Jiraa Lammii
62 subscribers
64 photos
3 videos
82 links
Gorsa , walaaloo, mammaaksa, Ergaa nama kakaasuu , beekumsa qabnu hunda isiniif dabarsina
Download Telegram
Durba mimmiidhagoo qomoo keenyaa lafa kana jiran keessaa intala haadha manaa mootichaa taatu dhabeet orma keessa barbaacha qajeelee?" jedhanii Waaqayyoon komatu. Aduun baay'ee ho'ite. Sa'atiin gara walakkaa guyyaatti siqe. Hanga kanatti garuu homaa waanti haaraan hin dhabame. Oduun achi buutee fi achiin baatee sarichaas homtuu ni dhabame. Kaan oduu haaraa waa'ee mootii dhaga'uuf, kaan immoo garaa isaaniirraa mootichaaf yaadda'uun maaltu ta'e jechaa osoo haasa'anii sa'atiin walakkaa guyyaa irra darbee Garra waareetti deeme. Kaan immoo Qorraa halkan darbee maasaraa mootummichaa duratti isaan dhaherraa fi beela isaaniirraa bayanachuuf osoo eganii sa'atiin gamtoo galgala ta'e.

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Hamma warri duraan intallikoo maaf filatamuu diddeef lolanis yaaddoon isaanii Sareen Waaqayyoo sun daftee furmata jiru qabattee gara tuuta jaraa deebitee yoom gara mana keenyaa gallaa ta'e. Hawwiin isaanii inni guddaan nama kamiyyuu ta'u dafanii ijoollee durbaa qorra keessa isaan wajjiin bulte fuudhanii gara mana isaanii galuudha. Hamma kanatti namni nyaataaf waa afaaniin qabe namni tokko hin jiru. Osoo akkasiin jiranii guyyaan sun darbe, achiis guyyaan biraa dabalame. Kanuma keessatti abbootiin tokko tokko ammallee abdii osoo hin kutanne ijoollee durbaa isaanii uffisanii irra deddeebi'anii mooraa mootichaa keessa asiif achi deddeebisu jalqaban. Yaadni isaanii tarii Waaqayyo obsa keenya qoree ilaaluuf abdii isaanii haaressanii deebii saree Waaqayyoo sana eegu.
Mootii Malkaan boqonnaa dhabee. Obsaan guyyoota lamaan sana masaraa mootummaa isaa keessa osoo hin baane kan ture har'a gad ba'ee moora maasaricha uummata beelaafi dheebuu dabalatee halkan qorraan guyyaa aduun dararamaa jirutti gad ba'e. Dhaabiif teessuma dhabe. Dhiphinaan liqimfamee osoo itti hin yaadiin naanna'ee mooraa maasaricha waliin ga'e, Daqiiqaa muraasaaf dhaabbatee itti yaadee. Aadaa abbootii isaa cabsee namoonni galanii akka nyaataniif sabichaaf eeyyemuu yaade. Safuu fi duudhaan abbootii isaa cabuunis garaa isa nyaate. Yaada malee kudhan taa'ee ka'us yaadni furmaataa dhufuufii hin dandeenye. Ni taa'a, ni ka'a. Garaan isaa tasgabbii dhabe. Sareen kun yeroo dheeraa hanga kanaa fagaatee hin beeku ture. Tarii waanti tokko dogoggora ta'uu hin oolu jedhee murteesse. Osoo haala kanaan jiranii guyyaan sadaffaa ga'e. Gaafa guyyaa sadaffaa gara jaarsolii biyyichaa fi gorsitoota isaa deemee maal gochuu akka qaban mari'atan. Jarsoliin sunis erga yeroo dheeraaf irrattti wal falmaniin booda Mooticha qabatanii gara Raajii ganda ollaa isaanii jiruu tokko akka dhaqan murteessan. Raajichi afaan Waaqayyooti jedhameet amanama. "Inni ni wantoota namni ija qullaan hin argine ni arga " jedhanii amanu. Mootiin Malkaan yaada jaarsolii fi gorsitoota isaatti walii galee tole jedhe. Rajiin kun ganda xiqqoo oollaa ganda Cillimootti argamtu tokko keessatti mana qulqullummaa xiqqoo tokko keessa jiraata ture.

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Osoo ofii hin deemiin namoota itti erganii Mootiin Ganda Cillimoo akka Raajicha barbaadu itti himan. Jaarsolii fi gorsitoota isaa qabatee waan Waaqayyo isaaniin jedhu dhaga'uuf Raajicha biraan ba'an. Yeroo mootichi achi gahu Raajichi durumaan mootichi akka dhufaa jiru itti himame sun qophaa'e Mooticha eegaa ture. Raajichi rifeensi isaa adii fi ija gurguddaa baay'ee nama sodaachisu kan qabu ture. Mootichi dhimma isaa erga itti himateen booda Raajichi suuta jedhee mataa isaa raase. "Dubbiin qaba, dubbiin qaba" jedhe. "Oduu gammachiisaa fi oduu gaddisiisaa" jedhee sagalee isaa ol kaase. Mootiin Malkaas kan duraa irra Raajichatti dhihaatee,"Oduun gaddisiisaa sa'atii kanatti nun barbaachisu dura oduu gammachiisaa nutti himi" jedhe. Raajichi mataa isaa rurrukutatee, "Waaqayyo dubbateera" jedhe. "Oduun gaarii, sareen Waaqayyoo akkuma ergametti ergama isaa xumureera. Misirrittii dhugaa Waaqayyo mootichaaf jaallatu biraanis ergamasaa gaheera." jedhee osoo raajichi dubbatee afaan isaatii hin xumuramiin fuulli mootii Malkaa ni ife. Naasuu gammachuu wajjiin wal makeen arrabni mootichaa hidhamee hafuura addaan cicciteen "Wa.... Waa....
Welcome to our channel

waanti kun Dhu.. Dhu... Dhu..Dhugaadhaayii?" jedhee gaafachaa harkaan dafqa miirri naasuu fi gammachuu itti uume illee isaa lamaan irraa haxaawachaa fuula Raajicha dura as darbee achi darbee naanna'e. Raajichis "Eeyyen!, Egaa Waaqayyo nama fedhii isaa filateera?" jedhee deebiseef. Mootichis gammachuu isaa seequu qofan dabarsuuf yaale. Didee irra baanaan .. qas qas qas.. jedhee kolfe. Fuula isaa irratti miirri boqonnaaniinii fi gammachuu mul'ate. Kolfa isaa qabachuu dadhabee irra dedeebiin sagalee isaa ol fudhatee erga kolfeen booda, "Waaqayyoonkoo koo nan hin kuffisne" jechaa miira galateeffannaa wayii dudubbachuu jalqabe.

