ulfina kennif, dhagahi, jajjabeessi, gargaari sababaan isaa namni ati jireenya kee keessatti har’a argitu booru riqicha tahe si ceesisuu dandaa’as si kuffisee bishaan si fudhachisuus danda’a.

Kanaafuu har’a namootatti rakkina hin tahiin gaaf tokko isaaanis rakkina cimaa sitti tahuu danda’u.

🌷🌹🥀🌺🌸🌼Walumaa galatti daraaraan/Ililliin har’a akkanatti bareede mul’atu booru goggogee baduuf jira kanaaf gadhee abbaa garaa hin tahiin, qabeenya keen of hin tuuliin qabeenyaan seenaa hojjedhu, beekumsa keen of hin tuulin hojiitti jijjirii sabakee gargaari, aangoo keen sabakeef hojjedhu malee irratti hin hojjetiin, sababaa adda addaa hin uumin haala kamiin keessattu waan yaadde hojjechuu dandeessa waan taheef, eegaa dubbi hin dheeresuu nama gaarii tahi


https://t.me/oromiaodm

https://t.me/oromiaodm
Dhaloota Duubaan Dhufuuf Yaaduu!
▪️▪️▪️▪️▪️▪️▪️▪️

Waanti Kaleessa ture har'ammoo hin jiru. Waanti har'a jiruummoo bor hin jiru. Haalonni jiran hundumtuu ni Jijjiiramu. Ijaarsi jiru ni diigama, haaraa kan ture ni moofa'a, dhugaan kun Nama s ilaalchisee akkasuma. Nutis yeroo keenya Eeggannee ni Darbina. Garuu Namoonni kaleessa turan har'a hin jiran kan jedhu garuu nama Hundummaaf hin Hojjetu. Namoonni hedduun akkumaa darbaniin yaadannoon isaanii sammuu nama keessaa haqama. Namoonni tokko tokko garuu Lubbuu isaan yoo du'e iyyuu Eenyummaan isaani hamma har'aatti nuwallin jiraachuti jira. Namoonni kun dhaala ''legacy" nuuf dhiisanii darbanii nu waliin jiraatu. Namoonni kunniin ofii saaniitii yoo darban iyyuu, hojiin isaan Hawaasa isaaniitiif Hojjetanii darban garuu hafee kan jiraateedha. Adeemsaa isaan Eegalanii darban nuti immoo itti Fufsiisuudhan gara Guddina sadarkaa kan biraatti ceena.

Itti fufaa..........

By Duresa kasim

https://t.me/oromiaodm
https://t.me/oromiaodm
Forwarded from Ferhan Abdulselam
Jaal Daawud Ibsaa humna mootummaatiin mana isaa keessatti hidhamuu haasawa amma OMN waliin godhe irraa hubachuun danda’amee jira. Manarraa bahuus tahee namni biraa itti dhufuun kan hin danda’amne tahuu himan. T.me/ferhanabdulselam
Forwarded from Huzee Entertainment 1
“Filannoo” “filannoo” jedhee kan Zinaabuun ganamaa hamma galgalaa faaggaa afuufaa jiru akka uummatni isa xireeffate wallaalee miti. Utuma namni iyyuu didee yoon korojoo garagalfadhee xumuree mootummaa jedhee waggaa shaniif of labse hawaasni addunyaa akkuma bara ADWUI komii xiqqoo dhiyeeffachuudhaan raggaasisuu malee fala hinqabu jedhee yaada. Hawaasni addunyaa naaf mirkaneessinaan ammoo humnoota biyya keessa raggaasisuu didanii beekamtii nadhowwatan humnaan afaan qabsiisuu nandanda’a jedhee amana. Rakkinni Zinaabuu garuu hawaasni addunyaas akkuma saboota biyyatii akka isa xireeffatee fi falli argamnaan darbatee laga isa buusuuf qophii akka ta’e wallaaluu isaati. Kunoo Senaataroonni Ameerikaa shan isa kana ifatti xalayaa barreessuudhaan agarsiisanii jiru. Gamtaan Awurooppaa, UK, akkasumas Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii eejjennoo walfakkaataa qabu. Namni “filannoo” Zinaabuuf beekamtii kennu waan jiru hinfakkaatu. Qaamotni kun “filannoo” Zinaabuun maraatuuf kana beekamtii dhowwatan jechuun dhiibbaan isaa salphaa hinta’u—awwaalcha Zinaabuu garmalee gadi fageessuu mala.

