Misgaanuu Yaadasaa
12.6K subscribers
382 photos
1 video
2 files
672 links
Lecturer, Author and Editor
Download Telegram
Forwarded from Ortodoksii Tawaahidoo
Baga Guyyaa Ayyaana Abuna Gabra Manfas Qidduusiin Nagaan isin gahe!

Abuna Gabra Manfas Qidduus eenyudha?
Jaalalli Uummanni Itoophiyaa isaaniif qabu akkamitti kan Qulqulloota kaanirraa adda ta'e?
Uummanni keenya maalif jiruufi jireenya isaa keessatti maqaa Aabboo baayi'naan waama?

Kanneenii fi kanneen biroo wantoota ajaa'ibaa waa'ee abbaa keenya Abuna Gabra Manfas Qidduus link kanaa gadi jiru tuquun dubbisaa! waliif qoodaa!


https://bit.ly/4nXPhEa
https://bit.ly/4nXPhEa
2
Forwarded from Ortodoksii Tawaahidoo
𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐀𝐫𝐬𝐞𝐞𝐦𝐚𝐚

Baga Guyyaa Yaadannoo Haadha keenya Qulqulleettii Arseemaa nagaadhaan geessan!

𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐀𝐫𝐬𝐞𝐞𝐦𝐚𝐚 𝐞𝐞𝐧𝐲𝐮𝐝𝐡𝐚!
𝐒𝐢'𝐢𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐀𝐫𝐬𝐞𝐞𝐦𝐚𝐚 𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐬𝐢𝐫𝐫𝐢𝐢𝐧 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐭𝐭𝐮 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐝𝐡𝐚?
𝐒𝐢'𝐢𝐥𝐢𝐢 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐀𝐫𝐬𝐞𝐞𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢 𝐣𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞 𝐛𝐚𝐚𝐲'𝐢𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐧 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐧𝐮 𝐒𝐢'𝐢𝐥𝐢𝐢 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢𝐭𝐢?
𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐤𝐮𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐡𝐨𝐨 𝐞𝐞𝐧𝐲𝐮 𝐟𝐚'𝐢?

𝐆𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐥𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐰𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢 𝐀𝐫𝐬𝐞𝐞𝐦𝐚𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐚'𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢  𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐥𝐢𝐧𝐤 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐝𝐢 𝐣𝐢𝐫𝐮 𝐭𝐮𝐪𝐮𝐮𝐧 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐚!

Akkasumas bakka INSTALL jedhu tuquun Application keenya buufadhaa!

👇👇👇

https://qubeeonline.com/2021/05/qulqulleettiin-arseemaa-eenyudha-siiliin-qulqulleettii-arseemaa-inni-sirriin-kamidha/
Tsinsataa Maariyaam

Hagayya 7

Baga guyyaa Tsinsataa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaadhaan geessan!

Link kana tuquun waa'ee guyyaa yaadannoo ayyaana waggaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan Hagayya 7 dubbisaa!


👇👇👇

https://bit.ly/4zehRbh
https://bit.ly/4zehRbh
1🥰1
Forwarded from Orthodox Free Promotion (F/taa Qananiisaa)
Warreen Barumsa Koorsii Gaafachaa Turtaniif, Gaaffilee Shakkitootaaf Deebii Ga'aa Dabalatee Isiniif Fidneerra Kunoo 👇
Forwarded from Orthodox Free Promotion (F/taa Qananiisaa)
Araarsummaa Fi Ayyaanni Haadha Keenyaa Isinirras Nurras Haa Bulu Jechaa Kan Kanaa Gaditti Argamu Miidiyaawwan Tajaajila Afuuraa Sirnaaf Seera Isaa Eeganii Dabarsanidha.

Ammuma Join Gochuun Seenaa Baradhaa. Baraiisota Keenya Halkanii Fi Guyyaa Itti Dadhabanii Barreessaniifis Jajjabina Ta'aa.

