GRACE OF GOD
268 subscribers
10 photos
4 files
38 links
Be still and know that I'm God (Psalm 46:10)
Download Telegram
Walitti qabama tokko keessa jiraachuu hafuura qulqulluu kan nutti mullisu, kristoos yesuus ol ol qabamee mullachuu isaati. Akka namooni tokko tokko jedhan sana, afaan haaraan dubbachuun hamma hin jirretti hafuurri qulqulluun hin jiru isa jedhamu miti. Kaayyoon Hafuura Qulqulluu inni jalqabaa kristoosiin ulfeessuu fi ol ol qabuudha, kabajuudha, hunduma irras caalchisuudha. Inni lammaffaan jajjabina fi humna bartootaati.
@imitatiochristus
❤4🔥1🥰1
🔥1
“Isin akka akeeka Waaqayyoo abbaatti, Yesus Kristosiif abboomamuuf, dhiiga isaatiinis qulleeffamuuf, hafuura qulqulluudhaan qulqulleeffamtanii fo'amtaniittu.”
— 1Phe. 1:2

https://t.me/imitatiochristus
Qulqullummaa dhugaan maal keessaa madda???

Bu'uurri qulqullummaa waaqayyo barbaaduu maalidha? Toora fayyinaa keessatti qajeelummaa (amantiidhaan qajeelfamuu)tti aanee kan jiru, qulqulleeffamuu (sanctification) isa jennuudha. Kaayyoon toora fayyinaa immoo ilmaan baayyee kristoosiin fakkaatan argamsiisuudha. Ergaan roomaa, "...fakkaattii ilma isaa akka ta'aniif..." Nuun jedha.

Akka macaafni dubbatutti, qajeelummaan keenya (our justification) qajeelummaa kristoosin akka ta'e, isas immoo kan lakkaa'anne malee kan hojjetanne akka hin taane nutti hima. Egaa qajeelummaan kristoos nu keessatti maal maddisiisa inni jedhu nuuf hubatamuu qaba.

Dhugaadhumatti fakkaattii ilma waaqayyoo ta'uuf qajeelummaan kristoos nu barbaachisa. Barreessaan ibrootaa ergaa tokko nuuf dhaama. Innis....
“...Isa malee namni tokko illee goofticha hin argu waan ta'eefis, jireenya qulqullummaaf dhama'aa!”
  — Ibr. 12:14

ዕብራውያን 12:14 ... ለመቀደስም ፈልጉ፤ ያለ ቅድስና ማንም ጌታን ማየት አይችልም።

Qajeelummaatti hidhatee sansalatni dhufuu qabu tokko jira. Innis qulqullummaadha. Qulqulleeffamuun (santification process) adeemsa keessa jireenya amanaa tokkoo irratti kan raawwatuufi, guddachaa kan adeemuudha. Innis maddi isaa qajeelummaa (justification by faith alone) kristoos isa lakkaawwanneedha. Wanti nuti asitti hubachuu qabnu garuu, qajeelummaan kristoos, nu keessatti qulqullummaa kristoosiin guddisuu isaati.

Waaqayyo hojii fayyinaa isa nu keessatti jalqabe ofuma isaatii fiixaan baasa. Kana jechuun altokkicha kan kristoos wanta ta'een kan jalqabne, kan keenyaan itti fufuu hin dandeenyu. Hamma qajeelummaa mataa keenyaa qabaannutti, ykn sirreeffannutti kan kristoosiin lakkaawwanne miti. Baruma baraaf kan kristoosiin lakkaawwanne. Baayyee beekneerra, guddanneerra, jajjabaanneerra yeroo jennetti kan mataa keenyaatiin bakka buufachuu hin dandeenyu. Kana jechuun ga'een keenya maaliree? Gaaffii jedhu kaasuu mala. Ga'een keenya kanuma kristoosiin fudhachuudha. Isa keessa mudaa fi hirrinni hin jiru. Yeroo hundumaa qulqullummaa waaqayyo jaallatutu keessaa burqa. Innis qulqullummaa ilma isaati.

