Oduu Oromoo
15.2K subscribers
12.4K photos
1.89K videos
40 files
38K links
Oduu midiyaalee garaagaraa irraa walitti qindeesse mul'isa:

#VOA-afaan-oromoo
#BBC-afaan-oromoo
#Fanabc-afaan-oromoo
#OBN
Download Telegram
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Namoonni Daldalaa Lama Naannoo Uummattoota Kibbaatti Ajjeefamuun Gabaasame

Namoonni daldalaa lama magaalaa Teeppii godinaa Shaka naannoo uummattoota kibbaa keessatti ajjeefamuun gabasamee jira.
Haleellaa suukaneessaan obbolaa lama kanneen naannoo Amaaraa irraa ta’an irratti raawwate, qaama haleellaalee walitti aansuun garee hin beekamin naannoo sana keessa sosso’aniin walitti aansuun geggeessamee ti jechuu dhaan jidraattonnii fi angawoonni naannoo VOAf ibsaniiru.
Reeffi obbolaa lamaanii Goojjamitti ergamuun sirna awwaalcha isaanii raawwatamee jira jedha Yonaattan Zebdiyoos Hawaasaa irraa.
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Kobe Biraayanti,dorgommii qofaa mitii nama qalbii qabu namummaan keessaa mullattu jedhee diqqaa fi guddaalleen boohuufiitti jira

Diqqeennaanuu maqaan ilaa fi gurrii isaa addunyaa guute.Marroo hedduu shaampiyoona NBA,National Basket Ball Association tahe.Sunumaan namaa fi qabeennallee hore.
Biraayanti nama qalbii qabu ka addunyaan waan hedduun faarsitu.Ammajii 26,2020 balaa xuyyuuruymaan isaatiin lubbuu dhabe.
 
Dootii Koobi Biraayanti nama hedduu rifachiise.Warri isportii jaalatu nama kana waan jennee faarsinuun dhabuutti jirraa jedha.
Biraayanti nama Amerikaa fi addunyaatti kubbaa saaphannaan taphachuun maqaa bafate
Intala isaa anga Gianni waliin balaa suniin Los Angelse,Calabas,Kaaliroofiyatti lbalaa kanaan lubbuu dhabe.
Silaa wal dorgommii kubbaa kaachoo ijoollee kahimaa yaahuutti jiran.
Xuyyuurii kun ganama akka saatii Itoophiyaa saatii 3 fi daqiiqaa 47 raasaa keessatti lafa dhahee gaaziin achi irra yaate lafallee gubde.
Warrii ilaan arge xuyyuutii isaa sun oli gadi bubbu’aa lafa dhahe jedha
Poolisiin Los Angeles ta caaccaba xuyyuura Kobe Biraanyanti lafaan dhahe barbaade dhaxxe akkana jette.
"Lafa innii itti caacabetti bahuun makaraa guddoo tokko.Amma naminuu fulaa itti caaccabe sunitti baafate.Waan balaa kanaa qorahcuutti jiran. Biriyaanti tiraafikii Los Angeles ka karaa cufu irraa goruuf jedhee xuyyyyuuraan deeme.”
Nama isa waliin dhumate ammatti maqaa hin dhoomne.Dootii tun nama hedduu rifachiifte
Doonaldi Tiraampi tun oduu akka malee hamtuu jedhee Twitter ufi irratti barreesse.
Jaartiin isaa Melaaniyaan Tiraampi ammo Kobe Biriyaanti walumaan dhamnee jette.
Pirezidaantin Amerikaa ka durii Baraak Obaamaa Biraaynati silaa jireenna isaa ka lammeessoo ka namii dorogmmii keessaa bahe jiraatu jalaqabuutti jira jedhe.
Namii dorgommii kubbaa saaphannaa keessatti nama cufa caalaa goolchii galche Biryaanti nama jabaa dorgommii caala namummaan isaatin faarsan jedhe.
Taphataan kubbaa kachoo beekamaan Amerikaa Shaquille O'Neal, eegii Kobe Biryaanti du’ee dhagahee ani fayyaamitiityyuu jedhe barreesse.
Taphattootii kubbaa harkaa fi miilaa Amerikaa Tom Brady fi taphataan dorogmmii Hockey Amerikaa Wayne Gretzky tun waan rifahciisee nama bakasaati jedhan.
Warrii dorgommii NFL daawwachuuf dhufe istaadiyoomuma keessatti maqaa Koobe Koobe jechaa faarse.
Xaliyaanatti gareen kubbaa miilaa AC Miilan nama ispoortii jabaa qalbii teenna keessaa hin badu jedhee faarse.
Nama kuma hedduutti istaadiyoomii kilabiin Kobe Biraayanti itti taphattu ka Los Angles taphatu Staples Center keesastti dhfuee booheef.
Koobe Biryaanti ganna 41tti lubbuu dhabe. Gaafa gannii isaa 17 dorgommii basketball jalqabe kilabii Lakers,Los Angeles taphata.
Bara 2016 dorgommii dhiisee jireenna ufii jireenna ufiitti deebi’e.Biraayanti marroo shan shaampiyoonaa NBA tahe.
Bara 2008 keessa ammo taphataa beekamaa MVP jedhanii badhaasan.Taphataa baraa hin jiijjiirrre jedhamee nama afreessoo.
Dhalootii Amerikaa Filadelfiyaa diqqeennaan haga guddaan Xaliyaana jiraate. Xaliyaanii lafa abbaan isaa dorgommii basketball ykn kubbaa kachoo dhiisee jennaan itti gale.
Achii deebihee jennaan mana barumsa sadarkaa lammeesso keessaa garee NBA, National Basketball Association,filatan
Dorgommii dhiisee jennaan bara 2017 keessa walaloo ‘Dear Basketball’ jedhu baase.
Kobe Biraayanti abbaa warraati jaartii isaa Vanessa Laine Bryant gaafa isiin ganna 18 fuudhe gaafasitti innii nama ganna 22. Eegii sunii dhiphuu fi bal’innallee walumaan bahan joollee dubraa afurii fi horii miliyoona hedduu walin horan.
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Poolisiin Federaala Itiyoophiyaa Dhabamuun Barattootaa Yunivarsitii Qorataamaa Jira Jedhe