Hunadhaa👉 Barachuu Baattanis Join Gochuun Isin Hin Miidhu Ammuma Link Kanaa Gadii Tuqaa 👇
Tajaajila Afuuraa Ortodoksii Tewaahidoo Itiyoophiyaa Hunda
Forwarded from Orthodox Free Promotion (F/taa Qananiisaa)
Baga Sooma Fislataa Haadha Keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam Nagaan Geessan Jechaa Filannoo Armaan Gadiin Waantota Torbee Kanaaf Barbaachisan Argadhaa👇

👉Walaloo Fislataa

👉Barumsa Fislataa

👉Faaruwwan Fislataa

🌍Hunsa Bakka Tokkotti🌍
Forwarded from Orthodox Free Promotion (F/taa Qananiisaa)
Nu bira hunduu jira koottaa as goraa filannoon keessan maali tajaajiltoonni keenya tajaajilamtoota barbaadaa jiru waan ta'eef seenaa baradhaa kan kanaa gadii chaanaaliiwwan barumsa Ortodoksii seeraaf danbii Doogmaa Qannoonaa isaa eeggate dabarsaa waan jiraniif seenaa baradhaa.

Galatoomaa
Forwarded from Orthodox Free Promotion (F/taa Qananiisaa)
Waa'ee Haadha Keenyaa, Qulqullootaa, Eegamootaa, Wareegamtootaa, Bal'inaan Barachuuf As Goraa👇
Beekkumsa Walii Galaa Orrodoksii Tewaahidoof👆👇
Forwarded from Ortodoksii Tawaahidoo
Baga Tsoomii Filsataa Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaadhaan geessan!

Tsoomii Filsataa

🙏 Tsoomii Filsataa jechuun maal jechuudha?
🙏 Tsoomiin Filsataa maalif Tsoomama?
🙏 Tsoomii Filsataa tsoomuun maalif barabaachise?
🙏 Seenaan Tsoomii Filsataa maalidha?
🙏 Tsoomiin Filsataa guyyoota meeqa Tsoomama?

Kanneen fi kanneen biroo waa'ee Tsoomii Filsataa link kanaa gadi jiru tuquun dubbisaa!


👇👇👇

https://bit.ly/4bxzDw7
https://bit.ly/4bxzDw7
Forwarded from Orthodox Free Promotion (F/taa Qananiisaa)
Araarsummaa Fi Ayyaanni Haadha Keenyaa Isinirras Nurras Haa Bulu Jechaa Kan Kanaa Gaditti Argamu Miidiyaawwan Tajaajila Afuuraa Sirnaaf Seera Isaa Eeganii Dabarsanidha.

Ammuma Join Gochuun Seenaa Baradhaa. Baraiisota Keenya Halkanii Fi Guyyaa Itti Dadhabanii Barreessaniifis Jajjabina Ta'aa.

Hunadhaa👉 Barachuu Baattanis Join Gochuun Isin Hin Miidhu Ammuma Link Kanaa Gadii Tuqaa 👇
Tajaajila Afuuraa Ortodoksii Tewaahidoo Itiyoophiyaa Hunda
Forwarded from Orthodox Free Promotion (F/taa Qananiisaa)
Ijoolleen Ortodoksii Hundi Chaanaalii Kanaa Gadii Join Gochuun Tajaajila Barbaaddan Hunda Argadhaa. Wanta Dhabdan Nu Gaafadhaa👇

Walaloo:- PDF dhaan, Barreeffama Chaanaalii Keessaan, Ajajaaan.

Diraamaa:- " "

Barumsa:- Sagaleedhaan, Barreeffamaan, Pdf dhaan......

Fi kkf hundumaa as keessatti argattu. Kuni Gowwomsaa miti ilaaluun amanaa
👇
Hunduma isaa bakka tokkotti
Forwarded from Ortodoksii Tawaahidoo
Ayyaana Dabra Taaboor ykn Tulluu Taaboor

✓ Tulluun Taabor fakkeenya maaliiti?
✓ Raajotaa fi Bartoota walitti maalif waame?
✓ Tulluun Taabor maalif filatame?
✓Maalif Museefi Eliyaasiin filaman?
✓ Bartoota sadanuu adda baasee maalif fudhatee Tulluu sana irrati ol
ba'e?

Waa'ee Tulluu Taaboor link kanaa gadi jiru tuquun dubbisaa!


👇👇👇

https://qubeeonline.com/2024/08/dabra-taaboor-ykn-tulluu-taaboor/
Forwarded from Ortodoksii Tawaahidoo
𝐇𝐚𝐧𝐠𝐚𝐟𝐚 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐌𝐢𝐤𝐚𝐚'𝐞𝐞𝐥

Baga guyyaa Yaadannoo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'eel nagaadhaan geessan!