Qajeelummaa malee qulqullummaan hin jiru, qulqullummaa malee immoo waaqayyoon arguun hin danda'amu. Qajeelummaan kan keenya miti erga ta'ee, bu'aan isaas kan keenya ta'uu hin danda'u. Fakkaattii kristoos jechuun, akkeessaa kristoos jechuu miti. Dhugaamatti kristoosiin kan mullisu jechuudha.

Kristoos kun immoo isa namni kamiyyuu cubbuuf isa hadheessuu hin dandeenyeedha. Isa mudaan tokko illee irratti hin argamneedha. Qajeelummaan keenya kan isaa erga ta'ee, bu'aan isaa ykn kan isa keessaa maddu immoo qulqullummaadha. Innis kan yesuus kristoosidha. Akkasittiin ija jabina guutuudhaan fuula abbaa dhaabbachuuf in dandeenya. Ilmisaa immoo nu irratti ol kakaafama.
https://t.me/imitatiochristus
🥰2
ያቦቅን_ስሻገር_Yaboken_Seshager_Bereket_Lemma_Devotional_Worshi
<unknown>
🌻🌻🌻Barri haaraan kun bara itti waaqayyoon isa nu jaallate, isa baricha nuuf dabale itti hubannu, fedha isaatiifis gadi jennu, isa qofas ol ol qabnu nuuf haa ta'u.🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
❤2🙏1
Nagaan waaqayyoo hunduma keessaniif haa ta'u. Guyyoonni ni dhufu, in darbus. Isa keessatti garuu jiraachuuf yeroo kan namaaf laatu waaqayyoodha. Yeroo murtaa'aa booda immoo guyyoonni lakkaa'anuun iyyuu hafuuf jira.

Kanaafuu yeroo waaqayyo akka isa beeknuuf, isas galateeffannuu fi ulfina isaa lafa irratti akka mullisnuuf nuuf dabalaa jiru kana keessatti waan ta'u, bu'aa buusu, ulfina waaqayyoof ta'ee nuunis immoo nu fayyadu hojjechuun barbaachisaa fi dirqama nutti ta'a.

Yoo waaqayyo jedhe bara haaraa kanatti, ayyaana waaqayyoo amanannee, beekumsa sagalee waaqayyoo fi amantii waaqayyo irratti qabnu haa guddifannuuf yeroo nuuf kennametti gargaaramnee, qo'annaa toora qabu kan macaafa qulqulluu irratti hundaa'e channel kana irratti jalqabuuf jenna.

Innis qo'annaa og-waaqummaa ykn ti'ooloojii yoo ta'u, bifa qindaa'aa ta'een (systematically) qo'achuu ni jalqabna jechuudha. Kanumaan wal qabatee, gara fuula duraatti, barbaachisummaa theology qo'achuu, karaalee ittiin qo'atamu fi systematic theology jechuun immoo maal akka ta'e, akkasumas seena waldaa kristaanaa waliin walqabsiifnee kan ilaallu ni ta'a.

Kanaafuu, isinis, obboloota keessan afeeruufi, ofii keessanii hordofuufi yaada kennuudhaan akka nu waliin itti fuftan jaalalaan isin beeksifna. Barichi bara itti waaqayyo isa kan macaafa qulqulluu beeknuufi isaan jiraannu nuuf haa ta'u.
#like❤️👍 #share..
❤7👍1🥰1
Introduction to theology
Seensa og-waaqummaa irratti…

The word theology shares a suffix, -ology, with the names of many disciplines and sciences, such as biology, physiology, and anthropology. Jecha theology jedhu kana bakka lamatti qoodna innis jecha hundee “theos-“ jedhu kan afaan grikii irraa fudhatame, hiikkaan isaas “waaqa”, waaqayyo” ykn uumaa ibsu yoo ta’u; maxxantuu “-ology” jedhu kan “qo’annoo” (study), logic yookin sagalee (word (logos)…john 1:1) jechuutti hiikamu of keessaa qaba. Isaaniinis qo’annoowwan saayinsii kanneen akka biology (study of life), physiology (study function of our body systems), fi anthropology (qo’annoo waa'ee namaa fi achii as dhuftee isaa) fi kkf ibsuuf maxxantuu fayyadamnuudha.