Maatiiwwan barattoota guyyoota 50 oliif achi buuteen dhabamanii ijoolleen isaanii akka gad dhiisaman gaafataa jiran.
Caasaalee hawaasaa irratti duulli guddaan xumura torban darbee geggeessamee jira. Abbaan Ijoollee universitii Dambi Dolloo keessaa dhabaman tokkoo akka jedhanitti ijoolleen isaanii kanneen biroon erga intalli isaanii achi buuteen dhabamee as mana barnootaatti deebi’uu didan jedhan.
Poolisiin federaalaa akka jedhetti waajjirri muummicha ministeeraa garee dhimma barattoota dhabaman kanaa hordofu hundeeffamee jira. lakkoobsa qabatamaan jiraachuu dhabus barattoonni kun lubbuun jiraachuu poolisiin dubbatee jira jechuun Waahilli sagantaa Afaan Amaaraa Tsion Girmaa gabaasteetti.
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Barattoota Yunivarsitii Hari’uun Daafoon Isaa Baay’ee Dha, Jedhu Hayyuun Dinagdee Tokko

Barattootni dhaabilee barnoota ol’aanoo irraa baay'inaan hari'amuun biyya kana irratti, rakkoo dinagdee dabalee yaaddoo roga hedduu fida, jedhu – Ogeessi diangdee dhimma kana irratti VOAf ibsa kennan tokko.
Ministarri Saayinisii fi Barnoota Ol’aanoo ibsa dhiheenya kenneen, sababaan hariyatamuu barattootaa, baatiile sadan dabran keessa walitti-bu’insa mooraalee Yunivarsitii keessatti uumameen lubbuun barattootaa dabruu fi badiilee ka biroo uumamam wajjiin wal-qabatee tarkaanfii fudhatame akka tahe dubbatee ture.
Guutummaa isaa caqasaa
Oduu Oromoo
Photo
Oduu - Voice of America
Shaambuutti Miseensonni ABO, Gindabaratitti Miseensonni KFO Hidhaman Jedhame

