Oduu Oromoo
15.1K subscribers
12.4K photos
1.89K videos
40 files
37.9K links
Oduu midiyaalee garaagaraa irraa walitti qindeesse mul'isa:

#VOA-afaan-oromoo
#BBC-afaan-oromoo
#Fanabc-afaan-oromoo
#OBN
Download Telegram
Oduu Oromoo
Photo
Oromia Broadcasting Network – OBN
Godina Shawaa Kibba Lixaatti biqiltuuwwan Ganna dhaabbatan qophaa’eera

https://www.obnoromia.com/wp-content/plugins/page-views-count/ajax-loader.gif

OBN Amajjii 22, 2012 – Godina Shawaa Kibba Lixaatti biqiltuuwwan Ganna dhaabbatan miiliyoona 171 buufataaleetti qopha’aa jiraachuu Waajjirri Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godinichaa beeksiseera.

Sochii diinagdee magariisaa eegalame cimsuuf hojiin biqiloota Ganna dhaabbachuu danda’an buufataalee biqiltuutti qopheessuu aanaalee Godina Shawaa Kibba Lixaatti dalagamaa jira.

https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/shl3-300x220.jpg https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/shl4-300x220.jpg https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/shl5-300x220.jpg https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/shl6-300x220.jpg

Aanaalee kanneen keessaa Qarsaa Maalimmaatti buufata biqiltuu Ganda Maazooriyaa isa tokko yoo ta’u, hojjattoonni buufatichaa yeroo itti kennuun biqiltuu kunuunsuurratti argamu.

Itti gaafatamaa Itti aanaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Aanaa Qarsaa Maalimmaa obbo Tasfaayee Sobbooqaa aanichatti buufataalee gurguddoo lamatu jira sadaffaa banuuf immoo qophii taasisaa jirra jedhan.

Buufataaleen kanneenitti bara darbe biqiltuuwwan miiliyoona jahaafi kuma dhibba shan qophaa’ee kan ture yoo ta’u, bara kana miiliyoona kudha sagalii ol qopheessuuf hojachaa jirras jedhaniiru.

Hojii diinagdee magariisaa jalqabame tumsuuf bara kana aanaalee hunda keessatti buufataalee biqiltuu qopheessuun kan kanaan duraati ol harka sadiin biqiloota qopheessuun biqiltuu miiliyoona 171 dhaabuuf hojjachaa jirra jedhaniiru Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Hubannaa Obsee.
Irgixaa Gonfaatu gabaase.

The post Godina Shawaa Kibba Lixaatti biqiltuuwwan Ganna dhaabbatan qophaa’eera appeared first on Oromia Broadcasting Network - OBN.
Oduu Oromoo
Photo
Oromia Broadcasting Network – OBN
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa of eeggannoo cimaa sadarkaa isaa eeggateen tajaajila balallii gara Chaayinaa taasisaa jiraachuu ifoomse

https://www.obnoromia.com/wp-content/plugins/page-views-count/ajax-loader.gif

OBN Amajjii 22, 2012 – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa of eeggannoo cimaa sadarkaa isaa eeggateen tajaajila balallii gara Chaayinaa taasisaa jiraachuu ifoomse.

Mootummaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa waliin ta’uun ulaagaa of eeggannoo vaayrasii koroonaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaafi Waldaan Geejjiba Qilleensaa Addunyaa kaa’an eeguun tajaajila balallii gara Chaayinaatti taasisaa jiraachuu hojii raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleessan Itiyoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaariyaam ibsaniiru.

Haaluma barameen bara haaraa Chaayinaa sababeeffachuun magaalota biyyattii kanneen akka Beejiingi, Shaangaay, Gu’aanzhii, Cheenguufi Hoong Koongitti balallii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Chaayinaan iddoo ga’umsa Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa hangafa ta’uu ishee himuun, walakkaa Jaarraaf Ardii Afrikaa geejjiba qilleensaan walqunnamsiisuu ibsaniiru.

Obbo Tawaldeen deeggarsa mootummaan Chaayinaafi ummanni ishee taasisaan galateeffachuun, yeroo kanattis daandiin qilleensichaa cinaa isaanii kan dhaabbatu ta’uu ibsaniiru.

Vaayirasiin koroonaa baatii Muddee gaafa guyyaa 21 bara 2012 magaala Wiihaaniitti kan mul’ate yoo ta’u, hanga ammaatti namoota dhibichaan qabaman kuma 9 ol keessaa namoonni 213 du’aniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa walga’ii ariifachiisaa guyyaa kaleessaa gaggeesseen labsii fayyaa yeroo ariifachiisaa idila addunyaa labseera.

