#Dhala seeraan hin eeyyamamne(araaxaa) vs Seeraa fi Dh.Ij.MMWF:
  Dhaabbileen xixiqqaan liqaa maallaqaa irratti hojjatan,fi namni dhuunfaan himannaa yeroo dhiheessan tokko tokko dhibbeentaa kudha sadi(13%) yoo gaafatan,kaan immoo 16%,kaan immoo 18%,kaan immoo 24% yommuu gaafatan ni mul'ata.
  Namni dhuunfaan tokko(liqeessaan) qarshii 200 liqeeffataatti liqeessee liqeeffataan rakkina mataa isaatiif jedhee liqeeffachuu hubatee akka qarshii 3000 liqeessetti qarshii 3000 waliigaltee liqii qarshii waliif mallatteessuunis ni mul'ata.
  Dhalli seeraan eeyyamame dhibbeentaa sagal(9%) akka ta'e seera hariiroo hawaasaa irraa ni hubatama.Kunis kan kanfalamu waggaatti akka ta'e seera siivilii keewwatni 1751 ifa taasisee jira.
  Dhaabbatoota xixiqqaa liqaa qarshii irratti hojjatan wal qabatee hanga dhala isaanii Baankii Biyyoolessaa yeroo yeroon kan murteessu waan ta'eef,himannaan dhaabbileen kunneen dhiheessan qajeelfama Baankiin Biyyoolessaa yeroo yeroon baasuu fi hanga dhalaa ittiin murteessu waliin akka ragaa barreeffamaatti wal qabatuu baannaan dhala seeraa(legal interest rate) dhibbeentaa sagal/9% seera siivilii irratti tumame murtaa'uu akka qabuudha.
#Dhalli seeraan hin hayyamamne araaxaadha,yakkaan nama gaafachiisa.Araaxaa:seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 712(1) jalatti"namni(nama dhuunfaas ta'e dhaabbanni) kamiyyuu rakkoo gadi aantummaa yookiin rakkina maallaqaa yookiin dadhabina yaadaa yookiin muuxannoo yookiin dandeettii dhabuu miidhamaa(liqeeffataa) bu'uura godhachuun:
A.dhala seeraan hayyamameen ol ta'een maallaqa kan liqeesseef yoo ta'e; yookiin
B.maallaqa liqeesseef waliin qabeenya ifatti wal madaalaa hin taane bakka isaa akka kennuuf kan taasise yookiin waadaa Kan seensise yoo ta'e hidhaa salphaan yookiin haala dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa 5(shan) hin caallee fi adabbii maallaqaatiin adabama jechuun tumeera.
#Dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 15ffaa Lakkoofsa galmee 80119 ta'een"namni tokko gocha yakka araaxaa raawwateera jechuun yakkaan itti gaafatamaa ta'uuf ulaagaa guutuu qabu,ji'aan dhibbeentaa kudhan(10%) dhalli shallagamaa akka kanfaluuf waliigaluun qarshii liqeessuun gocha yakka araaxaa raawwachuutiin kan gaafachiisu ta'uu" murtii kennee ture.Seera adaba yakkaa bara 1949 bahe keewwatni 667(1) fooyya'ee seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 712 tiin bakka bu'eera.Keewwattoonni lameenuu walfakkaatu.
#Himannaa keessatti seerummaa dhallii fi adabbiin yeroo tokko yoo gaafatame,dhallii fi adabbiin yeroo tokko hin murtaa'u.Adabbiin biraa dhiisuun dhala murteessuutu bu'uura seeraa qaba.
#Dh.Ij.MMWF Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 59882 ta'een "seera hariiroo hawaasaa keewwata 2489 waliin xinxaluudhaan dhalaa fi adabbiin erga tokko gaafatameera yoo ta'e erga tokko murteessuu osoo hin taane,adabbii biraa dhiisuun dhala qofatti murtii kennuun deeggarsa seeraa qaba"jechuun murteessee ture.
#Dhalli seeraan alaa,fi dhala seerawaa dabalataan waliigalteen akka adabbiitti kanfalamuuf waliigalame diigamaa akka ta'e shh keewwattoota 2006(2),2005(1),2489 fi 1889 irraa ni hubatama.Dhalli seeraan alaa(araaxaan) yakkaan nama gaafachiisa.
Mohamedtyib Nure Law  Office
https://t.me/http_Ijooseeraa

Temesgen A.Lawyer:
®Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa,Seera vs Hafiinsa Falmitootaa(Dhimma HH):
1.Guyyaa dhagahaaf beellamame bitaa mirgi yoo hin dhihaanne,galmeen ni cufama.Ol'iyyannoon immoo ni haqama(sdfhh keewwata 69(2)).
#Dh.Ij.MMWF Jildii 9ffaa lakk.galmee 43410 ta'e dhaddacha Sadaasa 30,bara 2002 ooleen''Guyyaa falmii afaaniitiif beellamame bitaa mirgi(himataa fi himatamaan) yoo hin dhihaanne galmeen cufamuu akka qabu''murtii dirqisiisaa kennee ture.