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, magaalaa Shaambuutti Aadde Caaltuu Taakkelee Abeetuu dabalee miseensotni Adda Bilisummaa Oromoo lakkoobsi isaanii hin beekamiin hidhamuu,  maatii keessaa VOAtti himanii jiran.
Poolisiin magaalaa Shaambuu immoo, “Nama hidhattoota Bosona jiran wajjin hariiroo qaba jennee shakkine hiine” jedhe.
Oduudhuma wal-qabateen, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabaratitti miseensonni fi deggertoonni paartii mormituu – ka Kongirasii Federaalistii Oromoo 24 hidhamuu, namoota torban darbe hiikaman keessaa tokko Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.
Hoogganaan Poolisii Aanaa Gindabarat waa’ee kanaa gaafatamanii  “Namoota Shiftaa qallaban qabne” jedhe.
Caqasaa
Gochi mirga namoomaa sarbuu lixa Oromiyaatti mul'achaa jiru akka dhaabbatu carraa arganne hundaan mootummaa gaafachaa turre jedha ABO'n. Godinaalee lixa Oromiyaa kanneen Komaand Postii jalatti bulaa jiran keessumaa Qeellem Wallaggaafi Wallagga Lixaatti tajaajilli bilbilaa adda citee baatii tokko ta'eera.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/37J4B1r
Tibbana mootummaan miseensaa fi deeggartoota paartilee mormitootaa Oromiyaa bakka garaagaraatii hidhaa akka jiru himama. Namoota ilaalcha siyaasaa garaagaraa qaban hidhuun filannoo dhufu kanaaf yaaddoo guddaa akka uumu dhaabbanni Aminestii Internaashinal hime.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/2uBcYNG
Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii akkamuma dabalaa deemeen biyyattiin to'annoo geejjibashee cimsiteetti.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/37y5klX
Oduu Oromoo
Photo
Oromia Broadcasting Network – OBN
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad daawwannaa Eertiraa xumuruun Finfinnee galaniiru.

https://www.obnoromia.com/wp-content/plugins/page-views-count/ajax-loader.gif

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad daawwannaa Eertiraa xumuruun Finfinnee galaniiru.

Ministirri Muummee daawwanna hojii gochaa turuun,turtii isaaniin dureewwan Eertiraa fi Soomaaliyaa waliin mari’ataniiru.
Pireezedaantii Eertiraa Isaayas Afawarqii fi pireezedaantii Soomaaliyaa Mahammad Abdullaahi waliin Asmaraatti marii godhaniin,walii galtee duraan walii mallatteessan raawwachuuf waliigalaniiru.

Biyyoonni sadeen kunniin, fuuldurattis shororkeessummaa ittisuuf,daddabarsa namaa,meeshaa fi baala sammuu nama adoochu ittisuuf karoora walinii baafataniiru.

Kana malees, biyyoonni kunniin qabeenya umamaa fi humna namaa qaban faayidaarra oolchuu fi hojiiwwan misooma hawaasummaa fi Diinagdee rawwachuuf waliigalaniiru.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad wayita daawwannaa fi marii isaani Eertiraa xumuruun deebi’an, pireezedaantiin biyyatti Isaayaas Afawarqii buufata xiyyaaraa Asmaraatti argamuun gaggeessaniiru.

https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/pe1-200x300.jpg https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/pe2-300x200.jpg https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/pe3-300x200.jpg https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/pe4-300x200.jpg
The post Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad daawwannaa Eertiraa xumuruun Finfinnee galaniiru. appeared first on Oromia Broadcasting Network - OBN.
Oduu Oromoo
Photo
Oromia Broadcasting Network – OBN
Lakkoofsi namoota vaayirasii Koronaan  du’anii 106 gaheera

https://www.obnoromia.com/wp-content/plugins/page-views-count/ajax-loader.gif

OBN Amajji 19,2012- Chaayinaan namootni 106 ta’an vaayirasii haaraa Koroonaavaayiras jedhamuun du’aniiru jette. Akkasumas namoonni haaraa vaayirasichaan qabamanii harka lamaan dabaleera jette.

Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii gaafa Amajjii 27 2,835 irraa gara 4,515’tti ol guddateera.

Biyyattiin tatamsa’ina vaayirasichaa to’achuuf jecha imalarratti to’annaashee cimsiteetti.

Magaalaan Wuhaan iddoo vaayirasichi itti jalqabe ta’us vaayirasichi garuu gara magalaatota biyyattii birootiifi biyyoota birootti tatamsa’eera.

Vaayirasiin Koronaa sirna hargansuurratti miidhaa kan geessisu yoo ta’u talaallii yookiin yaala hin qabu.

Namoonni du’an hedduun namoota ga’eesota yookiin osoo vaayirasichaan hin qabamin dura rakkinna sirna hargansuu kan qabaniidha.

Vaayirasiin haaraa Chaayinaatti argame Ameerikaattis mul’ate

Guyyaa 6 keessatti hospitaalli akkamiin ijaaramaa?

Chaayinaan tarkaanfiwwaan akkamii fudhataatti?

Vaayirasichi yeroo namoonni kabaja waggaa haaraatiif firootaniifi hiriyyootasaanii ilaaluu deemanitti mudate.