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Osuma gammadaa jiru isa raajichi oduun gaddaas akka jiru dubbate sana yaadatee gara Raajichaa yoo gargaglu fuulli isaa hin hiikamne. Xiyyeeffannoon gara fuula Raajichaa ilaalee baay'ee gurracha'uu isaa arge. Sana booda fuula Raajichaa irraa rakkoon akka jiru hubate. Yeroo mootichi kolfaa turan raajichi tasumaa fuulli isaa hin hiikanme. Kanuma irraa ka'uun sammuu mootichaatti yaanni baay'ee gale. Sekoondii muraasa keessatti waan baay'ee yaade. " Rajiin kun na jajjabeessuuf jedheeti malee waanti dubbatame hunduu soba" jedhee garaa isaatti yaade. Fuulli isaa akka biiftuu ganamaa ifaa ture sun faallaa ta'ee akka biiftuu lixxee dukkanaa'uu jalqabe. Mootii Malkaan akka ariifachuu ta'ee "Osoo kan ati jettu kun hundi dhugaa ta'ee, maaliif sareen sun hanga yoona hin deebi'iin hafe? Atis maaliif akkas fuulli si gurraacha'e?" jedhee naasuun guutamee raajicha gaafate. Raajichis teessoo irra taa'aa jirutti duubaan hirkatee harkaan mataa isaa hooqqachaa hafuura dheeraa erga baafatee booda, "Oduun gaddisiisaa Sareen Waaqayyoo ergaaf ba'e sun imala barbaacha haadha manaa mootichaaf taasifame kana keessatti lubbuu dhabuu isaati" jedhe. Mootichi naasuu qorre. Waan dubbatu dhabee yeroo dheeraaf osoo hin dubbatiin hadoodee dhaabbatee hafe. Mootichi akka ija babaasuu ta'ee "Sareen Waaqayyoo kun dhuguma du'ee?" jedhee irra deebi’ee raajicha gaafate. Raajichis miira sodaan guutamee "Eeyyee" jedhe sagalee isaa ol kaasee. Sareen Waaqayyoo sun akka lubbuun hin jirre irra dedeebiin erga itti himameen booda gammachuun mootii Malkaa guutummaatti gaddatti jijjiirame. Naasuu sarichaa Malkaan waan qabatee gad dhiisu wallaalee, "Tarii daandii ittiin gara maasaraa mootummaakootti iittin debi'u wallaale ta'aa! Mee irra deebi'ii Waaqayyoon gaafadhu tarii yoo du'uu baate bade wayya" jedhee suuta jedhee raajicha gaafate. Ammas itti dabalee "Tole kanaa ta'eemmoo misirrittii akkamiittiin beekna?" jedhee mootichi gaafannaan raajichi ammas mataa isaa raasee,"Rakkoon jiru kanuma" jedheen. "Misirrittiin nama Waaqayyoo haadha manaa mootichaa haa taatuuf filatedha, garuu ammaaf harka keenyaan ala jirti. Karaa fi kallattii isheen jirtu sirriitti arguu hin danda'u." jedhe. Mootichi sagalee isaa ol kaasee, "Maal akkamiittiin sareen du'uu isaa argitee lafaa fi kallattii argama durba feedhii Waaqayyoo argaa dhabde?" jedhee akka loluu tokko ta'e. Raajichis akka aaruu ta'ee, "Waaqayyoo ishee natti hin mul'ifne" jedhee deebiseef. Itti dabaluunis, "Mucaan durbaa kun bakka namni hin arginee fi bakka namni hin eegne jiraatti." jedheen. Mootiin Malkaan fuula raajicha asii fi achi deddeebi'ee, "Egaa amma maal gochuu qabnaree?" jedhee raajicha gaafate. Itti dabalees Biyyi Mootii malee bulaa jirti. Ani biyyatti dura bu'ee gaggeessuuf gaa'elli dirqama akka ta'e ni beekta, Akkamittan haadha manaa koo argadha?" jedhee mootichi akka dheekkamuu taanaan raajichis lafa ilaalee erga xiqqoo itti yaadeen booda "Hin beeku" jedhe deebiseef. Mootichis isa asiif achi deddeebi'u dhiisee akka ofirra gad taa'uu godhee of tasgabbeessuuf yaalullee miira naasuu, aarii fi dhiphina isaa to'achuu hin dandeenye. Mana qulqullummaa raajicha fulduratti akka aadaatti mallattoo nageenyi guutuu dhabamuu kan ibsu obomboleettiin hamaa tokko ka'ee awwaara samiitti ol dhaabnaan jaarsoliin hunduu sarichi akka du'e mirkaneeffatan.

Thanks for joining us
Welcome to our channel

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Bakka argama maasaraa mootummichaa irraa fageenyatti kan argamu keessatti dhahoo bosona qarqara gandichaatti argamu jala teessee, Hawwiin ofitti kolfiti, guyyoota lamaan Faayi midhaginaa daayimandichi harka ishee turetti nama qofa osoo hin taane simbira dheessaa jiraatti. Guutummaan mootummaa gandichaa akka ishee barbaadaa jiru isheenis abjuutti yaaddee hin beektu. Isheen haadha manaa mootichaa ishee Waaqayyo mootichaaf filatedha jedhee namni tasuma tilmaamu hin jiru. Hawwiin faaya midhaginaa diyaamandii irraa hojjetame sana uffata moofaa yeroo hunda of harkaa hin dhabne sanaan martee hiitee mormatti erga rarraafattee sa'atiiwwan baay'ee darbaniiru. Gochaa fi jechaa akka namoonni maraatuu jedhanii ishee waaman ishee taasise sana itti fufte. Sababa malee kolfuun, sababa malee boo'uun, ....
Itti fafa......

Fuula Facebook koo hordofuu hin dagatinaa, kutaan itti aanu akka isin hin dabarreef, yeroo dubbistanii xumurtan comment godha. Yaadni keessan kutaa itti aanuuf humna kiyyadha!
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜… β˜…β˜…β˜…
Waan Dubbistaniif Galatoomaa!

