Muaz Mohamed 👉 Official
162 subscribers
61 photos
5 videos
3 files
111 links
🌹 Channel kana kessatti Gorsa gara garaa argachuf channel kenya saffisaan 🍀 Join 🍀 godha jzk kheyran
Download Telegram
KARAAN FAYYINAA KANA QOFA!
-
Share...Share...Share...waliif godhaa!
-
Sababoota gurguddoo Afuran armaan gadii kanaaf jecha karaan fayyiinaa ykn jannataa islaamummaan alatti gonkumayyuu, yoomiyyuu hin jirus, hin argamus.
.
1ffaa: Amantii Ilmi namaa hundi irratti dhalateedha.
.
Ilmi namaa dhalachuun, du'uun, Haxxifachuun, Hamamoochuun, Rafuun, Nyaachuu fi dhuguun, Guddachuun, dulloomuun Seera uumamaa kan inni jaalatuus jibbuus ittiin buluuf dirqamuu dha. Kanumaafi Rassuulli Keenya(صلى الله عليه وسلم) Amantiin islaamaa Amantii Uumamaa ta'uu akkana jechuudhaan nuuf ibsu:-
.
Imaam Muslim Kitaaba 040, Lakkoofsa 6853

Abu Hureeyiraa(ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ) irraa akka odeeffametti Ergamaan Rabbii(صلى الله عليه وسلم) akkana jedha:-
.
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «كُلُّ مَوْلُودٍ يُولَدُ عَلَى الفِطْرَةِ، فَأَبَوَاهُ يُهَوِّدَانِهِ، أَوْ يُنَصِّرَانِهِ، أَوْ يُمَجِّسَانِهِ….» رواه البخاري ومسلم وغيرهما.፤
.
«Daa'imni dhalatu kamiyyuu Fixraa (Islaamummaa) irratti malee hin dhalatu. Maatiin isaa garuu; Kiristiyaana Isa taasisu yookiin yahuudaa isa taasisu yookiin Warra Ibidda gabbaru isa taasisu malee...»[Bukhaarii fi Muslim]

.......
Kanumaan Wal qabatee Allaahnis Qur'aana irratti Akkana jedha:-
.
فَأَقِمْ وَجْهَكَ لِلدِّينِ حَنِيفًا ۚ فِطْرَتَ اللَّهِ الَّتِي فَطَرَ النَّاسَ عَلَيْهَا ۚ لَا تَبْدِيلَ لِخَلْقِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ الدِّينُ الْقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ [٣٠:٣٠]
.
«(Yaa Muhammad!) Karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessi. Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumees (qabadhaa). Uumaa Rabbii Jijjiiruun hin jiru. Santu amantii qajeelee dha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu.» (30:30)
.
2ffaa: Amantii Rabbiin Ilma namaatiif filatee, jaalatee dha.
.

الْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ دِينَكُمْ وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ الْإِسْلَامَ دِينًا
.
«Amantii keessan har’a isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis islaama isiniif jaaladheera.» (5:3)
---
3ffaa: Amantii takkittii Rabbi biratti fudhatama Qabduu dha.
.
إِنَّ الدِّينَ عِندَ اللَّهِ الْإِسْلَامُ
.
«Dhugumatti amantiin Rabbiin biratti (fudhatama qabu) Islaama qofa.» (3:19)
---
4ffaa: Amantii namni isii ala amantii biraa barbaade hoonga’uudha.
.
وَمَن يَبْتَغِ غَيْرَ الْإِسْلَامِ دِينًا فَلَن يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الْآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ [٣:٨٥]
.
«Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhirattis inni warra hoonga’an irraayi.» (3:85)
.
Kanaafuu osoo aduun gara seenteen hin deebi'in yookiin immoo osoo lubbuun kokkee si hin ga'in gara islaamummaa koottuu cinqii addunyaatii fii azaaba aakhiraa irraayis bilisa of baasi. Islaamummaan ala fayyinni hin jiru. Dhugaan jirtu Kanuma hadhooytuus liqimsi, yoo siif liqimfamte immoo qoodi (share) godhi.
Join jedhiin isa kana xuqii
👇👇
@httpsmuazmohamed
@httpsmuazmohamed
@httpsmuazmohamed
#AllaahuAkbar #AllaahuAkbar
Dhiira akkanaa nuuf haa baay'isu. #Erdoogaan

"Namni Islaama tahe kan biyya isaatti rakkate marti gara Turkii haa dhufu. Haala gaariin simannee qubsiifna" Recep Tayyip Erd
Nan sobee ?
Forwarded from Jechoota Gaggaarii️️ (Eid Abdusalam)
Nashiidaa || LUBBUU TOOF || jattu Halkan salaasaa 3:00 YouTube kiyya gubbatti na eegadhaa in shaa Allah Subscribe godhuun dagatinaa
👇👇👇👇
YouTube: https://www.youtube.com/channel/EidAbdusalam
"ጀነት ለመግባት ከፈለጋችሁ ተዋደዱ : ለመዋደድ ከፈለጋችሁ ሰለምታን አብዙ:: ብለዋል ለሰዉ ለጅ አዛኝ የሆኑት (ሠ .ዐ .ወ)

❤️@Muaz Mohamed❤️
#Addunyaa_irratti 🌏 bara kana Sa'a dheeraa biyti itti soomanan "Russia"
Hogga taatu guyyatti sa'atii⌚️ 21 soomanan Aduun🌖 kan seentu sa'a 3 qofa .

Addunyaa_irratti 🌎Biyti sa'a xiqqo soomantu "Argentina" sa'a ⌚️11 qofa soomanan .

Biyti "Argentina"🇦🇷 somana guyyaa 2tti soomantu Biyti "Russia" 🇷🇺guyyaa 1tti soomanan

Muslimni Ethiopia 🇪🇹ammo guyyatti sa'a 14 soomanna...
Join our channel .
@httpMuazmohamed