Forwarded from Arraata Biyyoolessa Oromiyaa
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti ajjeechaa fi saamichi hammaachuun dubbatame.
ONM-ABO Amajjii 15,2024 Gochootni abdii kutannaa fi ijjibbaataa waraana raayyaa ittisa impaayera itoophiyaan gaggeeffamaa jiru hammaachuun, Oromoon qe'ee isaa keessatti jumlaan ajjeefamaa, hidhamaa fi qabeenyi isaa gubachaa akkasumas saamamaa jiraachuun walqabatee gadadoo hadhooftuu keessummeessaa jira.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii bulchiinsa magaalaa Qellem keessatti dheengadda Amajjii 13,2024 loltootni raayyaa ittisa impaayerattii guyyaa keessaa naannoo sa'a 5:30tti qonnaan bulaa maqaan isaa Shibbiruu Shifarraa Qixa'u jedhamu ajjeesuun marfata magaalicha gubbaa kaa'uu jiraattotni dubbatan.
Torbanuma kana keessa aanaa Gidaamii ganda Burii, Abootee fi Qeĺlem keessaa loltootni bilxiginnaa namoota 7 ajjeesuu kan himan jiraattotni, ganda Xiilloo jedhamtu keessaa ammoo loon uummataa 30 ol ta'aan ooffachuun, gandoota baadiyyaa aanichaa Maleekoo, Warra waayyuu, Soyii, Gaara kormaa fi gandoota hedduu keessatti rakkoo hubaatii lubbuu fi qabeenyaa guddaa raawwachaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo keessatti waraanni PP manneen qotee bultootaa gubanii mancaasan.
ONM-ABO Amajjii 15,2024 Gubaatii waraanni PP qe'eef qabeenya qotee bultoota Oromoo irratti maqaa waraana bilisummaa Oromootiin gaggeessaa jiran jabaatee itti fufuun, qotee bulaa hedduun midhaan itti dadhabee oomishee ooyiruu irraa galfate dabalatee, horiin lubbuu fi qabeenyi isaa gubatee manca'uun harka qullaatti hafaa jiru.
Amajjii 14,2024 Godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo ganda Boree Cilaaloo keessatti waraanni maafi'aa PP Waraana Bilisummaa Oromootu naannoo keessan keessa socho'a, isinis deeggartoota WBOti jechuun manneen qotee bultootaa 15 ibiddaan gubanii barbadeessuu maddeen ONM dubbataniiru.
Namoota maqaan isaanii Kamaal sh/Bashirii fi Kadiir H/ mohammad jedhaman jalaa mannee lama lama kan gubatan yoo ta'u, Abdullee Aliyyii, Kadiir Cirrii, Habiib Bakaree, Muzeeyyaan Adam, Kaliil Abdellee, Jamaal Qaasim, Abdallaa Cirrii, Abbee Cirrii fi namoota maqaan isaanii nun geenye garii jalaas manni qabeenya guutuu waliin jalaa barbadaa'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

👍2
Forwarded from Arraata Biyyoolessa Oromiyaa
Jaappaan keessatti xiyyaaronni 2 daandii balalii buufata xiyyaaraa irratti walitti bu'an
Kibxata har'aa Jaappaan keessatti daandii balalii buufata xiyyaaraa irratti xiyyaaronni lama walitti bu’uun isaanii ji’a kana keessa taatee akkasii isa lammaffaadha.
Xiyyaaronni kunneen kan Kooriyaa Air fi kan Hong Kong keessa jiraatan Cathay Pacific yoo ta'an, taatee kun kan mudate buufata xiyyaaraa New Chitose Hokkaido keessatti naannoo sa'a 0830GMTtti.
Xiyyaarri Kooriyaa KE766 ''yeroo duubatti deebi'uu xiyyaara Cathay Pacific waliin walitti bu'e'' jechuun buufata xiyyaaraa New Chitose keessatti ibsaniiru.
Balaliin kun gara Seoul'tti ka'uuf ture.
''Miidhaan irra gahe hin jiru, daandiin xiyyaaraas qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin tumsaa jira,'' jechuun ibsa gabaabaa X irratti kennaniin ibsaniiru.
Gabaasni miidiyaalee akka mul’isutti xiyyaaronni kunneen kan walitti bu'an konkolaataan harkisa xiyyaara Kooriyaa Qilleensaa duubatti dhiibaa ture sababa qorra lafarra jiruun waan siqxeef ture.
Cathay Pacific akka jedhetti xiyyaarri isaa CX583 yeroo taatee kun mudate ''lafa irra'' akka turee fi akka kanaan dura gabaafametti imaltuu xiyyaaraa keessa akka hin jirre dubbateera.
Balalii Kibxata har'aa Hokkaayidoo Saaporoo irraa gara Hoong Koongitti taasisaa ture haqeera.
Jalqaba baatii kanaa xiyyaarri Eegdota Galaanaa Jaappaan fi xiyyaarri imaltoota Daandii Xiyyaaraa Jaappaan buufata xiyyaaraa Tookiyootti walitti bu’uun yoo xiqqaate hojjettoonni xiyyaarichaa shan du’aniiru jechuun Dhaabbanni Oduu Turkii Anadoluun gabaaseera.

👍4
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Kaadhimaamtoota Leenjii Siyaasaafi Waraanaan akkasumas, Ogeeyyii Fayyaa leenjisaa ture Eebbise.
Akka Irbuu Post Odeeffateetti Sagantichi Bakka Bakka Qoondaltoonni Adda Bilisummaa Oromoo-Waraana Bilisummaa Oromoo fi Miseensa Koree Hoji Raawwachiiftufi Ajajaa WBO zoonii Giddu Galeessaa Jaal Sanyii Nagaasaa fi Itti Aana Ajajaa WBO zoonicha argamaniitti eebbiseera.

❤6👍2😢1