Oduu Oromoo
15.3K subscribers
12.4K photos
1.89K videos
40 files
38.1K links
Oduu midiyaalee garaagaraa irraa walitti qindeesse mul'isa:

#VOA-afaan-oromoo
#BBC-afaan-oromoo
#Fanabc-afaan-oromoo
#OBN
Download Telegram
Mootummaan Somaaliilaand dhiyeenya filannoo mo'achuun aangoo qabate waliigaltee ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) fi pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Tarkiitti taasisan ilaalchisuun ejjennoo isaa beeksise.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/k4mvHSP
Xiinxalaan siyaasaa fi aktivistii beekamaa Jawaar Mahaammad kitaaba haaraa ''Hin Gaabbu'' jedhu maxxansiisee torban dhufu magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti eebbisiisuuf akka jedhu gaaffiifi deebii addatti BBC waliin taasiseen ibseera.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/gXCNBsf
Dhaloota Kiriistoosiin dura bara 539 loltoonni mootii jalqabaa Parshiyaa(Iraaq ammaa) Saayiras Jabaa(Cyrus the Great) magaalaa Baabiloon to'ate. Bara kana dalagaa dhala namaa fuulduratti tarkaanfachiisu raawwate. Garboota bilisa baasuun namni hundi amantiisaa filachuu danda'a jedhe, wal-qixxummaa sabootaas mirkaneesse.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/kSi9UxF
Dr. Bayyana Abarraa Ispeshaalistii Ulfaa fi Gadaamessaa yemmuu ta'an, Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Magaalaa Hoosaa'inaa keessatti kan argamu Hospitaala Ispeshaalaayizdii Waliigalaa Yaadannoo Mootittii Illeenii Mahaammad keessa hojjetu.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HhrOElg
Waraanni Raashiyaan Yukireen irratti geggeessaa turte gara waggoota sadiif Moskoo keessatti dhiibbaan cimaan geessise hin turre. Namootni akkuma yeroo nagaatti jireenya idilee isaanii gaggeeffataa turan. Amma garuu Raashiyaa keessa haalli jireenya idilee sun hin jiru.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Wxd1siU
Phaaphaasiin mana amantaa Kaatolikii, Poop Firaansis kitaaba seenaa jireenyaa isaanii baasuuf jiran keessatti, imala gara Iraaqitti taasisan irratti yaalii ajjeechaa karoorfame odeeffannoo basaasa Biriteen irraa argameen fashalaa'uu eerera.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/cji8fBd
Manni-maree bakka bu'oota ummataa labsii hojii baankii baankonni biyya alaa akka gabaa Itoophiyaa keessa galan hayyamu sagalee mormii sadiin sagalee caalmaan raggaasiseera.Labsiin kun kan raggaasifame manni-maree ministeerotaa imaammata sektera baankii investeroota biyya alaatiif banaa taasisu akka hojiirra ooluuf murteessee waggoota lamaan boodadha.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/pU5AzWk
Yeroo ammaa Sooriyaa kan of harkaa qabu hogganaan finciltootaa Ahimad al-Shaaraan biyyisaanii waraanaan waan dadhabdeefuu, ollaa isheefis ta'e biyyoota lixaatiif yaaddoo akka hin taane dubbatan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/nYK6oNH
Namni siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad turtii addatti BBC Afaan Oromoo waliin taasiseen dhimmoota garaa garaa irratti kan dubbate yoo ta'u, mootummaan Itoophiyaa amma biyya bulchaa jiruun abbaa irreedha, akkasumas walitti bu'iinsa adeemaa jiru mariin furuuf kan hin barbaadu jechuun himate.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/vPQ1zT2
Kitaabni nama siyaasaa Jawaar Mohaammad Kamisa har'aa magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii keessatti eebbisiisuuf ture guyyaa biraatti darbuu Jawaar beeksise. Kunis, sababa ''baay'ina hirmaattotaa fi nageenya'' isaaniin walqabatee bulchiinsa bakka galmi itti taasifamuun akka ta'e fuula Feesbuukii isaarratti barreesse.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HXySAif
Mootummaan Itoophiyaa aanga'oota sarbama mirgoota namootaan himataman, "keessumaa ammoo miseensota raayyaa hayyama bulchiinsaatiin" aangoorraa akka kaasu itti-gaafatamtuun Biiroo Haqaa Yakka Idil-addunyaa Ameerikaa Ambaasaaddar Beez Vaan Sikaak dhyeessan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/qdcriR2
Aanaalee Godina Shawaa Kaabaa sababa sochii hidhattootaatin rakkoo nageenyaatiin raafamaa jiran keessaa tokko kan taate aanaa Warra Jaarsootti torbee darberraa eegaluun dhukaasa meeshaalee waraanaa gurguddaa taasifamaa jiruun namootni nagaa miidhamaa jiraachuu jiraattonni himan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/MSwAUFj
Yeroo umuriin isaa ijoollummaarra jiru maallaqa guddaatiin gara Piriimer Liigii Ingiliizitti jijjiirraan taasise kan milkaa'e hin turre. Kilaboota baayyee keessas darbuuf dirqameera. Milkaa'ina dhamdhamuu kan jalqabe garuu bara 2022 akkuma Atilaantaatti makameen boodadha.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/EbxRsgY
Qonnaan bulaan godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee kun waggoota 30 ol biyyoota Awustiraaliyaa fi Keeniyaa keessa jiraatan.Maqaan isaanii Wandasan Kaasee jedhamu; dhalatanii kan guddatan Godina Arsii Magaalaa Abboomsaatti yemmuu ta'u, yeroo ammaa magaalaa Bishooftuu keessa jiraatu.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/HSaBPA0
Tokkummaa dhaabbilee siyaasaa mormituu Itoophiyaa haala qabatamaa Itoophiyaa gama hundaan jiru ilaalchisee ibsa baasaniin haalli biyyi keessa jirtu ''hamaarraa gara baayyee hamaatti adeemaa jira'' jedhan.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/sGe0Cdz