KEBY ECHO 📚 via @like
An…
Waajjira kee yennaan dhufu, dosee bututtuu qabadhee,
Hanga iyyata koo naaf dubbistutti, teessoo kee waakkadhee, yoon dhaabbadhee…
Ilaa giiftii, siif haa galu
Kan naaf malu…
Boqonnaa miilla koo caalaa, anaaf inni barbaachisu,
Boqonnaa onnee akka ta’e, ayyaanni koo si haa barsiisu
Abidda keessa koo sitti haa qabsiisu,
Waan miira koo, uumaan si haa dhamdhamsiisu👌🏿
Kanaaf…
Dosee ciccitaa sana dafii banii hafuura achi’rraa fuunfadhu,
Yoo cinaacha koo taate, iyyattoota kaawwanitti karra cufi na dhuunfadhu…
Malee,
Iyyata kaawwanis dubbisuu yoo itti hin fuftee,
Na dhaabbistee baallee iyyattoota biraatti achi yoo luftee….
Ulaa laphee koo cuftee
Qaata keessi koos si tuftee
Kanaaf…
Waajjirri kee hangan dhuftii qofa banama
Gaafa darabeen na ga’e bara baraaf ni cufama
Keenboon Abrahaam

❤2
KEBY ECHO 📚 via @like
Yeroo tokko tokko miirri kee walxaxaa ta’ee, waan keessa kee jiru jechootaan ibsuun sitti ulfaachuu danda’a. Garuu waan hundumaa ibsuuf of hin dhiphisin; namni hundi miira kee hubachuu hin qabu. Yeroo tokko tokko callistee jiraachuun, ofiif yeroo kennuun, akkasumas waan si mudate hundaaf deebii barbaaduu dhiisuun gahaa dha. Hin jarjarin, of hin komatin; gaaffiin jireenyaa yeroo hunda deebii qabaachuu hin qabu. waan hundumaa osoo hin hubatin illee, jiraachuu itti fufuu shaakali.
Keenboon Abrahaam
Keenboon Abrahaam
🥰8👍2
SEERA 1
Namni tokko yerooma barbaadde akka salphaatti sababa argattuuf, namni sun nama gatii rakasaadha jechuu miti.
Yeroo feete bilbiltee waamichi bilbila kee isa jalqabaarraa gara lammaffaatti utuu hin darbin siif dhimmamee bilbila kaasa taanaan, tarii gaafa online’s ta’u ergaa gabaabaa ergituuf battaluma ‘maal taate laata?” jedhee siif dhiphachuun haala hin mijannee fi mijatu keessa taa’eedeebisee siif barreessuun waan siif argamuuf gatii isaa gadi buusuu hin qabdu. Nama yeroo barbaadde argattu, yeroo hunda waliin haasoftu, waliin ooltu ykn guyyaa guyyaan argitu jechuun nama salphaatti ilaaluu qabdudha jechuu miti.
Yeroo baay’ee, waan guyyaa guyyaan arginuuf itti madaquu malla; madaquun keenya immoo gatii isaa akka dagannu nu taasisa. Nama fagoo jiru ni yaadanna, ni kabajna, ni hawwina; ni jaallannas garuu nama yeroo hunda nu bira jiruuf yeroo tokko tokko xiyyeeffannoo kennuu daganna.
Dhugaan jiru garuu, dhiyeenyi namaa gatii isaa hin hir’isu; fageenyi immoo gatii isaa hin qaalessu. Namoota fagootti jaallannee itti mararamnu guyyaa tokkicha qofa utuu waliin oollee ni balfina. Namoota yeroo mara nu bira jiran akka salphaatti argannu ammoo tarii utuu guyyoota muraasa of biraa dhabnee gatiin isaa nuuf galuu mala. Nama nuti akkuma tasaatti argachuu dandeenyu sana guyyaa tokko qofa arguuf kan hawwan, waliin dubbatanii oolmaa gaarii jechuuf kan dharra’an kumaatama ta’uu malu.
Abbaa, haadha, obboleessa, hiriyyaa ykn nama jireenya kee keessaa iddoo qabu, sitti dhihoo jiraachuu isaatiin qofa salphistee hin ilaalin. Nama si bira jiruufis akkuma nama fagoo jiruuf kabaja kennitu kabajaa, jaalalaa fi xiyyeeffannoo isa madaalu kenni. Namni si bira jirus akkuma warra fagoo sana miira dinqisiifatamuu qaba, kabajaa fi daangaan isaafis gatii mataa’saa qaba.
Waan har'a si bira jiru bor dhabuu dandeessa. Kanaaf, gatii nama tokkoo beekuu kan qabdu yeroo si jalaa fagaate ykn dhabde qofa ta’uu hin qabu.
Nama sitti dhiyoo jiruuf kabaja kenni; waan sitti madaqeef qofa gatiisaa hin dagatin. Namni tokko si bira jiraachuu isaatiin gatii hin dhabu. Sirraa fagaachuu isaafis gatii hin qaala’u hubadhu.
Appreciate What You Have
Keenboon Abrahaam
Bulaa egaa
@KebyEcho
Beekumsa, Yaadannoo, Hubannoof join.👇
🔗 https://t.me/KebyEcho

