#Murtii haaraa (MMWFDH L.G 269430 gaafa 29/2/2017 fi 233903(hin maxxa.)- Haala Raawwii dhoorkaa mirga wabii SdFY kwt 67(a)
#Lak.gal.233903 ta'erratti Sababa iddoo garaagaraa jiraachuu himatamaa/Shakkamaa ilaalchisee"Himatamaan/Shakkamaan teessoo dhaabbataa waan hin qabneef dirqama wabii kabajee hin dhiyaatu jechuun Mirga wabii dhorkachuun "Mirga lammiileen daangaa biyyatti keessatti filatanii jiraachuu Heera Mootummaa Rippaabilika Federaalaa Itoophiyaa keeyyata 32,Mirga walqixxummaa lammiilee seera fuuldurattii Keeyyata 25 fi Mirga shakkamaan wabiin to'annaa jalaa ba'ee dhimma isaa hordofachuu keeyyata 19(6) bu'uura godhachuun dhimmi teessoo mirga wabii gaafataa irraa mulquuf sababa ga'aa akka hin taane asgadajii wissaanee Kennesaw!

#Dabalataanis Lak.gal.269430 ta'errattis
👉Manneen Murtii bu'uura SDFY kwt 67(a) tiin himatamaan mirga wabiidhaan yoo bahan dirqama wabummaa isaanii eeganii hin dhiyaatan jechuuf sababoota seera qabeessaa fi gahaa ta'e haaloota naannoo sana jiruun hubachisuun dirqama. Haa ta'u malee manneen murtii haala raawwii yakkicha itti raawwatanii fi ulfaatina isaa caqasuuun bu'uura SdFY kwt 67(a) mirga wabii dhoorkuun sirrii miti.
👉Sababni isaas murtiin balleessummaa osoo isaan irratti hin kennamin dura akka nama qulqulluutti tilmaamamuu isaanii kan tuqu waan ta'eef tilmaamni mana murtichaa sababa seera qabeessa ta'e irratti kan hundaa'e miti jechuun mirga wabii heyyameera.🙏🙏🙏🙏
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 miidiyaa Ijoo seeraa kana maatii fi Hiriyoota keessanif share godhaa .https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
2👍1