𝐇𝐚𝐧𝐠𝐚𝐟𝐧𝐢 𝐄𝐫𝐠𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐌𝐢𝐤𝐚𝐚'𝐞𝐞𝐥 𝐞𝐞𝐧𝐲𝐮𝐝𝐡𝐚? 𝐇𝐢𝐢𝐤𝐧𝐢 𝐦𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐡𝐨𝐨?

𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐌𝐢𝐤𝐚𝐚'𝐞𝐞𝐥 𝐦𝐚𝐚𝐥 𝐦𝐚𝐚𝐥 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐮𝐮𝐝𝐚𝐦𝐞?

𝐌𝐚𝐪𝐚𝐚𝐧 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐌𝐢𝐤𝐚𝐚'𝐞𝐞𝐥 𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐦𝐞𝐞𝐪𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚? 𝐢𝐝𝐝𝐨𝐨 𝐤𝐚𝐦 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐭𝐭𝐢?

𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐰𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐌𝐢𝐤𝐚𝐚'𝐞𝐞𝐥 𝐲𝐨𝐨𝐦 𝐲𝐨𝐨𝐦𝐢?

𝐊𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐥𝐢𝐧𝐤 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐝𝐢 𝐣𝐢𝐫𝐮 𝐭𝐮𝐪𝐮𝐮𝐧 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚!

👇👇👇

https://bit.ly/49yFRvA
https://bit.ly/49yFRvA
2
𝐓𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐭𝐭𝐢 𝐨𝐥 𝐛𝐚𝐡𝐚𝐚!

Tulluun Maalidhaa?

1.Lafadha:
Tulluun lafa lafa caaltudha. Dacherraa uumamtee dache caaltee argamti. Lafa taatee Waaqatti dhiyaatti. Isa fagoottis isa dhiyoottis ni mul'atti. Bakka duumessi irra qubatee roobu, bakka lubbu qabeeyyiin itti baqatanidha. Bakka namoonni fo'aman daheeffatanidha. Akkuma tulluun dache taatee uumamtee waan dacheef barbaachisu bokkaa argamsiiftuuf, atis namuma taatee uumamtee waan namootaaf barbaachisu kennaa addaa qabdaati namootaaf kenni. Of hin tuffatin. Kan akka kee si qofatu lafa kanarra jiraati.

2.Jireenyadha:
Jireenyi tulluudha. Tulluun waan lamaaf fayyaddi. Yookiin dhoksuu ykn mul'isuuf. Yoo jabaattee tattaafattee Waaqnis si gargaaree itti ol baatee hundumaa olitti mul'atta. Yoo ta'uu baate garuu si dhoksiti.

3.Yaaddoodha:
Namni yeroo dhiphinasaa ibsatu, yeroo waan tokko gochuuf yaadee dadhabu 'tulluu' natti ta'e jedha. Dhuguma dhiphinni, yaaddoon tulluudha. Yoo jabaattee humna kee fixatte, ciniinnattee yaabbatte isa si dhiphise tullicha of jalatti ilaalta. Waan si yaaddesse sana of jalatti ilaalta. Addunyaa hundumaas asii gadi daawwatta. Yoo sodaattee ykn dadhabdee utuu hin yaabbatin haftemmoo umurii kee guutuu waan si yaaddesse, si dhiphise sana achii ol ilaalaa hafta. Yeroo hundumaa asii gadi si ilaalee si yaaddessa, si doorsisa, si dhiphisa.

4.Amantiidha:
Tulluu namuma yaabbatee argetu dadhabbii ishee, ulfaatina ishee arga. Amantiis namuma mi'eeffatee argetu dhamdhama ishee beeka.

5.Tajaajiladha:
Namni lafa dhaabatee tulluu irratti nama ilaalu bashannana itti fakkaata. Namni tulluu irraa jiru sun jireenyuma qananii waan jiraatu itti fakkaata. Tulluun garuu ni qorriti. Bineensota nama nyaatan heddu qabdi. Fooniif hin mijattu, waan qorrituuf. Tempireechara ulfaataa akkasii keessatti namni dafee hin guddatu. Rakkoon kun hundi garuu nama tulluu sana jala dhaabatee ol ilaaluuf hin galu. Nama tullicha yaabbatee arge qofatu beeka.

