#YAKKA_HAASAWA_JIBBINSAA_FI_DADDABARSA_ODEEFFANNOO_SOBAA ⚖️
✔️ Haasawa jibbinsaa fi daddabarsa odeeffannoo sobaa too’achuu fi to'achuuf labsiin lakk.1185/2012  ifatti bahee hojii irra jira.
➤ Akkuma beekkamu sadarkaa addunyaattis ta’ee haala qabatama biyya keenyaatiin guddina teeknoolojiin wal-qabatee haasawaan jibbinsaa fi daddabarsi odeeffannoo sobaa haalaan dabaluu isaatiin waliin jireenya ummattootaa jeequu bira darbee soodaa nageenya biyyoolessaa ta'ee waan argameef balaa inni fidu kana qolachuuf labsiin lakk.1185/2012  bahuu danda’ee jira.

✔️ Labsii kana keewwata 2(1) jalatti hiikni yeroo itti kennamu haasawa jechuun “jechaan,barreeffamaan,fakkii,bobbocaalee garagaraa fi karaalee kana fakkaatan kan birootiin ergaa dabarsuu jechuudha “jechuun kaa'ee jira. Haasawa jibbinsaa jechuun immoo eenyummaa nama dhuunfaa ykn garee murtaa’ e tokko miidhuuf sabaa,amantii, qomoo,saala yookiin qaama miidhamumma bu’uura godhachuun itti yaadamee miidhaa geessisuuf haasawa godhamu jechuu akka ta'e keewwata 2(2) jalatti taa’ee arganna.

✔️ Odeeffannoo sobaa jechuun immoo odeeffannoo tokko abbaan odeeffannoo sana dabarsu carraa dhugummaa odeffannoo sanaa qulqulleeffachuu osoo qabuu osoo hin qulqulleeffatin odeeffannoo carraan jeequmsa ykn walitti bu’insa kaasuu isaa ol aanaa ta’e daddabarsuu jechuu akka tahe labsii kana keewwata 2(3) irraa hubachuun ni danda’ama.

✔️  Labsii kana keewwata 4 fi 5 irraa akka hubatamutti namni kamuu miidiyaalee ykn maxxansa hawaasummaatiin haasawa jibbinsaa fi odeeffannoo sobaa maxxansuun dhorkaa akka ta'e tumamee .
      
              #ADABBII
✔️ Nama dhoorkaawwan  kana darbuun haasawa jibbinsaa kana facaase ykn dabarse adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa 2 ykn adabbii maallaqaa qarshii 100,000 hin caalleen akka adabamu keewwata 7(1) irraa hubachuun ni danda’ama. Sababbii haasawaa jibbinsaa dabarfame kanaan nama dhuunfaa ykn garee irratti miidhaan qaqqabe yoo jiraate adabbiin isaa hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga shanii ta'uu akka danda’u keewwata 7(2) jalatti tumameera.

✔️ Yakka odeeffannoo sobaa dabarsuu namni raawwate immoo adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa tokko ykn adabbii maallaqaa qarshii 50,000 hin caalleen kan adabbamu yemmuu ta’u yakka odeeffannoo sobaa kana kan dabarse fuula miidiyaa hawaasaa hordoftoota 5000 ol qabu ykn broadcastiin ykn maxxansa yeroo yeroon bahuun yoo ta’e adabbiin isaa hidhaa salphaa hanga waggaa 3 ykn adabbii maallaqaa hanga qarshii 50,000 ta'uu akka danda’u keewwata 7(3) fi 7(4) irraa hubachuun ni danda’ama.

#DHAAMSA
✔️ Namoonni dhuunfaa fi Miidiyaaleen broadcastiis haasawa jibbinsaa daddabarsuu fi odeeffannoo tokko dhugummaa isaa osoo hin mirkaneeffatin dabarsuun nageenya ummataa jeequu irraa of qusachuu qabu.
https://t.me/Ijooseera