Salphisnee yeroo ibsinu, “qo’annaa waa’ee waaqayyoo” …Theology, by contrast, is the study of God. …jennee ibsuu dandeenya. Kunis, waa’ee amaloota waaqayyoo, eenyummaa isaa, akkamitti akka inni of mullise fi kkf kan qo’atuudha. Kana malees qo’annaa waa’ee sadan tokkummaa waaqayyoo (trinity), waa’ee ilma waaqayyoo (Christology), waa’ee hafuura qulqulluu (pneumatology), qoannaa waa’ee cubbuu (hamartiology), fayyina ilmaan namootaa (soteriology) fi kkf kan qo’atuudha.

Bara kana keessa og-waaqummaan akka barnoota bu’aa hin qabneetti ilaalama. Amantoonni baayyeen tajaajilaan tokko utuu theology hin baratin akka baayyee tajaajilu fi erga baratee immoo akka tajaajilli isaa mi’aa of keessaa hin qabneetti dubbatu. Kun ilaalcha sirrii miti. Tajaajilaa qofa utuu hin taane, bifa danda’ameen; ani amanaadha kan ofiin jedhu hundinuu theology qo’achuun akka dirqamaatti ilaalamuu qaba.

The disappearance of theology from the life of the Church, and the orchestration of that disappearance by some of its leaders, is hard to miss today but, oddly enough, not easy to prove. It is hard to miss in the evangelical world—in the vacuous worship that is so prevalent, for example, in the shift from God to the self as the central focus of faith, in the psychologized preaching that follows this shift, in the erosion of its conviction, in its strident pragmatism, in its inability to think incisively about the culture, in its reveling in the irrational.

David F. Wells In his monumental work No Place for Truth.

Itti fufee david akkas jedha…A church without theology or a theology without God are simply not options for the Christian faith. One can have religion without God or theology, but one cannot have Christianity without them. Waldaan kristaanaa theology malee, akkasumas theologyn waaqayyoon of keessaa hin qabne kristaanummaa akka bakka hin buune fi amantaan (religion) tokko theology qabaachuu dhiisuu akka danda’u, garuu theology waaqayyoon of keessaa qabu malee kristaanummaan akka hin jirre dubbata.
Walumaa galatti og-waaqummaan kristaana kamiifuu barbaachisaa akka ta’e hubachuun gaarii nutti ta’a.
Waaqa tajaajilluu fi waaqeffannu beekuun yeroo hundumaa gara waaqeffannaa dhugaatti nu geggeessa.

@imitatiochristus
❤3👍1
Two major views concerning theology
GRACE OF GOD
Two major views concerning theology
Og-waaqummaa nama giddu galeessa godhate
Man-centered view of Theology (Anthropocentrism)

Anthropocentrism yeroo jennu ykn og-waaqummaa nama giddu galeeffate jechuun; og-waaqummaa namni bu'uura ykn ka'umsa wanta hundumaa irratti ta'e jechuudha. Ka'umsi waan hundumaa, reality, hiikkaan nuti wantootaa fi taateewwaniif kenninu, dhugaan (truth), fi kkfn nama irraa akka maddanitti ibsama.

Theology Anthropocentrism kana keessatti waaqayyo ka'umsa ykn bu'uura waan hundaa miti. Aangoon(authority) hunduu yaada, dandeettii fi ilaalcha namootaa irraa ka'a.
A Man-Centered View of Theology (often called Anthropocentrism in a theological context) is a framework that places humanity (Man) at the center of reality, meaning, and truth. In this view, God, religion, and theology are not the starting point or the ultimate authority; instead, they are understood primarily through human experience, human culture, and human reasoning.

