Oduu Oromoo
15.4K subscribers
12.4K photos
1.89K videos
40 files
38.2K links
Oduu midiyaalee garaagaraa irraa walitti qindeesse mul'isa:

#VOA-afaan-oromoo
#BBC-afaan-oromoo
#Fanabc-afaan-oromoo
#OBN
Download Telegram
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Walgahin Biyyoota Sadeenii Waliigaltee Malee Xumurame

Itiyoophiyaa, Sudaan fi Masrii irraa  Ministeeronni haajaa alaa fi kan waajira dhimma bishaanii dhuma torban dabree karaa gama Marsaritiin kan walgahaanii turan waliigaltee malee hafuun gabaafamee jira.
Walgahii ammaan dura irratti Sudaan hin argamiin waan hafteef inni dhumaa kun saganteeffamee ture.Marii kanas gamtaa Afrikaatu walittti qabee ture jechuun Yonaataan Zabdiwoos gabaasee jira
OMN (Youtube)
Oolmaa Mana Murtii oll'aanaa Federaalaa dhadacha Coffee tumaa ( Araadaa)



Sent by @TheFeedReaderBot
Oduu - Voice of America
Shakkamtoonni Ajjeechaa Maay Kaadraa Mana Murtii Duratti Dhiyaatan

Yakka fixiinsa lammiwwanii kan Maay Kaadraa keessatti gaggeeffameen kan shakkaman namnii 2 fi waltaatoonni isaanii 3 mana murtii duratti har'a dhiyaachuu isaanii dhaabbati Oduu Itiyoophiyaa gabaasee jira.
Isaan kun har'a mana murii sadarkaa giddu galeessaa federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaaatti dhiyaatan.shakkamtoonni lama jechuunis Tasfaay Kabbadaa fi Abbaadit Abrahaa fixiinsa magaala Maay Kaadraa akka gaggeeffamu eega godhanii booda Finfinneetti dheessan jedhaman.
Kanneen biroon sadeen,Obbo Kidanee Gabra Hiwoot,mulaalem Yohaannis fi Freesenbet Lammaan walta'uun jarreen kana dhoksan jedhamn.Manni murtiis dhimma isaanii ilaaluuf bellama kennuun ibsamee jira
Oduu - Voice of America
Bulchiinsa Naannoo Somaalee Barcuuma Mana Maree Naannoo Dabalee Jira

Paartiin Badhaadhinaa kan bulchiinsa naannoo Somaalee kaleessa walgahii gaggeesseen barcuuma mana maree naannoo irratti 25 akka dabalamuuf murteessuu isaa waajirri komunikeshinii naannoo sanaa beeksisee jira.
Murtii kana irra kan ga'amees filannoo bara 2007 booda aanaalee haaraa sararaman waan jiraniif jecha isaaniin itti dabaluuf yaadameetu jedhamee jira.
Bulchiinsii naannoo somaalee ammaan dura bakka bu'oota 275 kan qaban yoo ta'u filannoo gaggeeffamuuf jiruu irratti bakka bu'oota 300 qabaatu jechuun Addis Chekool gabaasee jira.
Oduu - Voice of America
Dargaggoo Hojii Kalaqaa Koovid 19 Ittisuuf Gargaaruun Badhaasa Argate

Dargaggoo Habtaamuu Abbaa Foogii jedhama. Injinara Baayoomeedikaalaa Yunivarsiitii Jimmaa fi Dhaabbata Qorannoo fi Qo’annoo ofii isaa hundeesse kan “Sinbona Africa Health Care” jedhamuufis hoji-geggeessaadha.   
Torban darbe keessa Dhaabbata “Africa youth Award” yokaan Badhaasa Dargaggoota Afrikaa   jedhamuun beekamurraa, dargaggoota Afrikaa hojiiwwan kalaqaa, Weerara Kooviidoo-19 ittisuu danda’u gumaachuu fi hojiiwwan biroo hojjetaniin badhaafamtoota tahan 11 ka biroo wajjin badhaafamaa tahuu isaa mirkaneeffatee jira.
Oduu - Voice of America
Artiist Yaaddessaa Booji'aa Hojii Gama Miidiyaa Hawaasumman Hojjatuun Beekkamtii Argate