Akka gabaasa FBCtti vaayirasichi yeroo ammaa Chaayinaan ala biyyoota 18 keessatti kan mul’ate yoo ta’u namoota 98 irratti mallattoon isaa mul’achuu mirkanaa’eera.

The post Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa of eeggannoo cimaa sadarkaa isaa eeggateen tajaajila balallii gara Chaayinaa taasisaa jiraachuu ifoomse appeared first on Oromia Broadcasting Network - OBN.
Oduu Oromoo
Photo
Oromia Broadcasting Network – OBN
Manni Maree Nageenyaa Naannoo Hararii, godinaalee baha Oromiyaa, Poolisii Federaalaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI raawwii hojii baatii 6 gamaaggame

https://www.obnoromia.com/wp-content/plugins/page-views-count/ajax-loader.gif

OBN Amajjii 22, 2012 – Manni Maree Nageenyaa Naannoo Hararii, godinaalee baha Oromiyaa, Poolisii Federaalaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI raawwii hojii baatii 6 gamaaggame.

Manni maree kun haala nageenyaa, daddabarsa meeshaalee waraanaafi daddabarsa namoota seeraan alaa ilaalchisee haala olaantummaan seeraa kabachiisuun danda’amu irratti marii bal’inaa gaggeesseera.

Baatiiwwan 6n darbanitti nageenya waaraa fiduuf hojiin hojjetame jajjabeessaa ta’us, rakkoon nageenyaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Naannoo Hararii obbo Naasir Yuuyyaa ibsaniiru.
Keessattuu yakkamtoota seeraaf dhiyyeessuu, daddabarsa seeraan alaafi daldala koontiroobaandii ittisuu irratti xiyyeeffaannoon hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Kabaja Ayyaana Cuuphaa irratti rakkoo walitti bu’iinsaa uummameen lubbuun namoota 2 darbuu, qaamooleen nageenyaafi siiviilii 31 madaa’uufi qabeenyaa mootummaafi dhuunfaa irra miidhaan qaqqabuu obbo Naasir dubbataniiru.

Qaamolee ajandaa siyyaasaa dhokataa seeraan alaa gaggeessaa jiraniin nageenyi ummataa boora’aa jiraachuu ibsaniiru.

Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf qaamoleen nageenyaafi hawaasni tumsaan hojjechuu qabus jedhameera.

Akka gabaasa FBCtti qaamolee sabaafi amantaa dawoo godhachuun ummata walitti buusaa jiran irratti tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu hirmaattoonni marichaa kaasaniiru.
The post Manni Maree Nageenyaa Naannoo Hararii, godinaalee baha Oromiyaa, Poolisii Federaalaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI raawwii hojii baatii 6 gamaaggame appeared first on Oromia Broadcasting Network - OBN.
Oduu Oromoo
Photo
Oromia Broadcasting Network – OBN
uurizimii qixaan irratti hojjatamnaan nageenya biyya tokkoof gumaacha guddaa kan qabu ta’uu qorannoon akeeke

https://www.obnoromia.com/wp-content/plugins/page-views-count/ajax-loader.gif

OBN Amajjii 22, 2012 – Tuurizimii qixaan irratti hojjatamnaan nageenya biyya tokkoof gumaacha guddaa kan qabu ta’uu qorannoon akeeke.

Yuunivarsiitii Amboo kaampaasii Walisootti torbeen tuurizimii mata duree “Tuurizimiin nageenyaafi badhaadhinaaf” jedhuun yeroo 3ffaaf kabajameera.

Sirnichaan yaadannoon gooticha Dajaazmaach Garasuu Dhukiis kan itti taasifame yoo ta’u, guyyootan darbaniif sagantaaleen qulqullina naannoo, waldorgommii fiigichaa, agarsiisa aadaa, daawwannaa hawwata tuurizimiifi dorgommii miidhaginaa faadhaan kabajame.
Mariin paanaaliis qabiyyee sagantichaa yoo ta’u, waraqaan qorannoo nageenyaafi tuurizimii jedhus dhiyaateera.