Diagram armaan olii irratti, bu'uura ta'ee kan jiru anthropology dha. Anthropology jechuun saayinsii waa'ee namummaa(humanity) fi argama namaa (existence) qo'atudha. Akka Anthropocentrism tti, namni waa'ee aadaa, hawwaasummaa fi waa'ee waaqayyoo hubachuuf jalqaba irratti waa'ee namummaa fi amaloota isaa akkasumas argama isaa beekuu qaba jedha. Sababeessuu (reasoning) fi muuxannoo(experience) namootaa irraa wanti hundi madda akka jechuuti.

Damee anthropology kan ta'e sociology dha.
sociology represents human social structures and how people organize themselves in groups

. Akkamitti akka namoonni hawwaasummaa uuman, karaalee akkamiitiin akka walitti hidhatan fi waliin jiraatan kan qo'atuudha.

Hawaasummaan erga uumamee, barteewwan tokko tokko amaleeffannaa hawaasichaa ta'anii itti fufu. Isaan immoo Aadaa( culture) jenna. Aadaan damee anthropology keessaa tokkodha.

Itti aansuun amantaa tu argama. Amantaa (religion) is the organized system of beliefs and practices regarding the divine. Waa'ee uumaa waliin wal qabsiisee, ilaalchi fi amantiin namoonni qaban, kan hawaasummaa fi aadaa isaanii, uumama naannoo isaanii jiru irraa maddedha.

Haala nama gaddisiisuun og-waaqummaan dhuma irratti, damee amantaa (religion) ta'ee argama. Kana jechuun, waa'ee uumaa ofii, waa'ee waaqayyoo qo'achuu fi amanuun sadarkaa hawaasummaa fi aadaatiin gaditti ilaalama jechuudha. Namoonni waaqayyoon beekuu fi hubachuu caalaa, akkamitti akka waliin jiraatan, aadaa isaanii caalchifatu jechuudha.

Anthropology --> Religion --> Theology


Bara kana keessa Theology baayyeen isaa, nama kan giddu galeeffate ta'eera. Waaqayyo si gargaaree kabajama, si eebbiseetu galata fudhata, si fayyiseetu galateeffama.....kan jedhan baayyeetu jiru. Himni kun bifaan dhugaa fakkaata. Garuu waaqayyoon isa hunduma irratti ol jedhe, isa aangoo guutuu uumama isaa irratti qabu kanatu hojjetaa fi garba namootaa godhee mullisa jechuudha.

Anthropocentrism waaqayyoon garba namootaa, hojjetaa yeroo hunda fedhii namootaa guutuuf fiigu godha. Kun bu'uura irraa kaasee dogoggora guddaadha.

Theocentric view ykn theology waaqayyoon bu'uura godhate, isa dhugaa kutaa itti aanuun ilaalla.

Image: from Dr RC Sproul (what is reformed theology)
@imitiatiochristus
❤1🥰1
Now in one sense it is theology, not philosophy, which is most important domain for thought and intellect. As the medievals rightly saw, theology is the queen of the sciences, to be studied as the crowning discipline only after one has been trained in the other disciplines. Unfortunately, the queen is currently in exile from the Western university. But her handmaid, philosophy, still has a place at court and is thus strategically positioned so as to act on behalf of her queen.

Philosophical foundation for christian worldview William Lane Craig

Biyya warra lixaatti, mootittiin saayinsii (theology) mana mootummaa isheerraa ari'amteetu, garbi ishee (philosophy) bakka qabattee jirti. Biyya keenyatti immoo lachuu isaanii iyyuu hin beeknuun. 😢😢
💔1
Caaffata guyyaa guyyaa

“Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman.”
— Yoh. 20:31

ነገር ግን ኢየሱስ እርሱ ክርስቶስ፣ የእግዚአብሔርም ልጅ እንደ ሆነ ታምኑ ዘንድ፣ አምናችሁም በስሙ ሕይወት እንዲኖራችሁ ይህ ተጽፏል።
---ዮሐንስ 20:31 (NASV)

@imitatiochristus
❤3
Oduu gammachiisaa!

