Odaa Tarbii
24.9K subscribers
197 photos
27 videos
8 files
461 links
International Spokesperson of the Oromo Liberation Army
Download Telegram
WBOn zoonii kibbaa waraana faashistii PP aanaa Liiban keessatti du'aa fi madoon adabe.



ONM- ABO Adoolessa 14,2023 Abdii fi gaachanni saba Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Cibraan Soddom Booroo Adoolessa 14,2023 ganama har'aa waraana weerartuu Abiy Ahimed kan Jaarsoo Boruu Rarootiin bobbaafamte aanaa Liiban ganda Mugaayoo fi Algee gidduutti haxxee hidhuun tarkaanfii cimaa fudhateen injifannoo boonsaa galmeesseeraa.

Lola kanaanis gootichi abdii sabaa lukkeelee Abiy 120 oli du'aan adabuun 75 oli madoo tolchee haftee ishee addaan bittinneessee galcheera.

Gama Meeshaa diina irra hiikameetiin
Diishqa 1, rasaasa isaa 1000 oli.
Bireena 2, Rasaasa isaa 2600 oli
Kilaashi AKM 22 Rasaasa AKM 3000 oli akkasuma boombii fi uffataalee waraanaa garaagaraa hedduu irraa hiikuun mooras Qabsoo Bilisummaa Oromootiif galii taasiseera.




Injifannoon Uummata Oromoof!
Haleellaa dheengadda mootummaa naannoo Gambeelaa aanaa Abool keessatti gosti Anyuwaak fudhataniin ilmaan Oromoo 7 ajjeefaman.


ONM-ABO Adoolessa 15,2023 Walitti bu'iinsi gosoota Anyuuwakii fi Nuweerii akkasumas raayyaa ittisa impaayerattii fi poolisoota humna addaa naannichaa badanii jiran giddutti darbee darbee raawwatuun lubbuun namoota nagaa galaafatamaa jira.

Dheengadda Adoolessa 13,2023 konkolaataa deddeebisaa uummataa magaalaa Itaang irraa gara magaalaa Gambeelaa deemaa jiru irratti gosti Nuweerii fudhataniin booda gosti Anyuwaakis konkolaataa magaalaa Gambeelaa irraa gara aanaa Abool dhaqaa jiru irratti haleellaa raawwataniin namoota saddeet ajjeesan.

Namoota ajjeefaman keessaa 7 ilmaan Oromoo ta'uun barameera.

Namoota 7n ajjeefaman keessaa kan maqaa arganne Toleeraa Bantii, Saamu'el Bicaaqaa, Damee Solomoon fi Surraa Geetaahuun ta'uun barameera.

Ilmaan Oromoo magaalaa Gambeelaa keessatti guyyaa guyyaan ajjeefamuun kan baratame yoo ta'u, ajjeechaa kana dhaabsisuuf qaamni naannicha bulchaan jira jedhu tarkaanfii fudhate hin qabu.

Ilmaan Oromoo badii tokko malee kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee fi Bunnoo Beddellee aanaa Gachii keessatti qabamanii hidhamaa jiraachuun barame.


ONM-ABO Adoolessa 15,2023 Murni yakka tokko malee ilmaan Oromoo adeemse hidhuun hojii idilee isaanii irraa dhaabee qorqalbii cabsuu barbaadu, guyyaa irraa gara guyyaatti ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.

Akka kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicoo irraa Adoolessa 13,2023 ilmaan Oromoo Umar Hajii, Yaasin Aliyyuu, Ibraahim Aliyyuu, obboolaa lamaan yoo ta'an, Ahimed Umar, Ibrahim Umarii fi Ahimed kanneen jedhaman qabanii hidhanii jiru.

Sababa kanaanis hawaasni baadiyaa sodaa hidhaa irraan kan ka'e magaalaa Qiciicoo deemuun gabaa irraa waa bitaachuu dhaabee jiraachuun barameera.

Hidhaan kun godina Bunnoo Beddellee aanaa Gachi ganda Dikee Bakkaalee jedhamu keessatti Adoollessa 12,2023 hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuudhaan nama Kadir Bulti, Qaasimaa Mahaammad, Fadiluu Ahimed, Sheek Huseen Sirnaa abbaa amantaa, Jabaluu Zeenuu Muktaaru Muusaa fi kanneen maqaan nu hin ga'in jiru hidhanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Concert ABO-WBO  Washington DC

Adoolessa  27, 2023

Irraa hin hafina
 
Murni bilxiginnaa magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti boombii darbachuun miidhaa qaqqabuuf WBO ittiin maqaa xureessuuf karoorfatee akka jiru barame.
 
 
 
 
ONM-ABO Adoolessa 17,2023 Murni faashistii PP duula jabaadha jedhu gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo irratti bifa haaraan geggeessuun milkii dhabuu isaa erga hubatee akkasumas yakka waraanaan himatamaa jiraachuu isaa gara dabarsuuf boombii magaalota Oromiyaa keessatti hawaasa gidduutti darbachuun WBO maqaa balleessuuf karoorfatee jiraachuun barameera.
 