🥰8👏2❤1🔥1
KEBY ECHO 📚 via @like
SEERA 2
Nama si hubatu moo nama si jaallatu filatta?
Namni si hubatu hundi si jaallata jechuu hin dandeenyu; akkasumas namni si jaallatu hundi si hubata jechuun sirrii miti jedheen amana. Jaalalli nama tokko si bira tursiisa; hubannoon garuu nama sana waliin jiraachuun akka salphatu taasisa; kun ilaalcha dhuunfaa koo akka ta’e naaf hubachuu kee hin mamu.👌🏿
Yeroo baay’ee jireenya koo keessatti irra deddeebiin barnoota kana argadgeera; namoonni jaalala fi hubannoo waan tokko fakkeessuun seenessu garuu miti.
Ilaa, namni tokko si jaallatus miira kee hubachuu dadhabuu danda’a. Namni kan biraa immoo waan ati keessa darbaa jirtu sirriitti hubachuu danda’a, garuu si waliin jiraachuu ykn si jaallachuu dhiisuu mala.
Namni si jaallatu yeroo tokko tokko waan siif gaariidha jedhee yaadu siif murteessa. Waan ati barbaaddu caalaa waan inni siif sirriidha jedhee itti amanu siif filata. Kana jechuun si hin jaallatu jechuu miti beeku, garuu jaalalli isaa hubannoo gahaa hin qabu isa jennu ta’uu danda’a. Gulantaan jaalala isaa fedhii kee osoo hin taane filannoo isaatiin shallagama.
Namni si hubatu garuu yeroo ati callistu maaliif akka calliste, yeroo ati nama irraa fagaachuu filattu maal akka si mudate, yeroo ati kolfitu kolfa kee keessa maal akka dhoksite hubachuu danda’a. Garuu si hubachuun isaa dirqama siif jaalala ykn fedhii si waliin jiraachuu qaba akka jennu nun dirqu.
Dhugaan jiru tokko ani jireenya koo keessatti dubbii malee gocha namootaan gaddaa fi miidhama isaanii hedduu kanan hubadheef jiru danuun qaba. Namaaf dhimmamuu, nama dhaggeeffachuun kennaa kiyya dha jedheen amana garuu namoota sana waliin fedhii saala faallaa hariiroo biraatti geessu qabaadhee miti, waan natti kennamen hojjedhe, garaa sanaa waaqayyo ana keessatti biqilche. Akkasumas namoota naaf gaddanii na hubatanii, anatti maxxanan hedduu argeera garuu, fedhii waliin jiraachuu ykn hariiroo biraatti tarkaanfachuutiin hin goolabne.
Faallaa kanaa immoo namoonni ati hubachuuf itti dhiyaattu fedhii addaa siif qabaachuu malu kanas argineerra. Garuu jaalalli nama tokko si bira tursiisuu danda’a; hubannoon garuu akkamitti akka si waliin jiraatuuf sororee murteessa. Jaalalli miira dha; hubannoon immoo hojii, obsaa fi ilaalcha bal’aa gaafata.
Kanaaf, nama si jaallatu qofa osoo hin taane, nama si dhaggeeffatu, miira kee kabaju, garaagarummaa kee fudhatee daangaa ofiisaa kabachiifatee, daangaa kee siif kabajuu fi osoo si hin jijjiirin bifa amma wabduun si hubachuuf yaalu
, eeyyee nama akka sanaa barbaadi.
Garuu atis nama si jaallatu irraa waan hundumaa akka si hubatu eeguu hin qabdu. Namni hundi waan ati keessa dabartu tilmaamuu hin danda’u. Waan si mudatu dubbachuu, miira kee ibsachuu fi namootaaf carraa si hubachuu kennuunis si irraa eegama. Akkasi👌🏿
Hub. Jaalalli nama tokko si bira tursiisa; hubannoon garuu nama sana waliin jiraachuun akka salphatu taasisa.

👍5❤1
KEBY ECHO 📚 via @like
Utuu hindu'iin dura…🥺
Utuu hindu'iin dura, mee waan keessa darbne hundumaa haa yaadannu. Guyyaa abdii kutannee callisnee teenye, yeroo namni nu hubata jennee eegne garuu eenyullee waan keessa keenya jiru hin beekne, yeroo kolfaa fakkaannee keessa keenya garuu gaaffiin kuma tokko nu gaafachaa ture…
Jireenyi nama barsiisuuf yeroo tokko waan jaallatu irraa fageessa; waan eegaa ture immoo harkaa fuudha. Garuu waan hunda caalaa nama dhiphisu, yeroo tokko waanuma xiqqoo ta'eef gammaduu dandeenye sana har'a yaadachuu qofa.
Namni kaleessa nu bira ture har'a fagoo ta'uu danda'a. Karaan kaleessa waliin deemne har'a adda nu baasu danda'a. Waan kaleessa salphaa nutti fakkaate har'a hawwii guddaa nuuf ta'uu danda'a.
Yeroo tokko, "Bor nan milkaa'a, bor nan argadha, bor nan gammada" jennee of jajjabeessina. Garuu bor jechuun yeroo hunda kan keenya miti. Kanaaf waan gaarii har'a gochuu dandeenyu boritti hin dabarsinaa.
Tarii namni ati eegaa jirtu siif hin deebisu; carraan ati hawwitu yeroo isaa fudhata; karaa ati filattees bakka yaadde si geessuu dhiisuu danda'a. Ta'us, jireenyi bakka tokko irratti nu dhaabuu hin qabu.
Utuu hindu'iin dura, nama ta'uu haa yaadannu. Nama tokkoof sababa kolfaa haa taanu malee sababa imimmaanii hin taane. Waan qabnuuf haa galateeffannu; waan dhabneef immoo of hin komannu.
Dhumarratti, namni hundi seenaa mataa isaa qaba. Kan tokko fuulduratti kolfaa jira, kan biraa immoo seenaa isaa qofa keessatti boo'aa jira. Garuu lamaan isaanii iyyuu guyyaa borii gaarii ta'a jedhanii abdataa jiru.
Waan darbe deebisuu hin dandeenyu; waan dhufu immoo guutumaan guutuutti hin beeknu. Garuu hanga har'a jirrutti, jireenya keenyaaf hiika gaarii kennuu dandeenya.
✍️
Jiro Takile

