Egeree Post
8.27K subscribers
4.34K photos
73 files
3.45K links
This is Official Egeree Post Channel
&Technolgy
Our Website egeree.com
Telegram https://t.me/michujobs
All Ethiopia Jobs posting source at one place
Hojiilee Mara Iddoo Tokkotti walitti sassabuufi Barnoota Technology waliin Isin qaqqabsiisna
Download Telegram
♨️Hawwii Maatiwoos:
Muuxannoo Gidaamii hanga biyya Indiyaa dorgommii bareedinaa injifachuuf gumaache

Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa dorgommii ‘Miss Tourism Oromia’ jedhuun dorgommmii bareedinaa waggaa waggaadhaan qopheessaa jiruun dorgommii baranaa kan injifatte Shamarree Hawwii Maatiwoosi.

🔥Dorgommii kana injifachuusheetiin badhaasa Birrii kuma 200 argattees jirti.

Hawwiin waa’ee Dorgommii bareedinaa kanaa fi muuxannoo jireenyashee ilaalchisuun addatti BBC waliin turtii taasiftee jirti.

🔥Ofii Hawwiin eenyu?
Godina Qellam Wallaggaa Gidaamiitti akka dhalatte kan himtu shamarreen Hawwiin, daa’imummaarraa kaasuun kan guddatte garuu Magaalaa Finfinneetti.
#GidaamiiBegiiBaabbooJaarsooNajjooGimbiNaqamteAmbooFinfinnee #Wallaggakaa dhuftuun #Hawwii Addunyaaf biyyashee #Gidaamii beeksifte

“Dhaladhee waggaa tokkottin Finfinneetti Gale.
Kanin baradhes kanin guddadhes Finfinneedhumatti. Kutaa 12 fixee Yunvarsiitii Jimmaattin ramadame.
Achitti waggaa tokko akkuman baradheen qabxii olaanaa waanin Fideef carraan barnoota biyya alaa naaf kenname” jetti.

Bara 2010 irraa eegaluun waggoota Afuriif biyya Indiyaatti ogummaa Faarmaasii barattee gara biyyaatti deebi’uun Finfinneetti dhaabbata qoricha omishu tokko keessatti qacaramtee hojjechaa akka jirtus himti.

Waggoota afur biyya hindii turte kanattis afaan warra Indiyaa akka gaariitti dubbachuu fi dhagahuu akka barattes dubbatti.
Afaan Oromoo, Amaaraa fi Ingilizii akka gaariitti akka dandeessuu fi Afaan Kooriyaa ammoo akka dhageessu himti.