Karoora humna tikaa bilxiginnaan maallaqni ba'ee dhoksaan boombii fi haleellaa akka waraanni bilisummaa Oromoo uummata nagaa irratti fudhatetti fakkeessuuf hojjetamu kun waraana bilisummaa Oromoo maqaa balleessuu fi yakka waraanaa murni bilxiginnaa sababa lolaan lammiilee isaa irratti raawwate aguuguuf akka ta'e maddeen keessoo bilxiginnaa ni ibsu.
 
Murni bilxiginnaa waggoottan shanan darban diraamaa ittiin yakka jalaa ba'ee qaamolee biroo maqaa ittiin xureessuun aangoo irra turu hojjechuun kan beekamu yoo ta'u har'as caasaa isaa raafamee balaa kufaatii irraa oolchuuf  karoora dabaa kana baafatee hojjechuuf qophaa'ee jira.
 
Bulchiinsi bilxiginnaa ilmaan Oromoo lubbuu obbaasuun aangoo irra turuu tooftaa waraanaa taasifatee hojjeechuu kan eegale baruma aangootti dhufe osoo hin bubbulini.
 
 
Godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti waraanni maafi'aa PP qabeenyaa uummataa saamuu jabeessuu jiraattonni himatu.
 
 
 
ONM-ABO Adoolessa 17,2023 Aangoon kan  uummataati jechuun  sirni bilxiginnaa miidiyaan ololus heerri barreeffamee jiru  faalla'ee , uummanni Oromoo erga dursaan paartii biltsigginnaa Abiy Ahimad aangootti dhufee kaasee qabeenyaa dhabuu fi  aarsaa lubbuu kaffaluun gidiraa argaa jira.
 
 
Haaluma kanaan dheengadda jechuun Adoolessa 15,2023 Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Gomboo jedhamutti waraanni maafi'aa PP bobba'uun dunkaana dargaggoo maqaan isaa Lalisaa Qajeelaa jedhamu jalaa ganama naannoo sa'aa 2:00tti cabsanii itti ol seenuun qabeenyaa tilmaamaan maallaqaa qarshii 150,000 ta'u saamanii deemuu jiraattonni onichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru
 
Akka odeessi achi nu qaqqabee ibsutti karoorri sirnichi qabatee deemu maqaa isin waraana bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun uummata saamee dinagdeen namoota dadhabsiisee harka isaa jala galfachuun sirna paartii tokko ijaaruu akka ta'e barameera.
Bilxiginnaan humna waraanaa Komaandoo jedhaman hedduminaan gara Lixaa fi Baha Wallaggaatti guuraa jiraachuun beekame.

ONM-ABO Hagayya 22,2023 Sirni faashistii bilxiginnaa yaada sochii WBO laaffisuu saganteeffateen, torbanoota darban irraa eegalee loltoota isaa Komaandoo jedhaman lixa Oromiyaatti guuraa kan jiru yoo ta'u, addatti ammoo xiyyeeffannoo godina Wallagga lixaa fi baha Wallaggaa irratti taasiseen, loltoota isaa kana godinoota kanneen keessaa hedduminaan qubsiisee jiraachuu maddeen himan.

Qondaaltotni waraanaa fi kaadirootni PP Jimaataa fi Sanbata magaalaa Naqamtee galma hoteela Shaalom keessatti maree gaggeeffataa kan turanii fi dheengaddallee itti turuu kan himan maddeen, Oppireeshinii tibba kana adeemsisuuf karoorfataniinis akka baha Wallaggaa aanaalee shanan kilaastera Giddaa Ayyaanaa keessatti sochii jabaa eegaluuf wal dubbachaa jiraachuu isaaniis ibsan.

Odeeffannoo maddeen keenya irraa arganneen, karoorri guddaan humna waraanaa kallattii kanneen irratti bobbaasuun barbaachiseef, humna waraana bilisummaa Oromoo gama kanaan jabaatee jiru cabsanii sochii isaa ofirraa ugguruun, lola karaa kaabaan irratti gaggeeffamaa jiruuf haala mijataa uummachuu akka ta'es himuun, humna WBO dadhabsiisanii lolli Amaaraa keessatti Eertiraa hirmaachisee kan cimu yoo ta'e gara sanatti fuulleffachuuf akka ta'e keessa beektotni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.


Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu keessatti waraanni bilxiginnaa Komaandoon waamaman afur WBOtti harka kennatan.
ONM-ABO Hagayya 22,2023 Sirni faashistii PP ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallanneef qe'ee abbaa isaanii irraa humnaan qabuun leenjii waraanummaa kennuufiin ajjeessisaa ture, gochi kun ni ga'a jechuu dadhabuun har'as saba isaanii akka ajjeessaniif Oromiyaa keessatti bobbaasuu isaa jibbuun ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta'an keessaa baduun WBOtti makamaa jiru.

Haala kanaanis dheengadda Hagayya 20,2023 fi kaleessa Hagayya 21,2023 miseensota raayyaa ittisa impaayerattii maqaa Komaandoon Waraana Bilisummaa Oromoo akka sakattaa'aniif murna Abiy Ahimediin godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaa qubsiifaman keessaa ilmaan Oromoo 4 qawwee fi hidhannoo guutuun WBOtti makamanii jiru.

