Odaa Technology Team
2.15K subscribers
1.23K photos
92 videos
5 files
1.24K links
Barnoota Teknolojiin wal qabatan hundaa asii argattu.
Download Telegram
Naannoo Amaaraatti mukti bataskaana ijaaramaa jirurraa jige lubbuu namoota hedduu galaafate

Finfinnee, Onkololeessa 01, 2025 : Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Minjaar Shankoraa Bulchiinsa Magaalaa Arartiitti, kabaja waggaa Maariyaam ilaalchisee osoo namoonni bataskaana ijaarsarra jiru daawwachaa jiranii mukti ijaarsaa kufuun haga yoonaa namootni 22 yoo du’an, 200 ol ammoo miidhamuun gabaafame.

Balaan kun kan dhaqqabe har’a Onkololeessa 01, bara 2025 ganama keessaa sa’aatii 1:45 tti ta’uun ibsame.

Lakkoofsa namoota du’anii fi miidhamanii walii galaan haga yoonaa kan ibsamne yoo ta’u, dhimmicha hordofaa jiraachuuu kan hime bulchiinsi aanichaa maatii namoota miidhamaniif jajjabina akka hawwu ibsa baaseen beeksiseera.
😢2
Miss Oromia 2025🔥🔥🔥

Mootummaan naannoo Oromiyaa injifattuu Miss Oromia 2025f badhaasa qarshii 2000000 badhaasa dalataa kenne.

'Miss oromia Tourism' Bara kanaa kanneen injifatan:-

🥇Miss Sinboonee Mokonnin
🥈Miss Meti Tasfaayee
🥉Miss Anaan Itichaa

Dorgommii jabaa jalqabaa hanga xumuraatti dorgomtoonni taasisaniif, akkasumas dirqama guddaa isaanirra jiru ilaaluun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa Injifattoota Miidhagduu Tuuriziimii Oromiyaa Sadarkaa 1-3 xumuran kanaaf badhaasa dabalataa kenneera. Kanumaanis:

👑 1ffaa –2,000,000
🥈2ffaa – 1,700,000
🥉3ffaan– 1,400,000

Injifattoonni baga Gammaddan isiin jenna! #VisitOromia

@odatechpro
Baga geessan🙏🙏
Ofkalaa🔥🔥🔥
Glorious Irrecha.!
3
Ayi Afrikaa😭😭😭

Namni dhuunfaa Pireezidaantiin Tuuniziyaa qeeqe duuti itti murtaa'e.

Manni murtii Tuuniziyaa nama waggaa 51 Pireezidaantii Kaayis Saayid Feesbuukii irratti qeeqeerratti murtii du’aa itti murteessuu isaa TRT Africa gabaaseera.

Himatamaan maqaan isaa hin ibsamne kun himannaa sadii mootummaa kuffisuuf yaaluu, pireezidaanticha arrabsuu fi odeeffannoo sobaa toora interneetii irratti tamsaasuun yakkamaa ta’uun isaa gabaasni kun ni mul’isa.

Himatamaan kun Jimaata darbe murtii argachuuf mana murtiitti kan dhiyaate yoo ta’u, abbaan murtii seera adabbii Tuuniziyaa keewwata 54 fi seera yakka saayibarii bara 2022tiin jeequmsa kakaasuu fi walitti bu'iinsa kakaasuun yakkamaa ta’uu isaa murteesse.
Gabaasni kun murtiin du'aa akka Itti murtaa'e ibseera. Abukaatoon himatamaa kun akka jedhetti namichi waggaa tokko mana hidhaa keessa akka ture, abbaa ijoollee sadii akka ta’ee fi miidiyaa hawaasaa irratti beekumsa xiqqaa akka qabu ibseera.

''Barreeffamoonni inni ittiin himataman harki caalaan isaanii kan isaa osoo hin taane, waraabanii fuula biroo irratti maxxansaniiru,'' jedha abukaatoon kun.

Namichi kun nama miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa guddaa geessisu akka hin taane, akkasumas barreeffamoonni inni himatame tokko tokko like tokkollee akka hin arganne dubbateera.

Kun murtii du'aa Tuuniziyaa keessatti miidiyaa hawaasaatiin walqabatee yeroo jalqabaati.

Gabaasni kun manneen murtii Tuuniziyaa yeroo baay'ee murtii du’aa akka murteessan kan ibsu yoo ta’u, carraan murtiin isaanii yeroo baay’ee hojiirra ooluu isaa garuu xiqqaadha jedhan.
4
Dhiira salphaa hin se'inaa.🔥🔥🔥 Dhiirri tokko kophaa isaa dubartoota addunyaa kanaarra jiran guutuu kophaa isaa ulfeessuu danda'a.😁 Dhiirri fayya qabeessi tokko guyyaa 13 keessatti sanyii kormaa (ispeermii) dubartoota guutuu addunyaa kanaa mara ulfeessuu danda'u dhangalaasuu danda'a.
👏2
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Ijoolleen kun baay'ee danda'u dhugaa🔥🔥🔥
Ni fakkaataaree dubbiin kun😑
Ijoolleen waggaa 12 suuraayyuu akkanatti ka'uu dandeessiree😁😁😁
Nama yeroo bunda umrii isaa sirrii himachuu hin jaalanne kanneen mee maal jennee maqaa moggaasnuf?
#BAGA_GAMMADDAN

Qabxiin seensa Remedial barattoota kutaa 12ffaa Ifoomee jira.

Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaatiin Barattoota Dhiiraaf 216

Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaatiin Barattoota Dubartootaaf 204

Barattoonni saayinsii uumamaa fi hawaasummaa naannoolee guddatootaa fi Horsiisee bulaatiif saala lamaaniif 198

Saayinsii Hawaasaa fi saayinsii Uumamaa Barattoota Gurraan hin dhageenyeef Saala Lamaan 198

Saayinsii Hawaasaa fi saayinsii Uumamaa Barattoota qaro Dhabeeyyiif Saala Lamaan 165

Walumaagalatti, dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa galanii sagantaa barnootaa Remedial Hordofuuf qabxii 33% fi isaa ol fiduu qabu.

Maddi :- Ministry of Education Ethiopia
2
Obbolaadhamoo maaliif akkanatti wal fakkaatu?
1