2.Bu'uura seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 69(2) tiin galmeen cufamee;himatamaan bu'uura sdfhh keewwata 71 tiin kanfaltii abbaa seerummaa irra deebi'ee kanfalee fi kisaaraa kanfalee galmee banachuu ni danda'a.Himatamaan kan beellamarraa hafe sababa gahaatiin yoo ta'e kana mana murtiitti dhiheessuun kanfaltii abbaa seerummaa fi kisaaraa osoo hin kanfalin galmee cufame sochoosuu ni danda'a.Sdhhh keewwata 71 jalatti seerichi abbaan dhimmaa akka deebii itti kennu hin tumu.Abbaa seeraatu murteessa.Kanfaltiin kisaaraa waraabbii Afaan Amaaraatiin jiru dhama qabeessaa miti,sababni isaa kaayyoo sdfhh faalleessa.
3.Guyyaa dhagaha duraa himataan dhihaatee himatamaan yoo hin dhihaanne,bu'uura sdfhh keewwata 70 tiin akka haala isaatti dhimmi bakka himatamaan hin jirretti akka itti fufu ykn waraqaa waamichaa 2ffaa akka ergamu ajajuu ykn falmii beellama biraatiif dabarsuu ni danda'a.Himatamaaf waamichi sirnaan qaqqabee guyyaa dhagaha duraa yoo hafe garuu bakka inni hin jirretti dhimmichi ilaalama(sdfhh kwt.70(a) fi 246(2)).Dh.Ij.M.M.W.F.Jildii 1ffaa L.G.14184 FI 15835 ilaaluun ni danda'ama.
Guyyaa deebiif beellamame sdfhh kwt.233(default proceeding) fi falmiif beellamame(exparte) gara gara.Himatamaan yeroo beellamame keessatti deebii yoo hin dhiheeffanne mirga deebii barreeffamaan kennachuu bira darbama malee falmii keessaa hin bahu(sdfhh keewwata 233 fi 199/1).
#Dh.Ij.MMWF Jidlii 6ffaa Lakk.Galmee 24111 ta'e dhaddacha Gurraandhala 11,bara 2000 ooleen''guyyaa deebiif beellamame himatamaan beellamarraa yoo hafe mirga deebii barreeffamaan dhiheeffachuu qofa dhaba'' jechuun murtii laatee ture(sdfhh kwt.70(a),195).
#Dh.Ij.MMWF Jildii 6ffaa L.G 24775 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 21,bara 2000 ooleen'himatamaan deebii akka dhiheeffatuuf beellamame irratti himatamaan yoo hin dhihaanne qofaaf dhimmichi bakka inni hin jirretti akka ilaalamuuf ajajni kennamu rogummaa kan hin qabne ta'uu''sdfhh kwt.241(1) fi 233 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
4.Bu'uura sdfhh keewwata 70(a) tiin dhimmi bakka himatamaan hin jirretti akka ilaalamu erga ajajameen booda beellama itti aanutti dhihaatee sababa gahaa yoo dhiheeffate osoo inni jiru akka dhagahametti fudhatamee fi himatamaan raga dhageessifachuu danda'a.Dhimmi duubatti osoo hin deebi'in bakkuma jiruu kan itti fufuudha.
#Dh.Ij.MMWF Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 61846 ta'e dhaddacha Caamsaa 29,bara 2003 ooleen''falmiin bakka hin jirretti akka itti fufu jedhame himatamaan beellama itti aanutti sababa gahaa yoo dhiheeffatee fi mana murtii hubachiise mirga raga ittisaa dhiheeffachuu kan danda'u ta'uu''sdfhh kwt.72,78(1) hiikoo dirqisiisaa laatee ture.Himatamaan sababa gahaan beellamarraa hafe jechuuf mana murtii himatamaan ilaalcha gaarii(good faith) qabaachuu fi dhiisuu,haala naannoo qabatama jiru ilaalacha keessa galchuun murteessuu akka qabnu hiikoo dirqisiisaa kanarraa hubachuun ni danda'ama.Dh.Ij.MMWF Jildii 9ffaa L.G.43731-------
5.Balleessaa ykn dagannoo himataatiin waraqaa waamichaa himatamaaf(mtootaaf) hin geenye yoo ta'e,himatamaa(mtoota) hin geenye irratti galmeen ni cufama(sdfhh kwt.70(d)).Ol'Iyyannoon ni haqama.Garuu,himatamtoonni waraqaan waamichaa osoo isaan hin gahin guyyaa dhagahaa yoo dhihaatan galmeen hin cufamu ykn hin haqamu.
6.Himata kallattii bu'uura sdfhh kwt.70(D) tiin galmeen yoo cufame himatamaan haallan bu'uura sdfhh kwt.71 guutuun galmeen akka banamuuf gaafachuu ni danda'a.
https://t.me/http_Ijooseeraa
1