Qo'annaa macaafaa keessaniif akka isin deggeraniif, akkasumas beekumsa macaafa qulqulluu irratti qabdan guddifachuuf kitaabilee wabii isin fayyadan, theologian akka addunyaatti beekamoo fi dhiibbaa guguddaa uumaniin kan barreeffaman, waldaa kristaanaa jaarraa jalqabaatii kaasee abbootii turan, akkasumas barsiisota macaafaa kallattii baayyeedhaan waldaan kristaanaa harraa akka cimtee dhaabbattuuf dhugaa wangeelaa eeganiifi barsiisan..... Isaan kana irraa barachuu barbaadduu? Kitaabilee isaaniis argachuu barbaadduu? Channel kana join godhaa! Mata duree barbaaddan irratti nan dhabe yoo jettan nu komadhaa😆😆

https://t.me/christiangoodbooks
“Yesus du'a isaa booddee immoo jiraataa akka ta'e, deddeebi'ee karaa hin mamsiifneen isaanitti of mul'ise; guyyaa afurtamaaf akka isa argan godhe, waa'ee mootummaa Waaqayyoos isaanitti in dubbate.”
— HoE. 1:3

ሐዋርያት ሥራ 1:3 (NASV)

ከሕማማቱም በኋላ ራሱ ቀርቦ ሕያው መሆኑን፣ ለእነዚሁ በብዙ ማስረጃ እያረጋገጠላቸው አርባ ቀንም ዐልፎ ዐልፎ እየታያቸው ስለ እግዚአብሔር መንግሥት ነገራቸው።
@imitatiochristus
❤2
GRACE OF GOD
Photo
Theocentric view of Theology
Og-waaqummaa waaqayyoon giddu galeeffate.

Bu'uurri waan hundumaa waaqayyodha jennee amanna. Kun amanaa kam iyyuu hin shakkisiisu. Uumamni kun yaada waaqayyoo keessa ture. Yeroo uumamu maal akka fakkaatu, taateen akkamii akka irratti ta'u, bulchiinsa akkamii keessas akka darbu, xumurri isaas maal akka ta'e waaqayyo murteesseetu jiraachuutti fide.

Erga akkas ta'ee, dhugaan, saayinsiin, ogummaan, beekumsi, fayyinni ilmaan namootaa, aadaan, duudhaaleen fi kkf, hundee isaanii waaqayyo irra godhatu jechuudha.

Anthropocentrism keessatti, namni ka'umsa waan hundaa ta'a. Theocentric view keessatti garuu waaqayyo ka'umsa waan hundumaati.

Dhugaanis isa kana. Theocentric view of Theology n dhugaa hin haalamneedha. Waaqayyo karaa uumamaa (general revelation) of mulliseera. Akka inni barbaaduttis wanti hunduu deemuu qaba. Fayyina ilmaan namootaaf waaqayyo karaa kristoosiin of mullise. Christologyn damee theology keessaa tokkodha. Innis waaqayyo waaqa guutuu fi nama guutuu ta'ee karaa kristoosiin guutummaatti of mulliseera. Karaan kunis kan jijjiiramu miti. Anthropology n qo'annoo waa'ee namootaa, achi as dhuftee isaanii, aadaafi ilaalchota isaa qo'atu yoo ta'u, akka waaqayyo ilaalutti(according to God's perspective) ilaalamuu kan qabuudha.

Kunis harra irra teenyee yeroo ilaallu, aadaan saba tokkoo macaafa qulqulluun yoo ilaalamu maal fakkaata? Beekumsi fi falaasamni hawaasa tokko keessa jiru madaala waaqayyon maal fakkaata yaada jedhu of keessaa qaba.

