Oduu Oromoo
Photo
OMN (Youtube)
OMN Horn: ዕለታዊ ዜና (April 16, 2021)
* ከዘጠኝ ወራት በላይ ቆየታ በኋላ የአርቲስት ሃጫሉ ሁንዴሳ ቤተሰብ በወንጀል ምርመራው እና በፍርድ ሂደቱ ላይ ለBBC አስተያየታቸውን ሰጥተዋል።
* የአማራ ልዩ ሃይል በምስራቅ ሸዋ ዞን ፋንታሌ ወረዳ ምስራቃዊ ክፍል ላይ ወረራ መክፈታቸውን ምንጮች ገልጸዋል።
* የኤርትራ ጦር አሁንም በትግራይ አለመውጣቱ ተረጋግጧል ሲሉ በተባበሩት መንግስታት የአሜሪካ አምባሳደር ሊንዳ ግሪንፊልድ ተናገሩ።

Oduu - Voice of America
Rakkoon Gargaarsas Tigraay Keessaa Hammaataa Jira: Angawaa Tokk. Mootummootaa
Kan wal waraansii keessatti gaggeeffamee bulchiinsa naannoo Tigraay keessa rakkoon gargaarsa dhala namaa hamaan jiru daran gad deemaa kan jiru ta’u aangawaan gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa mootummoota Maark Laawkok Kamiisa kaleessaa akeekkachiisanii jiru.
Kana malees waraannii Ertraa ba’uun isaa mallattoon agarsiisuu lafa hin jirreetti, humnaan gudeeddiin tooftaan gaggeeffamu akka jiru gabaafamuu fi hokkara saalaa irra jireessaan dhiiroota yuniifoormii waraanaa uuffataniin gaggeeffamu akka jiru ibsan.
Angawaan kun Kamiisa kaleessaa golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa walgahii cufataan gaggeesse irratti akka ibsanti uummata Tigraay Miliyoona 6 tti dhiyaatu keessaa kanneen Miliyoona 4.5 ta’an gargaarsa dhala namaa akka barbaadan Tokkummaan mootummootaa beeka jedhanii mootummaan akka tilmaameetti uummanni kun 100 keessaa harka 91 hatattamaan nyaata barbaada jedha.
Waajirri koo gara jalqaba torban kanaatti gabaasa isa ka jalqabaa argateen namoonni jireenya ofii irraa buqqa’an 4 beelaan du’u, akkasumas Kamiisa kaleessaa ganama immo namoonni 150ni konyaa Olfaa kan Maqalee irraa Kibbatti argamtu keessatti beelaan dhumuu isaanii dhageenye.
Kun nu hunda keenyaaf akeekkachiisa ta’u qaba kan jedhan Laawkook, tarkaanfiin barbaachiisu hin fudhatamu taanaan waan gara fuula duraatti nu eeguu agrsiisa.Beeleessuu akka meeshaa waraanaatti gargaaramuun seera cabsuu dha jechuu isaanii Assosheetid press gabaasee jira.

Finfinnee Kan Jiru Embaasiin Amerikaa Uummata Tigraayiif Gargaarsa Arjoome
Yunaaytiid Isteetes laastikii meetra dhedheeraa fi jabaa ta’an maraa 1500 jaarmayaa godaantoota addunyaa ykn IOM tti kennitee jirti.Kunis Yunaaytiid Isteetes lammiiwwan Itiyoophiyaa kanneen walitti bu’iinsa Tigraay keessatti gagageeffameen manaa fi qe’e ofii irraa buqqa’aniif dahannaa yeroo ijaaruuf yaalii gootuuf kan ooluu ta’uun ibsamee jira.
Kanas Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Amerikaa Geetaa Paasiitu qondaaltitti gameettii imala IOM ka ta’an Moriin Achiiengii fi itti anaa komiishiinara ittisa balaa Itiyoophiyaa Yaasiin Nasiibuutti Finfinnee keessatti kenne.
Walitti bu’iinsii Tigraay keessaa uummata Miliyoona tokkotti tilmaamamuu manaa fi qe’e irraa kan godaansisee yoo ta’u hedduun isaanii ala ciisaa kaan immoo bakka daahannaa namnii keessatti hedduumaate keessa jiru.
Kan har’a arjoomamee Laastiika fi meeshaa mana ittiin ijaaraniin ala, hafata irra ciisan, uffata qorraa fi meeshaalee midhaan ittiin qopheessanii fi bilchheefatan adda addaa tu keessa jira.
IOM immo battaluumatti namoota baatilee shaman darbeef rakkoo keessa jiran kan Tigraay keessaaf geessuuf jira.

