Oduu Oromoo
15.2K subscribers
12.4K photos
1.89K videos
40 files
37.9K links
Oduu midiyaalee garaagaraa irraa walitti qindeesse mul'isa:

#VOA-afaan-oromoo
#BBC-afaan-oromoo
#Fanabc-afaan-oromoo
#OBN
Download Telegram
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Haalli Tigraay Keessaa Daran Yaaddessaa Dha: Dubbi Himaa Tokkummaa Mootummootaa

Dubbi himaan muummicha barreessaa kan tokkummaa mootummootaa Steefen Dujaariik tuuta oduuf ibsa kennaniin, waahiloonni keenya hojii gargaarsa namoomaa kanneen Itiyoopiyaa keessa jiran haalli Tigraay amma iyyuu akkaan laaffataaf tilmaamuun rakkisaa ta’uu nutti himan.
Erga raayyaan ittisa biyyaa magaalaa Maqalee dhiisee erga ba’ee qabee magaalattiin to’anaa adda bilisummaa uummata Tigraay jala jirti. Adirgrat, Adwa, Aksum fi Shireenis akkasuma.
Irra jireessa haalli jiru tasgabbaa’aa ta’us, kutaalee naannoo sanaa hanga tokko keessa lolatu jira.  Ibsaa fi quunnamtiin bilbilaa Tigraay guutuu irraa cite kan jiru yoo ta’u, quunnamtiin kan jiru karaa bilbila saatelaayitii fi keellaa tokkummaa mootummootaa  Maqalee fi Shiree keessa kan jiru quunnamtii interneetii qofa.
Qaamonni martinuu siivilotaaf eegumsa gochuu dhaan sochii hojjettoota gargaarsaa fi meeshaa gargaarsaa naannoo sana keessaa fi qilleensa irraa fi lafoo mala ittiin dhaqqaban  danquu irraa of qusachuu qabu.
Hojiin gargaars namoomaa naannoo sanaaf akka itti fufu gochuuf meeshaa gargaarsaa fi hojjettoota itti dabalaa Tigraayiif erguun, tajaajila ibsaa fi bilbilaa bakkatti deebisuu, maallaqii fi boba’aan naannoo sanaaf dhiyaachuu ariitiin mirkanaa’uu qaba.
Haala isaa itti dhiyeenyaan hordofuu itti fufna, kanaaf lolli hatattamaan dhaabatee walitti bu’iinsi jiru karaa nagana furuuf tarkaanfiin hatattamaa akka fudhataman muummichi barreessaan kan tokkummaa mootummootaa waamicha dabarsaniiru.
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Iitiyoopiyaa fi Jabuutiin Misooma Bishaanii fi Investmentii Irratti Mari’atan

Hoogganni sadarkaa ol aanaa Itiyoopiyaa fi Jabuutii naannoo Somaalee, godina Sitii keessatti kan argamu projektii dhiyeessii bishaan qulqulluu daangaa qaxxaamutu kan Itiyo-Jabuutii daawatanii jiran.
Muummicha ministeeraa Jabuutii Abdiqaadir Kamiiliin kan hoogganame jilli Jabuutii itti aanaa bulchaa naannoo Somaalee obbo Ibraahim Usman waliin ta’uu dhaan naannoo Somaalii godina Sitii bakka Kuulan jedhamutti kan argamu madda bishaan lafa jalaa fi raabsii bishaanii daaawwatanii jiran.
Waggaa saddeetti har’aa kan jalqabame projektiin bishaanii daangaa qaxxaamuru, jalqaba ennaa yaadame bishaan metir kuubii kuma 100 ni argama jedhamee akeekame keessaa dhibba irraa harki 20 qofaan kan argame ta’uu kan dubbtan itti aanaan bulchiinsa somaalee obbo Ibraahim Osman, rakkoo kanas waliin ta’uun gamaaggamuu isaanii VOAf ibsaniiru.
Lafoo, qilleensaa fi buufata dooniin hariiroo uummataa fi hariiroo cimaa kan qaban Jabuutii fi Itiyoopiyaa dinagdee dhaan kaayyoo wal qabsiisuu hojiiwwan qaban keessaa tokko projektii bishaanii kana jedhan obbo Ibraahim.
Raawwatiinsa isaa ilaalchisee bakkaawwan duwwaa argamanis gamaaggamuu isaanii dubbataniiru. Gama naannoo Somaaleetinis godinaa qabee hoogganni hanga aanaatti jiru waltajjii sana irratti waan hirmaataniif hanqina argame guutuuf akkasumas projektichi bishaanii kun akka barbaadametti akka milkaa’u gochuuf martinuu waan irraa eegamu ni gumaacha jedhanii kan amanan ta’uu obbo Ibraahim ibsaniiru
Waltajjii sana irrattis misooma bishaanii sanatti dabaluu dhaan abboonni qabeenyaa Jabuutii bishaanni lafa jalaa bakka inni itti argamuu fi Jabuutii waliin wal daangessu godinaa Sitiif maallaqa baasuu haala dandeessiu irratti illee mari’achuu isaanii obbo Ibrahim ibsanii jiran.
Lammiiwwan Jabuutii irra hedduunis gam tokkoonis haa ta’u karaa biraa godinaa Sitii fi Dirree Dhawaa waliin walitti dhufeenya qabu jechuun Addis Chekol gabaaseera.
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Prezidaant Baayiden Gamoon Jigee Lubbuu Galaafate Kutaa Filooridaa Daawwatan

