Oduu Oromoo
15.1K subscribers
12.4K photos
1.89K videos
40 files
37.9K links
Oduu midiyaalee garaagaraa irraa walitti qindeesse mul'isa:

#VOA-afaan-oromoo
#BBC-afaan-oromoo
#Fanabc-afaan-oromoo
#OBN
Download Telegram
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du'aniifi kanneen kutaa warra jabaa dhukkubsataniitti dabarfaman haala baayyee rifaasisaa ta'een dabalaa jiraachuu hordofee qajeelfamni weerara dhibee kanaa ittisuufi to'achuuf gargaaru fooyyaa'ee ba'uun isaa ibsameera. Qajeelfamni Ministeerri Fayyaafi Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa foyyeessanii baasan kun A L I Hagayya 13, 2013 irraa kaasee hojiirra oola jedhameera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/383QmWC
Oduu Oromoo
Photo
OMN (Youtube)
OMN Horn: Oduu (HAGAYYA 22, 2021)


√Barattuun Oromoo Yun. Gambeellaatti ajjeefamte.
√Qonsilaan Itoophiyaa kan Saawudii cufamuun Yaaddodha.
Taalibaan dubartootni akka seera Islaamaatti akka barataniifi hojjetan ni eeyyamna jedhullee, namoonni baayyee garuu egeree isaaniif ni yaadda’u.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3z9YBfR
Hawaa keessatti astironomarooti fayyaa gaariin akka turan gochuuf kuduraalee hedduu soorachuun barbaachisaaha. Garuu orbiitii keessatti akkamiin kuduraa biqilfachuu danda’u? Salaaxaan namicha tokko biqilchaa jiru tarii deebii qabachuu mala.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3moflME
Waraanni naannoo Tigraay keessatti jalqabee gara naannolee ollaatti babal'ate namoota kumaatamaan lakkaa'aman akka du'aniifi miliyootaan kan lakkaa'aman ammoo baqachuuf dirqamaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3B6FiEr
Tapha kilaboota Nice fi Marseille gidduutti taphatamaa tureen taphataan Dimitri Payet qaruuraa itti darbatame isa dhawe deebisee gara deeggartootaatti darbachuu isaatiin, namoonni gara dirree seenuun taphichi adda cite.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3D3tdSx
Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti dorgomamaa ture medaaliyaa 12 argachuun addunyaarraa sadarkaa afraffaa argachuun xumurte.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3Dc11Nm
US fi michootni ishee oltoota isaanii Afgaanistaan keessaa baasuu hordofee biyya kan dhuunfate Taalibaan yeroo humnoonni alaa biyyattii gadhiisanii akka bahan kaahame hin dheereffamu jedhe.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3mtV4oW
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
OMN (Youtube)

OMN: Imbaasiin Itoophiyaa biyya Saa'udi Arabiyaa Magaalaa Jiddaa cufamuufi (August 23,2021)
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Qophii Labataa, Jimaata Hagayya 20

Atileetonni Afriikaa oggootaa kurnaan lakkaawwamaniif addunyaara naanna’anii Olompikii irratti hirmaatniiru. Garuu, Afriikaan amma ammaati taba Olompikii qohpeesitee in beektu. "Qehee Afrikaa irratti Olompikii qopheessuuf ulaagaa maal maal guutuutu barbaachisa?" jedhee warri gaafatu jia.
Qophiin Labataa harraa dhimma kana irratti gaabaasa Mariyaamaa Madeeloo qindeesite irratti xiyyeeffata.
Gara dhumaa irratti immoo Guyyaa Suuraa Addunyaa laalchisuudhan turtii gaazexeesituu suuraa badhaasa moote wajjin godhamen sin biraan gaha. Caqasaa.
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Bokkaan Cimaan Itiyoophiyaa Keessatti Balaa Adda Addaa Akka Fiduu Malu Himame

Bokkaan ganna kana keessa Itiyoophiyaa keessati rooba jiru midhaalee adda adda akka geessisuu malu Dhaabbati Meetriyoolojii biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksisaa jira.
Naannoolee lageen Awaas fi Abbayaa lolaa bishaaniif saaxilamoo tahan, Oromiyaa Bahaa fi Walakkeessaa, Naannoo Amaaraa Lixaa fi naannoo Kibbaa keesaatti guyyoota kurnan dhufan bokkaan cimaan roobuuf jira, jedha dhaabbatichi.
Gabaasaa guutuu caqasaa.