Thanks for joining us
Welcome to our channel

β˜…β˜…β˜…MARAATUU FILATAMTE β˜…β˜…β˜…β˜…
Kutaa 1
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜… β˜…β˜…
Ganda baadiyyaa Cillimoo jedhamtu tokko keessatti waa'een dargaggeessa tokkoo dhimma namoota hunda ta'ee dudubbatama. Maqaan isaa Malkaa jedhama ture. Malkaan tokkicha ilma mootii nama maqaan isaa Obbo Galmaa Xiiqii ture. Obbo Galmaa Xiiqii Mootii gandicha cillimoo bulchuurra darbee guutummaa biyyaatti beekamudha. Ilmi mootii kana Malkaan dheeraa fi qajeelaa ture. Malkaan mucaa bareedaa bifti fi amalli isaa walsimaa ta'edha. Mucaa shamarran baay'een jaallatamudha. Naatoo uumaan akka badhaasaatti kenneefiin dabalatee seeqni ilkaan isaa durboota baay'ee waraana tokko malee mana hidhaa jaalalaa ofiisaatti booji'a. Kolfii fi simboon dargagummaa isaa dubartoonni dullooman gaabbii dullumaa quba akka nyaatan godha. Dubartoota gurguddoo akka shamarran xixiqqootti kolfisiisee jaalalaan laphee isaanii booji'ee darba. Mil'annaan ija Malkaa akka xiyyaa harka jagnaatii darbatamee laphee durboota waraanaa oola. Ifti ija isaa akka biiftuu ganamaa namoonni ilaaluu akka dadhaban godha. Qalbii tasgabbaa'aa qaba ture. Namoota naannoo isaatiif fakkeenyummaan kan beekamudha. Namoonni isa beekan daa'immaan isaanii akka mucaa kana akka ta'aniif hawwu ture. Fakkeenya godhatanii akka guddataniif namoonni ijoollee isaanii ittiin gorsu. Haadholiin ilmaan isaanii gorsuuf fakkeenya gaarii godhanii isa fayyadamu turan. Isaanis "Malkaa ilaalaa, inni nama namoota hundumaa kabajee kabajamudha, akka isaa ta'uuf yaalaa" jedhu. Ji'oota muraasa booda abbaan isaa biyyicha bulchaa ture Mootichi Obbo Galmaa Xiiqii addunyaa kanarraa du'aan boqote. Gaddi guddaan biyyichatti gale. Guutummaan gandichaa guyyoota hedduu gaddee boo'e. Dubartoonni gandichaa akka aadaa isaaniitti lafa taa'anii sirboota gaddisiisaa sirbaii sirbaan gadda isaanii ibsataa turan. Biyyattiin yeroodhaaf mootii malee bulaa turte. Sirni awwaalchaa darbee erga gandittiin gadda irraa bayanatteen booda, akka aadaa biyyichatti ilma Mootichaatu bakka abbaa isaa bu'ee biyya bulcha ture. Mucaan mootichaa Malkaan mootii haaraa ta'e gara biyyicha bulchuutti dhufe. Malkaan mucaa waan hundumaan biyyicha keessatti leellifamu ture.

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Malkaan umuriidhaan dargaggeessa ta'ullee, aadaan biyyichaa teessoo mootummaa abbaa isaa akka dhaaluuf dirqamni itti kenname. Akka duudhaa fi sirna biyyichaatti uummanni biyyichaa yaa'ee gonfoo abbaa isaa Malkaaf kennuuf walii gale. Uummata biyyichaan kan leellifamu Malkaan mootii haaraa ta'e biyyicha akka bulchuuf itti walii galame. Haa ta'u malee, sirni muuddaa aangoo taasifamuun dura ulaagaan guutamuu qaban hundi sakatta'amuu akka qaban murtaa'e. Ulaagaalee barbaachisan keessaa inni tokko gaa'eladha. Akka duudhaa biyyichaatti namni tokko biyya bulchuun dura gaa'ela dhaabee mana isaa sirnaan bulchuu qaba ture. Malkaan dargeessa reefuu bishaan isaa ho'u waan ta'eef abbaan isaa osoo hin fuusisiin irra boqote. Malkaan mootii haaraa ta'ee biyyicha bulchuuf kan itti hanqatus gaa'ela dhaabuu qofa. Fuudhuun dirqama ture. Akka aadaa uummata naannichaatti dargaggeessi tokko fuudhuuf bareedina fuulaa ykn boca qaamaa ilaaluun fuudhaaf filata miti. Firri siif jaallatee intala abbaa abaluu fuudhi siin jedha ykn ofiikee ilaalte jaallattee fuuta osoo hin taane haadha manaa Waaqayyootu namaaf kenna jedhameet amanama. Akkaataan isaanii ittiin fuudhan kun ajaa'ibaa fi hawaasicha biratti baratamaa ture.

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Innis akkas ture. Saree Waaqayyoo kan jedhamutu jira. Sareen Waaqayyoo kun maasaraa mootummaa keessatti hidhamee eeggama. Sareen kun feedha Waaqayyoo malee gad hin ba'u. Sarichi gaafa ilmaan moototaa fuudhaaf ga'an qofa maasaraa mootummaa sana keessaa gad lakkifamee mucaa durbaa ilmi mootii fuudhu barbaachaaf ba'a. Sareen kun fedha Waaqayyoon waan gaggeeffamuuf Saree Hafuuraa jedhamuunis ni beekama. Sareen kun bifa magaala kan qabu yoo ta'u, ija nama naannoo isaa akka salphaatti hubatu qaba ture.

Thanks for joining us
Welcome to our channel

Guyyaa misirroon misirrittii filatutti sareen kun faaya midhaginaa daayimandii kan baay'ee bareedu, gatiin isaa baay'ee qaalii tilmaamaan biyyicha guutummaatti bituu danda'uu fi baay'ee ifu kan dukkana keessattillee baay'ee ifee mul'atu mormatti hidhamee Sareen Waaqayyoo gad lakkifame misirroodhaaf misirrittii barbaacha deema. Akka maanguddoonni naannichaa jedhanitti Faayi midhaginaa diyaamandii kun umurii dheeraa hundeeffama gandicha sana caala akka dulloomee fi baay'ee qaalii akka ta'e dubbatu.

