Odaa Tarbii
25.1K subscribers
197 photos
27 videos
8 files
461 links
International Spokesperson of the Oromo Liberation Army
Download Telegram
 
Waraanni Shororkeessaa PP Kaaba Shaggar Aanaalee hedduu meeshaa gurguddaan rukutaa jiraachuun ifoome

 
ONM-ABO Onkoloolessa 25,2023 Sirni impaayericha utubee jiru abdii murannaa guddoo keessa seenuun ollaa uummataa meeshaa gurguddaan haleeluun lubbuu namootaa akka malee baasaafi qabeenya uummataa barbadeessaa jira.
 
Kaaba Shaggar aanaalee akka Yaayyaa Gullallee, Dagam, Kuyyuu, Ada'aa Bargaa, Meettaa Roobii, Meettaa Walqixxeefi Hidhaabuu Abootee keessatti meeshaalee Akka Moortara, BM, Madfii Taankiifi Zu 23 itti dhukaasuun lubbuu namootaa balleessaa akka jiru maddeen keenya ifoomsani.
 
Akka maddeen keenya jedhanitti dhukaasni kun dhaabbataadhaan dhuka'uu kan eegaluun torbee tokko kan caale yoo ta'u, uummatnii Kaaba Shaggar akka walii galaatti rakkoo hamaa fi rifaatuu keessa akka jirus dubbataniiru.
 
Uummanni nagaan heedduun ajjeefameera, kaanis madaa'eera. Qe'eefi qabeenya isaanii dhiisanii baqataa akka jiraniifi horiin qonnaan bultootaa heedduunis haleellaa kanaan gaaga'amaa akka jirus dabalanii heeraniiru.
 
Arsii Bahaa Aanaa Shirkaa keessatti hidhamtoota mana hidhaa keessaa miliqsuun bakka buutee dhabamsiisuun himame
 
ONM-ABO Onkoloolessa 25,2023 Maqaa deggertoota WBO itti maxxansuun uummata jiruufi jireenya isaa gaggeeffatu qabanii yeroo dheeraaf murtii tokko malee erga hidhaniin booda, manneen hidhaa keessaa miliqsaa akka jiran odeessi nu dhaqqabaa jiru ni addeessa.
 
Haaluma kanaan Godina Arsii Bahaa Aanaa Shirkaa keessatti ilmaan Oromoo hirmaannaa Siyaasaa hoomaatuu hin qabne shakkiidhaan mana hidhaatti guuruun murtii tokko malee ji'oota heedduuf hidhanii rakkisaa erga turaniin booda Onkoloolessa 21,2023 mana hidhaa aanichaa keessaa baasuun bakki buusan hin beekamne jechuun maddeen keenya gabaasaniiru.
 
Ilmaan Oromoo mana hidhaa sana keessatti dararamaa turuun achi keessaa dhabamsiifaman baay'inaan 14 kan ta'an yoo ta'u, maqaan isaaniis; Muhaammad Bakaroo, Muhaammad Ahimad, Abbattii Qaasim, Ahmad Abduu, H/Fattash Aadam, Damee Aadam, Sa'iid Fatoo, Nuuree Fatoo, A/Jabbaar Gambuu,  Yuunee Huseen, Jamaal Huseen, Kamaal Kurub, Kadiir Maammaa, She Jamaal Ahimad kan jedhaman ta'uun ifoomee jira.
 
Akka aanaa Shirkaatti adda durummaan kaabinoonni dhimma kana raawwachiisaa jiran Ahimad Jamaaloo I/G W/Qonnaa, Ahimad Sh/Umaar I/G W/ bulchiinsaa fi Nageenya, I/G /W/Paartii kan ta'e Muhaammad Hajjii fi Huseen Hajii Bulchaa Aanaa akka ta'aanis maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.
Audio
Qophii Raadiyoonii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Sadaasa 8, 2023
Hogganni Waraana Bilisummaa Oromoo diina waliin araaramee galuuf ala ba'e dubbiin jettu soba!

ONM-ABO Sadaasa 7,2023 Dubbiin miidiyaa hawaasaa fi namoota dantaa siyaasaa qaama biroo guutuuf deeman akkasumas inaaffaa ABO-WBOn of danda'ee siyaasa isaa maaliif geggeeffata jedhan akka ajajaan olaanaan ABO-WBO namoota muraasa waliin diina waliin walii galanii qabsoo gurguruun galaa jiranitti odeessaa jiran dhara ta'uu beeksisna.