Tigraay Keessatti Tajaajilli Qorannaa Vaayrasii Koronaa Uummataa Jalqabuuf Jira
Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti dhiyeenyatti dhukkuba Kooviid-19 kan ilaaleen qorannaan namootaaf gaggeeffamu kan jalqabu ta’u Dhaabata fayyaa hawaasaa Tigraayiif Daayreekteer eeggataa kan ta’an Xagaayee Haadgoo VOAf ibsanii jiru.
Walitti bu’iinsa Tigraay keessatti gaggeeffamaa tureef jecha baatilee shaman darbaniif namoota vaayrasii Koroonaan qabaman qoratanii adda baasuuf dhaabatee akka ture ibsan.
Tajaajiila kana jalqabuuf Maqalee keessa kan jiran dhaabatoonni fayyaa 15 warra duraa akka ta’an dubbatan Obbo Xagaayee Haadgoo.

Shawaa Kaabaa Keessatti Dhukaasii Dhaga’amaa Jira: Jiraattoota fi Angawoota
Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina shawaa kaabaa Axaayee fi Kaaraaqoree keessatti har’as guyyaa lammataaf dhukaasii itti fufuu isaa jiraattonnii fi aangawoonni naannoo ibsuu isaanii gabaafameera.
Jiraattonni VOAf akka ibsanti dhukaasnii kaleessa jalqabamee har’as itti fufuu isaa akkasumas jiraattonnis sodaa nageenyaaf jecha manaa fi qe’ee ofii gadhiisanii dheessuuf diraqamuu dubbatu.
Kanneen goodaanan akka ibsanti walitti dhukaasii kun humnootii nageenyaa fi hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamnee kanneen naannoo sanatti ce’eniin giddutti ta’u VOAf ibsan jechuun Masfiin Araagee gabaasee jira.

Qabsaa’onni Hoong Koong Hidhaan Adabaman
Hoong Koong keessatti dureessa abbaa qabeenyaa Midiyaa kan ta’e Jimmy Lai qabsaa’oota Demookraasii beekamoo 4 waliin har’a hidhaan waggaa tokkoo irratti muramee jira. Kunis hiriira seenaa keessatti guddicha jedhame gama hogganuun gargaartan jedhamee akka ta’e ibsameera.
Qindeessitonni hiriira kanaa akka jedhanti uummanni Miliyoona 1.7 jechuun uummata Hoong Koong keessa jiraatu 4 keessaa harkii tokko kan irratti hirmaatan yoo ta’u hundee hiriirtota biro kan bara 2019 keessa gaggeeffamee magaalatti muddee ta’e jira.
Lai namoota Demookraasii leellisuun duula gaggeessan beekaman 9 keeessaa tokko kan ture yoo ta’u hiriira kana qindeessee itti hirmaate jedhamuun hidhaan itti muramee.Hedduun isaanii waggooota kurna hedduuf duula gaggeessan kana karaa nagaan akka ta’u qabsa’aa turan.
Umriin isaa 73 kan ta’e Lai, adabii hidhaa baatii 12 kan irratti muramee yoo ta’u kanneen duula kana gaggeessan jedhaman ka biroon 4 hidhaa baatii 8 hanga 18 tu irratti muramee.

Iraan Hojii Albuudaa Yuraaniyam Gabbisuu Bifa Haaraan Har’a Egaltee Jirti.
Iraan Albuudaa Yuraaniyamii qulqullinni isaa harka 60 ga’e Jimaata har’a oomishuu jalqabdee jirti.Kunis kan sadarkaa olaanaa yoo ta’u erga warshaa Nukleeraa kan Iraan inni Natanz jiru haleelamee booda kana jalqabdee jedhan af-yaaiin paarlaamaa biyyatti.
Jechi af-yaa’ii kanaa Televiziyoona biyyatti irrattin kan dhiyaate yoo ta’u Iraan hedduumiina hagamii oomishuuf akka deemtuu garu hin ibsamiin jira.Ta’uus garu yeeroo Iraan Biyyoota addunyaa irratti human guddaa qaban 6 waliin Viyeenaa keessatti dubbataa jirtu kanatti muddamsa hammeessuu mala jedhamee jira.
Walgahiin Viyeenaa kun Amerikaan walii galtee bara 2015 tolfameetti akka deebituu gochuun akka isheen ugguura dinagdee hamaa Iraan irra keessee akka kaaftuuf dubbata.

Namoonni 8 Yuunaaytid Isteetes Keessatti Kaleessa Ajjeefaman
Yuunaaytid Steetes Waajiira postaa Fedeeks jedhamu keessatti namoonni 8 ajjeefamuu polisiin Indiiyaanaa poliis beeksisee jira. Namnii namoota kana ajjeesees dhuma irratti of-ajjeesuun isaa ibsamee jira.
Dubbii himaan polisii achii akka jedhanti haleellaa Kamiisa kaleessaa gaggeeffamee Kanaan namoonni ka biro hedduun mada’uu ibsan. yoo ta’u yoo xiqqaate 4 hospiitaala ciisanii jiru.Kanneen biroon lama achuuma lafa rukutamaniitti wal’ansa fayyaa eega argatanii booda mana ofiitti deebi’anii jiran.
Eenyummaan nama haleellaa kana geesisee hin ibsamiin jira.