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Seerri sun salphaadhumatti akkas ture. Akka aadichaatti halkan bariitu misirrittiin itti barbaaddamuuf jettutti mootichi kophaa isaa sirna dhoksaa nama hundaaf ifa hin taane raawwata ture. Sirnicha ilma fuudhaaf qophaa'e sanarraan kan hafe namni gandichaa kamiyyuu akka arguu fi beeku hin hayyamamnuuf ture. Sirnichi raawwatamaa bulee erga lafti bari'een booda sareen sun ni gadhiifama ture. Sareen kun ariitii fi saffisa guddaan gandicha guutuu keessa waliin ga'ee yoo durbi fedha Waaqayyoo hin taane gandicha keessa hin jirre darbee, gandoota bira illee akkasumas yeroo tokko tokko immoo mootummaa mootii sanaa keessaa ba'uunis gara mootummaa ollaattillee bobba'ee durba ilma mootichaaf taatu barbaachaaf deemsa isaa itti fufa ture. Hanga ergama ergame sana galmaan ga'utti daqiiqaafillee hin dhaabbatu ture. Bakka sareen sun dhaabbattee fi faaya midhaginaa diyaamandii sana gadi buuse hundatti haadha manaa mootichaa isheen fedha Waaqayyoo manicha sareen Waaqayyoo diyaamandiichaa fulduratti buusedha jedhameet amanama. Intalli warra manichaa eenyullee haa taatu; kan warra sooressa ykn hiyyeessa, beekamaas ta'ee hin beekamnee, guddoo ykn xiqqoo ykn Filannaa qomoo malee fedha Waaqayyootiin fuudhu. Waaqayyo sababa qaba jedhanii amanu turan. Yeroo kanatti mootichaas ta'ee namoonni gandichaa walitti qabamanii "Waaqayyoo mootii keenyaaf intala abbaa eenyuu filate?" jechuun walirraa fuudhanii haasa'u. Dhaggeeffannaan namoota gandichaa guutummaatti intala abbaa eenyuutu haadha manaa mootichaa ta'e jedhanii gurra isaanii qeensanii oduu haaraa dhaggeeffatu. Aadichi saba sana biratti baratamaadha.

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Yeroo hundumaa akkas ture. Madda filannoo haadha manaa mooticha sanaa namni waan hin beekneef, namoonni gandichaa durba geessuu qaban hundi; abbootii fi haadholiin hedduun intala isaanii mootichatti heerumsiofachuuf Sareen Waaqayyoo sunis salphaadhumatti akka isaan argatuuf halkaniin ijoollee durbaa isaanii uffachiisanii bareechanii maasaraa mootummichaa duratti walitti qabanii dhaabbatu turan. "Mootiin intalakoo haa fuudhu, kankoo bareedduudha" jedhanii Sareen Waaqayyoo sun fuula mucaa isaaniitti fide faaya midhaginichaa diyaamandii sana akka buufatuuf saricha ijaan kadhatu turan. Inni kaanis "Intalli mootii kanaaf taatu ishee kanadha" jechuun sagalee baasanii walitti qabama jaraa sana keessatti dubbatu. Wal falmii fi wal morkiin bifa, ogummaa, amalaa fi kkf tiif taasifamuu maasaraa mootummaa sana fulduratti gurra nama dhukkubsa. Inni tokko "Intalli koo hunda isaanii caalaa nyaata bilcheessiti. Mootiin gaa'elaaf ishee fuudhuu qaba..." jedha. Kan biraan immoo "Intalli koo hunda caalaa bareedduudha. Waaqayyo ija qaba" jedhee dudubbii bifa kadhaa Waaqayyoo of keessaa qabu dudubbatu. Abbootiin tokko tokko intallikoo maaf hin filatamnee lola kaasuu. "Waaqayyo dogongora hojjetamoo maaf intalakoo argaa dhabe?" jedhanii yaada muffii kaasu. Fedhiin namoonni gaarummaa intala isaanii ilaalanii ykn firooma mootichaa barbaachaafis haa ta'uu mootichaaf intala isaanii hawwanis yoo baay'ateyyuu, seerri sun gonkumaa hin jijjiiramu. Kun kana ta'ee osoo jiruu halkanuma sirnichi itti raawwatamu sanatti mootii Malkaan mana kutaa maasaraa mootummichaa keessaa isa baay'ee qulqullummaa qaba jedhamee amanamu ykn isa sareen fedha Waaqayyoo keessa jiru keessatti ol galee keessan ofitti cufe. Alarraa Addeessi ni ba'a ture. Namoonni gandicha intala isaanii mootichatti heerumsifachuuf halkan sana guutuu maasaraa mootummichaa dura bulanis hunduu ni callisuu ture.

Thanks for joining us
Welcome to our channel

Kuticha keessatti mootichi adeemsa durii jaarsoliin aadicha barsiisan hordofee raawwachuu itti fufe. Akka aadaa isaanii fi barsiifamanitti jechoota guutummaatti namootaan hin hubatamne dudubbata ture. Sirnicha erga xumureen booda harka isaa fuudhee adda saree sanaa irra kaa'e. Alatti sirni callisanii sagalee mootichaa jechootni isaa hin hubatamne sanaa dhaggeeffachuun akkuma itti fufetti ture.