👏5❤2🥰2
KEBY ECHO 📚 via @like
Ee…namoonni
Nuti namoonni yeroo baay’ee waan qaban caalaa waan hin qabne hawwu. Waan ofii isaatii qabuu fi qaalii ta’e moggaatti dhiibee waan namni biraa qabu dinqisiifata.
Gammachuun namoota tokko tokkoo jireenya isaanii keessatti gammadii kan dadhabaniif waan waa dhabaniif osoo hin taane, waan namni biraa qabu ilaalaa achi keessatti hawwiitiin waan hidhamaniifi. Eeyyee hawwii daangaa hin qabne keessa jiraachuun, waan qabdu argitee akka itt hin gammanne si godha.
Namni yeroo hunda qabeenya nama biraa lakkaa’u, gammachuu qabeenya ofii isaa keessa jiru of dhabsiisa. Namni hiriyoota isaa ilaalaa oolus akkasuma…
Seerri jireenyaa ani namoota natti dhiyaataniif kennu Yeroo hedduu isa kana. Waan hin qabneef jecha waan qabdu hin tuffatin; milkaa’ina nama biraa ilaaluutiin ofii kee akka hin daganne baayyisii of eegi. Anis akkasin ture, garuu jireenyi qoree gara kanatti na fide. Gammachuun waan koo amanee fudhachuu keessaa argadhe jiraachuu koof na jabeesseera.
Gammachuun waan hundumaa qabaachuu utuu hin taane waan qabduuf gatii kennuu barachuudha jedhees nama amanudha an. Isin yaada kana akkamitti ilaaltu?

❤3👍1
KEBY ECHO 📚 via @like
Maatiin hunduu dhalasaa mana barnootaatti gaafa ergatu,osoo 1ffaa ba'eefii baay'ee itti tola. Yoo 1ffaa ba'uu dadhabe ammoo,sadarkaa keessa osoo jiraatee ni gammachiisa. Kun maatiif hawwiidha. Ijoolleen maatiiwwan kanaa hundi garuu,guutummaan isaanii sadarkaa keessa ba'uun waan hin yaadamneedha. Yoo qabxii wal-fakkaataa hundi isaanii fidanirraa kan hafe jechuu kooti. Garuu kutaa tokko keessa namoota 60 jira yoo ta'e,namoonni 20 bakka sadiitti wal-qoodanii kaan 1ffaa,kaan 2ffaa,akkasumallee 3ffaa walirratti ba'u malu(garuu ani amma ammaatti mudannoo akkanaa argeen beeku). Kanaan hala,hunduu akka dandeettii fi dadhabbii isaatti 1-60 qabata. Fedhii maatii barataa murasaatu galma ga'aa jechuudha!
Maaliifan jedhe seete;jireenya keessattis,akka namoonni akka taanu nuuf hawwan osoon taanee,akka dandeettii fi dadhabbii keenyaatti sadarkaa sadarkaa mataa keenyaa qabna. Yeroo hunda akka fedha(hawwii) namootaa ta'uu dhiisuu dandeenya. Akka ta'uu qabnuu fi Waaqni nuuf eyyame garuu,yoomiyyuu hin hanqannu!❤️
Bakka nagaa👐
Abdi Bekuma

🥰4❤2
KEBY ECHO 📚 via @like
Ati...
Miirakootti, miira hin dhabne,
Koo ta'uunkee toora hin dabne.
Seeqakeerraa waa hin hir'istu,
Kanaaf garaan na hin shirristu.
Ati...
Laboobakoo, dharraa hundaa,
Ittuu ibsuuf, qarraa shidda.
Hin mul'isne yaada balaa,
Kana laaluun, amantaakoo, naaf dabala!
Kanumaafan...
Hammeessakee samii gahu,
Mirkaneessuuf soquu hin ka'u.
Dhaggeeffadhus hamee danuu,
Dhagahuufis, amanuufis, laphee hin banu!
Kunoo har'a...
Miira kankee, ormaaf marge,
Qaroo lachuun ergan argee,
Yandisullee dafqi narra,
Si shakkuurra, si arguukoon, shakke har'a.
Jaalalli hin dhagahu! 🙅🥺
Aga Guda

🤔2
KEBY ECHO 📚 via @like
GOL’ORMAA GA’UUKEE!
Jaalalli kee na keessatti nii lobobe,
Siin moo’amneen, ofmoo’u dadhabe!
Amma amma,
Qaanqeen kaleessa, ilyaadaan uumame,
Kan kalee, fakkiin sammuun kalaqame,
Har’a lobaba, giimii hindaarofne ta’e!
At naan barre, an sitti hin himu danda’ee.
Gaafas,
Gaaf argaa tokkoon, utuut qabduu si ejje,
Akka isa raata’e, karaa dhaabbee fajaje.
Kan namaa ta’uukee,
Gol’ormaa ga’uukee, an hinbeeku!
Har’a, guyyaa hunda,
Qofummaakoo keessa,
Gaaffii malee, hayyama malee, cina kankoo teessa!
Amma,
Galaanaa sagagaala, giimii jaalalakee dhaamsuuf seene,
Siin na dagachiisee, anaan fudhachuu altakkaaf hinfeene.
Abdii 🖋👐🏾