Galma gahiinsa diinagdee barkumee biyyoota guddachaa jiraniif wantoota akka falaatti taa’an keessa tuurizimiin tokko yoo ta’u, diinagdeen alattis hariiroo hawaasaa cimsuun, hoji dhabdummaa hir’isuun walumaagalatti tuurizimiin afaan nageenyaa ta’uutu himame.

https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/ya3-300x225.jpg https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/ya2-300x169.jpg

Itiyoophiyaas ta’ee Naannoon Oromiyaa madda gurraachotaa walabummaaf wareegaman darbees qabeenya tuurizimii danuu kan qabdu ta’us haalan irraa fayyadamoo hin taane jechuun fakkeenyummaa biyya Keeniyaa kan kaasan Pireezidaantii Yuunivarsiitii Amboo Dr. Taaddasaa Qana’aati.

Waan ta’eef qabeenyafi seenaawwan gurguddoo qabnu galiitti jijjiiruun bu’aa irraa argachuuf mootummaanis ta’ee lammiileen gahee isaanii bahuu akka qaban dhaaman.

Barattoonni Yuunivarsiitii Ambootti Kaampaasii Walisoo sagantichi walbohaarsuu, aadaaf seenaa qabnu walitti agarsiisuu malees tokkummaafi jaalala cimsuun miira Itiyoophiyummaa keenyas kan jabeessuudha jedhaniiru.
Irgixaa Gonfaatu gabaase.
The post uurizimii qixaan irratti hojjatamnaan nageenya biyya tokkoof gumaacha guddaa kan qabu ta’uu qorannoon akeeke appeared first on Oromia Broadcasting Network - OBN.
Oduu Oromoo
Photo
Oromia Broadcasting Network – OBN
Baankiin Daashiin caraa hojii uumuu fi hiyyummaa hir’isuuf Birrii Miiliyoonaa 100 ifoomse.

https://www.obnoromia.com/wp-content/plugins/page-views-count/ajax-loader.gif
https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/Dashiin.jpg OBN Amajjii 22,2012- Baankiin Daashiin caraa hojii uumuu fi hiyyummaa hir’isuuf Birrii Miiliyoonaa 100 ifoomse.

Baankichi sagantaa kana milkeessuuf Pirojektii ItiyoophiyaanTaalent Paawoor Siiriyees jedhamuun carraa hojii uumuu, kanneen dandeettii addaa qaban jajjaabeessuuf Birrii miiliyoona 100 ramaduusaa beeksiseera.

Kunis tumsa mootummaan hojii dhabdummaa fi hirummaa hir’isuuf hojjetaa jiru milkeessuuf qooda jabaa qaba jedhameera.
Sagantaa kanaan karoora daldalaa qopheessuu, Baankotaa fi gaheesaanii, bulchiinsa faayinaasnii dhaabbilee fi dhuunfaa akkasumas itti fayyadama yeroo irratti wiirtuulee ja’aa keessatti leenjii kan kennu ta’uus himameera.Yohaannis Bantiitu gabaase.
The post Baankiin Daashiin caraa hojii uumuu fi hiyyummaa hir’isuuf Birrii Miiliyoonaa 100 ifoomse. appeared first on Oromia Broadcasting Network - OBN.
Oduu Oromoo
Photo
Oromia Broadcasting Network – OBN
Feesbuuk UK’tti maamiloota isaaf to’annoo beeksisaa dabalataa taasise

https://www.obnoromia.com/wp-content/plugins/page-views-count/ajax-loader.gif

OBN Amajji 22,2012- Feesbuuk tooftaa haaraa odeeffannoon namootaa applikeeshinii, dhaabbataafi, marsariitii kam irratti akka faayidaarra oole mul’isu ifa godhee jira.

Dhaabbileen hedduun wantoota namoonni intarneetii irratti godhan hordofuun Feesbuukiif dhiyeessuun beeksisoonni akka isaan bira ga’an taasisu.

Tooftaan haaraan amma ifa ta’e, namoonni Feesbuuk isaaniirraa akka balleessaniifi odeeffannoon isaanii beeksisaaf akka hin oolle gochuuf carraa kennaaf.

Ta’us, odeeffannoon isaanii guutummaatti hin badu.

https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/110586030_gettyimages-885294342-300x169.jpg

Tooftaan ‘off-Facebook activity tracking’ jedhamu kun akkamiin hoojjata?

Namni tokko yeroo intarneetii, applikeeshinoota fayyadamu yookaan marsariitii abuuru, odeeffannoon isaanii niqabama.

Kunis wantoota akka ’email’ akkaawuntii yoo banan ittiin galmaa’uuf dhiyeessan ta’uu mala.