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Sirnichis xumurame. Osoo hin yaadamiin balballi mana kutaa mootichi keessa jiru sun baname. Sareen fiigee ba'e. Ammalle yeroon isaa halkan ture. Ni dukkanaa'a. Faayi midhaginaa daayimandii sun hanguma sarichi socho'u ifaa deema. Dukkana naannichaas ni ibse. Sareen kun tuuta baay'ee intala isaanii mootichatti heerumsifachuuf halkan sana guutuu achi bulan bira kutee darbe. Hanga iji isaanii arguuf isaaniif eeyyame hiixatanii sarichi gara isaanii dhufee, Intalli isaanii mootichatti akka heerumtuuf ijaan kadhatanillee Sareen Waaqayyoo kun qonna, mukeen gurguddoo, micireewwanii fi godoo namoota baay'ee bira kutee darbee fiigicha isaa itti fufe. Lafa foolii fuudhaa, gara bitaatti, achiis gara mirgaatti gaggaragale haadha manaa mootichaa barbaachatti ka'e. Ijoolleenii fi dargaggoonni dhiiraa hanga tokko duukaa fiiganii "Intala abbaa eenyuutu haadha manaa mootichaa ta'a?" jedhanii baruuf fagoodhaa saricha hordofan, garuu namni tokkollee itti dhihaachuu dadhabe. Sarichi fiigicha kiilomeetira hedduu erga fiigeeen booda, qarqara gandaa cillimootiin ba'e. Qarqara gandichaatti intalli namni hundi beeku tokko ni jiraatti turte. Maqaan ishee Hawwii jedhamti. Namoonni durba maraatuu jedhanii ishee waamu. Maqaan namoonni kennaniif kunis amalumaa fi gochaa mucaan kun qabdu irrattti kan hundaa'edha. Hawwiin ofumaan haasofti. Homaa tokko malee kolfiti. Guyyaa tokko tokko sirbite, guyyaa tokko tokko immoo boossi. Rifeensi ishee yeroo hunda awwaara'aadha. Uffanni ishee cicciramaadha. Ijoolleen naannoo ishee sodaatu, ga’eessonnis daandii isheen irra baate irra hin ba'an. Namootarraa fagaattee jiraatti turte. Ganama Sareen Waaqayyoo sun itti gad lakkifamee sanatti Hawwiin namootarraa fagaattee naannoo muka guddaa naannoo isaanii jiru tokkoo naanna'aa turte. Waan fiigu tokko fagoorraa argite. Saffisaa guddaan waan baay'ee calaqqisu baatee fiigaa akka jiru hubatte. Hawwiin ni dhaabbatte. Waan fiigaa jiru sanas ijaan ilaaltee sammuu ishee waa adda baafachuu dadhabe sanaan Sareen na ari'aa jira jettee yaadde. Sarichi gara ishee fiigaa jiru adda baafatte. Isheenis gad jettee dhagaa tokko fudhatte. "Badi asii!" jetteesarichatti iyyitte. Sareen sun fiiguu itti fufe. Isheen aariidhaan dhagicha ol fudhatte sana darbattee saricha sana adda isaa dhoofte. Sareen sun battaluma sanatti jechuun kufe. Faayi midhaginaa daayimandichis irraa lafa dhahe. Hawwiin gara fuulduraatti fiigde.

β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…
Fuula Facebook koo hordofuu hin dagatinaa, kutaan itti aanu akka isin hin dabarreef, yeroo dubbistanii xumurtan comment godha. Yaadni keessan kutaa itti aanuuf humnadha!

Waan Dubbistaniif Galatoomaa!

Hiree Galgalaa

Thanks for joining us
Welcome to our channel

πŸ”΅πŸŸ’πŸŸ‘MARAATUU FILATAMTEπŸŸ‘πŸŸ’πŸ”΅
🟠🟑KUTAA 7ffaa🟑🟠
Kutaa 1ffaa hanga 6ffaa yoo isin jalaa darbe profile kiyya jala galaatii gadi scroll godhaa barbaadaa dubbisaa.
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜… β˜…β˜…β˜…
Abbaan Galanaa obbo Tulluun ija isaa Hawwii irrattti kaayyeffatee xiyya isaa kallattii lapheen Hawwii jiru irra dhaabee funyoo hiddaa isaa harkise. Xiyya sadan harkatti qabatee jiru sana keessaa isa jalqabaa gadi lakkise. Xiyyichis harka ariitiin waan futtaafameef saffisa guddaan gara Hawwiitti furguggifamee akka carraa ishee bira darbee balali'ee dhaqee muka guddaa naannoo isheen teessu jiru sana rukute. Huursa xiyyichaa fi sagaleen inni muka naannoo ishee jiru ittiin dhahe sun yaada Hawwiin ittiin liqimfamtee jirtu sana keessaa baay'ee ishee wareerse. Ni naate. Utaaltee lafa teessee jirtuu osoo itti hin yaadiin kaate. Hawwiinis akka tasaa waan isheetti duulame kana arguun sagalee ishee ol fuutee iyyite. Eenyu akka ta'e adda baafachuu baattus miidhaa isheef akka ta'e hubachuun ishee hin rakkisu. Naasuu fi sodaan akkaa fi akitoo ishee dhorkani. Gad jettee faaya miidhaginichaa diyaamandii naasuuf jettee lafatti darbattee utaalte sana gad jettee "laph" goote. Sodaa fi naasuun kallattii isheen itti baqattu waan ishee dhorkeef filannoon isheen qabdu tokkoof inni dhumaa bosonichaatti baqachuudha. Fiigdee bosonicha keessa gad seenuuf batattiftee fiiguutti teesse. Harki obbo Tulluu waa aggaamee tasumaa dhabee hin beekne guyyaa sana yeroo jalqabaatiif Hawwiitti aggaammate dhabe.

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Abbaan Galanaa obbo bbo Tulluun aariidhaan xiyya biraa harka keessaa qabu sana hiddaa isaatti galfatee ammas kaayyeffatee akka gad-jilbeenfachuu wayii ta'ee funyoo hiddaa isaa harkise. Xiyyichis inni lammaffaan immoo Hawwii duukaa balali'ee koronyoo ishee lamaan gidduu darbee lafatti dirame. Ariitiin fiigicha ishee Hawwii xiyya obbo Tulluu jalaa oolcheera. Hawwiin of duuba hin ilaalle. Hanga ija Abbaa Galaanaa jalaa dhokattutti fiigde. Abbaan Galanaa obbo Tulluun aariidhaan gurraacha'e. Nama bineensotni baay'ee saffisuun beekaman kanneen akka kuruphee, bosonuu fi qeerransi takkaa xiyya isaa jalaa ba'anii hin beekne intalli maraatuun fiigdee xiyya isaa jalaa ba'uun itti dhaga'ame. Hawwiin yeroo kana fiigicha Atileet Daraartuun ittiin fiigdee yeroo jalqabaaf dubartii Afrikaarra badhaafamtuu Warqee taate sana fiigdee bosona sana keessa fagaattee gadi badde. Xiyya sadaffaa butatee hiddaa isaatti galfatee, "Kun didnaan, inni arfaffaan kan kiyya" jedhee akka duukaa fiiguus godhee xiyya isaa sadaffaa futtaasuuf ofirra gad ququphane. Osuma quphanee ija isaa tokko dhaamsatee Hawwii irrattti aggaammate jiruu fageenyarraa sagalee muddaman maqaa isaa waamu dhaga'e. "Abbaa Galaanaa! Abbaa Galaanaa! Abbaa Galaanaa! Tulluu!" jedhamee waamicha iyya makate wayiin waamame. Iyyichis fagoodhaa waan dhufeef malee sagaleen haadha Galaanaa tasumallee abbaa Galaanaa jalaa hin badu.