Ilmaan Oromoo kunneen qawwee Turkii 4, hidhannoo 4, rasaasa 767 fi boombii 2 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii gochuun ilmaan Oromoo achi keessatti hafanis meeshaa diinaa baachaa jiran sirnicha ganuun gara abdii fi gaachana Oromoo WBOtti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.
WBOn lixa Wallaggaa bakkoota adda addaatti tarkaanfii fudhachuu beeksise.

ONM-ABO Hagayya 22,2023 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuu itti fufuun guyyaa har'aa du'aa fi madoon adabee jira.

Har'a Hagayya 22,2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu magaalaa Harawwee fi Waamaa Tobbaraa gidduu naannoo mana barumsaa Tobbaraa sadarkaa 1ffaatti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhateen waraana diinaa irraa 45 ajjeesuun 57 madeessee loltoota 12 harkaan booji'ee jira.

Lola kanaanis qawwee AKM 25, hidhannoo, rasaasaa AKM fi PKM akkasumas qophii waraanaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.

Guyyuma har'aa aanaa Baabboo Gambeel ganda Shimal Tokkeettis tarkaanfii laalessaa fudhachuun du'aa fi madoo baachisee yoo deebisu, aanaa Qondaalaa magaalaa Liqixii ba'uun humna dabalataa kan deemaa turan irratti bakka Maqa Boonaa jedhamutti jajjabeen WBO eeggachuun rasaasaan akaa'ee baarudaan macheessuun du'aa fi madoo hedduun adabee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!
Forwarded from Arraata Biyyoolessa Oromiyaa (OROMOROOT🔥💣)
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Confidence! Courage! Determination! Sacrifice! Perseverance! Endurance! Mental and Physical Stamina! Dedication! Loyalty!

Above all #kaayyoo! Nothing is more gratifying than fighting for the freedom of our nation and saluting our hero ❤️✊🏾🙏🏾
Harargee Bahaa aanaa Qarsaa keessatti kaadirootni PP Ooyiru irra Qamadii qofaa qotuu qabdu jechuun hawaasa dararaa jiraachuun dhaga'aame

ONM-ABO Onkoloolessa 20,2023 Gochi tibba Kam nurratti ta'ee hin beekne bara bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed keessa kaadirootaa fi loltoota sirnichi bobbaafateen nurratti gaggeeffamaa jira kan jedhan jiraattota godina Harargee Bahaa fi Harargee Lixaati.

Akka jiraattotni godina Harargee bahaa aanaa Qarsaa ganda Balaangey jedhanitti namni adeemsa sirna paartii badhaadhinaa fi akkaataa bulchiinsa isaaniitti hin bulle jiraachuu hin qabu jechuun kaadirootni PP saamicha qabeenya keenya irratti raawwachaa jiru jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Onkoloolessa 17,2023 aanaa Qarsaa keessaa namoota maqaan isaanii Musxafaa Adam, Ayimad Juundii, Magarsaa Hayyuubee, Ibsaa Abdullaxiif, Abdii Buskutee, Sharaf Abdukaaliq, Jibiriil Umar, Mohaammed Muktaaree fi Mohammed Abdullaa jedhamaniin ooyiruu keessan irraa kuduraa fi Muduraa kaasuun qamadii qofa facaasaa jechuun dirqisiisanii Kan deeman yoo ta'u, guyyoota muraasa keessatti ooyiru irraa hin kaastan taanaan adabni keessan qarshii 500 jechuun akeekkachiisanii akka deeman maddeen himan.

Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa keessatti loltootni bilxiginnaa manneen jiraattotaa gubuun, namoota hedduus hidhuun beekame

ONM-ABO Onkoloolessa 20,2023 Sarbamiinsi mirga namoomaa dhaabbata mirga namoomaa fi Gamtaa mootummoota addunyaa jalaa dhokachuun uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru birmannaa dhabuun, yakkoota waraanaa Oromiyaa keessatti hidhattoota impaayerattiin gaggeeffamaa jiruuf haala mijataa uumee gochichi akka tarkaanfatuuf sababa ta'aa jira.

Tarkaanfii yakkaa uummata nagaa irratti fudhatamaa jiru kanaanis Onkoloolessa 17,2023 godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa ganda Akoo Kaa'eraa jedhamu keessatti waraanni PP uummata nagaatti bobba'aan manneen Jiraattotaa 10 Ibiddaan gubanii barbadeessuun, namoota 50 ol ta'aan ammoo mana hidhaatti guuruu maddeen himan.

Ilmaan Oromoo guyyaa kana qabamanii hidhamuun hiraarfamaa jiran keessaa Abdulkariim Bariisoo, Mohaammed Huseeniif Huseen Abdullaayii Abbaaf ilma dabalatee namootni gariin kanaan dura qabamanii waggaa tokkoo oliif mana hidhaa keesssatti hiraarfamaa turuu kan himan maddeen, qe'ee jiraattotaa gubuu fi namoota nagaa hidhaatti guuruu kunis Maqaa deggertoota WBOti jedhuun ta'uus dubbatan.