Coqorsa Jireenyaa!
591 subscribers
247 photos
17 videos
1 file
572 links
Chaanaalii kana irraa:-
๐Ÿ‘‰ Barreefamoota xiinsammuu
๐Ÿ‘‰ Jechoota kaka'umsaa
๐Ÿ‘‰ Jireenya Milkaa'aa jiraachuf kaka'umsa YAADA fi DANDEETTII.
๐Ÿ‘‰ life coach(gorsa jireenyaa
๐Ÿ‘‰ Karaa Leenjii Gahumsa Sammuu, ni argattu
#Yaada qabdaniif๐Ÿ‘‰ @Tesfish_koket
Download Telegram
๐Ÿ‘Œ3
Jireenyi! Carraa Jalqabaa fi Isa Dhumaa!
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
"Jireenyi dhiyeessii yeroo tokkooti. Akka gaariitti jiraadhu!" (Thoughts Wonder).

โ€ข Wantoota har'a hojjechuu dadhabne, yeroo fi carraan isaa gaafa sirrii ta'e ni raawwanna. Jireenyi garuu akkas miti. Jireenyi carraa jireenya keessatti al-tokko argamtudha. Erga itti fayyadamnee booda yoomiyyuu hin deebi'u.

Carraa yeroo tokkoo kana sababa adda addaatiin utuu hin mudatin akka hin dabarre qaroo ta'i!

โ€ข Jireenya kana itti gammaduudhaaf sooressa ta'uu hin qabdu, Hiyyeessa ta'uu hin qabdu, beekamaa ta'uu hin qabdu, nama si dhiisee deeme deebifachuu hin qabdu, hin barbaachisu, waan barbaadde hunda argachuu qabda jechuu miti, garuu waan barbaadde argaachuun #milkaa'inaadha! Nama hunda biratti fudhatama argachuu hin qabdu, biyya kamuu deemtee jiraachuu hin qabdu...

Har'a jireenya guutummaatti jiraachuuf murteessuu dandeessa.

โ€ข Waan har'a qabdutti gammadi, garuu waan hin qabne argachuuf cimii hojjedhu!

โ€ข Hojii harka kee jiru gammachuu fi ciminaan hojjedhu, garuu kaayyoodhaan jiraadhu, boru fooyyaโ€™aa taโ€™uuf karoorfadhu!

โ€ข Eenyu akka taate fudhadhuu ofitti gammadi, garuu amala dhuunfaa kee kan jijjiiramuu fi fooyyaโ€™uu qabu irratti yeroo hunda hojjedhu!

โ€ข Hanga galma kee bira geessutti imala keetti gammadi, garuu hanga galma kee bira geessutti sochii kee itti fufi!

"Yeroo tokko tokko namoonni waanuma sammuu isaanii keessa jiruun ( ilaalcha siif qabaniin) si madaaluu barbaadu. Jibbas haa tahu, jaalala wanta dursanii of keessatti kalaqaniin si madaalu!" Ati garuu of qopheessi, iddoo kee bari! Lafa masoon itti si eegdu hunda caalii argami; Yoo iddoo itti madaalamtee gadi jiraatte of ilaali

......... Jireenyi itti fufa........

๐Ÿ“ฉ Jireenya nagaa fi fayyaa isiniif haa ta'u!

ยฉFb: Abdiwaaq Dammuu

@Tesfisha32

https://t.me/+f1aG8COveLNiYTE0
โค2
Addunyaa kanarratti yoo Ababoo taate #Kanniisa ofitti harkista. Yoo kosii taate moo #Tasiisa ofitti harkista.

Kana jechuun bakki ati ooltu fi Namni ati waliin ooltu murtessadha. kanaaf, Ababoo ta'ii kanniisa ofitti harkisii damma dammeessuu yaali,  malee kosii taatee akka namni sirra deemuf hin heyyamiin.

Abaaboo yoo taate damma dammeessitee dhalli namaa hundi #barruu_harkaa irratti si baata.

Kosii yoo taate, dhalli namaa hundi ofii gaditti si ilaalee funyaan qabatee si bira darba.