Maal qaba!
Guntutni Utuu maddii ta’ee!
Gosa Nyaataan!
Bakka Kufee Utuu ka’ee!
Silaa..
Sittan deebi’a
Ammas….
Irran deebi’a!
QA NO
Guntutni Utuu maddii ta’ee!
Gosa Nyaataan!
Bakka Kufee Utuu ka’ee!
Silaa..
Sittan deebi’a
Ammas….
Irran deebi’a!
QA NO
KEBY ECHO 📚 via @like
An argera..
Si’ii saakumee kee waliin ciisuu
Galbiitti utuu'nni gudeeda kan kee jijiisuu…
An argeera…
hoodaaf yeelloon ati facaafte yennaa margu
Kanaaf…ilmoo saakumee hin guddisu utuun beekuu, utuun arguu…!
Ammoo…
Salphina kan kee odeessee sin hammeessu
Hamma jechaa naaf hin geessu
Gita namaa naaf hin teessu
Garuu...an hin jaallannes
Teepha gogaa siif maruu koo
Miidhama keetti baruu koo
hin jaallanne…
Gubaa kan kee mararfachuu
Eelaa lapheen dagalfachuu…
Dirqameeni
Miidhameeni…
Malee…
Hin jaallanne, an dhiphuu kee
Gaarummaa hamiin hirphuu kee
Nan tiradha jilba cabsee
Sansakkaa kee molqee, sin hammeessu jibba labsee
Erga mana koof hormoomtee
Saakumee keetiif warroomtee
Qaamaan as jiraachaa fagaachuun kee, maal bu’aansaa
Gaa’ela koo keessatti ilmoo hormaa guddisuun anaaf abaarsaa!
Kanaaf…
An hin fedhu gudeeda kee shaagidda’aa
Nagaan sokki naan na ga’aa
Maalin godha dhangagga’aa..
Ee…
Deemi isuma wajjin miriixami
Narraa citi isatti gami
Goolaba: hiika jechoota muraasaa👇🏾
Saakumee - Miinjee (misirrittiif akka obboleessaatti kan oolu)
Galbii - Fincoo ykn Mana Jala
Yeelloo - Salphina ykn qaanii
Shaagidda’aa- Daalachaa’aa
Sansakkaa - Personality (tarii eenyummaa jedhamee hiikamuu danda’aa ta’innaa?) an akkamittin hiikkaadhe.
Walalichi ifa-galaadha. Haadha manaa Jaarsa ishee biratti miinjee mi’eeffatte. Or shamarree osoo hiriyaa dhiiraa (kaadhimaa qabduu) best friend isa jedhan baafattee wajjin utaalaa ooltuuf🤭🙄

❤6👏1
KEBY ECHO 📚 via @like
Si biratti...
Jecha tuuluun, hiika hin qabdu,
An si kuuleef, hin gaggabdu.
Utuu guyyuu, hawwitoota, dhibba laaltuu,
An si saadeef, hin malaaltu.
Eeyyee ati...
Gaaffii kuma kuffisteetta,
"Sin jaalladhee" nuffiteetta.
Miidhagakeef dhageesseetta, afaan hedduu
Koo arrabni, si leellistus, homaa'n fiddu.
An kormikees...
Si badachuuf, miixadhullee, dhibba yaalee,
Jecha addaa, kalaqachuun, tabba caale.
Kanumaafan...
Qalbii kuusee, tooftaa malu, suuta yaadee,
Kee'tti dhiiseen, jecha filee, sitti of dhaade.
Siif ta'amoo, darbu koode?
🚶🚶🚶

❤5🤔2
“Shamarreen tokko muuxannoo wal qunnamtii saalaa raawwatte gonkumaa hin irraanfattu. Dhiironni lubbuu ishee tuqan ykn qaama ishee miidhan sammuu ishee keessatti iddoo qabatanii hafan; akkuma mana jireenyaa kaffaltii kiraa malee keessa jiraataniiti. Isaaniin dagachuu yoomillee hin dandeessu. Isaan miirri hawwii cimaa maal akka fakkaatu, jeequmsi maal akka fakkaatu, akkasumas akka bineensa adamsamaa tokkootti hawwatamuun maal akka fakkaatu ishee barsiisan. Yooma isaan nama miidhaa geessisan ta’anillee, yoo hariiroon isaanii haala gaarii hin taaneen xumuramellee, muuxannoowwan jalqabaa sun akkuma madaa qaama irratti hafu tokkootti yaadannoo ishee keessatti hafu. Sammuushee keessaa hin bahan.
Isheen sobuu dandeessi. Muuxannoon sun ishee biratti hiika homaa akka hin qabne fakkeessuu dandeessi. Garuu halkan keessa, yeroo callisuu, maqaan isaanii ammas yaadannoo ishee keessatti ol ka’uu danda’a. Dhiirri sana booda dhufu hundi, osoo isheen hin beekin, dhiirota duraanii wajjin wal bira qabama; bifa isaanii irratti osoo hin taane, miira isaan ishee keessatti uuman irratti jechuudha. Wanti tahu hundi isheef haaraa miti. Jalqabbii miti. Wanti haaraan yoo jiraate nama haaraa dhufe sana dandeettii isaa warra durii wajjin wal dorgomsiisuu qofaadha!
Kanaaf, ati dhiira duraan isheen waliin hariiroo saalaa raawwate kamiyyuu caaluu qabda; sababni isaa ishee waliin wal quunnamtii saalaa raawwachuun amma dorgommii ta’eera. Lakkoofsi namoota isheen waliin hariiroo saalaa raawwatanii 18 yoo ta’e; ati dhiira 18 wajjin dorgomaa jirta jechuu dha. Yoo ati dhiira jalqabaa fi cimaa isaan keessaa hin taane, gaaddidduu yaadannoo isaanii wajjin wal’aansoo gochaa jirta. Yaadannoowwan; ulaagaalee callisaan hundeeffaman waliin dorgomaa jirta! Amma hubatteettaa? Kanaafidha dubartoota si dura namoota waliin hariiroo saalaa raawwatanii irraa fagaachuu qabda jedhanii kan dubbatan...” — Fiona W.
Waa’ee body count isin maal jettu?
Carroo Hundasaa

😁17❤13😭3👏1
Isheen durii...
“Guyyaa hin dhufu, aduu keessa
gurbaan ollaa, oduu geessa,
gara waarii dimimmisa
lo’ee dhufeen si dubbisa!
Natti hin buutu, qabdoo malee
saawwan elma yeroon galee
lukakootti quba loosuu
dhugaakooti isa hin qoosu!”
Isheen ammaa...
“Nan qo’adha’ jedheen bahaa,
siree qabi, dafeen gahaa!🤣
iddoon duraa geergoo qabaa,
an hin dhaqu beergoo cabaa!
Akkumakee dharra’eeraa,
haa qabaannu halkan dheeraa!
laastikiin sun badduu mitii,
poosti-piilii qofa biti!
Mommy galeen amansiisa
Daddy’s walin si barsiisa,
kiss wal gochaa suuraa kaana
feesbuukiitti sheerii goona
Warri hinaafan oduu labsu,
malee dhungoon safuu hin cabsu
wal jaallachuun waan haaraadhaa?
ere namnisaa faaraadha!”
Jettee dhoobnaan, nus qaanfannee,
waa’ee fuudhaa, irraanfanne!
isaan gatnaan aadaaf duudhaa,
itti dhiisne waa’ee fuudhaa!
Aga Guda
@KebyEcho
Beekumsa, Yaadannoo, Hubannoof join.👇
🔗 https://t.me/KebyEcho
“Guyyaa hin dhufu, aduu keessa
gurbaan ollaa, oduu geessa,
gara waarii dimimmisa
lo’ee dhufeen si dubbisa!
Natti hin buutu, qabdoo malee
saawwan elma yeroon galee
lukakootti quba loosuu
dhugaakooti isa hin qoosu!”
Isheen ammaa...
“Nan qo’adha’ jedheen bahaa,
siree qabi, dafeen gahaa!🤣
iddoon duraa geergoo qabaa,
an hin dhaqu beergoo cabaa!
Akkumakee dharra’eeraa,
haa qabaannu halkan dheeraa!
laastikiin sun badduu mitii,
poosti-piilii qofa biti!
Mommy galeen amansiisa
Daddy’s walin si barsiisa,
kiss wal gochaa suuraa kaana
feesbuukiitti sheerii goona
Warri hinaafan oduu labsu,
malee dhungoon safuu hin cabsu
wal jaallachuun waan haaraadhaa?
ere namnisaa faaraadha!”
Jettee dhoobnaan, nus qaanfannee,
waa’ee fuudhaa, irraanfanne!
isaan gatnaan aadaaf duudhaa,
itti dhiisne waa’ee fuudhaa!
Aga Guda
@KebyEcho
Beekumsa, Yaadannoo, Hubannoof join.👇
🔗 https://t.me/KebyEcho
😁22🙏2
Barattuu qabxii olaanaa qabdu maalif Yuunivarsiitii dhiistee karaa du’aatti maqxe? 😢
#Kitaaba_Cufame
Mooraa Yuunivarsiitii Mattuu keessatti yeroo hunda sa’aatii laaqanaa mana kitaabaa guddicha karra Galma Guddaa Moorichaatti aanee (Library) argamu fuuldurattin ishee arga ture. Maqaan ishee Boontuu jedhamti. Bareedinni ishee kan uumamaadha, meekaappii jedhan siyanaa kana hin qabu; rifeensi ishee gabaabaa ta'us akka dhiiraatti gabaabsattee murachuun ishee simboo addaa kenneeraaf, nama hin nuffisiistu . Konkonee qal’oo lukti gogorrii, diimtuu akka aduu suubii…Garuu, ija ishee keessa gadda gadi fagoo fi yaaddoo guddaatu mul’ata.
Uffanni ishees hamma kan barattoota kaanii bareedaa ta’uu baatuus qulqullina qaba ture. Gaaf tokko mana kitaabaa seenee kitaaba barbaaduuf yoon gara isheetti dhiyaadhu, waraqaa tokko irratti gadi jettee yaadaan baddee turte.
“Akkam jirta Boontuu? Qormaanni sitti ulfaate moo?” jedheen itti qoose.
Ol jettee yoo na ilaaltu seeqni ishee garraamummaan guutame nama booji’a. “Qormaata daree osoo ta’ee salphaa ture, garuu qormaata jireenyaatu na rakkise,” jettee sagalee laafaan naaf deebiste.
Haasawa keenya irraa akkan hubadhetti, Boontuun barattuu waggaa sadaffaa (3rd year)dha. Maatiin ishee baadiyyaa fagoo Gindabarat keessaa gara moggaa jiraatu; humna isaanii guutuun ishee barsiisuuf yaalanis, qaala’iinsi jireenyaa fi rakkoon dinagdee mooraa keessaa ishee dadhabsiiseera.
'Handout' dubbiftu bitachuu dhiisii, yeroo tokko tokko saamunaa fi dabtara ittiin barattu illee dhabdee rakkattti. Hiriyoonni ishee yeroo kaaffee (cafe) fi bakka bashannanaa deeman, isheen garuu kitaaba ishee qabattee kophaa mana dubbisa kitaaba keessa teessi.
Hunda caalaa yeroo marsaan laguu ishee ji’i isaa ga’u ammoo waan ittiin “Moodesii” fi waan ho’aa tajaajilamtu hin qabdu. Kun shamarraniif ba’aa ulfaataa akka ta’e kan hubatu isaan qofa.💔
Rifeensa ishee akka dhiiraatti maalif akka murattu ijoollee gaafannaan, yeroo yeroon rifeensa mana rifeensaa deemtee miidhegfachuuf maallaqa ga'aa dhabuu ishee irraa kan ka'e tooftaa kana akka fayyadamtu naaf himan. Malee rifeensi ishee baay'ee dheeraa dugda ishee gidduu bololi'u ta'uu barattoonni dura ishee beekan ni himu.
Guyyaa muraasa booda, qormaata sinisteeraa xumurree yeroo barattoonni sagantaa mooraan qopheesse Kaaffee Rahaa duratti "party' irratti hirmaachuuf wal agarru, Boontuun tuuta garee ishee keessa hin turre. Hiriyoota daree ishee keessaa tokko argadheen eessa akka deemte gaafadhe.
“Boontuun barnoota ishee addaan kuttee galte,” naan jette hiriyaan ishee gaddaan.
“Maaliif? Qabxii dhabde moo?” jedheen rifadhee gaafadhe.
“Lakki, qabxiin ishee baay’ee gaarii fi olaanaa ture. Garuu, jireenyi mooraa keessaa itti ulfaate. Maatii ishee rakkisuu waan hin barbaanneef, carraa hojii barbaacha biyya alaatti (Araba) deemuuuf galmooftee deemte,” jettee naaf deebiste.
Sammuun koo na na’e; qalbiin koo na surure. Barattuu abdii boruu taatee biyya tajaajilti jedhamtee eegamtu, rakkina guyyaa har’aa jalaa baqachuuf jecha abjuu ishee gurgurte. Waa’ee barnoota ishee, waa’ee egeree ishee osoo hin yaadiin, rakkoon yeroo sanaa gara hin beekamnetti ishee oofee mooraatii baase.
Waggaa 2 booda, hiriyoonni ishee uffata eebbaa uffatanii yeroo gammadan, waa’een Boontuu garuu oduu gaddaa ta’ee dhagahame. Biyya hormaa sana keessatti rakkinaafi dhiibbaa ishee mudate dandamachuu dadhabdee utuu tattaafattuu suura hiriyoota ishee eebbifamanii argitee lubbuu ishee balleessite jechuu dhageenye.
Guyyaan keenya gaddaan guutame💔.
Addunyaa dhugaa dhiistee sobaaf dhiibamtee deemte; Kitaabni abjuu ishees osoo hin dubbifamiin bara baraan cufame!
Hub: Kun taatee uumamuu maludha garuu Asoosama Barreessaa Keenboon Abrahaam barreesse; yaad-uumee isaa ta’uu hubachuun barbaachisaadha.

💔22❤10👍9
MAGAN...”GUNTUTA ISHEE OL…”😂...dubbisaa.
ODUUN DHAGA’E
Sitti baasan maqaa danuu
Dhugaan se’ee ture anuu
Mandarri gamanaaf gamaa
Si hadheessa waamee jamaa
Arguttaree haadha miiraa
Kan hin quufne qaama dhiiraa
Siin jedhanii
Waan fedhani...
Atis lakki akkas mitii jettee naaf kakattee
Ani amanuu didnaan na fudhattee da’ootti baqattee...
Sodaa keetiif anis garboomee
Lafa qabsiifadhee koomee...
Atis aartiin...
Guntuta kee ol dhaabdee
Miirota koo gubbaa yaabdee,
Hidhii koof kee waliin laaqaa
Na cabsisiiste abboommii waaqaa!
Achiis...
Gudeeda kee gargar bantee
Qoma kiyya gubbaa aantee
Ittisa koo diddee dhaantee
Akka horii ana gaantee...😅
Ihim...🙈😋
Gudeeddii kee isa dirqii
Gaafas se’ee anis birqii
Uffata keetti rarra’ee
Miira koo guutuu dharra’ee...
Kafana koo baasee dafee
Qullaan si jala of hafee
Takka cina koo hiriirtee
Kaatee’mmoo narra diriirtee...😉
Sin hubadhe
Nan gubadhe...
Dafqa illee koo haqachaa
Naasuuf yaaddoo baqachaa...
Ka’ee deemuuf maqaaf dhiira
nan sodaadhe maqaa nyaachuu🙈
Si waliin ciisuu hin barbaanne
Qeerrummaa koo siif gumaachuu,
Erga ta’ee silan dhufee
Jedheen aaree sirrat kufee,😄
Achii...
Waanbadooma kee hirmaadhee
Isati feete siif laadhee...
Gaafan eegalu daandii haaraa
Hunduu hin cima akka gaaraa
Hin dhageessu taatee duudaa
Kan ati qabdu albuudaa...😳
Anis...
Nan na’e yaadadhee jecha namaa
Waanbadee siif moggaasanii maqaa hamaa,
“Nyaara haaddattee salphoo intalaa
Sagaagaltuu haadha galaa
Of hin beeknee hundaaf laattuu
Dhiira sagal jala kaattuu...”🤭
Isa jedhan baruuf sirra siibee
Abbuudduu gad sitti dhiibee🫣
Iyya miira koo anis muudee
Gudeedi kee garuu didee duudee...
Egaa...
Atin aadda ana jalaa
Utuu boossuu maafan qalaa
Beekeera dhugaa kee ati nama
Gaararraa miti qabda dhama
Hundatti kolfitee seeqxa
Simboo keetiin hunda jeeqxa
Qulqulluu koo mootii durbaa
Sin kunuunsa akka surbaa,
Maqaa kee hamminaan faalanii
Qulqullummaa kee haalanii
Isan arge qaalluuf hiikee
Nan barsiisa sookoo diigee
Jedhee...
Qulqullittii furii lubbuu
Atin goone takkaa cubbuu...
Jedheen...
Luugammadhee afaan miiraa
Gadi dhiise bifa dhiiraa…
Tokkottin cuunfe jecha lamaa
Ulee Abbaa keen cabsisiise hunda namaa…
Ani gaafas…Qara harmaa
Qusadhee sarma,
Nan kunuunse hin jigsinee
Gudeeda kee urees hin dhiigsinee…
Dhoksaa uruu dhiisuu koo garuu
Garaan kee maalif hin baruu?
Situ na dheesse, fafas deessee
Gubbeetiin teessee
Qarreerra geessee…
Bultee tokko
Dhufte cookkoo
Harma mursiifattee
Gudeeda ursiifattee…
Kunuunsa koo dabummaa seetee
Miira guuttachuuf laga ceetee…
Hammaarratte isa feetee…. Magan…
Walaloon kun kuusaa Walaloo kitaaba HOROMDHOOQII kan #Keenboon_Abrhaam barreesse irraa bal’ate. Qabiyyeen barreeffama gosa kamii akka isiniif dhiyaatu barbaaddu?, koomentii godhaa.
@KebyEcho
Beekumsa, Yaadannoo, Hubannoof join.👇🏾

😁11❤10🤮2🌭1
Jaalala jechuun nama tokko jireenya ofii keessaa qabachuu qofa miti; yeroo tokko tokko irraa adda ba’uu danda’uudhaan ibsama.
Namoota baayyee jaallannu garuu nu dhiisan, nutis of amansiisnee isaan dhiisuun waan salphaa miti. Garuu yeroo tokko tokko jaalala caalaa nagaan akka nu barbaachisu beekne isaan dhiisuun barbaachisaadha. Jaalalaaf jettee nagaa dhabuun of dhabuutti nama geessa. Of qabaatanii nagaan jiraachuun kabaja. Kanaaf jaalala nagaa siin laanne faana in rarra’in.
Namoonni tokko tokko laphee keenya keessaa bakka guddaa qabu. Ni jaallanna, ni kabajna, isaan malee jireenyi keenya guutuu fakkaachuu dhiisuu danda’a. Garuu jaalalli dhugaan nagaa sammuu fi gammachuu namaaf hiixachuu qaba; yeroo hunda dhiphina, sodaa nan dhabaa fi boquu gadi qabachuu miti.
Yeroo tokko tokko namni ati baay’ee jaallattu jireenya kee keessa turuun nagaa kee sirraa molqa. Yeroo kana filannoon sirrii jaalala sana faana gototamuu osoo hin taane, nagaa kee eeggachuudha. Sababni isaa, namni nagaa sammuu isaa dhabe ofiisaa dabalatee waan hedduu dhabuu danda’a; namni nagaa isaa sirnaan eeggatu garuu kanaja namummaa ofii isaa eeggata.
Kanaaf, namni si jaallatu nagaa siif haa kennu. Namni nagaa kee balleessu immoo, hammam jaallatamus irraa adda ba’uun kufaatii miti; bilchinaadha. Jaalalli nagaa siif hin kennine yoo deeme, isa duukaa hin gadadamin. Nagaan kee jaalala eenyuyyuu caalaatti gatii qaba.
Jaalala sin boochisne irraa fagaachuun yeroo baay’ee qalbii cabuu miti; of kabajuu dha. ❤️🩹✨
○ K.A
@KebyEcho
Beekumsa, Yaadannoo, Hubannoof join.

🥰6👏4
Dhiiraa fi Dubartiin Miira Jaalalaa Malee Hiriyyaa Dhugaa Ta’anii Jiraachuu Ni Danda’uu? 🤔💬
Jireenya keessatti hiriyyummaan kennaa guddaadha. Namoonni hedduun hiriyyaa dhugaa kan iccitii itti himatan, kan waliin kolfanii fi rakkoo walii hiran qabaachuu barbaadu. Haa ta’u malee, yeroo hiriyyummaan kun dhiiraa fi dubartii gidduutti uumamu, si'a baay’ee gaaffii fi shakkii hedduu kaasa.
Namoonni tokko tokko, “Dhiiraa fi dubartiin akkuma obboleessaa fi obboleettiitti miira jaalalaa tokko malee hiriyyaa qulqulluu ta’anii jiraachuu ni danda’u; namni sammuu bilchaataa qabu daangaa isaa ni eeggata” jedhu.
Gama biraatiin immoo warri kaan, “Yeroo dheeraaf walitti dhiyaachuu fi iccitii walii qooduun oolee bulee gara miira jaalalaatti (romantic feeling) jijjiiramuun isaa hin oolu; yoo xiqqaate isaan keessaa namni tokko garaa jaalalaa qabaachuun waan hin hafneef, hiriyyummaan qulqulluun hin jiru” jedhanii falmu.
Isin hoo kana irratti maal jettu? Muuxannoo fi ilaalcha keessaniin kamtu sirriidha?
1. Eeyyee, ni danda’ama (Hiriyyummaan qulqulluun ni jira).
2. Lakki, hin danda’amu (Oolee bulee gara jaalalaatti jijjiirama).
Yaada keessan nuuf qoodaa, haa mari’annu! 👇💭ilaalcha keessan irra dhaabbannee barruu bilchaataan walitti deebina.
Nagaan oolaa.

🤯9👍3❤1👏1
GAAFFII ISIN GAAFANNEEF DEEBII KEESSAN...
"Dhiiraa fi dubartiin miira jaalalaa malee hiriyyaa dhugaa ta’anii jiraachuu ni danda’uu" jennee kan gaafanneef hordoftoonni keenya maal jedhan?
Gaaffii kana hordoftoota chaanaalii keenyaaf dhiyeessinee yaada garaagaraa arganneerra. Tokko tokko hiriyyummaan akkasii ni danda’ama jedhu; warri kaan garuu shakkii guddaa qabu. Mee yaadota isaanii keessaa muraasa haa ilaallu!
1. Bareedinni murteessaadha!
Adunya Ebisa Tolaisa - Mandiirraa:
“Intalattiin fokkistuudha yoo taate hiriyyummaadhaan itti fufuu ni dandeenya; bareedduu fi hawwatamtuudha taanaan garuu gonkumaa waan yaadamu miti.”😝
2. Dhugaa jiru haa dubbannu!
K: “Hin danda’amu, chimchim gochaamaa yoo ta'e malee!” 😅
3. Namni tokko garuu ni amana!
Robe: “Ni danda’ama.”
😂 4. Best friend moo jaalala?
Id: “Isheen kan kooti, akkuma barbaannetti waan tokko illee osoo hin dhiisin waliin goona; garuu best friend dha!” 😂😅
5. Brother qofti gahaa miti!
Ifa Musa: “Dubartiin maqaa ‘best friend’ jedhuun bench si gooti, ‘brother’ siin jetti; guyyaa tokko garuu dirree si seensisuun ishee waan hin hafne!”
🤔 6. Sababoota hedduu qaba!
G G: “Barreeffama kana osoon dubbisiin dura gaaffii kana irra deddeebi’een of gaafachaa ture. Akka kootti, sababoota hedduu irraa kan ka’e hin danda’amu.”
😎 7. No, no, no!
Awwal: “No, no, no! Hin danda’amu bro.”
😂 8. Hiriyyaa saala ofii filachuun wayya!
Murad: “Hin danda’amus, hin barbaachisus. Dhiirri dhiira waliin, dubartiinis dubartii waliin hiriyyaa ta’uun ga’a.”
🤔 9. Muuxannoon maal jedha?
TESEMA TSEGAYE: “Dhiiraa fi dubartii gidduutti hiriyyummaa wanti jedhu hin jiru; waanan argeefin akkas jedha.”
🧠 10. Yaadota lamaan keessa dhugaan jira!
Izak: “Dhugaa dubbachuuf yaadni lamaan fudhatama qabu. Hiriyyummaan miira jaalalaa malee jiraachuu ni danda’a. Garuu yeroo baay’ee hiriyyummaan dhiiraa fi dubartii gidduutti uumamu gara jaalalaatti jijjiirama. Namoonni hedduun osoo hin yaadin jaalala keessatti kufuu danda’u. Yaadni kun gama Psychology'tiinis deeggaramaa natti fakkaata.”
Amma isin hoo maal jettu?
Yaada hordoftoota keenyaa keessaa kan isinitti tole isa kami? Moo yaada haaraa qabduu?
Dhiiraa fi dubartiin dhugumaan *best friend* ta’anii, jaalala saalaa tokko malee umurii guutuu waliin turuu ni danda’uu?
Yaada keessan comment irratti nuuf dhiyeessaa. Mariin keenya itti fufa!

❤9😁6🤪3
Kajeellaan foonii koondoomii nama uffachiisa, jaalalli dhugaa garuu qubeelaa nama uffachiisa; eeyyee akkasi.
Kitaaban tibba kana dubbisaa jiru irraa yaadni kun naaf ife. Dhugaan kun dargaggoota baay’eef akka hin liqimfamne nan hubadha😎. Mee isin akkamitti hubattu?
Kooment…
K.A

❤8🔥2👏2👍1