Tajaajillis akkasuma. Nama bakkee dhaabbatee ilaaluuf dirree diriiraa itti fakkaata. Kanarraa kan ka'edha namoonni baay'een yeroo faaruu tokko hojjetanii achumaan badan maaliif faaruu lammataa hin hojjenne ebeluun? jedhanii kan gaafatanif. Deebiinsaa Tulluu sana irratti wanti hunduu akka salphaatti namaaf hin mijatu kan jedhudha. Lallabdoonni hedduun yeroo fagaatan, waldaalee hedduun yeroo saffisaa eegamaniin tajajila kennuu dadhaban ni komanna. Deebiinsaa garuu Tulluttii irratti waan hunduu akka yaada ofiitti namatti hin tolu kan jedhudha. Kana hundumaa yoo tulluutti ol baane nuuf galaati, kottaa "Tulluutti" ol baanaa. Tulluu irraa faayidaa hedduus ni arganna, waan baay'ees barannaa. Tulluurratti hangafoota arganna.
Tulluutti gaafa ol baanu Iyyasuusiin (Waaqayyoon) arganna. Inni hangafa lubootaati. Raajota hangafoota Musee fi Eeliyaasiin arganna. Duuka bu'oota icciitii warra hangafoota Pheexiroosiin, Yohaannisii fi Yaa'iiqoobiin arganna.

Baga ayyaana guddicha mul'achuu ifa Waaqummaa Gooftaafi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin ga'e

Ayyaana Gaarii!
//
1
Transfiguration

Kutaa 2.

Maat. 17:3.

Maaliif Museefi Eeliyaas qofti filataman?
Namoota baay'ee Kakuu Duraa keessaa maaliif Museefi Eeliyaas qofti tulluu kanarratti argaman? Sababoota gurguddoo sadii haa ilaallu.
Dhugaa Baatuu Seeraa fi Raajotaa:
Akkuma beekamu, Museen "Seera" (Torah) isaa jalqabaa kenne; Eeliyaas immoo hooggana "Raajotaa" (Prophets) ti. Isaan lamaan Gooftaa Iyyasuusiif dhugaa bahuuf Isa cina dhaabbachuun isaanii, Kakuun Duraa guutuun (Seeraa fi Raajonni) Fayyina gonka Isa laatu gara Gooftaa Iyyasuusitti quba qabuufi Inni guutama Kakuu Duraa ta'uu isaa mirkaneessuuf.
Mul'ata Waaqayyoo Tulluu Irratti Argan:
Museen tulluu Sinaan irratti duumessa fi ibiddan Waaqayyoon argeera (Ba'uu 33). Eeliyaas immoo tulluu Kooreeb irratti qilleensa qalloo keessaan sagalee Waaqayyoo dhaga'eera (1 Mootota 19). Isaan lamaan kanaan dura tulluu irratti ulfina Waaqayyoo qofaa arganii kan turan yoo ta'u, amma immoo tulluu irratti ulfina Waaqayyoo foon uffatee dhufe (Gooftaa Iyyasuus) fuulaa fuulatti argan.
Du'afi afuura Addaa: Museen ni du'e; ni awwaalame (warra du'an bakka bu'e). Eeliyaas immoo utuu hin du'in gaarii abiddaatiin gara samiitti ol fudhatame (lubbuun jiraachuu bakka bu'e). Kunis, Iyyasuus Gooftaa hundumaa ta'uu Isaa agarsiisa.
//
Itti fufa.
Ayyaana Dabra Taaboor ykn Tulluu Taaboor

Baga Geessan!

✓ Tulluun Taabor fakkeenya maaliiti?
✓ Raajotaa fi Bartoota walitti maalif waame?
✓ Tulluun Taabor maalif filatame?
✓Maalif Museefi Eliyaasiin filaman?
✓ Bartoota sadanuu adda baasee maalif fudhatee Tulluu sana irrati ol
ba'e?

Waa'ee Tulluu Taaboor link kanaa gadi jiru tuquun dubbisaa!


👇👇👇

https://qubeeonline.com/2024/08/dabra-taaboor-ykn-tulluu-taaboor/
1
Transfiguration

Kutaa 3.