Kanaafuu; bara dargagguummaa keetii iddoo oolmaa fi eenyu waliin, maalis akka hojjettu sirritti tolchii beeki. Yoos ni kabajamta. ni ulfaatta. ni sodaatamta. Lafa kabajaa hundatti yaamamta.

@Tesfisha32

https://t.me/+f1aG8COveLNiYTE0
#Siif_galeeraa???

Teessoon ati yeroo dulloomtu irra teessu, yeroo dargagguummaa keetii eessa dhaabattee akka turte agarsiisaa.
    Prof. Miratu_Shanko

Waa'een filannoo jireenyaa akkuma uffata kee jijjiirtu kan jijjiirrattu miti.
Fageessanii yaaduu gaafata.

Carraalee har'a ati Akka #qoosatti tuffattee bira dabartu, waggoota muraasa booda carraa sana dhabdee jireenya kee boo'ichaaf gaabbidhaan hin guutin.
Har'a itti fayyadami, bor itti gammadda.

Jireenyi seenaa keessattis ta'e, har'as nama filatee hin beeku. Namatu jireenya filatee jiraata malee. Kanaaf, siif galeeraa??

Yoo siif gale jireenya kee har'a filadhuu, jiraachuu eegali.
Addunyaa tana irratti wanti yeroo tokko qofa namaaf kennamu yoo jiraate JIREENYA. itti hin qoosin.



https://t.me/+f1aG8COveLNiYTE0
โค1
Leenjiisaa Kabbadaa Gadaa
Dream and Reason๐ŸŽฏ
โค1
๐ŸŽˆIB/Owner: Dursa Dunfa

         On Exp Sharing ๐Ÿ“ฃ
๐ŸŽˆIB/Owner: Dursa Dunfa

         On Exp Sharing ๐Ÿ“ฃ
๐Ÿ”ฅ AMALLI KEE โ€“ WANTA JIREENYA KEE MURTEESSU!

Namoonni baayโ€™een qabeenya, maqaa fi Miidhagina duukaa fiiguโ€ฆ
Garuu wanti guddaan isaan dagatan tokko jira. Innis๐Ÿ‘‡
๐Ÿ‘‰ Amala isaaniiti!

โžก๏ธQabeenyi harโ€™a jira, boru hin jiraatu
๐Ÿ‘‰ Maqaan ni dhufa, bor ni bada
๐Ÿ‘‰ Garuu amalli kee si waliin jiraata!

Namni amala gaarii qabu:-
โœ”๏ธ Bakka hundatti ni kabajama
โœ”๏ธ Namoota hunda biratti amanama
โœ”๏ธ Rakkoon keessa kee illee furmaata argata.

Garuu yoo amala kee hin toโ€™annepp:
โŒ Milkaaโ€™ina kee ni balleessa
โŒ Walitti dhufeenya kee ni diiga
โŒ Eenyummaa kee ni dadhabsiisa
๐Ÿ’ก Dhugaan jiru kana dha:

โ€œJireenya kee jijjiiruu yoo barbaadde, jalqaba amala kee jijjiiri!โ€

#Harโ€™a of gaafadhu: ๐Ÿ‘‰ Ani nama akkamii dha?
๐Ÿ‘‰ Amalli koo na gargaaraa moo na miidhaa jira?

๐Ÿš€ Murtoo harโ€™a fudhadhu: Amala gaarii ijaaruuf hojjedhu!
Sababni isaasโ€ฆ
๐Ÿ‘‰ Amalli kee boru kee murteessa!
๐Ÿ’ฌ Yaada kee naaf barreessi:
Amala kam irratti hojjechaa jirta?
๐Ÿ” Share godhi โ€” nama tokko jijjiiru dandaโ€™a!


@Tesfisha32

https://t.me/+f1aG8COveLNiYTE0
Mul'ataa fi Kaayyoo!!

โ Ati Karoora Hin Qabdu Taanaan Namoota Karoora Qabaniif Hojjetaa Ta'uu Kee hubadhu.

เน› MUL'ATA MATAA KEE,
เน› KAROORA MATAA KEE,
เน› KAAYYOO MATAA KEE qabaadhu!!

โ Namni karoora cimaa karoorsee karoora isaa sana hojii irra hin oolchinee fi namni karoora hin qabne tokkuma.