Yeroo kana wanti hunduu gara ulfina waaqayyoof ta'uutti deema jechuudha. Bara giddu galeessaa keessa( medieval period) theologyn akka mootittii saayinsiitti (queen of science) ilaalama ture. Falaasamni fi yaadni kamuu ija theology tiin ilaalama ture. Bara kana keessa garuu philosophyn akka mootiitti, theologyn immoo sadarkaa dhumaatti qo'atama.

Systematic theology keessatti waan hundumaa ka'umsa isaa waaqayyoon fi macaafa qulqulluu godhannee waan qo'annuuf, og-waaqummaa gara iddoo isaaf maluutti deebisuuf ayyaana waaqayyotiin ga'umsa ni arganna.
#Like❤️ 👍#share
@imitatiochristus
👍5🔥1
Kun link youtube obboleettii keenyaa Derartu Saka ti. Guyyoota muraasa booda faarfannaa mata dureen isaa "Fayyina Guutuu" jedhu nuuf qabattee dhufaa jirti. Maarree isinis #subscribe gochuun akka bira dhaabbattan jaalalaan isin gaafanna. Subscribe gochuun jajjabeessaanii...

https://www.youtube.com/@Derartusaka_9d2
👍3
Caaffata guyyaa guyyaa
Rom. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁵ Ulfina maqaa isaatiif saba lafa irraa hundumaa gara amantiitti, gara abboomamuuttis geessuudhaaf ayyaanni ergamoota ta'uu, isumaan nuuf kennameera.
⁶ Isinis immoo warra kan Yesus Kristos ta'uudhaan waamaman sana keessa jirtu.


ሮሜ 1:5-6 (NASV)
5 በእርሱ በኩል ስለ ስሙ ከአሕዛብ ሁሉ መካከል ሰዎችን በእምነት አማካይነት ወደሚገኘው መታዘዝ ለመጥራት ጸጋንና ሐዋርያነትን ተቀበልን።
6 እናንተ ራሳችሁም ለኢየሱስ ክርስቶስ እንዲሆኑ ከተጠሩት መካከል ናችሁ።

@imitatiochristus
❤4🥰1
#Systematic_theology???
Systematic theology yeroo jennu maal jechuu keenyadha laata?
#Comment
🔥3
❤️
🔥5🥰2
ያህዌ ለነፍሳችን መልካም ጌታ፣ አባት፣ አዳኝ፣ እረኛ፣ ጠባቂያችን ነው። ያለ እርሱ አምላካዊ መልካምነት ከቤት ወጥቶ ወደቤት መግባት፣ ዘርቶ ማጨድ፣ አፍቅሮ ማግባት፣ ወልዶ መሳም፣ ለብሶ ማማር፣ ተምሮ ለማእረግ ማብቃት የማይቻል ነው።
መልካም አባት በመሆኑ ፍጹም ከሆነው መልካምነቱ በኢየሱስ በኩል ልጆቹ ለሆንን ዘወትር የሚያስፈልገንን ሁሉ እንደወደደ ያካፍለናል። አዳኝና ጌታ በመሆኑ የመዋጀት በረከቶችን ሁሉ በመንፈሱ በኩል ዘወትር በውስጣችን ያትምልናል። የማሰማርያውም በጎች በመሆናችን መልካሙ እረኛችን ከለምለም መስክ አንድም ቀን እንዳላጎደለን ምስክሮች ነን።
የያህዌ መልካምነት ወደር የለሽ መልካምነት ነው፤ መልካም ብቻ ያልሆነ ከሁሉም የሚልቅ መልካምነት፥ ከማንም ያልተቀበለ መልካምነት፥ በዘመን የማይደበዝዝ መልካምነት፥ ለፍጥረታት በማካፈል የማያልቅ መልካምነት፥ ሁኔታ ላይ ያልተመሰረተ መልካምነት ነው። የዚህ መልካምነት ለሁላችንም እድል ፋንታ ይሁነን። አሜን።
❤3