Akkasumas odeeffannoo dhokatoo kan akka eenyummeessa marsariitii ittiin abuuran/fayyadaman ta’uus mala.

Dhaabbileen beeksisa himachuu fedhan odeeffannoowwan kunneen maqaa namoota omisha isaaniitti fedha qabaachuu malu jedhanii yaadan Feesbuukitti kennu.

Achiis Feesbuuk, piroofaayiloota itti kennameen kan wal-siman barbaaduun, beeksisoota isaanirratti xiyyeeffatan gadi itti dhiisa.

https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/110693918_clearhistory-300x300.jpg

Off-Facebook activity tracking, online qofarratti miti kan hojjatu.

Fakkeenyaaf manni daldalaa tokko kaffaltii kaardii maamilummaa (loyalty card) irraa argatan Feesbuukiif erguu danda’u.

Feesbuuk tajaajila kana bilisaan kennuuf fedhii qaba jedhus, haala dhaabbileen ittiin himatan ilaalchisuun, dhiibbaan cimaan irratti taasifamaa tureera.

Keessumaa dhimmi dhaabbata ‘Cambridge Analytica’ jedhamuun walqabatee ture kan yaadatamudha.

Kaampaaniin kun tooftaa ‘Facebook Pixel’ jedhamuufi dhoksaadhaan marsariitii dhaabbilee irra kaa’amuun eenyu akka daawwate hordofuun beeksisni akka itti ergamu taasisa.

2018’tti Maark Zuukarbarg rakkoo kana furuuf seenaa abuuraa/history tooftaa ittiin haqan nan fida jechuun waadaa seenee ture.

Tooftaan haaraa kun pirofile namootaa dhaabbilee sanarraa adda haakutu malee, odeeffannoo dhuunfaa isaanii guutummaatti hin haqu.

Kana jechuun, namoonni mala kanatti fayyadaman, beeksisa isaan irratti xiyyeeffate irraa xiqqaata jechuudha.

‘Off-Facebook activity’ fayyadamuun, Fuula Facebook keessanirratti dhaabbileen kam odeeffannoo keessanitti fayyadamaa akka jiran baruu dandeessu.Maddi:-BBC
The post Feesbuuk UK’tti maamiloota isaaf to’annoo beeksisaa dabalataa taasise appeared first on Oromia Broadcasting Network - OBN.
Oduu Oromoo
Photo
Oromia Broadcasting Network – OBN
Fiilmiin Afaan Oromoo ‘Hirbuu seenaa’ jedhu Ameerikaa Laasveegaasitti hojjetame agarsiisaaf dhiyaachuufi.

https://www.obnoromia.com/wp-content/plugins/page-views-count/ajax-loader.gif

Fiilmiin Afaan Oromoo ‘Hirbuu seenaa’ jedhu Ameerikaa Laasveegaasitti hojjetame agarsiisaaf dhiyaachuufi.

Fiilmii kana hojjechuuf waggaa afur akka fudhatee fi Afoolaa fi jechoota mimmiidhagoo faayamee fiilmii sadarkaa isaa eeggatee hojjetamedha jedhan,barreessituu fi daayrekterri fiilmii kanaa Aadde Yewubdaar Jabeessaa.

Haarsaa jaalala dhugaaf kaffalamu,eenyummaa ofiif hadhaa unachuu,duudhaa Oromoo kaleessa gatiin itti kaffalamee nutti kenname dhalootatti dabarsuuf fiilmii barsiisaa nama bashannansiisudha jedhan.
Taatonnis looga godinaalee Oromiyaa hundaa of keessatti kana haammatee fi ijoollee fedhii fi dandeettii qofa osoo hin taane aartii Oromoof of kennanii hojjetan akka ta’e himan.
Qaamaan biyya hambaa jiraannus qalbiin keenya biyya jira jedhan.

Aartii Oromoofis ta’ee guddina saba keenyaaf yeroo hundaa ni tattaafanna jedhan.
Aadaa fi duudhaan keenya adda waan ta’eef haala ammayyaan itti fufuu waan qabuuf hojii kana hojjedhe jedhan.
Guddinni aartii qaroomina ummataa mul’isa.

Duudhaan Oromoo yeroo cabus ni mul’ata kana ijoollee keenya fi darbinees karaa garaa garaan addunyaallee hubachiisuun safuu fi duudhaa Oromoo barsiisu qabna jedhan.

