OBU Muslim Students Jema'a
1.72K subscribers
880 photos
19 videos
8 files
139 links
This is official telegram channel of Oda Bultum University Muslim Students Jama'a!!

Website: https://obu-msj.blogspot.com/


Contact us: @creativegx
Download Telegram
2
Warra Jama'aa kana utubee asiin gahe galateeffachaa geggeessaa, dhaloota dhufaa jiruunis bu'uura Jama'aa keenyaa gad jabeessaa imala keenya itti fufna!!

Alhamdulillaa, Sagantaan Geggeessaa Barattoota Eebbifamoo Jama'aa Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultum bifa ajaa'ibaatiin milkiin xumuramee jira.

Sagantaan kun akka milkaahuuf warreen gahee keessaa qabdan hundi keessanuu Rahmaan Jazaa keessan Jannatul Firdoowsiin isiniif haa deebisu.

Obboleeyyan keenya warri eebbifamoon Rahmaan fuulduree keessanis isiniif haa bareechu, milkii gubbaan milkii isiniif haa dabalu.

Akkuma kanaan dura sochiiwwan Jama'aa keessatti roga garagaraatiin hirmaachaa turtan, eega asirraa eebbifamtanis roga jirtan hundaan diinal islaam akka tajaajiltan isiniin jenna.

OBU Muslim Students Jema'a
5👍1
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu
~~~~
Sababa obboleeyyan keenya warri Remedial qormaata eegalaniif, barattoonni keenya warri waggaa 1ffaa fi sanaa oliitis Final Exam dhaaf qophiitti jiraniif, akkasuma barattoonni GC ammoo Exit Exam dhaaf qophaa'aa jiraniif, Qaraatiin kitaabbanii har'a galgala ni goolabamti. Kanaaf kana hubattanii, barattoonni keenya hundi boru galgala irraa eegalee qaraatiin waan hin jirreef, hanga duraanii caalaa dubbisa keessan irratti jabaattanii akkuma roga diiniitiin jabaachaa turtan roga akkaadaamii tiinis akka jabaattan isiniin jenna.

Seektara Qiraatii irraa

Odeeffannoo dabalataaf Amiira Seektara Qiraatii dubbisaa
7👍6
As.wr.wb 🌙
Yaa Akhil kariim 💬
Mee Gaafii kana deebisuuf yaali 🤔
✅️ Sahaaboota Rasuula irraa (Salallaahu Aleeyhi Wasallam) 🕌 Kan Dubra Rasuula (Salallaahu Aleeyhi Wasallam) 2 fuudhe Eenyu🤔?
3
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته