KAKU MEDIA
5.87K subscribers
43 photos
1 video
187 links
Ati yaa Abbaa Kaayyoo
Hin ta'in nama laayyoo

https://youtube.com/@KAKUMEDIA-2016
Download Telegram
Miidiyaa-Sootiriyaa

"Ummatni koo beekumsa dhabuu irraa kan ka'e bade'' Hos 4:6

Dhalli namaa yeroodhuma uumamu laphee waa hubatu qabateetu. Waaqayyoonis karaa namaaf galuun ofii isaa dhala namaaf of ibsaa ture(Revealation of God). Dhalli namaas dubbii Waaqummaa kana barachuu qaba.

Gaafa Addaam fi Hewaan ajaja isaanif kenname cabsan inni tokko isa tokko jala taa'ee akka baratu ta'e.

Kanumaanis karaa Waaqayyoon dubbatu (karaa tokkos karaa biraas) baratee, isa barateen jiraachuu qaba. Namni beekumsa hin arganne immoo ni bada.

Bara keenya kana miidiyaaleen hawaasaa fi ammayyummaan dhaloota kiristaanummaa keessaa baasaniiru.

Akkaataa itti fayyadama miidiyaa fayyadamuu wallaaluu keenyan dirree waljibbiinsaa fi walqoqqooddaa ta'eera. Wantoota gurra namaatti hin tolle hedduu dhagahaa ooluun baramaa ta'eera.

Dhaloota itti aanu maal dhaalchifna? Kan jedhus waan yaadamee jiru hin fakkaatu.

Teenyee rakkoo odeessurra fala barbaadnee baraaramuu qabna. Kanaaf immoo falli isaa #Sagalee #Waaqayyoo qofa.

Sootiriyaanis ummata dheebuu sagalee Waaqayyoo qabanii fi barsiisota Waaqayyoon sagalee isaa akka dubbataniif isaanif eyyame wal agarsiisuf dhalatte.
Gurri kiristaanotaa #hokkoraa fi #hammeenya dhagahuu keessaa bahee barumsa afuuraa isa qulqulluu akka dhagahuuf ;Doogmaa, Qannoonaa fi Darbi-darboo mana kiristaanaa barsiisuuf kaayyeffatee ka'e.


Miidiyicha hunda dura kadhannaa fi gorsaan akka cinaa dhaabbattan isin kadhachaa liinkiwwan armaan gadii fayyadamuun irraa baradhaa, dhala namaa sagalee wangeelaa dhagahuu hawwan hunda biraan gahaa!

''Missiraachoo Abdii Abbootaa Isinitti Lallabna'' HDB  13;32


YouTube   https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg


Telegram

t.me/Soteriamedia

Facebook

https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk




Yeroo dhiyootti