Barattoonni yeroo sanatti maal gochaa turan?
Pheexiros, Yaa'iqoobii fi Yohaannis tulluu kanarratti maal gochaa akka turan Luqaas gadi fageenyaan nuuf ibsa:

1. Hirribni itti ulfaateera ture

Akkuma booda Getesemaanii keessatti ta'an, tulluu kanarrattis barattoonni hirribni baay'ee itti ulfaatee ture (Luqaas 9:32). Haa ta'u malee, utuu hirribni isaan fudhatuu dammaqanii ulfina Gooftaa Iyyasuusiifi namoota lamaan isaa wajjin dhaabbatan (Museefi Eeliyaas) argan.

2. Sodaafi Naasuu Guddaa

Ulfina calaqqisa sana siriitti erga arganii booda, baay'ee nahan, sodaanis isaanitti cime. Pheexiroos ariifatee, "Gooftaa, as jiraachuun keenya nuuf gaariidha; godoo sadii haa ijaarru..." jedhe. Maarkos akka ibsutti, "Maal akka dubbatu hin beekne, baay'ee sodaatanii turan" (Maarkos 9:6) jedhee haala Pheexiroos keessa ture addeessa.

3. Sagalee Naatoo qabu dhaga'an

Utuu Pheexiroos dubbatuu, duumessi calaqqisaan isaan uwwise. Duumessa sana keessaa sagaleen Waaqayyo Abbaa, "Inni kun Ilma Koo Isa Ani jaalladhudha, Isa dhaga'aa!" jedhu dhufe. Sagalee kana erga dhaga'anii booda, barattoonni addunyaa foonii irraa addaan ba'anii, naasuudhaan addaan gadi kukkufani. Pheexiroos, "Ati Masihicha, Kiritsoos, Ilma Waaqayyo Jiraataati" jedhee guyyaa 6 dura akka dhugaa ba'e Maatewoos barreesseera (Maat. 16:16). Guyyaa 6 booda immoo sagalee naatoo qabu, sagalrr qananii, Abbaan, "Ilmi Koo Ani jaallafhu Isa kanadha; Isa dhaga'aa" jedhu dhaga'e. Pheexiroos akkam carroomee?
Guyyaa 6 dura, yeroo Gooftaan iyyasuus, " Namoonni Ilma Namaatiin eenyu jedhu?" jedhee gaafatetti, waan namoonni jedhan walirraa dhaga'anii, Gooftaattis himanii turani. Amma garuu guyyaa 6 booda, sagalee Surrichaa (The Majesty voice) "Isa dhaga'aa!" jedhu dhaga'an. Oduu namootaa dhiisaa jechuu Isaati. Namoonni baay'een garuu har'allee, "Isa dhaga'aa" jedhaman dhaga'uu caalaa oduu namootaa dhaga'uu filatu.

Maal hubannaa?
Mul'atni tulluu kanaa barattootaaf qorumsa Fannoo dhufuuf jiruun dura akka isaan jabaataniif kan kennamedha.

Mul'anni kun erga darbee booda, barattoonni yommuu ija isaanii ol fudhatanii ilaalan, Musees Eeliyaasinis hin argine; "Gooftaa Iyyasuus qofatu" isaan wajjin hafe.

Kunis jireenya keenya keessatti, ija keenya addunyaa kanarraa kaasnee Kiristoos qofarratti akka hidhannu nu barsiisa; dabalatas dhuma jireenya keenyaatti, yeroo afuura ishee dhumaa baafannutti kan nuti arginu ifa jireenya keenyaa, Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ta'uu isaati.

Itti fufa.
6
Forwarded from Ortodoksii Tawaahidoo
Qulqulluun Abbaan keenya Abuna Aragaawwiin eenyudha?

Baga guyyaa Yaadannoo abbaa keenya Abuna Aragaawwii nagaadhaan geessan!

• Seenaa fi Qabsuura Abuna Aragaawwii
• Qulqulloonni saglan eenyu fa'i?
• Qulqulloonni saglan biyyoota kam kam irraa dhufan?
• Abuna Aragaawwiin Mana Kiristaanaa keenyaaf bu'aa maal maalii buusan? Qulqulloonni saglan hoo?

Waa'ee Abbaa keenya Abuna Aragaawwii link kanaa gadi jiru tuquun dubbisaa!


👇👇👇

https://bit.ly/4o9n6Cj
https://bit.ly/4o9n6Cj
Kitaaba dhaloota ammaaf baay'ee barbaachisaa ta'e.
6