#Abiy_Ahmed_is_a_war_criminal!
#AbiyMustGo!
#BREAKING_Ammee!
-Ugum! Manni maree Ministeerota Itoophiyaa walgayii guyyaa har’aa taa’en “Addi Bilisummaa uummata Tigraay(Wayyaanee) fi WBO Amaarri ‘Shanee’ jedhee waamu ‘shororkeessummaadhan akka murteeffaman” jechuun yaada murtii dhiyeesse.

-Tarkaanfiin raawwii murtii kanaas dhaabbilee fi namoota dhuunfaa qaamota kanneen wajjin hariiroo yaadaa fi gochaa qaban mara irratti kan raawwatamuu fi fudhatamus jedhamee jira.

-Dantaa sirna nama nyaataa Minilik deebisuuf, sirna fewudaalii gita bittaa saba Amaaraa deebisuuf paartilee maqaa sanaatin jiran filannoo keessaa baasanii...

-Qabsaa’ota qulqulluu mirga saba isaanitiif dhaabatan hidhaa fi ajjeechaa irratti labsanii, dataa Amaaratiif jecha Oromoodhan shororkeessaa jedhanii yoo akkanaan nagaan argame...

-Ugum! Yoo akkanaan walii wajjin jiraachun dandaa’ame inuma agarra! Oromoo waraabessa sitti dhufaa jiru qalbifadhuu qabsaa’otaa fi dhaabbileekee jabeeffadhu

👇👇👇👇👇
https://youtu.be/arlXMBMkiYw
Forwarded from Huzee Entertainment 1
"Rakkoon jira. Rakkoo sana akka hin dubbanneefis rakkoon jira" jedhe namichi.
Yoomii laata

Yoomin gahaa galma Koo
Iddoo garaan Koo yaade
Abjuu Koo ijoollumaa
Lafa qalbiin Koo araade


Adeemuf Mana baanan
Gufuun natti baay'ate
mul'anni Koo innin arge
Abjuu natti fakkaate

Yoomuma arga ijji Koo
Hin argiin hafaa laata?
Yaddootin guggubadhee
Garaan Koo na hammaata

Yaa rabbikoo jaba
Kan beektu yaada namaa
Firiikoo na garsisi
Kanumaan si kadha.

https://t.me/oromiaodm
https://t.me/oromiaodm
Forwarded from Ferhan Abdulselam
Waan Waggaa 2 dura barreesse facebook na yaadachiise. Dubbiin akkuma gaafas tilmaane taate. Nagaya naannoo booressanii jiru. T.me/FerhanAbdulselam
Kolfaa kootta