โ Karoorsuun qofti immoo bu'aa hin qabu. Karoora karoorsaniif amanamaa ta'uun, waan nama irraa barbaachisu hundumaaf aarsaa kanfaluun hojiirra oolchuu barbaachisa.

Kana gochuu baannaan garuu umurii harka namaa eeggachuu hin qabnetti harka namaa eeggachuu, yeroo ergachuu qabanitti ergamuu, yeroo hogganuu qabanitti hogganamuu, iddoo kabajamuu qabanitti xiqqeeffamuu namatti fiduu danda'a.

โ Utuu akka namaa gaarii uffatanii, nyaatanii, dhuganii gammaduu hawwanuu, hamilee qofaan darbuu, utuu humna ofiitti fayyadamuun hin dhugoomsin, utuma kan namaa ilaalanii hawwanii jireenya ofii gadi qabuun, addunyaa irraa darbuu Waaqni nama haa baasu!

๐Ÿ‘‰ Karoorsanii karoora ofiis hojiin miidhaksuudha. Nama ta'uu barbaannaan akkasumas galma gahuu barbaadaniif hojjechuuf karoora ofiitiif amanamaa tahuun hunda caalatti nama milkeessa!

Karoora Qabaadhu, Karoora keef Amanami!

@Tesfisha32

https://t.me/+f1aG8COveLNiYTE0
#Abdii_Hin_Kutin

Jireenyi yeroo hunda karaa salphaa miti. Guyyaa tokko gammachuu argina; guyyaa biraa immoo rakkoo argin. Kufaatii fi gadda keessa darbina. Garuu wanti guddaan tokko jira โ€”innis #abdii_kutachuu_dhiisudha. Nama abdii qabu keessaa #humni_haaraan ni burqa. Namni abdii kutate garuu osoo carraan isaa dhihoo jiru illee karaa irraa deebiโ€™a.

#Milkaaโ€™ina jechuun yeroo hundumaa kufaatii dhabuu miti. Milkaaโ€™ina jechuun kufaatii keessaa kaโ€™anii deebiโ€™anii yaaluu dha. Namoonni addunyaa kana irratti mootummaa, hojii, qabeenya, beekumsa fi kabaja guddaa argatan yeroo tokko ni kufan; ni dadhaban; ni arrabsaman; ni booji'aman; ni laafan. Garuu #abdii isaanii hin kutanne. Kanaaf harโ€™a bakka guddaa gaโ€™an.
Yeroo rakkoon si mudatu isa kana of gaafadhu:
* โ€œRakkoon kun yeroo hundumaa turuu dandaโ€™aa?โ€ = lakki.
* โ€œAni kana keessaa waan tokko barachuu hin dandaโ€™uu?โ€ = ni danda'a.
* โ€œYoo harโ€™a obsaan dhaabadhe boru maaltu taโ€™a?โ€ = injifannoo argadha.

Deebiin isaa tokko โ€” #boruun_koo_ni_fooyyaโ€™a.

Namni abdii hin kutin karaa ni argata. Yoo balballi tokko cufame, balballi biraa ni banama. Garuu namni abdii kutate balbala banamu sana arguuf obsuu hin dandaโ€™u.
Jireenya keessatti yeroo tokko tokko:
โœ“ Namoonni si tuffatu.
โœ“ Hojii kee hin amanan.
โœ“ Maallaqni sirraa fagaata.
โœ“ Hiriyoonni si dhiisu.
โœ“ Karoora kee keessatti gufuun si mudata.

Garuu wanti ati yaadachuu qabdu tokko qofa:
โ€œYeroo dukkanni baayโ€™atu, bariin dhihaataa jira.โ€
Abdiin akka #ibsaati. Yeroo dukkanni jiru karaa si agarsiisa. Yoo of irratti amante, yoo hojii kee itti fuufte, yoo barachuu fi fooyyaโ€™uu itti fufte, guyyaan ati hawwitu ni dhufa.

Kanaaf:
โœ“ Harโ€™a kufte jechuun barri injifannoo kee dhume miti.
โœ“ Harโ€™a boosse jechuun boru hin kolfitu jechuu miti.
โœ“ Harโ€™a duubatti hafte jechuun yeroo hundumaa akkasuma taata jechuu miti.