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
"Tulluu! Tulluu!" sagaleen jedhu ammas gurra abbaa Galaanaa seene. Sagalichi garuu kan aadde Caaltuu ture. Obbo Tulluun ni na'e. Sagaleen sun ammas dhufe, miira muddama of keessaa qabuun daran jabaate obbo Tulluu mataa isaa garagalche. Gurri isaa sagaleewwan kana haa keessummeessu malee, xiyyi isaa ammallee kallattii Hawwiitti kaayyeffatamee jira, garuu harki isaa raafamuu jalqabe. Osuma harkaan hoollachaa, ijaan kallattii Hawwiin bosona seente ilaalaa jiruu, iyyi ajaa'ibaa kan duraa irra adda ta'e tokko dhaga'e. Sagalichi baay'ee guddaa fi sodaachisaa ture. Bosonichi sagalee sanatti gohaa (owwaattuu) itti godhee wal jalaa qabee sagalicha irra deddeebiin dhageessise. Iyyichis kan namaa osoo hin taane sagalee bineensaa ture. Obbo Tulluun iyya haadha manaa isaa caraansa guddaa of keessaa qabu dhaga'e. Achumtti naasuun qorre. Harkaan xiyya isaa sadaffaa akkuma kallattii Hawwiin jirtuum aggaammate jirutti morma isaa immoo gara duuba isaa kallattii iyyichi dhaga'amuutti naanneffate. Innis xiyya qabatee jiru sana lafatti gad darbatee, β€œCaaltuu! Caaltuu!” jedhee iyye. Waa'ee Hawwii battalumatti dagate.

Thanks for joining us
Welcome to our channel

Qaamni isaa guutummaatti naasuun of wallaalee hadoodus, hamma miilli isaa isa baachuu danda'utti fiige. Jabinni isaa battalumatti bishaan ta'e. Innis bosona keessa takka kufaa takkammoo ka'aa, takka addaan mukatti bu'aa takkammoo qoraattiitti of butaa naasuun batattisee fiiguutti taa'e. Meeqa gufatee kufaa, ammas ka'ee ija isaa babaasaa haadha manaa isaa barbaaduutti ka'e. Sagalee isaa naasuun akka fi akitoo gad lakkise sanaan, β€œCaaltuu! Caaltuu!” jedhee ammas irra deddeebiin iyyee waame. Iyyee waamus bosonni sagalee isaa jalaa qabee owwaachuu irraan kan hafee deebii hin arganne.

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Osuma oliif gad jooree jaawwaruu, bosonicha keessaa bakka banaa xiqqoo tokko ga'e. Akkas gara bitaa isaatti yoo mul'atu waan amanuu hin dandeenye tokko arge. Haati Galaanaa Caaltuun dhiiga jigee akka lagaa yaa'u keessa diriirtee ciifti. Dhagni ishee guutummaatti mocoramee cicciteera. Waraabessi tokko sokoksaa miila Abba Galaanaa dhaga'ee haadha Galaanaa dhiigaan laaqamtee jirturra dhaabbatee ofirra garagalee ijaan Abbaa Galaanaa ofirratti mil'ate. Yeroo Abbaan Galanaa fiigee, naasuu daddarbamaa itti fiigu waraabessichi sun utaalee duubatti deebi'e gara bosonicha isa dukkanaa'uutti fiige. Naasuu taatee kanaafu danda'ee bineensicha hin rukutuuf malee osoo rukutuuf yaadeeyyuu Abbaan Galanaa hiddaa fi xiyya isaanii bakka duraan iyyaa fi caraansa aadde Caaltuu dhaga'etti darbatee sokke. Obbo Tulluun jilbeenfatee kufe. "Caaltuu! Caaltuu..." jedhee iyya boo'ichaan makee iyye. Lafa irra gangalatee hanga laagaan isaa baqaqutti iyyee boo'e. Iddoo kufee jiruu jilbaan gara cinaa aadde Caaltuutti curruuqee harka isaan lubbuun keessa jiraachuu mirkaneeffachuuf ishee qaqqabate. Dhagni ishee cabbaa'eera. Iji ishee banaa ta'us hin sochoone. "Caa.... Caa..... Caaltuu! Dammaqi" jedhee ammas sagalee isaa ol kaasee iyyus isheen garuu deebii hin kennitu turte. Obbo Tulluun suuta jedhee ishee raasee, "Lakki... lakki... lakki..." jedhee boo'e. Imimmaan ija isaa keessaa lakkuu lakkuu ta'ee dhangala'e. Akka daa'imaatti kaasutti ol qabee raasee, "Asitti deebi'uu hin qabun ture. Balleessaan ana. Anatu du'uu qaba. Anatu nyaatamuu qaba" jedhe imimmaan isaan of dhiqaa.

πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Yeroo kun hundi ta'u: sagalee guddaa bosonicha jeeqee dabalatee waamicha aadde Caaltuun Abbaa Galaanaa waamte akkasumas watwaannaa obbo Tulluu hundumaa Hawwiin fagoo irraa ni dhageessi ture. Yeroo kana Hawwiin suuta jettee gara sagalee boo'ichaa obbo Tulluutti miilaan suuta jettee qaxxisuun muka guddaa lama gidduu dhokattee ilaalti ture. Isheenis faaya midhaginaa diyaamandichaa harkatti qabattee teessee yaadaan Abba Galaanaa faana dhiphatti ture. Namichi maaliif akka ishee irratti kaayyeffate yaaddee beekuu baattus, Sodaan bosonichaa fi gaddi obbo Tulluu garaa ishee raaseera. Obbo Tulluun hanga sagalee isaa laafutti iyyee gadoodee erga boo'een booda yeroo aduun qara cabsachuu jalqabdu aadde Caaltuu suuta jedhee ol kaase gara mandara naannoo mana isaaniitti ishee baatee deeme. Yeroo inni achi ga'u namoonni gandichaa walitti qabamanii wanta sodaachisaa fi rifaasisaa kanaan argaani baay'ee na'an. Yeroo kana Galaanaan gara kallattii obbo Tulluun jiruutti fiige. "Maama! Mama!!!" jedhee boo’e. Abbaan Galanaa obbo Tulluun dubbachuu hin dandeenye.....

Itti fufa...... Waan gara fuulduraatti ta'us tilmaamaa deemaa

Fuula Facebook koo hordofuu hin dagatinaa, kutaan itti aanu akka gad-dhiifameen akka isin qaqqabuuf, yeroo dubbistanii xumurtan like fi comment akkasumas namoota dubbisuu qabu jettan mention fi share godhuu hin dagatiina. Yaadni keessan kutaa itti aanuuf galaadha!
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜… β˜…β˜…β˜…
Waan Dubbistaniif Galatoomaa!