Hacuuccaa Oromoon keessa turerraa yeroo ilaallu aartiin Oromoo sadarkaa gaarii irra jira.

Fiilmii hojjechuun gatii guddaa nama baasisa kanaaf aartii Oromoo cinaa dhaabbachuu barbaachisa jedhan.
Fiilmiin Afaan Oromoo yeroo hojjetamu gabaarra oolu ilaaluu fi bituun barbaachisaa akka ta’es dubbatan.

Guddina Afaan Oromoof aartiin Oromoo gahee guddaa gumaacha, miidiyaan Oromoos beeksisuu fi deeggarsa barbaachisu laachuu qabu jedhan.

Akka bal’ina saba Oromootti maaf guddachuu dideedha malee hacuuccaa Oromoon keessa darbe faana yeroo ilaalamu aartiin Oromoo sadarkaa gaarii irra jira jedhan.

Fiilmii kana hojjechuuf bu’aa bahii hedduu keessa darbuu himanii galma gahuusaatti gammachuu qaban ibsan.

Namni wanta tokko yeroo karoorsu bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuu dandaa’a sana keessatti obsa godhachuun xumura mul’atichaa ilaaluutu barbaachisa jedhan. Akaaluu Baqqalaatu gabase.

https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/hirbuu1-225x300.jpg
The post Fiilmiin Afaan Oromoo ‘Hirbuu seenaa’ jedhu Ameerikaa Laasveegaasitti hojjetame agarsiisaaf dhiyaachuufi. appeared first on Oromia Broadcasting Network - OBN.
Oduu Oromoo
Photo
Oromia Broadcasting Network – OBN
Dorgommii olompiikii addaa Afrikaa kaleessa xumurameen Ityiyoophiyaan meedaaliyaa 7 argatte.

https://www.obnoromia.com/wp-content/plugins/page-views-count/ajax-loader.gif

Dorgommii olompiikii addaa Afrikaa kaleessa xumurameen Ityiyoophiyaan meedaaliyaa 7 argatte.

Dorgommiin olompiikii addaa gosa ispoortii ispoorteessitoonni hanqina guddina sammuu qaban irratti hirmaatanidha.

Dorgommichi Gibts Kaayirootti gaggeeffamaa kan ture yammuu ta’u, taphoonni atleetiksii, kubbaa miillaa, saaphanaa fi booshiyaa gaggeeffameera.
Garee Ityoophiyaatin ispoorteessitota 4n, meedaaliyaan 7 argameera.

Meetira 100 meedaaliyaa argame sadiin ala, meetira 200 warqeen 1 fi maaldaan 3 argameera.

Meetira 200n Atleet Miiliyoon Yaadataa warqee lammaffaa argamsiisera.

Atleet Tigist Ugaasaa, Atleet Ma’aazaa Eeliyaasii fi Atleet Biruuk Alamaayyahu meedaaliyaa maaldaa 3 argataniiru.

Dorgommii kanaan warqee 2, meetii 1 fi maaldaan 4 argameera.

Gareen Itiyyoophiyaa har’a ganama Finfinnee galuusaa daayreektarri Olompiika Addaa Itiyoophiyaa Yoonaas Gabramaariyaam himaniiru.

https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/meda1-300x225.jpg https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/meda2-300x225.jpg https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/meda3-225x300.png
The post Dorgommii olompiikii addaa Afrikaa kaleessa xumurameen Ityiyoophiyaan meedaaliyaa 7 argatte. appeared first on Oromia Broadcasting Network - OBN.
OBNOromiyaa Just tweeted ********************************************** OBN Amajjii 22,2012- Dorgommii olompiikii addaa Afrikaa kaleessa xumurameen Ityiyoophiyaan meedaaliyaa 7 argatte. Dorgommiin olompiikii addaa gosa ispoortii ispoorteessitoonni hanqina guddina sammuu qaban irratti hirmaatanidha. https://t.co/vNGuElfc8L
OBNOromiyaa Just tweeted ********************************************** OBN Amajjii 22,2012- Fiilmiin Afaan Oromoo 'Hirbuu seenaa' jedhu Ameerikaa Laasveegaasitti hojjetame agarsiisaaf dhiyaachuufi. Fiilmii sadarkaa isaa eeggatee hojjetamedha jedhan,barreessituu fi daayrekterri fiilmii kanaa Aadde Yewubdaar Jabeessaa. https://t.co/uJy9u2yIpd