Namni guddaan hundi yeroo tokko nama laafaa ture. Garuu isaan garaagarummaa isaanii kan uume #abdii isaanii kutachuu dhabuu dha.

#Ergaa!!
Abdii hin kutin. Of irratti amani. Tattaafii kee itti fufi. Rakkoon harโ€™a si rakkisu guyyaa tokko #seenaa_injifannoo kee taโ€™a. Ati of keessaa humna guddaa qabda.

โœ“ โ€œYeroo hundumaa injifachuun dhiistus; abdii kutachuu dhiisuun garuu barbaachisaa dha.โ€
โœ“ โ€œRakkoon si qunnames injifannoo kee balleessuuf miti; si cimsuuf dhufemalee.โ€
โœ“ โ€œNamni abdii hin kutin yeroo dheeraaf hin moโ€™amuu.โ€

โ€œAti yeroo rakkoon si mudatu maal goota?

@Tesfisha32

https://t.me/+f1aG8COveLNiYTE0
โค1
Sagantaan Hawwii guddaan eegamu torban isaa eeggatee kunoo dhufaa jira.

Leenjistoota jajjaboofi muuxannoo yeroo dheeraa qaban muxannoo isaanii nuuf qoodan qabannee dhufneera.

Namoonni sagantaa jabaa kana irratti hirmaachun waa irraa buufachuu fi waa'ee business hubachuu barbaaddan keessan na dubbisaa.

@Tesfisha32
โค2
#FAIL

F- first
A- attempt
I- in
L- learning
โ€œMilkaaโ€™inni abjuu qofaan hin dhufu. hojii, xiyyeeffannoo fi obsaan ijaarama.

Harโ€™a waan xiqqoo hojjetta jechuun bor #injifannoo jireenya keetii ijaaraa jirta jechuudha. Kompiyuutara fuuldura taaโ€™uun hojii qofa miti; gara fuuldura ifaatti deemuu keeti.โ€ ๐Ÿ”ฅ๐Ÿ’ป
#Project_guddaa_tokko_qabannee_jirra.

Project'n kun dargaggootaaf hojii uumuun, network babalโ€™isuu fi galii dabalataa argamsiisuu irratti xiyyeeffata.

Namoonni:- #Kaayyoo
#Abjuu_Milkaa'inaa
#Of_Guddisuu
#Focus/Xiyyeeffannoo fi
#SuccessMindset qabdan nu waliin hojjechuun milkaa'ina keessan argachuu barbaaddan #inbox na dubbisuu dandeessu.

Namoota muraasatu barbaadama.

@Tesfisha32

https://t.me/+f1aG8COveLNiYTE0
#OF_INJIFADHU!
Namni kamiyyuu jireenyuma ofiitiin qabamee oliif gadi kaatee jiraata. Dhugaan namni sitti hin himne tokko garuu ni jira. #Namni abjuu kee siif abjoochaa bulee gaafa bariโ€™u irratti siif hojjechuuf kaโ€™u hin jiru*.

Otoo ati of gargaaruuf hin murteessiinis namni si gargaaruu hin dandaโ€™u. Kunis kan taโ€™u, namoonni gara jabeeyyii waan taโ€™aniif miti โ€” baโ€™aa mataa mataa isaanii waan qabaniif malee! Namni biraan akka si baraaruu fi jireenya ati barbaaddu akka siif kennu yoo eegde bara baraan eeggataa taatee jiraatta.

Balballi egeree keetii maqaa kee ofirraa qaba, garuu banuudhaaf kan dhiibuu dandaโ€™u #si_qofa.

Jireenya keessatti gammachuun fagoo fagoo fakkaata. Dhamaatee, dafqitee otoo kuftee kaatuu; namoonni maal dhibdee baayโ€™isan milkaaโ€™anii otoo isaan ayyaaneffatanii argita.
Gammaduun hibboo hin hiikamne sitti taโ€™a.