Ajajaa olaanaan ABO-WBO hojiif gara biyya ambaatti guyyaa har'aa imaaluun dhugaa dha. Hojiin hogganni ABO-WBO hojjetu kamuu qawwee isaa harka tokkotti harka biroon siyaasa dippiloomaasiin qabsoo bu'aa dursee lafa kaa'ateen guduunfuuni.

Kanaaf har'a wareegama qaalii miseensotni WBO kafalan akkasumas hawaasni keenya baaseen beekamtii qabsoon hidhannoo Oromoo ABO-WBOn geggeeffamu argate Oromoon bilisummaa fi walabummaatti amanu of qusannoo tokko malee deggeruu fi shakkii akkasumas sodaa biroo irraa walaba ta'uu qaba.

Imalli kun quba qabeenya dhaabichaan waan geggeeffameef bu'aa waamicha idila addunyaa irratti taasifame maal akka ta'e, maaliif akka ta'e, eessaa fi maal irra akka gaa'ame jala buunee isin beeksifna.

Qabsoon hidhannoo keenya mirga abbaa biyyummaa keenya mirkanneessuuf malee dantaa dhuunfaa eegsifachuuf miti!

Injifannoon Uummata Oromoof!
The result of a drone strike in Chawaka district of Buno Bedele zone. Over 25 civilians were killed in the attack.
Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti haleellaa diroonii mootummaan Uummata fayyaalessaa irratti raawwateen lubbuun namoota 25 olii ba'uufi konkolaattota dabalatee qabeenyaan heedduun barbadaa'uu gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

Namoonni heedduunis madaa'uun kaan ammoo qaamaa kan hir'atan yoo ta'u, suuraan kun daa'imman haleellaa kanaan miidhamanidha.
Akeekkachiisa!

Sirni faashistii adeemsa WBOn akka rifatee fi duula diroonii isaa cimsuuf akka yaadu odeeffannoo arganneerra. Kanneen armaan gadii yaada keessa galchuun barbaachisaadha:

⁃ Tokkoon tokkoon diroonii kanaa misaa’ela 4 dhukaasu akka danda’u.
⁃ Dirooniin kun sa'aatii 27f qilleensa keessa turuu danda'a.
⁃ Dirooniin kun buufata to'annoo isaanii Bishooftuu fi Asoosaa irraa hanga kiiloo meetira 300 deemuu danda'a.
⁃ Dirooniin kun fageenya km 15 irraa bakka tokkotti misaa'ela dhukaasuu danda'a.
⁃ Dirooniin halkan illee ho'a qaamaa arguu danda'a. Garuu bosonaa fi gamoo keessaa darbee arguu hin danda’u.
⁃ Kallattii misaa’ela diroonii erga dhukaafamee booda operetera dirooniitiin jijjiiramuu danda’a.
⁃ Sirni faashistii humni isaa erga injifatamee booda naannoo namoonni nagaa jiraatan irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Kanaaf lola booda of eeggannoo gochuun barbaachisaa dha.
⁃ Dhohinsi misaa’ela diroonii kanaa bal’ina meetira 25 kan uwwisudha. Kanaaf gareen namoota 3 ta’uun meetira 30 walirraa fagaachuun barbaachisaa dha.

Sirnichi ammallee dirooniin waraana keenya miidhuu hin dandeenye. Ummata keenya shororkeessuu fi adabuuf namoota nagaa irratti xiyyeeffatee jira. Haleellaa diroonii madda isaa irraa dhaabuu akka dandeenyuuf tarsiimoo amma qabnu eeggachuun barbaachisaa dha.
Mariin araaraaf torban darbe geggeeffame bu'aa wareegamtoota WBO fi qeerrooti. Dhugaan jiru kanuma. Galatni keessan bilisummaa haa ta'u!
OSG Report 64.pdf
1.2 MB
Over 5300 killings of Oromo civilians have now been recorded by OSG since Abiy Ahmed began his campaign at the end of 2018 to wipe out the Qeerroo movement and then the Oromo Liberation Army (OLA) and its support base.

FULL REPORT
Oromiyaan ni bilisoomti, hin shakkinaa!
Hubadhaa: Facebook irratti namni maqaa kiyyatti fayyadamee burjaajii uumaa akka jiru dhaga'eera. Peejiin maqaa "Odaa Tarbii" fayyadamu kamiyyuu soba. Fuula Facebook kan koo isa kana:
facebook.com/Sagalee.Gaachana