#Jaarsaa fi Jaartii Keessaa Inni Tokko Badee Yoo Dhabame Inni Hafe Dhimma Gaa'ilaa fi Qabeenya Ilaalchisee Furmaanni Isaa Maali? Inni Hafe Nama Biroo Waliin Erga Bultii Ijaaree Booda Inni Bade Yoo Deebi'e Furmaanni Isaa Maali? Seerri Hoo Maal Jedha?
Seera maatii federaalaa fi Naannoolee jalattis sababoonni gaa'illi tokko itti diigamu keessaa tokko badiinsa yommuu tahu kunis jaarsaa fi jaartii keessaa namni tokko yoo badee dhabame gaa'illi kan diigamu tahuu kan tumamee jiru fi Seera hariiroo hawaasaa keewwata 163 (1) jalattis jaarsaa fi jaartii keessa tokko badee dhabamee guyyaa murtiin badinsa nama bade kana mirkaneessuun baduu isaa labsuun mana murtiitiin kenname irraa jalqabee gaa'illi kan diigamu tahuu ifatti tumamee jira.
Karaa biraatiin seera hariiroo keewwata 170 jalatti namni bade dhabame jedhamuun badinsa isaa labsuun murtiin irratti kenname kan deebi'ee argamu yoo ta'e, erga murtiin kennamee booda jiraachuun isaa yokiin murtiin erga kennamee booda du'uun isaa yoo mirkanaa'e murtiin badinsa nama sanaa labsuun kenname kan ka'u yokiin bu'aa hordafsiisuu kan dhaabu tahuu isaa tumamee jira.
Dhaddachi ijibaataa kana ilaalchisee akkaataa seera hariiroo hawaasaa keewwata 170 jalatti tumame kanaan murtiin badinsa nama tokko labsuun kenname ka'uun yokiin bu'aa hordafsiisuu dhaabuun isaa sababa baduu isaatiin gaa'ila nama sana kan diigamee ture iddoo duraan tureti akka deebi'u gochuu hin danda'u jechuun lakkofsa galmee olitti caqafame kana irratti dhaddacha gaafa 29/2/2015 ooleen murteesee jira.
Gaaffiin murtiin diiggaa gaa'ilaa ka'e ga'illi iddoo duraan tureti akka deebi'u jechuun dhiyaatuus hayyama waamamaa malee kan fudhatama hin qabne tahuu isaa dhaddachi ijibaataa murtii galmee kana irratti kanneen ibsee jira.
kana jechuun gabaabumatti jaarsaa fi jaartii keessa inni tokko sababa badee dhabamuutin gaa'illi diigame inni hin badin gaa'ila nama biroo waliin raawwatee jireenya dhunfaa isaa yeroo jiraachaa jiruti inni badee yoo kan deebi'u ta'e gaa'ila kiyya jedhee isaan jeequu hin danda'u jechuudha.
Fakkeenyaaf jaarsii badee dhabamuun jaartiin waggaa meeqa egdee nuffitee mana murtiitiin baduu isaa mirkanaa'uun murtiin akka naaf kennamu jechuun iyyattee guyyaa murtiin kennamu irraa gaa'illi waan diigamuuf sana booda nama biroo waliin gaa'ila raawwatee jireenya isii itti fufuu dandeessi jechuudha.
Jaarsi isii ka bade murtii mana murtiitin baduun isaa labsame kun kan deebi'e dhufu yoo ta'e jaartii tiyya jedhee isii jeequu hin danda'u
Wanti guddaan mana murtiiti iyyannaa dhiyeefachuun badee dhabamee hafuun isaa mirkanaa'ee murtii mana murtiitiin akka labsamu taasisuu dha.
Baduun isaa murtii mana murtiitiin labsamuu yoo baate garuu badee dhabamuu isaa qofaan gaa'illi waan hin diigamneef kan deebi'ee dhufu yoo ta'e jaartii isaa fi nama isii fuudhees seeraan isaan gaafachuu fi yaakkanis akka adabaman taasisuu ni danda'a akkasumaas rakkooleen hawaasummaa fi diinagdee kan birootis uumamuu danda'a.
kanaafuu jaarsaa fi jaartii keessa inni tokko badee yoo dhabame inni jiru gaa'ila nama biroo waliin raawwatee jireenya dhunfaa isaa itti fufuuf badee dhabamuu jaarsa isii yokiin jaartiin isaa baddee dhabamuun mirkanaa'ee murtii mana murtiitiin akka labsamuuf mana murtiitii iyyaachuu qaba jechuudha.
Qabeenya ilaalchisee garuu namni badee dhabamee kan deebi'e𝘦 dhufu yoo ta'e qabeenya isaa kan dhiisee biraa deeme akkuma inni jiruti akkasumaas maalaqa qabeenyi isaa gurguramuun argame, maalaqa qabeenya isaa irraa argamuun qabeenya invest ta'uun horatame hunda deebisee fudhachuu akka danda'u Seera hariiroo hawaasaa keewwata 171 jalatti tumamee jira.
#Barnootaa Fi Odeeffannoo dhimmoota seeraa itti fufinsaan argachuuf fuula facebook fi telegiramii keenyaa liinkii armaan gadii kanaan seenuun join godha👇👇
Facebook page: https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632
Telegiram https://t.me/musalawyer
https://t.me/http_Ijooseeraa

Facebook
Musalawyer:Seerri Maal Jedha?
Musalawyer:Seerri Maal Jedha?, Asebe Teferi. 83,945 likes · 20,043 talking about this. A blog About Ethiopian Law and Free legal education