Egaa jireenya kee gammachiisuuf maal gootaree? Baayyee salphaadha: #Xiyyeeffannaa kee salphista! Hawwii miti! โ€œTarii gaaf tokkoโ€ jechuu miti, garuu mulโ€™ata si keessaa bobaโ€™u sana qofaarratti cichita! Dhugumammoo wanti taโ€™e si keessa jira*. Sana booda hanga xumurtutti hojii kee itti fufta.

Guyyaa guyyaan, yeroo namni harka rukutu hin jirrettillee, yeroo dadhabbiin sitti dhagaโ€™amullee, yeroo shakkiin abdii caalaa sitti iyyullee! Ofirratti xiyyeeffachuun bu'uura #gammachuuti. Yeroo gara fuulduraatti tarkaanfattu, dhandhamni gammachuu dhugaa maal maal akka jedhu baruu jalqabda.

Garuu iftoomina kana dhagaโ€™i: kufaatii akka eenyummaa keetti #hin_fudhatin. Hojii tokko irratti kufaa ta'uu #dandeessa, pirojektii tokko irratti gufachuu dandeessa, garuu ati kufaatii miti.

Gati-maleessa of hin godhin. Namni si kabaju yoo hin jiraannellee of kabajuu akka qabdu beekta mitiiree? Of kabajuun of tuulummaa miti โ€” mirga kee ti. Yeroo carraaqqii kee, naamusa kee, fi guddina kee kabajju immoo mirkaneessuu namootaa kadhachuu dhiistee fuulduratti ofumaan deemuu jalqabda.

Waan hundumaa dura of injifadhu! Sammuu kee moโ€™i; isas toโ€™adhu! Seenaa durii sammuu kee keessaa โ€œCallisi! Dhiisi! Hin dandeessu!โ€ siin jedhu sana fonqolchi! Balleessi!!

Yeroo of injifattu immoo wanti bareedaan tokko ni ta'a: gammachuu dhugaa argatta. #Gammachuu dhugaan immoo waan ati dhoksitu wayii miti โ€” in babalโ€™ata. Maatii keef, hiriyoota keef, namoota hin beekneefillee ni ta'a!! Sababni isaas namni jireenya ofiitiif qabsaa'ee moโ€™ate tokko kutaa ykn mana seenu hunda ni #ibsa*. Eeguudhaan osoo hin taane ta'uudhaan gammadda.
Dr. #Oluma_Ararso

@Tesfisha32

https://t.me/+f1aG8COveLNiYTE0
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Listen ๐ŸŽถ ๐Ÿ‘‚๐Ÿ‘‚๐Ÿฆป๐Ÿ‘‚๐Ÿ‘‚
โค2
#Injifannoo
Injifannoon jechuun bakka namni kaayyoo isaa itti gaโ€™u qofa miti.
* Adeemsa keessa of jijjiiruu,
* Obsaan dhaabbachuu fi
* Kufaatii irraa barachuunis injifannoodha.
Namni harโ€™a milkaaโ€™e yeroo tokko kufee ture.
Garuu wanti adda isa godhe kufaatii isaa miti โ€” kaโ€™uu isaati.

# Yeroo namoonni si shakkan, ati of irratti amani.
# Yeroo haalli ulfaatu, ati cimi.
# Yeroo karri cufamu, carraa haaraa barbaadi.
Sababni isaa injifannoon nama hojii isaa irraa hin dheessin bira gaha.
Abjuun kee guddaa yoo taโ€™e, hojiin kees guddaa taโ€™uu qaba.

Ganama kaโ€™uun, yeroo kee sirnaan fayyadamuun, of guddisuun fi hojii kee irratti xiyyeeffachuun mootummaa injifannoo dhaabuudha.

#Nama_injifate_jechuun:
โœ“ Nama sodaa isaa moโ€™e,
โœ“ Nama hojii irraa hin dheessin,
โœ“ Nama yeroo hunda of fooyyessu,
โœ“ Nama harโ€™a isaa boru isaaf ijaaruudha.

Kanaaf: โ€œHin laafinโ€ฆ
Hin dhaabinโ€ฆ
Abdii Hin kutinโ€ฆ
Injifannoon kee karaa irra jira!โ€ #Imala kee itti fufi. ๐Ÿ”ฅ
๐Ÿ‘1