Artiisti Yaaddessaa Booji’aa ogeessaa graafik dizaayiniiti. Bifa barumsaa kana, akkasumas kominikeeshiniidhan Yuniversitii lama irraa eebifameera.
Yeroo Ammaa kana as Yunaaytid Isteetis, kutaa Waashingitan keessa an jiru Yunversitii Waashingitan jiruuf ogummaa isaatiin hojjata.
Yaaddessan hojii aartii- keesumattuu fakkii namoota bebbeekkamoo kaasudhan - hawaasa Oromoo biratti beekkama. Dhiheenya kana immoo hojii hawaasaf tola ooltummadhan hojjatuun dhaabbata  Afrikaan Achiivimant Awwaardi jedhamu irraa beekkamtii  “male social media influencer”, jechuunis Miidiyaa Hawaasummaa fayyadamuun nama dhiibbaa gaarii uummuu danda’e mata duree jedhu jalatti damee dhiirotaatin badhaasa beekkamtii argateera. 
Dhaabbatichi lammiiwwan Afrikaa fi hidda dhaloota Afrikaa qaban hooggansa, tajaajila hawaasummaa, barnoota, aartii, faashinii, akkasumas ispoortiidhan gummaacha godhaniif beekkamti keenna.
Haaluma kanaan, Yaaddeessan keesumattuu hojiin weerara vaayrasii koronaatiin wal-qabatee hawaasa biratti hubannoo uumudhaa hojiiwwan gama miidiyaa hawaasummaatin hojjachaa ture badhaasa argateef sababa ta'uu dubbata.
Qophii keenya Waayee Uummata Oromoo Kana Beektuu Laataa irratti keessuummaa godhanneera, dhaggeeffadhaa.
Oduu - Voice of America
Obbo Jawaar fi Namoonni Kaan Mana Murtiirraa Deddeebi’anii Hafaa Turan Har’a Dhihaatan

Manni murtii ol’aanaa ka Federaalaa mormiilee sadarkaa duraa Abukaatoleen Obbo Jawaar Siraaj Mahaammad faa dhiheessan keessaa hanga tokko fudhachuun akka Abbaan alangaa foyyessee dhuheessu ajaja  har’a dabarsee jira.  
Obbo Jawaar fi namoonni afur ka biroon dhaddacha Lidataa deemuun nageenya keenyaa fi kan biyyaa balaa irra buusuu mala jedhanii dhaddacha irraa deddeebi’anii eega hafanii booda, har’a yeroo duraatiif mana murtiitti dhihaatanii jiran.
Gabaasaa guutuu caqasaa
Erga lolli Tigraay keessatti eegalee torbanoota jaha dabraniif kaampiiwwan baqattootaa afur naannoo Tigraay keessa jiran kan lammileen Eertiraa keessa qubatan maal keessa akka jiran hin beekamu ture.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/2XAdXsH
Dimokraatonni hokkora torbee darbe paarlaamaa biyyattii irratti taasifameen booda Tiraampiin yeroo isaa dursanii angoorraa buqqisuuf himata dhiyeessanii jiru.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3se48ia
Haleellaa haarawa Naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkalitti hidhattoonni raawwataniin, bakka tokko qofatti, namoonni hedduun ajjeefamuu, jiraattonni BBC'tti himan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/38FtBcC
Aanga'ootaa siyaasaafi qondaaltoota waraanaa naannoo Tigraayi hanga ammaatti to'annoo jala olfaman keessaa eenyummaa aanga'oota shanii akka asii gadiitti dhiyeessineera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/35xdWKs
Duulli Afaan Oromoo sirnaan barreessuu fi dubbachuun guddina afaanichaatiif murteessaa ta'uu akeeku tokko tibba kana miidiyaa hawaasaa irratti gaggeefamaa jira.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/39muYMw
Midiyaalee hawaasaa beekamoo keessaa tokko kan ta'e YouTube Doonaald Tiraamp seera kiyya cabsaniiru jechuun akka hinfayyadamneef dhorkeen.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/39qFT7S
Ministirri Dhimma Alaa US Maayik Poompewoon, ''gareen al-Qaa'idaa bulchiinsa Iraan jalatti eegumsi godhameefii sochii taasisaa jiru'' jechuun biyyattii himatan.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/2XB1IMv