Thanks for joining us
🟑MARAATUU FILATAMTE🟑
🟒🟑KUTAA 8ffaa🟑🟒
Kutaa 1ffaa hanga 7ffaa yoo isin jalaa darbe profile kiyya jala galaatii gadi scroll godhaa barbaadaa dubbisaa.
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜… β˜…β˜…β˜…
Mootiin Malkaa kophaa isaa kutaa maasaraa mootummichaa keessa yaadaan badee nyaara guuree taa'a. Guutummaan mooraa maasarichaa callisaan erga liqimfamee guyyoonni baay'een lakkaa'amaniiru. Sagaleen hojjettootaas ta'ee nama kamiiyyuu achi keessaa hin dhaga'amu. Nama qofa mitii simbirroonni mukeen gurguddoo naannoo maasaraa mootummichaa jiru irrattti galan iyyuu ni callisan. Namni hafuura raafuu baafatu tokko illee hin jiru. Fuulli mootii Malkaa inni bareedaa sun erga jijjiiramee tuttureera. Akkaataan isaa hundi nama sodaachisa. Hirribni halkanis ta'ee guyyaa yeroo tokkoof illee qabee hin beeku. Kolfuu fi taphachuun haa hafuuti, ija jabaatee dhimma haasa'amuu qabuyyuu kan dubbatu ni dhabame. Oduu waa'ee misirrittiillee namni afaan saaqqatee dubbatu tokkollee hin jiru. Mootii Malkaatti miirri nuffii akka dhaga'amaa jiru fuula isaarraa dubbata. Garaan isaa waan hundumaan gowwomfamaa akka jiru itti hasaasa. Dubbii Jaarsoliin biyyaas ta'ee namni kamuu Isa jajjabeessuuf itti dubbatan dhaga'uu nuffeera. Osuma nyaara guuree, harka isaa bitaa fi mirgaa wal jala dabarsee yaadaan badee taa'uu osoo itti hin yaadiin harka isaa waliin maree jiru keessaa tokko hiikee teessoo fuula isaa jiruutti aarii ba'ee achumaan adda isaa gad gombifatee of to'achuuf yaale, "Amma waan hundumaa nuffeera: teessuma hojii malee dadhabeera. Kanaaf, as taa'ee ofitti gubadhee, firootaa fi hojjettootakoo boqonnaa dhoowwachuu irra dededdeemee miila hiikfachuu fi omishni midhaanii hojjettoota maasaraa mootummichaa maal irra akka jiru baruun qaba" jedhee ofumaan ofitti haasa'uutti ka'e. Jaarsolii biyyichaas fi eegdota isaa dhimma kana isaan beeksisee ba'ee qajeele. Mooraa maasarichaa irraa xiqqoo fagaatee daawwannaa waantota nama bashannansiisan akkasumas qonna mootummichaaf qotamee jiru maal maal irra akka jiru beekuuf daawwannaa ademsisuuf murteeffate.
πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Innis ka'ee masaraa mootummaa keessaa ba'ee, lafa qonnaa guddaa gandaan ala jiru daawwachuuf murteesse. Lafti bal’aa fi magariisa ture. Hojjettoonni isaa kaleessumtii Mootiin Malkaa daawwannaaf ba'u kanatti achitti inni kaan midhaan facaasaa, inni kaan immoo maasii qulqulleessuun hojii isaanii akkuma itti fufanitti jiru. Yeroo inni achi ga'u hojjettootni tokko tokko ammayyuu hojiitti jiru. Yeroo isa argan hundumtuu dabareen dhufanii fuula mootichaatti jilbeenfatanii "Mootii koo! Mootii koo! Mootii koo!" jedhanii tokko tokkoon nagaa gaafatan. Mootiin Malkaa harka isaa raasee nagaa isaan gaafachaa, afaaniin immoo isaa eebbisaa, "Jabaadhaa! Ani calliseetumaan naanna'uu qofan barbaadaa, isin hojii keessan itti fufaa" jedhee midhaan ijatti baay'ee tolu kan hojjettootni hojjechaa jiran gidduu suuta jedhee asii fi achi naanna'e. Hojjettoonnis kan dur hojjettootan irra caalchisanii hojii isaanii itti fufan. Inni kan ni qota. Inni kan lafa qulqulleessa. Inni kaan immoo ni shoggora. Hunduu akkasiin hojiitti jiraachuun mooticha gammachiiseera. Dafqi isa kaan fuula fi illee isaanii irraan gad copha. Isa kaaniin immoo baay'ee dadhabuurrran kan ka'e, hanga uffanni isaanii irrattti jiidhuutti dafqaniiru. Kana hundumaa mootiin Malkaa ilaalee ajaa'ibiifataa ture. Hojjettoota hojjechaa jiran keessaa tokko ija lafa jalaatiin mootii hatee hatee ilaalaa ture. Osuma hatee hatee ilaaluu tasa iji isaa ija mootii wajjiin wal irra bu'e. Innis akka qaanfachuu wayii ta'ee xiqqoo ishee kolfee "Mootii! Hojiin kun salphaa miti" jedheen . Mootichis kolfee, "Baay'ee gaarii hojjechaa jirtaam!" jedhee deebi'ee nyaara guure. Hojjettootaan tokko immoo meeshaa bishaanii biqiltoota keessaa obaasuuf itti fayyadaman sana ol kaasee akkasumas sagalee isaa ol fudhatee, "Mootii koo! Maaloo maaliif yaaddoftaa? Nu hojjettootnikee si boonsaa jirraam! Nuti sin gammachiisnu amma?" jedhe. Mootiin Malkaa xiqqoo kolfee, miilaan gara hojjeticjaatti siqee, "As natti kenni sin gargaaraa" jedhee akka inni meeshaa bishaanii itti kennuuf harkaan hawwate.
Hojjetichis mataa isaa raasee, "Kun tasumaa hin ta'u" jedhee dide.
πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Mootichis dirqisiisee irraa fuudhee, "Harka kootiin erga hojjedhee yeroo dheeraa ta'eera" jechaa harkaan biqiltuu xiqqoo tokko irratti bishaan dhangalaasee, "Ilaa! Yeroo dhumaaf yoom biqiltuu tokko akkan obaase yaadachuu hin danda'u..." jedhee yaadaan yaadannoo yoom akka hojii harkaa hojjete yaadachuutti deebi'e. Hojjettoonni dudubbiin mooticha fi hojjetichaa dhaga'aan hunduu ni kolfan. Jarreen sana keessaa tokko yeroo mootiin biqiltuu bishaan obaasu ilaalee, "Harki kee raafamaa jiraam mootii koo" jedhe. Inni kan biraas "Eeyyen dhugumayyuu raafamaa jira" jedhe. Tokkos itti dabalee, "Ati masaraa mootummaatti baratteetta kana maalitti beekta? Mootii koo!" jedhe. Mootiin Malkaa daran kolfee sammuu isaatiin "Edaa, hojii xiqqaa kanaan akkas gammaduun ni danda'amaa? Dirreen qonnaa hanga kanatti sammuu koo bohaarsaa" jedhee hojii isaa ittuma fufe. Hojjettoonni hunduu waa'ee gaarummaa mootichaa wal harkaa butanii haasa'aa hojii isaanii ittuma fufan. Hojjettoota keessaa tokko iddoo shoggoraa jiruu ol jedhee, "Mootii koo, yeroo ijoollummaa kee yaadattee?" jedhee mootichatti dubbate. Mootichis yeroo muraasaaf hojii hojjechaa jiruu dhiisee ol jedhee dhaabbatee, "Yeroo tokko tokkoo jireenyi keessa jiran gaariis ta'u hamaa osoo dafanii keessa darbanii nama jechisiisa. Erga keessa darbanii garuu deebi'ee osoo dhufee nama jechisiisa. Jireenyi yeroo sanaa salphaa ture. Gonfoo hin qabu garuu bilisummaa guddaa qaba. Fuutee dhiistee, uffattee dhiistee, nyaattee agabuu ooltee kun hundi fedhiikee irrattti hunda'a. Dhiibbaan dirqamaan fuudhuu hin qabu ture" jedhee rakkina isaa dubbii qoolaatiin dubbate. Hojjetaan biraa mataa isaa raasee, "Mootii ta'uun itti gaafatamummaa guddaadha" jedhe. Mootiin Malkaas, "Eeyyen! Baayyee guddaadha" jedhe. Amma hunduu haasaa ho'ifatee haasa'aa jira. Hojjetaan dhoksaa dubbii qoolaa mootichi dubbate hubate tokko immoo gidduudhaan "Waa'ee Misirrittii waanta haaraa maaltu jiraa? Ergasii homaa hin dhageenyeem" jedhee gaafatee osoo inni hin xumuriin akka tasaa sagalee guddaadhan lafti ni raafame.
πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Hojjettoonni haasawa mooticha waliin godhan dhaabanii sagalee guddaa duuba midhaan isaaniiti dhaga'amu sana dhaggeeffatan. Sagalichi sagalee waraabeessaati. Waraabessichi takka ni caraana, takkammoo ni gungumaa. Hunduu naasuudhaan qorre. Maaltu uumamee? Waraabessi maaliif guyyaa bosonaa ba'e osoo jedhanii haasa'anii, hojjetaan tokko qubaan akeekee, "Ilaalaa! Waraabessi gara keenya dhufaa jiraa. Akkam goonuu?" jedhee hojjettoota akka isaa biroo gaafate. Osoo namni tokkollee hin socho'in waraabessoonni utaalanii ba'an isaan irraan ba'an. Sanuu tokko osoo hin taane kudha lamadha. Kallattii hundarraan itti dhufan. Hojjettoonni ni iyyan. Hunduu of baasuuf fiigichatti gad taa'e. Hojjettoota keessaa tokko garuu gara Mootii garagalee, "Mootii koo fiigi!" jedhee iyye. Waraabessoonni sunis hojjettoota duukaa gara fuulduraatti fiigicha jalqaban. Lafa qonnaa sana keessaa oliif gad ari'uutti taa'an. Sagaleen waraabessoonni sun dhageessisaa fiiganis sagalee guddaa fi suukaneessaa ture. Mootiin Malkaa socho'uuf yaale, garuu miilli isaa achitti qorre. Naasuu miila fudhachu dadhabe. Innis sodaadhaan yeroo waraabessoonni hojjettoota guutummaatti ari'aa turan dhaabbatee ilaalaa ture.
πŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈπŸ—£οΈ
Mootiin Malkaa sagalee dhiphinaan guute sana ol fuudhee "Heeeeey! Heeeeey! Heeeeey!" jedhee iyye. Waraabessoonni garuu isa hin dhaggeenye, isa hin argines. Hoomaan waraabessaa hojjettoota sana osuma oliif gad ari'anii waraabessi tokko garagalee mooticha arge. Iji isaa akka malee diimaa ture, gara mootichatti fiiguutti taa'e. Mootiin Malkaa iyyee utaalee abjuu halkanii irraa dammaqee. Hafuura dheeraa baafachaa saffisaan ka'ee taa'e. Dafqi qaama isaa irraa akka bishaanii yaa'a ture. Yeroo itti yaaduu kun hunduu abjuu ture. Kutaan maasaraa mootummichaa sun hunduu akkuma callisee turetti jira. Dallaa maasaraa mootummichaa sanaa keessa mallattoos ta'ee sagaleen waraabessaa tokko illee hin jiru.
Welcome to our channel