Gadi tuqi seeni 👇
https://t.me/oromiaodm
Iddoon si hin madaalle si salphisa
==============
Manguddoo tokkotu dulloomee fiixee du'aarra yoo gahu ilma
isaa ofiiti waamee,
" yaa ilmakoo sa'aatii harkaa kana abbaa kootu naaf kenne,
isaaf ammoo abbaa isaatu laateefii ture. amma sa'aatiin kun
gara waggaa dhibba lamaa darbeera. Anis ilmin an qabu, waan
gati jabeessas dhaalchisu si waan ta'eef siifan laadha. Garuu
dursa deemiitii manneen daldalaarra naanna'ii hangamiin akka
sirraa bitan gaafadhu" jedheen .
Mucichis suuqii garaa garaa irra naanna'ee gaafachuutti ka'e.
Daldaltoonnis 'sa'aatiin kun moofaadha, sanumaayyuu ammoo
ligidii qaba qarshii shan caalaadhaan yoo bitne nuuf hin buusu'
jedhaniini. Daldaltoota jijjiiree biyyaa biyyatti deemee yoo
gaafatus kan gad hirdhisu malee waa siksuuf dhabe.
Sana booda deebi'ee abbaa isaatiin,
"Abbaakoo daldaltoota hedduu suuqii qaban gaafadhee qarshii
shanii oliin hin binnu jedhaniiru" jedheeni.
Abbaanis "amma immoo gara god-hambaa yookan
muuziyeemii biyyoolessaa dhaqiitii gaafadhu" jedheen.
Mucichis gaafa hooggantoota muuziyeemii biyyoolessaa
dhaqee gaafatu qarshii miiliyoona lamaan sirraa binna
jedhaniin.
Mucichis gammadaa gara abbaa isaatti deebi'ee,
"abbaakoo kunoo reefan bakka ta'u deeme, isaan qarshii
miiliyoona lamaan sirraa binna fidi" naan jedhan jedhee itti
hime.
Abbaan isaa manguddoon beekaan kunis,
"Egaa argitaa ilmakoo bakka sin madaalle yoo dhaabatte gatii
kee gad cabsa; si salphisa; bakka si madaalu yoo oolte garuu
eebba qaba; ulfina siif kenna. Yoo namni si cabse si salphise
hin rifatin, waan sin beekneefi. ati bakka si madaalu fi nama
barbaachisummaakee beeku biratti kabajamta" jedhee gorse.
Ati gaafa iddoo kee malee dhaabbattu rakasta Malee rakasa
miti.√√√√√an irraa waa baradheera ati hoo??

https://t.me/oromiaodm
https://t.me/oromiaodm
Forwarded from Zak Dube
“SHAASHAMANNEE
#Oduu_Gaddaa

Mana Amala sirreessaa Godina Arsii lixaa Magaalaa Shaashamannee irraa

Manguddoon #Gurree_Usoo Jedhamu mana Amala sirreessaa Godina Arsii lixaa Magaalaa Shaashamannee keessatti Du'aan boqatan

Manguddoon #Gurree_Usoo yakka ykn badii tokko malee Koomand poostiin qabamanii bara 2008/2016 Godina Arsii lixaa Aanaa #Qoree irraa hidhamuun Murtiin ykn Adabbiin Woggaa 20 kan itti kenname yoo ta'u Woggaa Shaniif(5) mana hidhaa erga turaniin booda manuma hidhaa keessatti Lubbuun darbuun dhagahame

Kana males #Manguddoon kun #Ilma isaanii #Tibbeessoo_Gurree jedhamu wajjiin yeroma takka qabamanii kan hidhaman yoo ta'u Ilma isaanii Tibbeessonis murtiin ykn adabbiin dabaa Woggaa 18 itti kennamee yeroo ammaa achuma Mana Amala sirreessaa Shaashamannee keessatti argama
Abbaan Woreegamee du'aan biraa bahe 😭

Waan Nama ajaa'ibu Manguddoo Gurree Usoo fi Ilmi isaanii Tibbeessoo Gurree Bara 2008/2016 Namoota baayy'ee wajjiin kan hidhaman yoo ta'u Namni hundi biraa yaa'ee Namoota 21 qofa wajjiin mana Amala sirreessaa Shaashamanneetti hafuun Murtiin ykn adabbiin Dabaa Kan irratti darbe dha

Dabalataan Manguddoon kun Ilma isaanii dabalatee Namoota isaan wajjiin mana hidhaa turan 21 waliin bara 2010/2018 yeroo hidhamtoonni Siyaasaa dhiifamaan Mana hidhaatii gad lakkifaman/dhiifaman carraa dhiifaman mana Amala sirreessaa Shaashamannee kana keessaa bahuu dabaan dhooggatamuun mana hidhaa keessatti hafuun isaanis daba isaan irratti hojjatame keessaa isa tokko

Gumaa isaanii rabbi haa baasu
Dhugaa Laafaa keennaa rabbi hin gatin
Kanneen Mana hidhaatti dararamaa jiran rabbi bilisaan nuuf haa yaasu/baasu

Manguddoo keenna nu biraa woreegaman rabbi jaannataan haa qananiisu”
Forwarded from Huzee Entertainment 1
#inbox
Way kolfaan dhumne jechoota Dinqisiisoo kana Daawwadhaa akkumaan Argeen kolfaan nu fixee
https://youtu.be/eS4oA1D5M0k