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayidenii fi haati warraa isaanii giifti dureen Jill Baayiden bakka gamoon jireenyaa hangi tokko jige Sufside, Florida kamisa har’aa daawwataa jiran. Gareen baraarsaas halkan edaa barbaacha dhaabee jira.
Prezidaantii fi haati warraa isaanii har’a xayyaara prezidaantummaa Air Force One koru dhaan White House irraa har’a ka’anii buufata xayyaara sadarkaa addunyaa Mayaamii qubatanii jiran. Kantiibaan konyaa Mayaamii-Dade Daniella Levine Cava tuuta oduuf ibsa kennaniin barbaachii fi tattaaffiin baraarsaa maaliif akka dhaabate ibsanii jiran.
Ganama barii sababaan hojii dhaabuuf dirqamneef gamoon dhaabatee hafe haalli isaa yaaddessaa waan ta’eefi jedhan. Hojjettoonni baraarsaa kanneen dursanii birmatan nageeny isaanii akka eegamu waan dandeenye mara ni goona jedhanii, akkuma haalli isaa amansiisaa ta’een hojii itti fufna jedhan Levine Cavan.
Hoogganaan dhimmi ittisaa konyaa Miami-Dade Alan Cominsky tattaaffii balaa qabu kan halkanii fi guyyaa namoota tarii caccabaa sana jala lubbuun jiru barbaachuu tuqanii, barbaachisummaa taattaaffiin baraarsaa sun dhaabateef ibsaniiru.
Angawoonni naannoo roobii kaleessaa akka ibsanitti lakkoobsi namoota balaa sanaan du’anii ijoollee lama dabalatee 18 guutee jira. Levine Cava lakkoobsa boodanaa ergaa tweeter maxxansaniin, kanneen du’an dabalatee lakkoobsi namoota achi buuteen dhabamee 145 ga’era jedhan.
Dubbi imtuun White House Jen Psaki aklka jedhanitti prezidaantii fi giifti dureen maatiiwwan namoonni balaa suukaneessaan duraa du’anii daawwatuuf jiru, akkasumas garee baraarsaaf dursee birmate illee galateeffataniiru. Bakka gamoon sun jige dhaqanii daawwachuu ilaalchisee hanga yoonaa hin mutaa’in jira, garuu daawwannaan isaanii angawoota naannoo gamasii waliin akka qindaa’u prezidaantiin ibsuu isaanii beeksisanii jiru.
Biilsi gamoo 12 qabu walakkaa isaa Waxabajjii 24 jiguun isaa ni yaadatama.
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Mootumman Itiyoophiyaa Rakkoo Ammaa Booda Tigiraay Keessatti Akka Itti-gaafatama Hin Fudhanne Beeksise

Ammaa booda, rakkoolee adda addaa bulchiinsa naannoo Tigiraay keessatti uumamaniif itti gaafataa akka hin fudhanne, mootummaan Itiyoophiyaa kaleessa ibsa kenneen beeksisee jira. 
Muummichi-ministaraa, mootummaan maaliif akka waraana isaa Tigiraay keessaa baase ennaa ibsan, “misaahelaa fi meeshaalee biroo achi jiran baafnee jirra. Akka kaleessaa wanni nu yaaddessu hin jiru,” jedhan. Waraana isaa naannoo sana keessa jiru baasuu isaa kan dubbatu mootummaan, “wanneen itti fufanii naannoo sana keessatti uumamaniif itti gaafatamaan Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay,” jedha.
Minister-deetaan Ministirii Dhimma alaa Itiyoophiyaa, Obbo Reedwaan Huseen, waraanni Ertiraas naannicha gad-lakkisee ba’uu jalqabuu ibsan. Raayyaan ittisaa immoo gama isaatiin, humni Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay, karaa Umaraa fi Raayyaa dabalee kallattii kamiinuu fedhii socho’uu yoo qabaate, deebiin isa mudatu tarkaanfii hamaa akka ittti tahu dubbate.
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Xiinxala: Waa’ee Mootummaan Itiyoophiyaa Waraana Tigiraay Keessaa Baasuu Irratti

Waa’ee mootummaan Itiyoophiyaa waraana isaa Tigiraay keessaa baasuu fi lola-dhaabinsa gama tokkoo labsuu ilaalchisee dhaabbatoota adda addaa irraa xiinxaltoonni yaada isaanii kennaa jiran.  
Dhaabbatoota sadii, jechuun – Waaltaa Afrikaa kan Atlantik Kaawunsil  fi Instiitiyuutii Nagaa kan Yunaayitid Isteetis akkasumas Waaltaa Tarsiimoo fi Qorannoo Sadarkaa Addunyaa (CSIS) jedhamu irraa xiinxaloonni Raadiyoon Sagalee Amerikaa dubbise yaada kennan caqasaa.
Walgahiin Manni Maree Nageenyaa Motummoota Gamtoomanii gaaffii Sudaaniifi Masrii bu'urreeffachuun dhimmi hidha guddicha haaromsaa Itoophiyaa ijaaraa jirtu irratti mari'achuuf torbe dhufu gaggeefamuuf jiru gahee hagas mara guddaa ta'e akka hinqabaanne ibsame.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3wm0qnL
UNtti Qindeessaan Waajjira Deeggarsa Namoomaa (OCHA)n naannoo Tigraayitti hir'inni boba'aa fi maallaqa callaa mudachu gabaasni na qaqqabeera jedhe.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3hc4EcZ
Egereen haroo Xaanaa yaaddoo keessa ture. Duulli haroo Xaanaa aramaa bocee irraa baraaruuf taasifame bu'a akkamii argamsiise?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/2UnE8ok