Mootiin Malkaas ka'ee dafqa isaa haxaawachaa kutaa balbala mana mootummichaa yoo banu.....Itti fufa...... Waan gara fuulduraatti ta'us tilmaamaa deemaa

Fuula Facebook koo hordofuu hin dagatinaa, kutaan itti aanu akka gad-dhiifameen akka isin qaqqabuuf, yeroo dubbistanii xumurtan like fi comment akkasumas namoota dubbisuu qabu jettan mention fi share godhuu hin dagatiina. Yaadni keessan kutaa itti aanuuf galaadha!
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜… β˜…β˜…β˜…
Waan Dubbistaniif Galatoomaa!

Thanks for joining us
The owner of this channel has been inactive for the last 11 months. If they remain inactive for the next 20 days, they may lose their account and admin rights in this channel. The contents of the channel will remain accessible for all users.
Welcome to our channel

https://et.opengohub.com/#/join?expoId=483733

Thanks for joining us
Welcome to our channel

Powered by @Manybot

Thanks for joining us
Welcome to our channel

https://et.opengohub.com/#/join?expoId=483733

Thanks for joining us
Welcome to our channel

Dear customer,You are invited to register on Apollo by 0932481322. Proceed with the onboarding process and once you have successfully completed, enter your referral phone number.
https://apollo.bankofabyssinia.com/download-apollo
Thank you!
Bank of Abyssinia

Thanks for joining us
Hi