ILQSOn Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 4ffaa fi kallattii karoora Bara 2019 irratti Guyyaa kaleessaa Marii Gaggeesse.
( Waxabajjii 30 /2018,ILQSO, Adaamaa)
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qoranno Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Raawwii Hojii kurmaana 4ffaa fi kallattii karoora bara itti aanuu irratti marii bal’aa gaggeessee jira.
kaayyoon Gamaaggama raawwii hojii agarsiiftuwwan hanga kurmaana 4ffaa keessatti dirqama waliigaltee hojii seenameen gamaaggamuu yoo ta’u, ciminaalee, hanqinoota fi rakkoowwan raawwii keessatti mul’atan akkasumas dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan adda baasuun kallattii hojii itti aanuu akeekuuf akka tahe ibsameera.
Gabaasa Raawwii Hojii fi kallattii karoora bara 2019 dhiyaate irratti mariin bal’aan gaggeeffameera.
I/A Daarektera ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nigusee haala gabaasni itti dhiyaate irraa ka’uun gabaasichi cimana, hanqinaalee fi dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan haala gaariin kan adda baase waan taheef yeroo itti aanutti maal irratti xiyyeeffannoon hojjachuu akka qabnu kallattii kan nutti agarsiisudha jedhan.
Dabalataanis Obbo Taaddasaan akka jedhanitti, ILQSOn sirna haqaa naanoo fooyyessuu qofa osoo hin taanee hojiiwwan akka biyyaatti sirna ijaaruu keessatti bu’a qabeessa ta’an hojjachaa kan jiru tahuu ibsuun, karoora hojii bara itti aanuu keessatti dandeettii raawwachiisummaa hojjattootaa cimsuun hojii keenya akka caalatti milkeessinu fedhiin jiru gama daarekterootaatiin adda bahuun irratti akka hojjatamu dhaamanii jiru.
Daayrekteerri Ol'aatuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad yaadaa fi gaaffilee raawwii hojiilee bara kanaa ilaalchisee hirmaattota biraa ka’an irratti deebii erga kennanii booda, raawwii hojiiwwan bara kana hojjataman keessatti hojiileen hojjatamuuf karoorfaman haala gaariin kan hojjataman tahuu ibsuun karoora hojii bara itti aanuu keessatti immoo hojjataan hundi hojii karoorfame milkeessuuf ciminaan hojjachuuf gamanumaan akka of qopheessuu qaban dhaamanii jiru.

❤4
Adoolessa 2/2018
#Marsaa_5ffaa_kutaa_4ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa #4ffaan
Labsiin Ejansii dhuunfaa Hojii fi Hojjataa walquunnamsiisu maali?
Barbaachisummaa fi Kaayyoon labsii kanaa hoo maali?
Faayidaan Ejansiin dhuunfaa Hojii fi Hojjataa walquunnamsiisuu keessatti qabu maalidha?
Mirgaa fi dirqamni hojjataa fi hojjachiisan qaban kan akkamiiti?
Ejansiin dhiunfaa hojii fi hojjataa walquunnamsiisu yoo dirqama isaa haalan bahachuu baate itti gaafatamummaa akkamii hordofsiisa?
Dhaabbilee osoo hayyama hin qabaanne carraa hojii uumna jechuun hawaasa irratti miidhaa geessaa jiran irratti mootummaan tarkaanfii akkamii fudhata?
Gaheen hawaasaa hoo maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota Ejansii dhuunfaan walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Seeraa MMWO fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)
#Obbo_Abdullaahii_Shaafii ti.
Qophicha fuula Teeleegiraamii keennaa www.t.me/ILQSO1 irratti dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.

❤2
Adoolessa 3/2018
Hordoftoota Keennaa Hundaaf!
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Joornaalii Seeraa Oromiyaa (JSO) waggatti si’a tokko maxxansiisu Jildii 15ffaa bara kana maxxaxsiise #liinkii isaa kanaan seenaa.👇
https://www.ajol.info/index.php/olj/issue/view/27954

❤10😭1