Tatamsa’innaa kana to’achuuf jecha sagantaaleen kabaja waggaa haaraa yeroodhaaf akka hin kabajamne taasifamaniiru. Akkasumas guyyaan ayyaanaa guyyoota sadii hanga Dilbataa achi butameera.

Gaafa Kibxataa bulchiinsa immigireeshinii biyyattii tatamsa’inni vaayirasichaa daangaa akka hin ceeneef jecha namoonni yeroodhaaf imala gara biyyoota birootti taasisan akka itti yaadan ibseera.

Lakkosfa du’aa 106 galmaa’ee keessa 100 kan ta’n bulchiinsa Hubei keessattidha. Bulchiinsa Hubei keessatti namoonni vaayirasichaan qabaman 2,714 akka ta’an gabaafameera.

Qondaltonni biyyatti yeroo manneen barnootaafi yuunivarsiitileen guutuu biyyattitti dabarfamus guyyaan murtaa’e hin jiru.

Imalli magaalaa Wuhaan keessa gara bakka biraatti taasifamu dhoorkameera.

Kantiibaan magaalattii garuu osoo imalli hin dhorkamin dura ayyaanaaf jecha magaalattii gad dhiisanii deemuusaanii ibsanaiiru.

Chaayinaa keessatti magaaloonni gurguddoo tajaajila geejjiba hawaasummaa, taaksii fa’a dhoorkaniiru jedha BBCn.

Haalli idil-addunyaa maal fakkaata?

Ameerikaan lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii baay’ee ta’uusaarraa kan ka’e imla gara Chaayinaa godhamu “akka itti yaadanii” fi imalli gara Hubei godhamu immoo akka dhorkamu taasisiuuf.

Biyyatti hojjattoota embaasiifi lammiilee US magaalaa Wuhaan keessa jiraatan guyyoota dhufan keessatti baasuuf karoora qabdi.

Biyyoonni biroo heddus imala gara Chaayinaa godhamurratti dhoorkuufi lammiileesaanii magaalaa Wuhaan keessaa baasuuf karoora qabu.

Filippiinsi imaltoota Chaayinaatiif viizaa yeroo biyya gahii kennamu dhoorkuuf akka ta’e ibsiteetti.

Akka gabaasa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti (WHO) Chaayinaan alatti namoonni vaayirasichaan qabaman 47 akka ta’e ni mul’isa.

Namni haaraa vaayirasichaan qabame Jarman naannoo Baavaariyaa keessattiifi Awurroppaa keessatti hamma ammatti namoota afur keessatti vaayirasichi mul’ateera.

* Taayilaand: Namoota saddeet
* Ameerikaa, Awustiraaliyaa, Siingaapoor, Taa’iwaan: Shan
* Maaleezhiyaa, Kooriyaa Kibbaa, Jaappan: Afur
* Faransaay: Sadi
* Veetnam: Lama
* Neepaal, Kaanaadaa, Sirii Laankaa, Jarman, Komboodiyaa: Tokko

Hamma ammatti Chaayinaan alatti namni vaayirasii kanaan du’e hin jiru.
The post Lakkoofsi namoota vaayirasii Koronaan  du’anii 106 gaheera appeared first on Oromia Broadcasting Network - OBN.
Oduu Oromoo
Photo
Oromia Broadcasting Network – OBN
Itiyoophiyaa keessatti dhaabbanni marsareetiin akka barsiisiisu eeyyama qabu kan hin jiru.

https://www.obnoromia.com/wp-content/plugins/page-views-count/ajax-loader.gif

Itiyoophiyaa keessatti dhaabbanni marsareetiin akka barsiisiisu eeyyama qabu kan hin jirre tahu, Ejeensiin Sirrummaa fi Qulqullina Barnoota Olaanaa beeksise.

Ejansichi dhaabbata “UK MBA” jedhamu Itiyoophiyaa keesatti barnoota marsareetiin nan kenna jechuun beeksiisa sobaa tamsaasaa akka jiru himeera.

Akka gabaasa “DhPI”tti, Itiyoophiyaa keessatti barnoota marsareetiin akka barsiisuuf dhaabbata kamiifuu heeyyamni kan hin kennamne tahuu, ejansichi ibsee,dhaabbanni kunis beeksisi tamsaasaa jiru seeraan ala ta’uu himeera.

https://www.obnoromia.com/wp-content/uploads/2020/01/higher2-300x300.png

The post Itiyoophiyaa keessatti dhaabbanni marsareetiin akka barsiisiisu eeyyama qabu kan hin jiru. appeared first on Oromia Broadcasting Network - OBN.